የእለት ዜና

Raawwachiiftoota Filannoo Waxabajjii 14 irratti taajjabbiiwwan tokko tokko!

Filannoon marsaa jalqabaa waxabajjii 14 adeemsifame yaadawwan gara garaa kan keessummeesse ture.Paartiiwwan siyaasaa mallattoowwan isaanii carraa argataniin yoo beeksisan,kanneen tokko tokko ammoo ibsa waliigalaa hanga kenninutti obsaa wayita jedhan dhaga’amu.Hawaasniifi hayyoonni siyaasaa dhimma filannoo irratti yaada qaban dhaga’uun akkuma barametti qindeessitootaafi hojjettoota boordii filannoo,filannicha raawwachiisan ilaalchisuun wanti baay’een yoo himamu hindhageenyu hindhageenye.

Raawwachiiftoonni filannoo Bitootessa irraa eegalee leenjii fudhachaa turan kumaatamaan kan lakkaa’amanidha.Galmee filattootaatiif raawwachiiftoonni kuma 100fi kuma 52fi 700qophaa’anii kan turan yoo ta’u guyyaa filannichaatiif ammoo raawwachiiftoonni filannoo kuma 200fi kuma 40 ga’an akka qophaa’an boordichi beeksisee ture.Buufatawwan filannoo kuma 48 sagaleen itti kennamu wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu buufata filannoo tokkoof raawwachiiftoonni filannoo 5 nibarbaachisu jedhamee ture.Guyyichatti garuu kan eegame hintaane.Buufatawwan filannoo raawwachiiftoota filannoo 5 qaban baay’ee ta’anis buufatawwan filannoo raawwachiiftoota 4fi 3 qabantu mul’ata ture.Gonkumaa raawwachiiftoonni filannoo utuu hinargamin,buufanni filannoo utuu hinbanamin hanga galgala keessaa sa’aatii 12’tti ummanni hiriiraan akka eeguuf buufatawwan itti dirqames turaniiru.

Leenjiftoota kan turan galgala dhaqqabuudhaan filannichi halkan adeemsifamaa buleera.Buufata tokkotti jidduusaaniitii sa’aatii muraasa dura itti himamee leenjii tokko malee waliin dhaquun namni tokko gargaaraa akka ture ragaan eenyuummaan isaa akka hinhimamne barbaade nutti himeera.Karaa birootiin filannichi utuu hin adeemsifamin guyyoota muraasa dura hiriyaasaa leenjicha fudhateen waamamee namni raawwachiisaa ta’uun tajaajile haala jiru nutti himeera.Raawwachiiftoonni fulannoo kanneen biroo akkaataa dubbataniin hanga danda’een namni hojicha akka raawwate dubbate kun kanneen biroos akkumasaatti waamamuu isaanii beekuu baatus iddoo nama hafee bakka bu’uudhaan akka hojjete dubbate.

Raawwachiiftoonni filannoo buufatawwan hundatti 5 akka ta’an himamus gama itti gaafatama barbaadamuutiin gadi aanaa akka ture kan dubbatan jiru.Keessumattuu buufatawwan filannoo magaalaadhaan ala jiranitti hubannoon ummataa gadaanaa waan ta’eef adeemsa filannoo kan beeksisu,galmee kan qulqulleessuufi halluu kan dibu akkasumas waraqaa kennuudhaan namni meeqa akka filatamu kan beeksisu,deeggarsa kan barbaadan yoo ta’e kan deeggaru,korojoo waljijjiiree waraqaa sagalee akka hinkeenye kan qulqulleessuufi yeroo ba’anitti saaniitaayizarii kan kennu tokkoon tokkoon isaaniitiif namni akka barbaachisu himama.Itti gaafatamaan buufata filannoo tokko filannoon erga eegalamee sa’aatiiwwan muraasa booda saaniitaayizarii ergameef utuu hintuqin akkuma kaartoonii keessa jirutti agarree jirra.Maalif akka itti hinfayyadamne yoo gaafannuun nama kennu dhabuudhaan saaniitaayizarii utuu utuu hinkennin turuusaanii nutti himaniiru.Marii yeroo baay’ee fixe booda ala barcuma irra kaawuudhaan namni filatee yoo ba’u qofa fayyadamuu akka danda’uuf hubachiisanis battalatti hojiirra ooluu hindandeenye.Itti gaafatamtichi alaafi keessa ta’uudhaan hojjechuu akka hindandeenye nutti himaniiru.

