የእለት ዜና

Doktara kabajaa Abbabach Goobanaa

Views: 62

Yeroon abbaa taayitaati.Irree uumaan nama jedhamu dandamachuu hindndeenyeen qaba,kan moo’atamu hinfakkaatu.Namni tokko tokko garuu jira,Yeroo irratti qarooma.Akkamitti?yoo jettan yeroo duratti yeroon kan hindagachiifneen,hojii baras ta’e dhalaootaaf ce’ee darbu hojjeta waan ta’eef.

Namoonni baay’een’eenyu jennee waamnuun!’jedhanii rakkachuun miruma qabaniin jechaa jaalalaatiin kan waamaniin doktarri kabajaa Abbabach Goobanaa namoota akka kanaa keessatti argamu.Kan yeroo injifatan,yeroo irratti giiftii kan ta’an haadha cimtuudha.Yeroo umuriin lakkoofnuun,daqiiqaafi sa’aatii tokkoon tokkoonitti,guyyaa baatii,baatileefi waggaa keessatti kan nudhalan,kan nuguddisan dhaloota eenyumaanuu beekamuu hindandeenyeefi dhiifame lapheesaanii lalisaadhaan turanii haadha haadhummaa gaarii qabachuun kaasanii guddisanidha.

Yeroo tokko akkana ta’e,namni tokko gara Abbabach Goobanaatti dhiyaachuudhaan meeshaadhaan doorsisee isaan saamuuf yaala.Maarree baay’ee utuu hinturin namni sun gocha biraa haala wakkaatuun raawwateen qabamuudhaan gara mana hidhaatti ergama.Yeroo kana ijoolleensaa guddisa malee hafan.Dhimmisaanii dhaloota,ijoolleefi daa’imman waan tureef Abbabach ijoollee nama kanaa guddisuuf fudhatan.Kanuma!Laphheen isaanii akkanatti kitaaba qulqulluu ykn.Qur’aana qulqullutti galmeeffamee akka jirutti akka hojii nama qulqulluu,hojii tola ooltummaatiif isaan jabeessa.Abbabach Goobanaa daa’ima ofiif godhatan utuu hinqabaatin,haadha jedhamaniiru,haadha waan ta’aniif.Maatiin hedduun gammachuu dhabe isaaniin argateera.Mana diigame keessaa baasuudhaan mana’kiyya’jedhan akka qabaataniif kan gargaaraniifi hojiin gaarummaa Abbabach kan irra jiru lakkoofsisaanii xiqqaa miti.Oolmaafi dadhabbiin isaanii sun, gaarummaafi haadhummaan isaanii lapheefi jireenya nammoota baay’ee keessatti maxxanfameera.Qaamaan nubira jiraachuu baatanis hojiin isaanii gaariin dhaloota irraa gara dhalootaatti darbu fakkeenya ta’uudhaan isaan galateeffachiisaa bara baraan jiraata.

Haayaadannu!
Abbabach Goobanaa kan dhalatan Onkololeessa 10 bara 1928 magaalaa Fichee keessatti.Yeroon kun yeroo Xaaliyaaniin Itiyoophiyaa itti weereerte waan tureef umuriin waggaa tokkollee utuu hinguutin abbaa isaanii rasaasa loltoota Xaaliyaaniin dhaban.Ijoollummaan isaanii qananii kan qabu hinturre.Umuriin waggaa 11 yoo ga’an dhiibbaa maatiitiin gaa’ela qabachuuf dirqaman.

Haata’uutii dirqama kana tole jechuudhaan hinfudhanne.Kanaafis manaa baduudhaan gara mana haadhasaaniitti qajeelan.Garuu gama haadhashiitiin’ashu baga naaf dhufte’ deebii jedhu hinarganne.’Inumaatuu akkamitti nasalphifta!’jedhaman.Gara gaa’eelaafi abbaa warraasaaniitti akka deebi’an taasifame.Yeroo kana dubbiin nihammaate.Lammata manaa akka hinbaaneef waardiyaadhaan balballi itti cufame.Kunis isaan ittisuu hindandeenye.Guyyaa tokko halkan qixxee miliqan.

Yeroo sana daandii eegalan.Gara fuulduraa.Guyyoota sadi bakka ga’anitti boqochaa imalaa erga turanii booda konkolaachisaan konkolaataa fe’uumsaa tokko gara Addis ababaa akka dhufaniif walta’uumsa taasiseef.Niga’an.Garuu haalli konkolaachisichi mul’isu waan itti hintolleef Konkolaachisichi Piyaasaa ga’ee yroo dhaabu carraa argataniin konkolaataa irraa bu’an.Qalbeeffadhaa isaan reefu daa’ima umurii waggaa kudha tokkooti.

