የእለት ዜና

Dhiyeessii Humnaa Ganna Keessa Fayyadamtoota Miidhu

Views: 165

Itiyoophiyaatti keessumattuu magaalota xixiqqootti baatiiwwan gannaa yoo seenan rakkoon addaan ciccituu humna ibsaa haala jireenya jiraattotaa kan qorudha.Ganna baranaa kanas dhimma bal’inaan mul’atu akka ta’e magaalota xixiqqoo biyya keenyaa baadiyaa jiranitti addaan ciccituun dhiyeessii humnaa akka bal’inaan jiru taajjabuun nidanda’ama.Tajaajilli elektiriika Itiyoophiyaa irra deddeebiidhaan hojii fooyyessaa hojjechaa akka jiru ibsaa turus borumtii ganni seenetti addaan ciccituu ibsaa nijalqaba.Kunis kan rakkoo itti uume akka ta’e namoonni dhuunfaa hojiiwwan adda addaa irratti bobba’aniifi yaadasaanii Addis Maaladaaf kennan nidubbatu.

Itiyoophiyaatti humna elektiriikaa qofaasaatti kan dhiyeessu humna elektiriika Itiyoophiyaa yoo ta’u tajaajila kan kennu ammoo tajaajila elektiriika Itiyoophiyaati.Tajaajila elektiriikaa irratti humna elektiriikaa raabsu irratti yeroo baay’ee komiin yoo itti dhiyaatu nidhaga’ama.Tajaajilli elektiriikaa itti quufiinsa maamiltootaa kan hinguunne ta’uusaa wajjin walqabatee maqaansaa waan gaariidhaan hin ka’u.Waqtiin ganna yoo ta’u ammoo komiin nihammaata

Tajaajilli elektiriika Itiyoophiyaa itti quufiinsa maamiltootaa medaaluuf akka isa gargaaruuf baatii Sadaasaa bara 2013 quu’annoo baankii addunyaa wajjin wal ta’uun quu’achiiseen humni elektiriikaa biyya keenya jiru sababa adda addaatiin akka addaan ciccitu ibsameera.Kana irras darbee bara 2011 sadarkaa guutuu biyyaatiin dabareedhaan tajaajila yoo kennu mul’ateera.Bara 2012 dhaqqabamummaa sadarkaa dhaabaatiin jiru guddisuufi addaan ciccituu humnaa hojiiwwan pirojaktii kaappitaalaa hojjetamaa akka jiran gabaasi dhaabbatichaa kan bara 2012 nimul’isa.Dhaabbatichi pirojaktoota hedduu hojjechaa kan jiru yoo ta’es bu’aan quu’annichaa akka mul’isutti taanaan addaan ciccituu humnaa irratti  komiin hawaasaa ol’aanaadha.Hirmaattoota quu’annichaa keessaa 3/4ffaa kan ta’an addaan ciccituun humna elektiriikaa irra deddeebii hedduu akka qabu ibsaniiru.Lakkoofsi kun hedduu ol’aanaadha jedhameera.

Irra deddeebiin addaan ciccituu kun ammoo dameewwan hedduu irratti dhiibbaa kan uume ta’uunsaa haqa hinhaalamnedha.Addaan ciccituu kanaafi  baay’ina yeroo addaan citee itti turu ilaalchisee bara 2020 kan ba’e The World Bank’s Enterprise Surveys(WBES) akka mul’isutti  biyyaaleen sahaaraadhaa gadi jiranitti  baatii tokko keessatti  al kudha tokko caalaa ibsaan akka addaan citu ibsa.Yeroo kana keessatti ibsaan yeroo sa’aatii jahaa gadi hintaaneef bade akka turu barreeffamichi nimul’isa

Haalli kun biyya keenya keessattis kan mul’atu waan ta’eef addaan ciccituun ibsaafi yeroon bade itti turu rakkoon hawaas-diinagdee uumu akka jiru niamanama.

Wayita ammaa sadarkaa waan hundumaani,jedhamuun humna elektiriikaatiin socho’uun erga eegalame bubbuleera.Dhiyeessii jiru abdachuudhaan hojiisaanii humna elektiriikaa irratti kan hundessaniif ammoo dhiibbaan jiru salphaadha kan jedhamu miti.

Hojii biddeen tolchanii raabsuu irratti kan bobba’aniifi namoonni maqaan isaanii akka hindha’amne barbaadan,ganni erga seenee asitti sababa addaan ciccituu ibsaatiin hojiisaanii haala quubsaadhaan hojjechaa akka hinjirre ibsaniiru.

