የእለት ዜና

Bara bajataa kanatti Naannoo Affaariif liqaan akka hinraabsamne himame

-Naannichatti hammentaa liqaa deebisuu dhibbentaan tokkotu galmeeffame

Ejensiin wabii nyaataafi carraa hojii magaalota Federaalaa bara bajataa 2013 Naannoo Affaariif raabsii liqaa kamiyyuu akka hidhiyeessine beeksiseera.Sababii muummee liqaan dhiyaachuu dhabuuti jedhamee kan himame haalli liqaa deebisuu naannichaa gadi aanaa ta’uu dursa gareen dhimmoota komunikeeshinii ejenssichaa Aboozzanach Nagaash Addis Maaladaatti himaniiru.Haala deebii liqaa Naannoo Affaar irratti hanqina ol’aanaa mul’ateen liqaa raabsuun akka hindanda’amnes eeraniiru.

Bara bajataa 2013 keessa liqaan raabsame sadarkaa Naannootiin Oromiyaan birrii biliyoona 1.1,Naannoon Amaaraa birrii biliyoona 1.7fi bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa birrii miliyoona 120,Finfinneen birrii biliyoona 1.2 raawwii jiddu galaa kan qaban yoo ta’an kanneen hafan heddu gadi aanaadha jedhameera.Beeniishaangul Gumuuz birrii miliyoona 3.2,Sidaamaa birrii miliyoona 119.7,Naannoon Gaambeellaa birrii miliyoona 2.9,Hararii birrii miliyoona 19.6,Kibba birrii miliyoona 588,Somaalee birrii miliyoona 61.1 akka ta’e gabaasi ejenssichi baase nimul’isa.Haata’uutii Naannoo Affaaritti raabsiin liqaa akka hintaasifamne ejenssichi gabaasa baaseen kan eere yoo ta’u kana malees gabaaasichi liaqaa Naannoo Affaaritti raabsame deebisuun kan danda’ame dhibbentaan tokko qofa akka ta’e mul’iseera.

Raabsiin liqaa haala liqaan ittiin deebi’ub wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya akka qabu kan himan dursa gaareen tun dhaabbilee maayikroo faayinaansii naannoleetti argamanitti haalli liqaan ittiin deebi’u dhibbentaan 97 yoo ga’uu baate raabsiirratti rakkisaa akka ta’u himan.

Gabaasichi akka mul’isutti liqaa raabsame keessaa kan deebisuuf karoorafatan wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu  Dirree Dawaan birrii miliyoona 117.6,Somaaleen birrii miliyoona 52.2,Finfinneen birrii miliyoona 996,Amaaraa birrii biliyoona 1.3fi Naannoon Oromiyaa birrii biiliyoona 1.2’n raawwii fooyya’aa kan mul’isan yoo ta’an kanneen hafan Sidaamaan birrii miliyoona 107.8,Harariin birrii miliyoona 16.9 Kibbi birrii miliyoona 440.Gaambeellaan birrii miliyoona 1.9,Beeniishaanguul Gumuuz birrii miliyoona 4.4fi Affaar birrii kuma 651’n raawwii gadi aanaa kan qabanidha.Ejenssichi liqaa bara bajataatti raabse birrii biliyoona 7.6 wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu kan baranaa dhibbentaan 32.8’n akka gadi hiiqe beeksiseera.

Haala sadarkaa guutuu biyyaatiini,jedhamuun akkaataa liqaan ittiin deebi’u irratti rakkooleen ni mul’atu.Sababiin ol’aanaan rakkoo kanaa ilaalcha liqaa irratti jiru akka ta’e kan himan Aboozzanach gama liqeeffattootaatiin al tokko tokko’ga’ee lammummaakoon fudhadhe’jechuun liqaan akka hindeebineef yaalii taasisuun akka jiru himaniiru.

Kana malees akka sababaatti kan kaasan liqeeffachuun baduufi liqaa fudhachuun gara baqannaa deemuun akka jiru eeraniiru.

Akkasumas adeemsa liqaa isa sirrii utuu hin hordofin liqaawwan fudhataman dhaabbilee maayikiroo faayinaansii irratti dhiibbaa uumaa akka jiran eerameera.Keessumattuu haala siyaasaa wayitaawaa qabbaneessuuf jecha liqaawwan fandii marmaartuun kennaman walitti qabuun rakkisaa akka ta’e himama.Liqaawwan kun adeemsa liqaa sirrii hordofuudhaan waan hinkennamneef adeemsa hojii liqaa kenname walitti qabuu rakkisaa taasisa.

Liqaawwan walitti hinqabamne dhaabbileen maayikiroo faayinaansii akka hinsochooneef  gufuu akka itti ta’an dursa gareen tun ibsuudhaan sababa kanaan haala liqaan ittiin deebi’u irratti daran hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Lammiiwwan baqannaa irraa deebi’an hojiitti bobbaasuu wajjin walqabatee dhiyeessii liqaa,iddoo hojii mijeessuun gama hojiitti bobbaasuutiin hammeentaa barbaadamuun akka hin hojjetamne kan himan Aboozzanach sababa kanaan lammiiwwan baqannaa irraa deebi’an kuma 21fi 925 hojiitti bobbaasuuf karoorfamus carraa hojii uumuun kan danda’ame lammiiwwan kuma 7fi 181 qofaaf akka ta’e beeksisaniiru.

 

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

error: Content is protected !!