የእለት ዜና

Itti fufiinsa seera fottoquu hayyamuu

Views: 90

Yaadi bu’uraa seera mirga carraa ofii ofiin murteessuu hanga fottoquu hayyamu heera mootummaa biyya keenyaa keessatti iddoo erga qabatee jaarraan nuusni darbeera.Seerri akka kanaa biyya bittinneessu kun biyyaalee biroo keessa akka hin jirre hayyoonni nidubbatu.Rakkoo inni uumu eeruudhaanis akka hafuuf carraaqanis utuu hinmilkaa’iniif tureera.Seera boqonnaa 39 jedhamu kanaan Eertiraan akka fottoqxe qaamoleen kaasan kun biyya kan fayyadu akka hintaane carraa argatan hundatti fayyadamuun akka hafuuf gaafachaa turaniiru.Sirni ADWUI TPLF’n hoogganamaa ture seerri kun hinjijjiiramu jechuun heerri mootummaa kan fooyya’u akka hintaane sirrii ta’uusaa eeruun falmaa tureera.

Barri sirna TPLF xumramuun deeggrtootasaa kan turan taayitaa erga too’atanii asitti ummanniifi paartiiwwan siyaasaa boqonnaan kun akka jijjiiramuuf heerri mootummaa akka fooyya’uuf irra deddeebiidhaan fedhiisaanii ibsaa turaniiru.Kun ta’us hojiin mootummaa irraa eegamu waan tureef komiin ka’ee ture.Karaa seera qabeessaan akka fooyya’uuf gaaffiin dhiyaachuunsaa beekamuu baatus paartiiwwan siyaasaafi dammaqsitoonni hawaasaa tibba tokko xiyyeeffannoo kennuun gaaffichi muummicha ministiraa Abiyyi Ahamadiin deebii argatee ture.Deebiin isaanii garuu jijjiirama Alaabaa wajjin walqabatee naannoo tokkoof jecha heera mootummaa hinfooyyeessinu jechuun kan dubbatan abdii baay’otaa irratti bishaan naquudhaan deeggarsi qaban akka qabbanaa’u taasisee ture kan jedhan jiru.

Filannoon adeemsifamuun qaamni moo’atu yoo jiraate malee heerri mootummaatis ta’e dhimmoolee gurguddoo irratti jijjiirama taasisuun hindanda’amu jedhamaa naannoon 10ffaan hundeeffamus heera mootummaa ilaalchisuun wanti jijjiirame tokkollee hinjiru.Caaseeffamni ADWUI yoo jijjiiramu labsiifi danbiiwwan kanneen biroo wayita fooyya’an dhimmi heera mootummaa ummataafi paartiwwan siyaasaatiin gaafatamaa ture garuu dagatamee haa ta’u yeroon eegameefii hanga ammaatti akka turu taasifameera.

Qaamoleen gara garaa fiixee qabatan jiru jechuun gareen tokko heeri mootummaa guutummaatti akka jijjiiramu barbaada,kuun ammoo gonkumaa akka hintuqamne barbaada,muraafni ammoo fedhii ummataatiin hammi muraafni akka fooyya’uuf fedhii qaba jechuun hanga yeroo dhiyootti mootummaan filmaata hunda araarsu barbaada jedhamuun duuchumatti deebi’aa ture.

Paartiiwwan siyaasaa taayitaa yeroo qabannu heera mootummaa fooyyeessina jechaa turan baay’ee ta’anis carraan moo’achuufi mootummaa hundeessuuf qaban haphachaa wayita dhufu oduun fooyyessaas dagatamaa dhufeera.Ammas taanaan kutaa heera mootummaa ummata sanyiidhaan addaan qoqqoodu akka fooyya’uuf kanneen gaafatan hindhabamne.Dhiyeenya kana muummichi ministiraa bakka bu’oota paartilee filannootti hirmaatan wajjin wayita mari’atanitti heerri mootummaa hinfooya’uu?gaaffiin jedhu dhiyaateefii ture.

