የእለት ዜና

Yaaddoo balaa lolaa gannaa

Views: 62

Naannawa Itiyoophiyaa gara garaatti waqtii gannaatti roobni ulfaachuu isaa wajjin walqabatee balaawwan lolaa,sigigaacuun lafaa,manca’inni daandiifi cabiinsi riqichaa nimudata.Naannawa rakkoon kun mudatutti miidhaawwan dhabamuu lubbuu namaa,buqqa’uu hawaasaafi barbadaa’insi qabeenyaa nimudata.

Balaawwan sababa lolaatiin mudatan lubbuu namoota hedduu kan galaafataniifi manca’iinsa qabeenya kumaan lakkaa’amaniitiif sababadha.Kana malees balaan lolaa namoonni qayeefi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun gara naannawa ollaatti akka baqataniif sababa ta’a.

Kutaawwan biyyatti gara garaa keessatti rooba cimaa roobuun balaa lolaa uumamuun sigigaachuu lafaatiin qaamoleen hawaasaa gara garaa rakkoo ol’aanaadhaaf akka saaxilaman niyaadatama.Yeroo adda addaatti balaan tasaa waan mudateefis lammiiwwan hedduun balaawwan lolaa mudataniin akka miidhaman niyaadatama.

Addis Ababaas ta’e iddoowwan gara garaatti waqtii gannaatti lolaan daandii aspaaltii irra waan dhangala’uuf dhiphina daandii ol’aanaafi hawaasa balaa konkolaataatiif saaxila.Sababa kanaan namoonni lubbuusaanii dhabu.Kana malees manca’ina qabeenyaatiif saaxilamu.

Hammentaan tamsa’ina roobaa wayita dabalutti lolaan uumamu mana jireenyaa keessa seenuun lubbuu,qaama namaafi qabeenya irratti miidhaa geessisa.
Iddoowwan Magaalaa tokko tokkotti bishaan hammentaan olii ujumoo keessaa ba’uudhaanis imaltoota lafoo,konkolaattotaafi manneen jireenyaa irratti miidhaa wayita geessisu ilaaluun mudannoo ganna keessa baramedha.

Jiraataa kutaa magaalaa Nifaas silk/Laaftoo kan ta’e Kinfa Biqilaa laga qarqara kutaa magaalaa kanatti argamu bira maatiisaa wajjin kan jiraatu yoo ta’u yeroo hunda ganni yoo dhufu isaafi jiraattonni naannawa sanatti argaman hundi balaa lolaatiif kan saaxilamanidha.Manni jireenyaa isaanii laga qarqaratti waan argamuuf waqtii gannaa yeroo hedduu balaa lolaatiif saaxilamuudhaan jiraataniiru.

Bara 2011 ganna keessa ujumoon naannawasaaniitti argamu waan dhiphatuuf roobni cimaan wayitii sana robe riqicha irra darbuudhaan gara mana jireenyaatti waan galeef miidhamaaf saaxilamanii turan.

Balaan lolaa kan mudate waaree booda naannawa sa’aatii 11’tti waan ta’eef namoonni naannawicha turan saffisaan of baraaruu danda’anis qabeenya isaanii garuu baraaruu akka hindandeenye jiraattoonni miidhaman Addis Maaladaatti himaniiru.Balaa lolaa waqtii kana mudateen lubbuufi qaama jiraattoota naannawichaa irra miidhaan yoo ga’uu baates haala guutummaatti jechuun danda’amuun manneen jireenyaa irra miidhaan ga’eera.

Miidhaa mana jireenyaa irra ga’e lakkoofsaan ibsuun yoo ulfaates manni jireenyaa isaanii guutummaatti akka barbadaa’e Kinfan turttii Addis Maaladaa waliin taasisaniin himaniiru.
Jiraattoonni mana isaanii keessa lolaan waan seeneef midhaan nyaataa,meeshaaleen elektirikaa,akkasumas uffataafi meeshaalee mana keessaa kanneen biroorra miidhaan ol’aanaan akka ga’e Addis Maalaadaan beekuu dandeessee jirti.

