የእለት ዜና

Qophii Naannolee filannoon marsaa duraa itti hin adeemsifamne

Views: 138

Boordiin filannoo Itiyoophiyaa qophii filannoo marsaa jahaffaatiif taasisaa ture xumuruun filannoon guutuu biyyaa waxabajjii 14/2013 akka adeemsifame niyaadatama.

Haata’u malee  boordichi filannoo guutuu biyyaa marsaa jahaffaa  guutummaatti waxabajjii 14 adeemsisuu hindandeenye.Sababa kanaanis filannicha  marsaa lamaan adeemsisuuf dirqameera.Boordichi filannicha marsaa lamaan adeemsisuun isaa gama paartiiwwan tokko tokkootiin dhimma komii kaasise akka ta’e kan yaadatamudha.

Filannicha marsaa lamaan adeemsisuuf kan dirqame boordiin filannoo, filannoo marsaa jalqabaa waxabajjii 14 adeemsisuun paartii moo’ate akka beeksise ni yaadatama.Bu’aa filannoo marsaa jalqabaa boordichi ifoomseen paartiin badhaadhinaa sagalee caalmaa kan argate yoo ta’u paartiiwwan morkattoota filannichatti hirmaatan keessaa muraasni  mana marii bakka bu’oota ummataafi manneen marii naannootti teessoo argachuu danda’aniiru.

Filannichi marsaa lamaan adeemsifamuun isaa  ummata filatu biratti yaadni rakkoo xiin-sammuu uumuu danda’a jedhu ka’aa akka tures kan yaadatamudha.Bu’aan filannoo marsaa jalqabaa erga beekamee booda  filannoon naannolee muraasatti adeemsifamu bu’aa waliigalaa irratti jijjiirama fiduu hindanda’u yaadi jedhu  akka sababaatti ka’a.Haata’u malee filannichi marsaa lamaan adeemsifamuun isaa dhugaa ta’uuniifi bu’aan filannoo marsaa jalqabaa  beekamus  paartiiwwan siyaasaa filannoo marsaa lammaffaa eeggachaa jiru.

Naannolee filannoon itti hin adeemsifamnetti kan adeemsifamuufi filannoon marsaa lammataa Qaammee 1/2013 beellamni qabameef paartiiwwan morkattoota tokko tokkoon muraasas ta’u jijjiirama fiduu akka danda’u abadatameera.

Filannoon ummataafi dhimmoolee waloo ilaalchisuun akka bulchuuf taayitaan kan kennameef dhaaba mootummaa jedhamu jidduutti quunnamtii jiru sirreessuuf,akkasumas taayitaan siyaasaa fedhii ummataa qofaan kan argamu akka ta’uuf bu’ura kaawuuf kan dandeessisu akka ta’u eegama jedhu paartileen.

Carraan gara fuulduraa Itiyoophiyaa kan murteeffamu  filannoon guutuu biyyaa kun akka biyyaattis ta’e akka naannootti sirna demokraasii cimaafi itti fufiinsa qabu ijaaruufi rakkoolee boora’uu nagaa  yaaddessaa ta’aniifi naannolee gara garaa keessatti mul’atan  madda isaaniirraa gogsuuf tarkaanfiiwwan yeroo dheeraa fudhachuuf kan gargaaru akka ta’e ibsamaa jira.

Dararama bulchiinsaa walxaxaa biyyaafi ummata irratti raawwatamaa ture,hojmaata haqaan alaa bu’ura gadi fageeffateefi  adeemsa farra demookraasii bu’uraan jijjiiruun akka biyyaatti haala yaaddessaa nudura dhaabbateefi balaa birmadummaa  maqsuuf  filannoon fala xumuraa akka ta’e baay’onni irratti waliigalu.

Kanaafuu siyaasa barame akkasumas haala hawaasi-diinagdee irraa ka’uudhaan akkasumas fedhii ummataatiif bitamuudhaan hojii riiffoormii bal’aa galmaan ga’uuf dura irratti nagaafi tasgabbiin akkasumas ol’aantummaan seeraa mirkanaa’uu akka qabus niamanama.

