የእለት ዜና

Dhugaa Bal’ina Bosona Keenyaa

Views: 112

Bosonni addunyaadhaaf barbaachisaadha jechuun hubachiisuuf yaaluun Sonbi ilma namaatiif barbaachisaadha jechuun barsiisuuf akka yaaluuti.Barbaachisummaa biqilootaa Daa’imummaa irraa eegaluun barachaa guddannus manca’ina bosonaa garuu akka ummataatti hanbisuu utuu hindanda’in hammentaan qabeenya bosonaa gadi aanaa akka ta’e odeeffannoowwan jiran nimul’isu.Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa(FAO) akkaataa gabaasa lakkoofsa faranjootaa bara 2020 baaseen waggaa waggaadhaan hammentaan qabeenya bosonaa hektaara kuma 92’n hir’ata.Hamentaan bosonaa waggaa tokkotti bal’atus hektaara kuma 19 qofaa waan ta’eef waggaa waggaadhaan walumaagalatti lafa hektaara kuma 73 irraa qabeenyi bosonaa nimanca’a.Akka lakkoofsa faranjootaa bara 1990 irraa eegalee waggoota 20’f bosona jiru irraa dhibbentaan 18.6 ykn. lafa hektaara kuma 511 irraa bosonni mancaafameera.

Bal’inni lafa Itiyoophiyaa kaaree kiloo meetitira miliyoona 1.13 akka ta’e nibeekama.Bal’ina lafaa hamma kana keessaa lafti qotame dhibbentaan 15.2 qofa akka ta’e gabaasa waggaa Baankiin Biyyaalessaa waggaa darbe baase irraa hubachuun nidanda’ama.Lakkoofsi kun bara 1990 keessa dhibbentaan 45 ture jedhamuun kan galmeeffame ta’us bara 2011 dhibbentaan 14.3 hanga 15.2 akka ta’u sanadoonni idil addunyaa nimul’isu.Qotamuu kan danda’u lafa kanaan ala lafti qabeenyi bosonaa irra jiru dhibbentaan naannawa 15 akka ta’e odeeffannoon dhaabbanni nyaataa addunyaa baase nieera.

Akka lakkoofsa faranjootaa bara 1990 qabeenyi bosonaa lafa hektaara miliyoona 19fi kuma 258 irra ture manca’uudhaan bara 2020 gara lafa hektaara miliyoona 17fi kuma 68’tti gadi bu’eera.Akkaataa ulaagaa idil addunyaatiin lafti huura dheerinnisaa meetira lama hincaalleen qabameefi akka bosonaatti hin lakkaa’amne lafa hektaara miliyoona 22fi kuma 394 akka ta’e tilmaamameera.Bal’ina lafa waliigalaa Itiyoophiyaa hektaara miliyoona 111fi kuma 971 keessaa lakkoofsi kun xiqqaa akka ta’e kan nama walmormisiisu miti.Lafa hektaara miliyoona 17 bosonni irra jiru keessaa miliyoonni 15fi kumni 865 bosona uumamaa yoo ta’u harka namaatiin kan dhaabame garuu baay’ee muraasadha.Carraaqqii namaatiin kan misoome lafa hektaara miliyoona 1fi kuma 203 qofa akka ta’e dhaabbatichi odeeffannoo bara 2015 irratti bu’uraa’uun  bal’inni qabeenya bosonaa bara 2020 maal akka fakkaatu odeeffannoo mul’isu baaseera.

Itiyoophiyaan bal’ina qabeenya bosonaa dabaluuf socho’uu erga jalqabdee waggaan 100 lakkaa’ameera.Atsee Minilik duwwaa ta’uu lafaa qofa utuu hintaane hanqina qoraanii furuuf Baar-gamoo fichisiisuudhaan bal’ina bosonaa amma jiru keessaa dhibbentaan 1.7 akka qabatu taasisaniiru.Bosona lafa hektaara miliyoonni 17 irra jiru keessaa sanyiin mukaa jiru lamaaniin ala kanneen hafan hundumtuu jechuun nidanda’ama,biqiltuu biyyaa akka ta’an quu’annooleen taasifaman nieeru.Carraaqqiin lafa irra qabeenyi bosonaa akka jiraatu taasifamu kan dhiyeenyatti jalqabame ta’uu baatus mootoonni kanaan duraa sanyiin durii akka hinmancaaneefi akka hintuqamneef imaammata eegsisuu irratti xiyyeeffate hordofaa turan.Waggoota kumaan dura akka hintuqamneef waardiyaan ramadameefi bakkuma jiran kan turan bosonni subbaafi bosonni duudaan kanaaf agarsiiftuu gaariidha.Kan batskaanni dalleessitee kan eegsiftu malees mootummoonnis hanga humnasaanii carraaqaa akka turan odeeffannoowwan jiran nimul’isu.