Itti gaafatamaan buufata filannoo dhiyeenya Dabrabirhaanitti argamtu iddoo Collee jedhamtutti hojjetaa ture Wandimmaagany akka nutti himetti buufanni filannoo kun qonnaan bultootaaf yaadamee hundeeffamus lakkoofsa raawwachiiftoota ramadaman wajjin yoo walbira qabamee ilaalmu hojichi rakkisaa akka ture Addis Maaldaatti himeera.Ganama keessaa sa’aatii 12 irraa eegalee adeemsi ture qormaataan kan guutame akka ture kan nutti himan itti gaafatamaan kun buufata filannoo kana keessatti raawwachiiftoonni filannoo argaman 3 qofa waan turreef adeemsa hojii keenya irratti qaawwi uumamuun hojiin duubatti akka harkifatu taasisee ture jedhaniiru.Filattoonni irra jiraan qonnaan bultoota waan ta’aniif hanqina hubannoo waan qabaniif rakkachaa oolle kan jedhan yoo ta’ueenuufi maal filachuu akka barbaadan kan hinbeekne waan baay’ataniif hanga dandeenyu gargaaruuf yaallee jirra jedhan.Humna namaa muraasa qabnuun hubannoo uumuuf wayita yaallu hiriirri dheeraan uumamee ture.Kun akka hintaaneef paartiiwwan dursanii waan hojjechuu qaban waan hinhojjenneef dhiibbaan nurra bu’e jechuun wayita dubbatan dhageenyee jirra.

Hawaasaaf leenjiin hubannoo qabsiisu waan hinkennamneef baay’oonni kaardii waan fudhataniif dhufu malee eenyuun akka filatan kan hinbeekne hedduudha.Kanneen tokko tokko maqaa qabatanii dhufu kan jedhan Wandimmaagany akkaataa maqaa nutti himaniin nuti deeggarsa gooneefii jirra jechuun akkaataa oolmaasaanii nutti himaniiru.Kanneen maqaafi mallattoo nama filatanii beekanis warqaa filannoo irratti addabaasuudhaan utuu jalaa hin faalla’in iddoo irratti mallattoo gochuuf nirakkatu turan.Isaan nutti himaa nuti mallattoo keenyaaf ykn.iddoo iccitii irraa ba’uudhaan taajjabdoota duratti akka nutti himan taasisuun filachiifneerra jedhaniiru.

Walumaagalatti qonnaan bultoota 580 buufata filannoo dhufuudhaan sagalee kennan keessaa dhibbentaan 40’n deeggarsa keenya kan barbaadan turan kan jedhan itti gaafatamaan buufata filannoo kun buufata filannoo collee magaalaa Dabrrabirhaanitti dhiyoo jirtutti akkana erga ta’ee naannawa baadiyaa magaalaa irraa fagoo jiruufi sab-quunnmatiileen hingeenyetti haalli kun akka baay’atu nutti himaniiru.

Rakkoolee raawwachiiftoota filannoo irratti mudatan keessaa kan biroo dhimmi sa’aatii tokko ture.Jala bultii filannoo irraa eegaluudhaan hanga galgalaatti turanii bulanii halkan ka’uun dirqama itti ta’ee ture.Kanneen tokko tokko dhiyeenya buufata filannootti guyyaatti mahaalalqni birrii 600’tti dhiyaatu sireedhaaf kaffalameefii yoo bulanis guyyaa filannoo garuu achuma buufata filannoo keessa buluuf dirqamaniiru. Adeemsi filannoo xumuramee naannoon filannoo hanga irraa fudhatutti itti gaafatamnikan isaanii waan tureef dararama guddaadhaaf akka isaan saaxilee carraa argataniin nidubbatu. Buufatawwan filannoo naannoleetti kanneen filannoo raawwachiisan kan dhiyeenya jiran gara mana jireenyaatti imaluuf dubartoonni filannoo raawwachiisanillee dukkana sodaachisaa keessa walgaggeessaa filannicha karaa nagaatii akka raawwatan dubbatan.Nyaanni buufatawwan filannootti qophaa’us kanneen halkan sagalee lakkaa’aa bulaniif garuu gahaa akka hinturre dhageenyeerra.Cireen jiraachuu baatus darbee darbee kanneen bunaafi shaayii gurguran akka fayyadaniin dubbatan.Barraaqa irraa eegalee boqonnaa malee hojjechaa oolanis raawwachiiftoonni halkanis hojjechaa bulan hirriibaan dadhabanii hojicha dhaabuun achuma lafarra buluuf dirqamanii turan.Homnoota tasgabbiitiif jijjiirraan qophaa’ee yoo bulan raawwachiiftoonni filannoo garuu kaartooni afatanii utuu waayyuu hin uffatin buluuf dirqamaniiru.Dhiphina tureen dhukkubsatanii kan deemaniifi wal’aanamanii kan deebi’anis akka turan dhageenyee jirra.