Kana gochuufis lammiin hundiifi qaamni hawaasaa haala tasgabbaa’een,dammaqinaafi bal’inaan filannootti hirmaachuunsaa barbaachisaa ta’uusaarrayyuu nagaafi demokraasiin wabii waaraa qabu akka jiraatuuf,guddinni hawaas-diinagdee akka saffisuufi hawaasa siyaasa tokkoo ol’aantummaa seeraafi fedhii ummataa irratti bu’uraaye  waloon ijaaruuf hojjechuun ni barbaachisa kan jedhan itti gaafatamaa sab-quunnmatii paartii demookraatawaa Boroo Dr.Mabraatuu Alamuuti.

Beeniishaangulitti filannoon kan itti hin adeemsifamne godinaalee Matakkaliifi Kamaashiitti  hanga ammaatti rakkooleen tasgabbi waan mul’ataniif yaaddoo akka qaban Mabraatuun Addis Maalaadaatti himaniiru.

Keessumattuu godinaalee lamaanitti nagaan akka hinbuune kan ibsan Mabraatuun tibbana ammoo rakkoon nagaa dhabuu dabalaa aakka dhufe kaasaniiru.Gama kanaan hanga ammaatti gabatee yeroo filannoo baasuufi socho’uun akka hindanda’amne eeraniiru.

Godinaalee Matakkaliifi Kamaashiitti buqqa’uun lammiiwwaniifi haleellaan bifa jijjiirrachaa akka dhufe kan eeran Mabraatuun naannawa lammiiwwan tasgabbaa’anii keessa hin jiraannetti filannoo adeemsisuun rakkoo guddaa qabaata jedhaniiru.Walqabsiisuunis haala sababiinsaa hin beekamneen dorgomaa kaadhimamaan paartii isaanii tibbana ajjeeffamee akka argame kaasaniiru.

Karaa birootiin filannoo waxabajjii 14/2013 adeemsifameen barbaachisummaa sab-quunnamtiilee akka baruumsaatti fudhannee jirra kan jedhan Mabraatuun waldaaleen siiviikiifi taajjabdoonni filannoo murteessaa akka ta’an sirritti hubannee jirra jedhan.

Kanaanis dhaabbileen kun filannichi bilisa,haqa qabeessaafi demookraatawa akka ta’uuf shoora ol’aanaa gumaachuu akka danda’an hubachiisaniiru.

Akka paartiitti filannichi karaa nagaatiin akka xumuramuuf qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin hojjetamaa akka jiru kaasuun filannicha adeemsisuuf qophiin gahaan akka taasifame eeraniiru.

Kana malees waltajjiin demookraasii biyyattiitti uumamaa jiru,waliin jireenya ummattootaatiif ,wal danda’uu,waliif yaaduufi  kabajamuu mirgoolee heea mootummaatiif haalli mijaawaan akka uumamuuf sochiin guutuu biyyaa filannoo waxabajjii 14 gadi hin taaneen xiyyeffannoon ol’aanaan kennamuufii qaba jedhaniiru.

Kun hundumtuu carraa fuulduraa murteessuufi dhugoomsuuf,filannoo nagaa,tasgabbaa’aa,haqa qabeessaafi demookraatawa ta’e adeemsisuuf  qaamni dhimmi ilaallatuun hundi xiyyeeffannoo kennuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dura taa’aan paartii demookraasummaa Sumaalee lixaa Hirsii Dool Hirsii gamasaaniitiin filannoo guutuu biyyaa darbe irraa baruumsa hedduu arganneerra jedhaniiru.

Gama kanaanis filannichi bilisa,haqa qabeessaafi amanamaa akka ta’uuf taajjabdoonni paartii dammaqinaan akka hordofan taasisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Rakkooleen yoo mudatanillee paartileen tokko ta’uun qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin filannichi karaa nagaatiin akka xumuramuuf shoora gama keenyaa ba’uuf hojjechaa jirra jechuun hubachiisaniiru.

Naannichatti iddoowwan filannoon itti adeemsifamutti yaaddoon nagaafi tasgabbii akka hin jirre kan kaasan dura taa’ichi gama kanaan haalli tasagbbii fooyya’aan akka jiru eeraniiru.

Naannoo Beeniishaangulul Gumuziifi iddoowwan biroo rakkoon tasgabbii itti mul’atutti  raawwachiiftoota filannootiif leenjii kennuun akka hin danda’amne  boordiin filannoo Itiyoophiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Walitti qabduun boordii filannoo Itiyoophiyaa Burtukaan Miidhagsaa bakka bu’oota paartiiwwan siyaasaatti akka himanitti galmeen filattootaa iddoo hundatti jalqabamuu kan qabu ta’us iddoowwan muraasatti adeemsi dubbatti harkifannaa mul’ateera.

