የእለት ዜና

Yaadannoo Artiist Haacaaluu Hundeessaa

Haacaaluu Hundeessaa haadhasaa Guddattuu Horaafi abbaasaa Hundeessaa Boonsaa irraa bara 1976 Addis Ababaa irraa karaa lixaatiin fageenya kiiloo meetira dhibba tokko fagaattee kan argamtu Magaalaa Ambootti dhalate.Ambootti dhalatee kan guddate Haacaaluun ijoollummaa isaa irraa eegalee jaalalli muuziqaadhaaf qabu baay’ee ture.Xiyyeeffannoon isaa ol’aanaan muuziqaa qofa kan ture Haacaaluun umurii waggaa kudhanii ol wayita lakkoofsisutti muuziqaawwan mira namoota hedduu tuqan taphachaa ture.

Haacaaluun bara 1995 barataa sadarkaa lammaffaa wayita turetti muuziqaawwan qabsoo Oromoo jaalatamoofi qabiyyee siyaasaa qaban waan taphatuuf waggoota shaniif hidhamuuf dirqamee ture. Waan hidhameef kaayyoo weellistummaa addaan utuu hinkutin kan ture Haacaaluun inumaatuu daran cimuudhaan yeroo gabaabaa keessatti Ummata Oromoofi namoota baay’eedhaan sirboota jaalataman Albamii ‘Sanyii Mootii’jedhu qabatee ba’e.

Kuusaawwan sirboota Albamii kanaa booda walaloofi yadaloowwan hedduun hidhaara utuu jiruu kan hojjete akka ta’an himama. Waggoota muraasa boodas hojiiwwan muuziqaasaa dhiyeessuuf gara Ameerikaa wayita deemu Albamii muuziqaasaa mata duree’Waa’ee keenya’ jedhu maxxansiise. Wayitii kana muuziqaasaa marsariitii Amaazoon irratti gurguruuf xiyyeffannoo kan argatee ture yoo ta’u jaalatamummaan Haacaaluutis daran cimaa dhufe.

Waggootaan dura sochiin fincila ummataa Naannoo Oromiyaatti wayita adeemsifamaa turetti Sirbi qeenxeen Haacaaluun baase mata duree’Maalan jira’ jedhu kan qabu yoo ta’u jaalatamummaa ol’aanaa argachuurra darbuudhaan sochii ummataa finiinsuuf tajaajilee ture.

Kan fuudheefi abbaa ijoollee sadii kan ture umuriin waggaa 36ffaa kan lakkoofsise Haacaaluu Hundeessaa waxabajjii 22 bara 2012 haleellaa Finfinnee keessatti irratti raawwatameen lubbuunsaa darbeera.Hookkara du’a artiist Haacaaluu booda ka’een lubbuun namoota hedduu kan darbe yoo ta’u qabeenyi hedduunis barbadaa’eera.Sababa Kanaan miseensonni paartii siyaasaafi dammaqsitoonni hawaasaa(Aktiiviistoonni) hedduun hidhamniiru.

Duuti Haacaaluu kaayyoowwan milkeessuuf qabatee ture waliin hindukkanoofne kan jedhan haati warraasaa Faantuu Damissee kaayyoosaa galmaan ga’uuf wiixata darbe muuziqaawwan wayita lubbuun jirutti hojjete eebbisiisaniiru.

Guyyaa kana sagantaan eebba Albamii muuziqaa sadaffaa Artiistichaafi yaadannoon du’asaa waggaa 1ffaan Hoteela Iskaay laayititti adeemsifameera.Sagantaa qophiiwwan gara garaatiin dabaalame kana irratti namoonni beekamoon maatiin Artiistichaa,jaalattoonniifi dinqisiifattoonni hojii ogumaa hedduun hirmaataniiru.

Sagantaa kana irratti haasawa kan dhageessisan Faantuun ‘Haacaaluun lubbuudhaan gargara ba’us yaadannoofi hojiinsaa bara baraan jiraata’jedhaniiru. Artiistichi erga du’ee booda maatii maddii hiriiruun kanneen haala adda addaatiin deeggarsa taasisan hundaaf galata dhiyeessaniiru. Gara fuulduraattis qaamoleen maqaa Artiistichaatti karaa adda addaatiin fayyadamuu barbaadan gocha isaaniirraa akka of qusataniif hubachiisaniiru.

Abbaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa obbo Hundeessaa Boonsaa gamasaaniitiin’Haacaaluun ilma kiyya qofa utuu hintaane kan ummata hundaati’jedhaniiru. ‘Kanneen ilmakoo ajjeessan seera duratti dhiyaatanii akka adabamaniif hundumtuu akka amantaasaatti kadhannaa naaf haa godhu’jechuunis waamicha dhiyeessaniiru. Hojiin muuziqaa guyyaa kana eebbifame Artiistichi lubbuun utuu jiruu kan qopheesse yoo ta’u mata duree’Maal Mallisaa’ jedhuun maxxanfamuun dhaggeeffattoootaafi dinqisiiffattoota isaatiif dhiyaateera.