Akka Kinfan jedhetti ujumoon bishaan keessa darbu sababa balfa kuufameetiin lolaan ujumoo irra darbuudhaan gara mana jireenyaa seeneera.Sababa balaa mudateenis qabeenya isaaniirra miidhaan ol’aanaan waan ga’eef guyyoota sadiif iddoo birootti akka da’eeffatan niyaadatu.

Miidhaan mudate haala jireenya isaaniirratti dhiibbaa waan uumeefis hawaasni naannichaa tumsa taasisaafii akka ture dubbataniiru.Yeroo sana hawaasni maallaqa,meeshaalee ijaarsaaf barbaachisan kennuuniifi deeggarsa humnaa taasisuun gargaaraanii akka ture eeraniiru.

Kutaan magaalaa isaanii miidhamtootaaf deeggarsa maallaqaafi kanneen biroo yoo taasisuufii baates mana jireenyaa sababa lolaatiin jalaa diigame hayyama malee haaromsuu akka danda’an taasisuusaa himaniiru.

Balaan akka kanaa yeroo lammaffaaf waggaa tokkoon dura mudatee akka ture kan dubbate Kinfan jiraataan naannawichaa tokko sababa ijaarsaatiin dallaa mana jireenyaa waan diigeef waqtii roobaatti lolaan mana jireenyaa seenuu akka danda’e dubbateera.

Wantoota balaa lolaatiif akka sababaatti eeraman keessaa ujumoowwan bishaan keessa darbu balfaan cufamuun akkasumas riqichoonniifi daagaan lolaa ittisu kan hinjirre ta’uusaaniiti.Kanaafuu jiraattonni naannichaa maallaqa walitti qabuudhaan riqicha ijaaruun hojii ujumoo qulqulleessuu hojjechuun haala saaxilamummaa balaa hambisuu akka danda’e Addis Maaladaan beekuu dandeessee jirti.

Balaan lammaffaan hawaasa irratti miidhaa guddaa geessisuu baatus waqtiitti rakkoolee muraasa geessisee akka ture jiraattonni eeraniiru.Balaawwan lolaa kana hir’isuuf falawwan akka jiran jiraattonni nidubbatu.Akka Kinfan jedhetti balaawwan lolaa ganna keessa hawaasa irraan miidhaa gahan hir’isuun akka danda’amuuf bu’urawwan misoomaa haarawa ijaaraman irratti qaamoleen qooda fudhattoonni qofaatti murteessuu dhiisuudhaan hawaasa utuu hirmaachisanii gaariidha.

Kana malees jiraattonni hojii ijaarsaa yoo eegalan haala waqtii akka ilaaluu qaban kaasaniiru.Kana wajjin walqabatee miseensonni hawaasaa waltumsuudhaan dirqama waloo utuu ba’anii gaarii akka ta’e Addis Maaladaatti himaniiru.

Karaa birootiin jiraattuu kutaa magaalaa Qiirqoos kan ta’an Amalawarq Zawuduu turtii Addis Maaladaa wajjin taasisaniin akka dubbatanitti mannisaanii qarqara daandii waan jiruuf yeroo baay’ee roobni cimaan yoo roobu bishaan aspalatiirra waan ciisuuf gara mana jireenyaa isaanii seenuudhaan qabeenya isaaniirratti miidhaa geessiseera.
Waqtii tokko lolaan mana isaanii seene hanga dugdasaanii waan ga’eef of baraaruu yoo danda’anis meeshaalee manaa garuu baraarfachuu akka hindandeenye himaniiru.
Amalawarq balaa lolaa irra ga’eef akka sababaatti kan kaasan hanqina hojii balfa maqsuu magaalaa keessa jirudha.