Battala sanatti namni guddaan kabajamaan tokko daandii Piyaasaa Giyoorgisiin wayita darban intala ol guddattuu xiqqishuu dallaa bira teessu takka argan.Bira darbuudhaan hindeemne.Itti dhiyaatanii dubbisuudhaan intala xiqqoo tana gara mana isaaniitti qabatanii galan.Akka intala isaaniitti ilaaluun guddisaniin.Mana barnootaa hojii harkaa barsiisu keessatti carraa baruumsaa hanga argatutti carraaqan.

Haalli yeroo ijoollummaa Abbabach Goobanaa akkanatti barreefame.Booda irra mindeeffamuunis hojjetaniiru.Yeroo sana dhaabbata omisha midhaanii jedhamu keessatti mindeeffamuun tajaajilaniiru.Haata’uutii jireenya isaanii moloksee ta’uudhaan dabarsuuf fedhii qabu turan.Firoottaniifi maatiin garuu gaa’ela akka dhaabbatan taasisaniin.Gaa’ela dhaabbatan.Gaa’ela kana irraa garuu daa’ima godhachuu hindandeenye.Kun ta’us haala jireenyaa gaarii keessa turan.

Yeroon niga’e.Bara 1972.Abbabach Goobanaa bataskaana Gishan Maariyaam deeman.Akkaataa ittiin waamama kanaan duraatiin gara kutaa biyyaa Walloo’tti qajeelan.Imala jidduutti daa’imman sababa oongeetiin haadhasaanii dhaban argan.Hojiisaanii kanaan jalqaban.Dhimma xiqqaafi gatii hinqabne hingoone.Inumaatuu mana ho’aa qaban keessaa ba’uuf kaayyoofi galma jireenyaa taasisan.Ejjennoo firummaa dhiigaa qofa utuu taane jedhu qabatan.’kan koo’ olqaban.Biyya ta’an,biyya dabalan.

Waggaa tokko keessatti Daa’imman 20 guddisuuf walitti qaban.Inni kun garuu firoottan isaaniitiin’Abbabach maraatte’akka jedhaniin taasise.Hammeentaan guddaan gaarummaa isaanii namoota isaanitti dhiyaataniin haalli fayyaasaanii akka shakamu taasise.Isaan garuu daran cimsuudhaan itti fufan.Mana ho’aa qaban dhiisuudhaan Daa’imman qofaatti hafan guddisaa carraa fuulduroo Daa’immanrratti xiyyeeffatan.Itiyoophiyaatti dhaabbanni tursiisa Daa’immanii biyya keessaa qaama mootummaa hintaane Abbabach Goobanaatiin kan jalqabaa ta’uudhaan hundeeffame.

Qabeenya hedduu keessaa farankaa muraasa qabachuun manaa kan ba’an Abbabach Goobanaa kanas dhimma Daa’immaniirra oolchan.Garuu itti fufuufii hindandeenye.Kanaaf yeroo sanatti akaayii gabaadhaaf ta’a jedhan qopheessuudhaan gurguruu eegalan.Ijoolleekoo waan jedhaniif ijoolleesaanii,eenyumaanuu utuu hindirqamin lapheesaanii gaarummaadhaan badhaadheen lafa gogaa irra ciisan.Siree ho’u qabu turan.Uffata qaban tarsaasuudhaan Daa’immanitti uffisan. Kan jiru kutanii Daa’immaniif qooduun ofiif agabuu bulan.

Hinboqonne.Carraaqqiin isaanii dhaabbilee garagaarsaa biyya alaa gara garaa irraa deeggarsa akka argataniif haala mijeesseef.Isaanis hindhiboofne.Daldala akaayii irratti hojiiwwan biroos dabaluudhaan galii walitti qabuu cimsanii itti fufan.Nice’an.Yeroo ijoollummaa,Dargaggummaafi ga’eessummaatti akkuma haalasaatti yeroo keessatti qoramaniiru.Yeroon isaan hindhaabne.Hinmoo’amne.Inumaatuu,yeroo Daa’imman abdii boruutti qaroomuu fedhu dulloomsan.Fooniin utuu hintaane qajeelfama lubbuutiin jiraatan,dadhabbiin foon isaanii humnasaanii hanqisus lubbuu isaaniifi afuura biyyatti dabarsan hinmoo’atu.

Abbabach Goobanaa gaafachuu baatanis tajaajila kennaniif badhaafni galataafi beekkamtii kennameeraafi.Dhaabbaticha erga hundeessanii booda mindaa fudhatanii kan hinbeekne Abbabach garuu,kennaa meeshaafi maallaqaa kennamuuf ofiif itti fayyadamanii hinbeekan.Gammachuu ijoolleefi Daa’immaniitiif oolchaniiru.Gammachuu jireenya Ijoolleefi Daa’immanii keessatti badhaasasaanii fudhataniiru.