Albamiin kun sirboota 14 kan qabate yoo ta’u waraabbii kuma dhibba sadiin maxxanfamee marsaa jalqabaatiin kan qophaa’e yammuu ta’u Awutaariifi hojeessitoota muuziqaa idila addunyaa gara garaa irratti dhiyaateera jechuun hiriyaan dhiyoo Haacaaluu Hundeessaafi hojii omisha viidiyoo irratti kan bobba’e Amansiisaa Ifaa himeera. Hojjetaa Hiiraa Piikchar kan ta’e Amansiisaan viidiyoo sirbaa ‘Maalan jira’ jedhu Haacaaluu wajjin kan hojjetan yoo ta’u badhaasawwan gara garaas argataniiru.

Maatiiwwan isaa hanga bayyatanitti akka ogeessa muuziqaatti hojiiwwan qeenxee hojjete Istuudiyoo keessaa hatamanii akka hinraabsamneef hojii walitti qabuufi qindeessuu hojjechaa akka ture Amansiisaan Addis Maaladaatti himeera. Yeroo adda addaatti hojiiwwan hedduun Istuudiyoo seenee hojjete kan jiran yammuu ta’u kanneen hojjete keessaa sirbawwan qeenxee lama dhiyeenya hatamanii ba’an dabalatee hojiiwwan sirbaa 14 walitti qabuun maastariingii sirreessuun baasuu akka danda’e ibsameera.

Amaazoon dabalatee hojeessitoota muuziqaa biyya alaatti hojeessuu danda’an irratti hojiisaa raabsuun danda’ameera. Alabamiin haarawaan kun hojeessitoota muuziqaa idil addunyaa gara garaa irratti kan gadi lakkifame yoo ta’u hojeessaa Aay tuun(I-Tune) jedhamu irratti guyyaa tokkotti Albamii muuziqaa 40 keessa galuu danda’eera. ‘Maal Mallisaa’jechuun’furmaatnisaa maalidha’jechuu yoo ta’u mata dureen kun kan filatame Albamii isaa 2ffaa irratti kan argamu ’waa’ee keenya’ itti fufsiisuu danda’a yaada jedhu ka’uumsa taasifachuun akka ta’e Amansiisaan himeera.

Haati warraa Haacaaluu Albamichi milkaa’ee waggaa tokkotti yeroo dhiphaa keessatti akka dhaqqabuuf shoora ol’aanaa akka gumaachan kan ibse Amansiisaan,gara fuulduraatti Haacaaluun akka hindagatamne taasisuuf Faawundeeshinii maqaasaatiin hundeeffame cimsuufi hojiisaa viidiyoodhaan hojjechuuf akka karoorfame beeksiseera. ‘Haacaaluu jechuun dhalataa saba tokkoo yookan ilma maatii tokkoo miti.Kan Itiyoophiyaanoota hundat’kan jedhan hiriyaa Haacaaluu Hundeessaa Darajjee Ballaxati.

Hojii daldalaatiin kan jiraatan Darajjeen Kanaan dura Naannoo sumaalee irraa dhalattooni Oromoo wayita buqqaafaman hiriyootasaafi Haacaaluu waliin ta’uun qotiyyoo 11 bitanii buqqaatotaaf gargaarsaan kan kennanidha. Akka Darajjeen jedhanitti Haacaaluu dhabuun gadda guddaa akka ta’e nibeekama.Erga inni du’ee booda namoonni nagaa hedduun du’anii turan.Kun ammoo gadda guddaa Itiyoophiyaanoota hundaa akka ta’u taasiseera.

Gaddi mudate kana qofaadhaan hindhaabbanne kan ibsan Darajjeen haala ittiin ajjeefame ilaalchisuun ragaan dhabamuunsaa gaddi keenya akka daran cimu taasiseera jedhan.
‘Sirboonni Haacaaluu guutuu addunyaa irratti nidhaga’amu.Kun ammoo ummattoonni addunyaa afaan hubachuu baatanillee sirbicha yeroo dhandhaman niagarra.Haacaaluu dhabuun keenya onnee nama cabsa.Kana malees ammoo haalli ittiin du’e gadda keenya jabeesseera.Gaddi itti fufiinsaan akka nutti hinjabaanneef kanneen isa ajjeesan haala ittiin gaafataman hinagarre’jechuun ibseera.

Dhugaansaa hanga ammaatti utuu hinba’in haguugamee turuunsaa gadda uumame cimsaa akka jiru kan dubbatan Darajjeen yakkamtoota qabaman jedhaman irratti tarkaanfii fudhatamu ummatatti beeksisuun nibarbaachisa jedhaniiru.Haalli ajjeechaa Haacaaluufi kanneen isa ajjeessan utuu hinqabamin hafuun gara fuulduraa Dargaggoonni biyya fayyadan namoota eenyummaan isaanii hinbeekamneen yoo ajjeefaman xiyyeeffannoo dhabuu waan danda’uuf akka biyyaatti haala ulfaataa keessa nugalcha jedhaniiru.