Kana malees ujumoowwan dhangala’a maqsuuf gargaaran cufamuun isaanii balaawwan lolaa ganna keessa mudataniif sababa akka ta’an dubbatan.
Daayireektarri sab-quunnamtii komishiinii hooggansa hojii yaaddoo balaa biyyaalessaa Dabbaba Zawudee turii Addis Maaladaa waliin taasisaniin akka himanitti komishinichi dhimmoota gurguddoo sadirratti xiyyeeffachuudhaan hojjechaa jira.Isaan kunis qophii haal duree ittisa balaa,balaawwan yoo mudatan deebii kennuufi balaa booda miidhamtoota deebisuun dandamachiisuun kan hojjetamu akka ta’e himaniiru.

Akka odeeffannoon ejensii meetirooloojii biyyaalessaa mul’isutti baatii Adoolessaafi Hagayyaatti roobni cimaan waan eegamuuf iddoowwan balaa lolaafi sigigaachuu lafaatiif saaxilamoo ta’an akka adda baafaman daayireektarichi eeraniiru.

Kana wajjin wal qabatee godinaalee Gaambelaa sadi,Beeniishaangul gumuuz godina Asoosaa,godinaalee Oromiyaa 12,godinaalee Amaaraa 9, godinaalee Affaar 4 godinaalee Sumaalee 10 godinaalee Tigraay 4 naannoo Ummattoota kibbaa irraa godinaalee 14 naannoo Sidaamaa, bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa naannoo Hararii magaalaa Harar akkasumas magaalaan Addis Ababaa balaa lolaatiif saaxilamoo akka ta’an Addis Maaladaan beekuu dandeessee jirti.

Karaa birootiin waqtii gannaa wajjin walqabatee naannoo Amaaraa godinaalee 4 naannoo Oromiyaa godinaalee 6 kibba godinaalee 12 akkasumas Sidaamaafi Tigraayitti balaan sigigaachuu lafaa jiraachuu akka danda’u himaniiru.

Balaawwan lolaa biyyattiitti mudatan ittisuuf komishinichi ministeera bishaan jallisii aanniisaafi abbaa taayitaa yaa’aa wajjin waloon hojjechuu akka qabus hubachiisaniiru.
Daayireektarichi hojichi qaamolee sadarkaa Federaalaafi naannootti balaa lolaa ittisan waliin qindoominaan hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.Kana malees naannawa yaa’aatti kan argaman naannoon Affaar,Amaaraa,Oromiyaafi Sumaalee adda durummaadhaan hirmaachisuun balaa lolaa ittisuuf qabatamaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Waggaa darbe sababa balaa lolaa Naannoo Affaaritti mudateen birrii miliyoona 45 ramaduudhaan iddoowwan lolaadhaan miidhaman lolaan lammata akka hin miineef hojiin suphaa riqichootaafi ujumoo hojjetamaa akka jirus beeksisaniiru.

Kana malees Naannoo Affaariifi Sumaaleetti balaan yoo mudate saffisaan tarkaanfii fudhachuun akka danda’amuuf Bidiruuwwan 4 bituuf adeemsarra kka jiramu ibsaniiru.Akkasumas Naannoo Amaaraatti waggaa darbe balaan lolaa kan itti mudate naannawa Danbiyaa irraa saaxilamumaa balaa hir’isuuf hidhoonni hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Magaalotatti yaa’ota bishaanii waliin hojjechuun kan barbaachisu yoo ta’u hawaasnis barfata badaa balfi daandiirratti ittiin maqfamu ittisuudhaan ujumoowwan bishaan keessa darbuuf of eeggannoo taasisuu akka qabu hubachiisaniiru.Itti dabaluunis Itiyoophiyaa miidhaa kan jiru balaa hinbeekamne utuu hintaane balaawwan beekaman akka ta’an beekuudhaan barachuu qabna jedhan.

Naannoleetti qophii haal duree ittisa balaa wajjin walqabatee abbaan taayitaa misooma yaa’aa quu’annoo taasise bu’ura taasifachuun naannolee torba balaa lolaatiin miidhamu jedhamuun adda ba’an keessatti birrii milyoona 600’n hojiiwwan ittisa lolaa hojjetamaa akka jiran Addis Maaladaan beekuu dandeessee jirti.


አዲስ ማለዳ Adoolessa 2013 No 4

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com