Waa’ee Abbabach Goobanaa afaan tola ooltotaa irraa
Waa’ee Abbabach Goobanaa irratti yaadasaanii akka nuuf kennaniif hundeessitoota dhaabbilee tola ooltotaa muraasa wajjin turtii muraasa taasifnee jirra.Isaanis gammachuudhaan yaada qaban nutti himaniiru.

Hundeessituufi hojii gaggeessituun Meerii Jooy siistar Zabiidar Zawudee akka himanitti Abbabach Goobanaa dhaabbailee tola ooltoota biyya keessaatiif fakkeenyadha.’Haadha aarsaa ol’aanaa baasanidha,isaan fakkeenyadha.Umuriin nuhunda irraa hir’ifamee isaaniif utuu kennamee gaarii ture’jechuun turtii baatii tokkoon dura Addis Maaladaa wajjin taasisaniin hawwiisaanii ibsan.Seerri uumamaafi hayyamaa uumaa hundaa waan ta’eef Abbabach Goobanaa har’a qaamaan nuwajjin hinjiran.

‘Namootaaf dachee irra yoo jiraatan wanti guddaan namoota birootiif jiraachuudha’kan jedhan siistar Zabiidar,amantaa hundumaanuu uumaan kan gaafatu gaarummaa jireenya afuuraatiin mul’isan qabatamaanis hojiirra akka oolchan eeran.’Wanti namoota birootiif jiraachuu caalaa nama gamamchiisu hinjiru.Abbabach Goobanaa akka haadhaatti namoota birootiif jiraachuudhaan nus horataniiru.’jechuun ragaa ba’aniiru.

Baatii tokkoon dura qaamaan kan nurraa gargar ba’an haati laphee gaarummaa kan biroo hundeessituufi hojii gaggeessituun Niyaa Faawundeeshin Zamii Yanuus turan.Zamiin utuu hinboqotin torban muraasaan dura Addis Maaladaa wajjin turtii muraasa taasisanii turan.Battala sanatti waa’ee Abbabach Goobanaa wayita dubbatan akkana jedhanii turan.

‘Abbabach Goobanaa haadha baay’ee jaaladhuufi dinqisiifadhudha,hojiin hojjetan guddaadha.Nama carroometu akkanatti hojjeta.Nuufis laphee akkanaa nuuf haakennu,akkanatti akka tajaajillu nuhaataasisu.Ofirra darbuudhaan nama birootiif dhaqqabuu danda’uun waan salphaa miti.Isaaniif maqaa hedduu moggaasuun meeshaadhaan ykn.haasawaan badhaasuu utuu hintaane hojiisaanii itti fufsiisuudhaan kabaja kennuun nibarbaachisa.’

Namoota Addis Maaladaan waa’ee Abbabaci Goobanaa dubbise keessaa kan biraa hundeessaafi hojii gaggeessaa waldaa misoomaafi deeggarsaa Abeenazar Argaaw Ayyalati.Magaalaa Hawaasaatti kan argaman Argaaw waldicha kan hundeessan waggoota kudha shaniin dura dhaabbata guddisa Daa’immanii Abbabach Goobanaa erga daawwatanii booda akka ta’e yaadachiisaniiru.Abbabach fakkeenya guddaa akka ta’aniifi seenaa isaanii yoo yaadatan heddu akka ajaa’ibaman dubbatan.

‘Waa’ee namoota gurguddoo kan dubbifne caalaa Abbabach Goobanaa jireenya isaaniitiin mul’isaniiru.Waa malee hojii guddaa hojjetan.Kabaja guddaatu malaaf.Maqaa isaaniitiin waan guddaatu hojjetamuu qaba.Magaalotaafi iddoowwan adda addaatti Daandiin maqaa isaaniitiin moggaafamuu qaba.Namoonni daandii maqaasaaniitiin moggaafame irra deeman hundi gammadaa akka tarkaanfataniif,fakkeenyummaa hojii danuu Abbabach yaadachaa akka imalan barbaachisa’jedhaniiru.

Akka biyyaatti nama gaarummaa qaban kan turan Abbabach Goobanaa qaamaan waan dhabneef Addis Maaladaan gadda cimaa itti dhaga’ame ibsiti.Ijoolleesaanii,firoottan,jaalattoota isaaniitiif isaan dhabuun kan jalaa hir’ateefi kan nujalaa hir’ate hundaaf jajjabina,haati keenya Abbabach Goobanaa kan hojjetan,kan dadhabaniifi jireenya gaarii kan jiraatan waan ta’aniif uumaan boqonnaa lubbuu akka isaaniif kennuuf hawwiti.


አዲስ ማለዳ 03 Adoolessa 2013 No 3

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com