‘Haacaaluu jechuun nama kan kabaju,arjaafi namoota jaalala ta’an keessaa tokko ta’us namoota isa tuffataniif ammoo nama balaafamaadha’jechuun Darajjeen haala Haacaaluu ibsan.
‘Amma Haacaaluun du’eera.Ijoolleensaa haala gaariidhaan jiraachuu qabu.Maatiinsaas rakkachuufi jireenya hinmalle jiraachuu hinqaban.Dhugaa dubbachuuf yeroo ammaa deeggarsa nama tokkootiin baasiin ijoollee guutuun ba’ee barachaa jiru.Hiriyoonnisaas ta’an dinqisiifattoonni isaa Haacaaluudhaaf lubbuusaanii nikennu.Oromoo qofaaf utuu hintaane dhugaadhaaf kan qabsaa’edha.Nama guddaa akkanaa kana dhabuudhaan dura hojii biyyaa inni hojjetu ilaaluudhaan mootummaan da’oo kennuufii qaba ture’jechuun Darajjeen dubbateera.

Darajjeen itti dabaluunis maatii Haacaaluutiif koreen hundeefamuudhaan mahaallaqni walitti qabamaa ture.Dinqisiifattoonni hedduuniifi hiriyoonni isaa gumaachaniiru.Maqaa maatii Haacaaluutiin Induustiriin guddaan nibaname jedhamee ture.Garuu maahaallaqichi eessa akka ga’e wanti beeknu hinjiru jedhaniiru. Mootummaanis qaamni akka koreetti hundeefame mahaallaqa walitti qabe maalirra akka oolche hubachuufi ifa taasisuu qaba jechuun Addis Maaladaatti himaniiru.

Koreen hondeeffame jedhame kun akka ibsetti mahaallaqni maqaa Haacaaluutiin walitti qabame birrii miliyoona 100fi miliyoona 41 yoo ta’u siidaa hojjechiisuufi tajaajilawwan birootiif hir’isuun mahaallaqni hafe herrega baankii maatiin filatan irratti akka galfameef qindeessaan koree obbo Dhaabaa Dabalee beeksisaniiru. Guyyaa eebba Albamichaa hojiiwwan ogumaa kan deeggaruufi Faawundeeshiniin maqaa Haacaaluutiin moggaafame akka hundeeffame kan ibsame yoo ta’u bulchiinsi Magaalaa Addis Ababaa gamasaatiin siidaan Haacaaluu Hundeessaa hojjetamee akka xumurame himuunsaa niyaadatama.

Itti gaafatamaan waajjirra kantiibaa bulchiinsa magaalaa Addis Ababaafi dhimmoota kantiibaa Xilaauun Warquu akka ibsanitti siidichi hojjetamee kan xumurame yoo ta’u maatiin artiistichaa,jaalattoonni,firaafi hiriyoonnisaa iddoo argamanitti nieebbifama jedhaniiru. Siidaan Haacaaluu Hundeessaa kan hojjetame mana barnootaa ogumaafi diizaayinii Yuunivarsiitii Addis Ababaa biratti akka ta’e beekameera.

Hojeessitoota Albamiin Haacaaluu Hundeessaa irratti argamu keessaa tokko Awutaar akka ta’e nibeekama.Awutaar Itiyoophiyaatti hojeessaa muziaa kan jalqabaa yoo ta’u muuziqeessitootaan hundeeffamuudhaan tajaajila kennuu erga eegalee waggaa tokko guuteera. Waggoota 50 darbaniif sirni bittaa gurgurtaa muuziqaa mirga ogeessaa kan hinkabajine,bu’aan dadhabbii kan ittiin hinargamne,Artiistoota caalaa Daldaaltoota kan fayyadu waan ta’eef Awutaar Artiistoota buleeyyii dabalatee faayidaa abbummaa akka argataniifi fayyadamaanis gatii walsimaadhaan saffisaan filatee akka bitatuuf haala kan mijeessu akka ta’e Artiist Joonii Raagaa ibseera.

‘Hojiin kamiyyuu abbaa akka qabu nibeekama.Artiistoota du’anis yoo ta’e isaantu darbe malee hojiin isaanii qabatamaadha,itti fufa.Hojiiwwan hojjetamanis qaama dhaaluuf dabarfamuudhaan waan hojjetamaniif abbicha wajjin waliigaluudhaan muuziqaan Awutaar irra akka galu taasifameera’jechuun Joonii Raagaan Addis Maaladaatti himeera.

Afaan Oromoo ummata baay’ee afaan kana dubbatu akka qabu nibeekama.Hojeessaan muuziqaa Awutaar jedhamu ammoo muuziqaawwan afaanoota gara garaatiin hojjetaman ummata biraan ga’uuf adda dureedha.Muuziqaawwan hundumtuu karaa dhaggeeffataa bira ittiin gahan hinarganne ture.Kanaaf hojeessaan kun muuziqaafi muuziqeessitoota hundaaf shoora guddaa kan gumaachuufi dinqisiifattoota wajjin akka walquunnmamaniif daandii kan banudha jechuun Joonii Raagaa himeera.


ቅጽ 3 ቁጥር 139 ሠኔ 26 2013

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com