Muummichi ministiraa guyyaa sana gaaffii fooyyessa heera mootummaa irratti xiyyeeffachuun dhiyaateef gammachuu kan qaban akka hinturre walgayii miidiyaadhaaf banaa hinturre kana irratti kan hirmaataniifi maqaan isaanii akka himamu kan hinbarbaadne nutti himaniiru.Walgayii waa’ee filannoo irratti mar’achuuf waamame irratti waa’ee fooyya’uu heera mootummaa yeroo gaafatanman gammadoo ta’uu baatanis deebiin kennan garuu kan hineegamne akka ture hirmaataan kun nutti himaniiru.Muummichi ministiraa isaanis heerri mootummaa akka fooyya’uuf kan barbaadan ta’uusaanii beeksisuudhaan fooyya’uunsaa garuu filannoo waan moo’annuuf qofa hinta’u jechuun akkamitti ta’uu akka qabu amantaasaanii beeksisaniiru.Filannoodhaan moo’achuu qofa utuu hintaane akka kanaan duraa’Ummataan fudhatama hinqabu,hawaasni utuu itti hin hirmaatiin kan adeemsifamedha’akka hinjedhamneef of eeggannoodhaan ta’uu akka qabu dubbataniiru.Murtee ummataa kan barbaadu adda baafamee,akkasumas kan fooyyessuun danda’amu irrattis ummanni mari’ateeti malee waan moo’anneef jedhamee kan raawwatamu ta’uu hinqabu jechuusaanii dhageenyee jirra.Marree wayita fooyya’u wantoonni gaarin keessa jiran utuu hintuqamin taasifama jedhanis duuchumatti waan dubbataniif kamtu fooyya’ee kamtu akka hafu hin mul’ifne.Hojichi yoom akka jalaqabamus ta’e qaama hojii kanaaf hundaa’e ilaalchisuun wanti jedhan hin jiru.

Akka hirmaataa walgayichaa haasawa isaanii dhaggeeffatanitti taanaan heerri mootummaa  fooyya’uunsaa dhimma yerooti malee fedhiisaanii akka ta’e beekuun danda’ameera.Deebii muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad kennaniin hirmaattoonni kan gammadan waan turaniif dhimmicha irratti ibsa dabalataas ta’e mirkansa hingaafanne.Yaadasaanii waltajjii cufaa ta’e irratti waan ibsaniif ummanni beekuu akka hindandeenyee kan eeran yoo ta’u bu’aan filannoo yeroo ifoomsamu kan beeksisan akka ta’e tilmaama isaanii nutti himaniiru.

Fedhiin muummicha ministiraafi amantaan isaanii kanadha jedhamus faallaa kanaan dhimmi hawwii ummataa qabbaneessu mana marii Federeeshinii irraa dhaga’ameera.Torban darbe labsiin manni marichaa ittiin hundaa’e akka fooyya’u kan taasisan labsiiwwan lama fooyyessuuf wixineen qophaa’uun mana marii bakka bu’oota ummataatiif dhiyaatee ture.Fooyya’uu labsiiwwaniitiif sababoonni ka’uumsa ta’an eeramanis dhimmoonni ummanni akka jijjiiramaniif gaaffachaa ture wixinee haarawaa keessatti akka ida’aman taasifamuun ifa miti.Boqonnaan keewwata 39 heera mootummaa mirga fottoquu hayyamu raawwachiisu fooyyessa haarawa keessatti ida’amuun kanneen heerri mootummaa hinfooyya’u jedhaniif galtee ta’eera.Boqonnaan heera mootummaa irra jiru utuu hinhafin labsiin raawwachiisuuf gargaaru hafuu hindanda’u.Akkuma jirutti tursiisuudhaan dhimmi fooyya’uumsa heera mootummaa hanga furmaata argatutti waan hineegneefi labsii mana marichaa haala kanaan fooyyessuuf ariifachuun ifa miti.

Dhimma fooyya’uumsa heera mootummaa wajjin walqabatee kutaa heerichaa qamoleen gara garaa haafooyya’u jedhan garaa garummaa qabaatus garee shororkeessaa jedhamuun moggaafameen alatti fooyya’uu akka qabu hanga paartiiwwan hunda jedhamutti waliigalu.Kutaan heerichaa paartiiwwan haafooyya’u jedhan adda ba’ee mariidhaan akka dhiyaatuuf kanaan dura yaadi dhiyaatee kan ture ta’us adeemsisaa amma maalirra akka jiru hinbeekamu.Sanas ta’e kana qaamni amma filannoodhaan moo’atu fooyyessuun mirgaafi dirqamasaa waan ta’eef  boqonnaawwan heericha keessa jiran rakkoo biroo utuu hin uumin adeemsi fooyyessuu saffisuun fedhii baay’otaati.Keessumattuu ilaalchi finxaalessaan kutaa kaaba Itiyoophiyaa murtee cimaa dhaloonni murteessuu hindandeenye xiiqiidhaan murteessuun dararama dhalootaaf darbu uumuusaatiin dura dafee akka sirraa’uu kan gaafatan jiru.Tarkaanfii saffisaa Naannoo Sumaaleetti raawwatamuuf ture hanbisun ummanni gara kallattii barbaaduttii akka deemu taasifamuunsaatiin seenaa yeroo dhiyoo irraa barachuu akka qabnu kan dubbatan jiru.