Dhiibbaan waqtii kana jiru nibeekama jedhan yaadasaanii kennuu yoo eegalan.Hojii keenya sirritti hojjechuu akka hindandeenyeefi bu’a qabeessa akka hintaaneef dhiibbaa guddaa qaba jechuun himan.Maamiltoota isaaniis keessummeessuu akka dadhaban dubbatu.Maamiltoota ajaja kennaniif ajaja isaaniif yerootti deebii akka hinkennineef gufuu nutti ta’eera jechuuns himan.

Ibsaan yoo badu filmaanni qabnu hanga deebi’ee dhufutti  callisanii akka taa’aniifi kunis galiin isaanii akka gadi bu’u taasisuusaa himan.

Namni biroo sababa addaan ciccituu ibsaatiin rakkatan fiilmiiwwan biyya alaa filaashiitti fe’uudhaaniifi tajaajila intarneettii kennuudhaan kan jiraatan Suraafeel Getaachooti.Damee hojii kana irra waggoota jahaaf akka turan kan nutti himan namni kun ganna kana keessa hojjechuu akka hindandeenye dubbatan.’Yookan dabaree yoo ta’es nutti yaa humaniitii guyyaa ibsaan hin jirre yoo beekne baasii geejjibaa nihanbifanna’jechuun dubbatan.

Rakkoon ibsaas koronaanis daddabalamee hojii hojjechuu akka hindandeenyeefi hawwii ibsaan nijiraata jedhuun gara iddoo hojii deemuufi yoo ibsaan hinjirre ammoo baasii geejibaa baasuun deebi’uu qofa akka ta’e dubbatan.Maamiloota isaaniis sababa rakkoo ibsaatiin dhaabaa akka jiran eeran.

Addaan ciccituun ibsaa kallatiinis ta’e al-kallattiin dhaabbilee irratti rakkoo niuuma.Sababa addaan ciccituu ibsaatiin mindaa hojjetaa irraa egalee baasiiwwan adda addaa waan jiraniif kasaaraan mudachuu akka danda’us niyaadama.

Rakkoo addaan ciccituu ibsaa kana irratti yaadasaanii kan nuuf kennan hojii gaggeessaan komunikeeshinii tajaajila Addis Ababaa Baqqala Kiflee yoo dubbatan,humni sababa lamaan kan addaan citu yoo ta’u tajaajilaan ala ta’uufi karooraan akka ta’e hubachiisan.

Irra jiraadhaan amma magaalaa keessstti kan mudachaa jiru sababa tajaajilaan ala ta’uu akka ta’e ibsan.Yeroo baay’ee sababa mukkeeniin shiboon yoo tuttuqamu humni akka addaan cituufi darbee darbees  shiboowwan yoo faalla’an addaan ciccituun ibsaa akka mudatu himan.

Magaalaa keenyatti wayita ammaa hojii deebisanii ijaaruu ol’aanaan hojjetamaa akka jiru kan himan hojii gagggeessichi,yeroo kanatti kan addaan ciccitu karooraan akka ta’e dubbatan.

Sararri fedhii humnaa baachuu hindandeenye ganni yoo itti dabalamu tajaajilaan ala ta’uuf kan saaxilame akka ta’e hojii gaggeessaan komunikeeshinii kun himaniiru.Wayita ammaa miidhaan konkollaattotaan utubaa irra ga’u,kufuun mukkkeenii,ijaarsaafi hojiiwwan daandiitiin shiboon elektiriikaa cituusaa wajjin walqabatee balaawwan mudatan ibsaan akka addaan cituuf sababa ta’uusaanii ibsu.Dhimmooleen kun gaaffii rakkoo bulchiinsa gaarii mana hojii isaanii irratti kaasisaa akka jirus dubbatan

Kanaan dura tajaajulli elektiriika Itiyoophiyaa rakkoo mudatu hir’isuuf akkasumas dhaqqabamummaa mirkaneessuuf hojjechaa  akka jiru kan ibse ta’uunsaa niyaadatama.Kanneen keessaa qabeenya idilee lakkaa’uufi galmeessuun keessatti argama.

Kan galmeeffaman jidduudhaa sararawwan gadi aanaafi jiddu galaa akkasumas odeeffannoo tiraansfoomarootaa walitti qabuufi adda baaftuu kennuun,dijitaala taasisuun rakkoolee uumaman saffisaan hiikuuf hojjetamaa jira jedhamus ammas rakkoon fala hinarganne.