‘Tasgabbiifi haalota yaaddessaa kana wajjin walqabataniin iddoowwan leenjii itti hinkennine jiru’kan jedhan walitti qabduun boordichaa maalif leenjii kennuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.

Iddoowwan Beeniishaanguul Gumuuzitti leenjiin itti hin kennamne godina Matakkaliifi Kamaashii akka ta’an kan eeran Burtukaan odeeffannoo mootummaan naannichaa dhiyeessu irratti bu’uraawuun iddoowwan lamaaniif haala galmee adda ta’e akka hordofan dubbatan.Godina Matakkalitti leenjii kennuun kan hin danda’amne ‘Ummanni hammam buqqa’ee akka jiruufi ammamtu ammoo gara qayeesaatti akka deebi’e’ gaaffiin odeeffannoo mootummaa naannichaatiif dhiyaate dafee waan hin ergamneef akka ta’e ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa leejiifis ta’e galmee filattootaatiif iddoon kamtu mijaawaa akka ta’e akkasumas iddoon yaaddessaan kam akka ta’e adda baasuudhaan akka erguuf gaafatamee deebii waan hin kennineef deebii eeggachaa jirra’jechuun sababa gufuu galmee ibsaniiru.

Naannoon Sumaaleefi Harariitis akkuma Beeniishaangul odeeffannoon mootummoota naannolee irraa barbaadamu xumuramee waan hin galleef rakkooleen akka mudatan eeraniiru.

Naannolee sadeen malees rakkoon boora’uu nagaa kan itti mudate naannoo Amaaraa Shawaa kaabaafi godina addaa saba Oromoo naannoowwan filannoo afur irratti leenjiin raawwachiiftoota filannoos ta’e raabsii meeshaalee galmee filattootaa  boordichi raawwachuu akka hin dandeenye  walitti qabduun boordichaa akka ibsan kan yaadatamudha.

Sababa rakkoo tasgabbiifi kanneen birootiin filannoo guutuu biyyaa al tokkotti adeemsisuu kan dadhabe boordiin filannoo Itiyoophiyaa  filannicha marsaa lamaan adeemsisusuf erga dirqamee booda bu’aa filannoo marsaa jalqabaa beeksisuudhaan filannoo marsaa lammaffaatiif qophaa’aa jira.

Boordichi filannoo marsaa duraa yoo adeemsisu rakkoolee isa mudatan irraa ka’uudhaan filannoo marsaa lammaffaa haala fooyya’uumsa qabuun adeemsisa jedhamee eegama.

Naannolee filannoon itti hin adeemsifamneefi iddoowwan muramanii hafanitti keessumattuu  Naannoo Beeniishaangul Gumuuz godina Matakkaliifi Kamaashiitti haalli tasgabbii filannoo adeemsisuuf mijataa yoo ta’uu baate boordichi Qaammee 1/2013 filannoo adeemsisuu akka hindandeenye walitti qabduun boordichaa akka ibsan niyaadatama.

Naannolee biyyattii irra jiraatti waxabajjii 14/2013 filannoon marsaa jahaffaa yoo adeemsifamu Naannoo Sumaalee,Harariifi Beeniishaangul Gumuuzitti sababa rakkoo tasgabbii,waraqaan sagaleen ittiin kennamu tajaajilaan ala ta’uusaatiiniifi dhimmoolee falmii mana murtee mootummoota naannoleetiin dhiyaateen filannoon akka hin adeemsifamne ni yaadatama.

Paartiiwwan naannoo Sumaalee,Harariifi Beeniishaangul Gumuuz Addis Maaladaan dubbifteen filannoon marsaa jalqabaa naannoo isaaniitti adeemsifamuu dhabuunsaa komiifi yaaddoo akka itti uume ibsaniiru.

Naannolee kanatti sababoota gara garaatiin filannoo adeemsisuu akka hin dandeenye kan ibse Boordiin filannoo Itiyoophiyaa Qaammee 1/2013 naannolee kanatti filannoo akka adeemsisu kan beeksise ta’uunsaa ni yaadatama.

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com