Waa’ee fooyya’uu heera mootummaa akkasumas waa’ee boqonnaa 39 fottoquu hayyamuu irratti Addis Maaladaan abukaatoofi ogeessa seeraa kan ta’an Kaappitaal Kibree dubbiftee turte. Akka ilaalcha isaaniitti heerri mootummaa akka fooyya’u mul’iftuuwwan gara garaa kan dubbatamaa jiran ta’us wanti qabatamaan mirkansa ta’u hinjalqabamne.Odeeffannoon mootummaa biraa dhaga’amu fedhii kan mul’isu ta’us heera mootummaa fooyyessuuf adeemsawwan keessa darabaman jiru jedhan.

Wixineen fooyyessaa mana marii Federeeshiniitiin qophaa’e qaawwa bu’uraa uumeera kan jechisiisuu danda’u ta’uu baatus wayita ammaa ta’uunsaa garuu kan wal nama gaafchiisudha.Dhimmicha raawwachiisuuf qaama taayitaan kennameef ta’uunsaa ifatti beekamus mul’iftuu ni fooyya’a jedhu akkuma keenya dhaga’uun isaanii waan hin oolleef  utuu obsanii gaarii akka ture yaadasaanii nuuf kennaniiru.Sadarkaa qajeelfamaatiin seerri daddaffiidhaan fooyya’uu hinqabu.Yeroo dheeraaf turuunsaa ulaagaa gaarummaasaa waan ta’eef dhimma fooya’uu danda’u wajjin kan walitti dhufeenya qabu fooyyessuun yeroo dhiyoo keessatti akka fooyya’u taasisa.Kun gochi itti fuftummaa seeraa hir’isu raawwatamuusaatiin dura qaamoleen mootummaa walhubachuudhaan hojjechuu qabu.seerota yeroo gabaabaa keessatti bakka buufamuu danda’an fooyyessuun baasi hin barbaachifneef akka saaxilus ogeessi seeraa kun himaniiru.

Gama heera mootummaa fooyyesuutiin karaa lamatu jira kan jedhan yoo ta’u tokkoffaan boqonnaawwan muraasa fooyyessuun yoo barbaadamu hayyama naannolee hundumaatuu kan barbaadudhaa.Kan biroo ammoo heerichaan kan ibsame harka sadi keessaa lama sagalee mana marii bakka bu’oota ummataafi mana marii federeeshinii yoo argatu hojimaanni ittiin fooyya’u jira.Akkaataa kanaan boqonnaawwan 3 keewwata 13 hanga 44 jiran irratti kan eeraman boqonnaawwan mirga namoomaafi demokraasii fooyyessuuf hayyamni manneen marii lamaanii nibarbaachisa.Kana jechuun boqonnaa 39 mirga fottoquu hayyamu fooyyessuuf dirqama hayyamni naannolee hundumaatuu nibarbaachisa.Sababa kanaan boqonnaawwan akka kanaa fooyyessuuf waggaa dhufu paartiin mootummaa hundeessu kana raawwachuu hindanda’u.Sababiinsaa Naannoo Tigraayitti filannoon waan hinadeemsifamneef hayyama mana marii naannichaa argachuu akka hindandeenye ogeessi seeraa kun eeraniiru.

Qondaaltoota gara garaatiin heerri mootummaa akka fooyya’u yeroo dubbatamu dhaga’amus akkaataa heerichaatiin yoo xiqqaate yeroo gabaabaa keessatti yaada hindanda’amnedha.Keewwatawwan naannoleen ittiin hundeeffaman fooyyessuun yoo danda’ames keewwatawwan baay’oonni akka fooya’aniif barbaadan tuquuf Naannoo Tigraayitti  filannoon adeemsifamuun kan moo’atu beekamuun hayyamni mana marii kennamuu qaba.Kunis yeroo baay’ee fudhata.Keewwata 105ffaa  hayyama manneen mari hundaa gaafatu fooyyesuufis hayyama naannolee hundaa waan barbaaduufi kan wal hidhe waan ta’eef sirreessuun ni ulfaata kanneen jedhan jiru.Karaa birootiin Akkaataa heerichaatiin fooyyessuun yoo danda’amuu baate muummeen waarummaadhaan hanga ragga’utti yeroodhaaf fakkiinsaa ce’uumsaaf qophaa’uun isa jiru ittisuun ni danda’ama kan jedhan jiru.Walumaagalatti dhimmi fooyyessa heera mootummaa yeroodhaan fala kan argatu ta’a.


አዲስ ማለዳ 03 Adoolessa 2013 No 3

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com