Dhaabbatichi ammas addaan ciccituu humnaaa sirreeessuu akka hindandeenye namni yaadasaanii nuuf kennan dubbataniiru.Barakat Wubisheet maamilootasaaf nyaata dhiyeessuun kan jiraatan yoo ta’u kanaan dura rakkoon addaan ciccituu ibsaa akka hin jirre yaadatan.Kanaan dura yoo bades dafee deebi’ee dhufa,amma garuu guyyaa guutuu ibsaan badee akka oolu nutti himan.Hojii keenya irrattis kasaaraa nujalaa fidaa jira jedhuun dubbatan.

Guyyaa ibsaan hindhaamne dhaabbanni isaanii galii hanga birrii kuma shanii akka hojjetu kan ibsan Barakat amma garuu ibsaan baduu erga eegalee asitti guyyaatti galii birrii dhibba sadiifi shantama qofa argachaa akka jiran niyaadatu.

Maamiloonnikoo irra jiraan barattoota yuuniivarsiitii dhuunfaati kan jedhan Barakat barattoonni ammoo kan fayyadaman laaqana waan ta’eef dhaqqabsiisuun waan hindanda’amneef  kasaaraadhaaf saaxilamaa akka jiran dubbatan.Guutummaatti hojiin isaanii ibsaa irratti kan bu’uraaye akka ta’e kan ibsa namni yaada kennan kun addaan ciccituun ibsaa waan heddummatuuf waan maamiloonni barbaadan dhiyeessuufi akka hindandeenyeefi maamiloonni isaanii gara iddoo biroo jalaa deemaa jiran ibsan.Haalli kun ammoo hojii isaanii irratti dhiibbaa uumuu danda’a yaaddoo jedhu akka qaban ibsan.

Baatii Adoolessaa amma keessa jirru kanatti rakkoon jiru hammaachaa akka deeme kan himan Barakat’Ta’uu baannaan dabareedhaan tajaajila utuu argannee wayya’ jedhan,Yeroo ibsaan addaan citu akka sirrreessaniif yoo bilbilluuf rakkoo xiqqoo akka ta’e yoo nutti himanis waan hinsirroofneef hojii dhaabanii taa’uudhaan ala furmaata akka hinarganne eeran.

Iddoon jireenya isaanii naannawa Hayilee gaarmant akka ta’e kan dubbatan namni kun dhimmi addaan ciccituu ibsaa naannawa hundatti kan mul’achaa jiru waan ta’eef nifooyya’a jechuun abdachuudhaan ala wanti gochuu danda’an tokkollee akka hinjirre mira abdii kutannaatiin ibsan.

Ganni cimuun rakkoo ol’aanaa akka ta’e ibsamus mana hojichaatiif rakkoo guddaa ta’aa kan dhufe hanna humnaa akka ta’e hojii gaggeessichi kasaniiru.Namoonni humna hatuudhaan fayyadaman kun sarara dhiphisuudhaan humni akka addaan citu taasisuun tiraansfoormarii dabalatee  meeshaaleen gara garaa sharafa alaatiin bitaman tajaajilaan ala akka ta’an taasisaa jiru jedhan.

Rakkoolee akka kanaatiif fala barbaaduuf lakkooftuun akka sakatta’amu kan himan Baqqala Kiflee humna hatame fayyadamuun biddeen kan tolchan,hojii sibiilaa kan hojjetaniifi gareewwan hojiiwwan xixiqqaadhaan gurmaa’an akka argaman eeran.Kanneen hojiiiwwan seeraan alaa kana irratti bobba’an  seera duratti dhiyeessuuf hojjetamaa akka jiru hojii gaggeessaan komunikeeshinii tajaajila elektiriikaa magaalaa Addis Ababaa Baqqala Kiflee himaniiru.

Bara 2013 keessa tajaajilli elektiriikaa Addis Ababaa raawwii gaarii akka qabu kan ibsan hojii gaggeessichi rakkooleen galtee waggaa waggaadhaan mul’atan jiraatanis amma akka guutaman dubbatan.Rakkoolee mudatan furuuf hirmaannaan ummataa barbaachisaadhas jedhan.

Rakkoo addaan ciccituu ibsaa magaalaatti mul’atuuf yoomiifi akkamitti waarummaan fala barbaaduun akka danda’amu qabatamaan beekamuu baatus akkuma Barakat Wubisheet niffooyya’a jechuun abdiidhaan eeguun ala filmaanni biroo waan jiru hinfakkaatu

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com