Raawwachiiftoonni filannoo baatiiwwaniin dura leenjii fudhachaa turanis hanqinni ga’uumsaa irratti mul’achaa tureera.Raawwachiisaa filannoo hanqina herregaa xiqqaa raawwachuun yaada nama biro fudhachuuf raawwachiisa filannoo sa’aatii hedduu turu irraa eegalee wayita lakkoofsa sagaleetti kan rakkoo hubannoo qaban akka turan arguu dandeenyee jirra.Adeemsi filannoo itti fayyadama meeshaa irraa eegalee haalli hubachiisuu inni tokko kaan irraa garaa garummaa kan qabu ture.Keessumattuu yeroo lakkoofsa bu’aatti buufatawwan filannoo 4 galma tokko keessa turan fageenya dhiyoo irra ta’aniiadeemsa lakkoofsaa gara garaa yoo fayyadaman agarree jirra.Fakkeenyaaf lakkoofsa sagalee dura waraqaawwan sagaleen ittikennamechaappaa akka qaban raawwachiiftoonni mirkaneessuu dagatanii turan hojii isaanii akka sirreessan yaadachiisuudhaan baay’ee utuu hindeemin sirreessuu danda’aniiru.Garaa garummaa akkanaa kana Gaazexeessaan tokko adeemsawwan adda addaa waan taajjabuuf beekuu danda’us wayita yaada kennutti garuu taajjabaan paartii badhaadhinaa naanna’uun hordofaa turan gocha kana haala gaariidhaan hin ilaalle.’Maalillee ta’u Gazexeessaan yaada kennuu hindanda’u’jechuudhaan dogongorri yeroo raawwatamu callisuudhaan ilaaluu akka qabu dubbtaniiru.

Rakkoo hanqina ga’uumsaa raawwachiiftoota filannoo tokko tokko irratti mul’atuun alatti irra jiraadhaan kan taajjbneen hojiisaanii sirritti kan hojjetanidha.Raawwachiiftoonni tokko tokko qajeelfama filannoo hubachuu dhabuun Gaazexeessitoonni odeeffannoo akka hinarganneef dhorkaa turan.Galgala lakkoofsa sagalee sana nama machidhaan miiltoowwansaafi taajjabdoota bashannaniisaa sagalee lakkaa’aa tures arguu dandeenyee jirra.Dunkaan keessatti gaabii uffatanii hojjettoota ciccimoo hojicha raawwachiisaniin faallaatti hojisaanii dhiisanii kan hafanis turaniiru.

Karaa birootiin Walloo Tahuladareetti raawwachiiftoonni buufata filannoo tokko taajjabdooonni utuu hindaqqabin halkan saanduqa waan bananiif hidhamuusaaniitiin ala yakka akkanaa hojjetaniiru yoo jedhamu hindhaga’amne.Hojii lakkoofsa sagalee ilaalchisee Finfinnee keessa naannofnee wayita ilaallu buufata filannoo tokkotti borumtii filannoo naannawa sa’aatii 4 irratti iddootti argamuudhaan kan taajjabne kanneen biroorraa adda ture.Poolisoonni ol seenuun hindanda’amu jechuun ittiisuuf yaalanis Gaazexeessaan darbuu akka danda’u amnsiisuudhaan gara keessaa seenuudhaan sagaleen yoo lakkaa’amu agarree jirra.Wanti adda taasisu taajjabdoonniifi raawwachiiftoonni haala adda ba’anii ittiin hinbeekamneenlakkoofsi sagalee kan raawwatamaa ture ta’uusaati.Hundumtuu iddoo tokko taa’uun lakkaa’aa kan turan ta’uusaaniirrayyuu raawwachiiftootaafi taajjabdoota adda baasuudhaan beekuun hindanda’aumu ture.Adeemsi akkanaa kun nama taajjabaa paartii tokkoo ta’u dogomgorsuudhaan bu’aa akka galmeessisuuf haala kan mijeessu ta’uusaarrayyuu hojii biro akka hinhordofneef burjaajessa.Lakkaa’uudhaan mirkaneessaa jedhamuun taajjabdoonni dhimmi tokko irratti akka xiyyeeffatan kan taasifamu buufata kana qofatti ta’uu baatus kanneen biro keessattis turee jira.

Gara laafinaafi nuffiidhaan gochoonni ta’uu hinamllee kan akkanaa kun akka hinraawwatamneefpaartiiwwaniifi qaamoleen taajjabdoota gartummaan ala ta’an ergan dursanii hubachiisuufi dhimmicha irratti yaaduu qabu ture.Haalawwan mudatan filannoo ittii aanuuf muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu waan qabaniif boordiin filannootissanada qajeelfama filannoo qabate hundumaaf raabsuudhaan hojiichi haala walfakaataadhaana kka raawwatamu taasisuu qaba.Wayita ammaa filannoon waxabajjii 14 hanqinoota qabu wajjin kan xumurame waan ta’eef filannoon gara fuulduraa gama hundumaanuu qaawwa kan hinqabne akka ta’uuf kan darbe irraa barachuufi karoorfachuun barbaachisaadha.Bishaan dhangala’e hinwaraabamu waan ta’eef hanqinni lammata akkan hinmudanneef of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha.


ቅጽ 3 ቁጥር 138 ሠኔ 19 2013

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com