Biqiltuu dhaabuu ilaalchisee Atsee Minilik kan Baar-gamoo dhaabeef birriin xagaraan tokko badhaasaan nikennama jechuun jajjabeessuuf yaalaniiru kan jedhamuun ala wayita ammaa hawaasa hirmaachisuuf sochiin faayidaa irratti hundaa’e yeroo taasifamu hinmul’atu.

Mancaatiin bosonaa qonnaafis ta’e qoraaniif jedhamee raawwatamu kan babal’atu yeroo biyyattiin waraana keessa jirtuufi jijjiiramni mootummaa taasifamutti akka ta’e ogeeyyoonni irratti waliigalu.Qabeenyi bosonaa sirna mootii gonfootiin eegamaa turan yeroo mootummaan darguu bakka bu’u hagana mara xiyyeeffannoo waan hinarganneef dhibbaan jijjiiramaa ol’aanaa akka ture kan dubbatan jiru.Sirnichi bosona irraa fayyadamuu qabna jechuun dhaabbata’misooma bosonaa’jedhamu hundeessuudhaan namoota dhuunfaafis axaanaa manni ittiin ijaaramu dhiyeessuun manca’ina bosonaa hir’isuuf yaalee ture.

Bara sirna ADWUI paarkii jedhamuun iddoowwan adda addaatti biqiltuun dhaabamaa akka ture kan yaadatamudha.Keessumattuu Finfinnee  kutaa magaalaa Yakkaafi naannawa wiirtuu biqiltuu Gullalleetti akkasumas yaadannoo hooggantoota Afrikaatiif fuuldura maseeraa mootummaatti biqiltuun akka dhaabame niyaadatama.Kan kanaan dura haala kanaan dhaabaman sadarkaa maalirra akka gahan gabaasi mul’isu jiraachuu baatus Qabbannaafi Lidataa darbee akkasumas eembsii Ingliiz duubatti kan dhaabaman bosona ta’uudhaan hanga bineensi keessatti horutti dukkanaa’aniiru.

Waggoota sadeen darbanii asitti jijjiiramni nidhufa jedhamee ca’uumsi taayitaa erga taasifamee asitti bal’ina bosonaa dabaluuf carraaqqiin taasifamaa jiru sadarkaa idil addunyaatti hanga dhimma marii ta’uu ga’eera.Guyyaatti biqiltuun miliyoonni 350 dhaabameera yoo jedhamu akkamitti ta’uu danda’aa?jechuudhaan lammiin Itiyoophiyaa yoo xiqqaate biqiltuu sadi dhaabuu qaba jechuun  gadi qicuuf kan yaalan jiraatanis ragaa dhiyeessuu waan hindandeenyeef callisanii hafaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa akka lakkoofsa faranjootaa hanga bara 2022 biqiltuu biliyoona 20 dhaabuuf karoora qaba jedhamee himame ture.Waggaatti bilqiltuun biliyoonni 4,5.6 qophaa’ee dhaabamaas jira.Biqiltuun bilyoonni 1 biyya ollaatiif kennama jedhamuuns karoora qabame milkeessuuf yoo xiqqaate ammaan booda biqiltuu bilyoona 6 qopheessuun akka latu taasisuutu irraa eegama.

Karaa birootiin hammentaa kana jechuunis akkaataa lakkoofsa ummataatiin bilqiltuu dachaa 200 ta’u kunuunsuudhaan guddisuun rakkisaa ta’a kan jedhan jiru.Lammiin Itiyoophiyaa tokko yoo xiqaate biqiltuu 180 bishaan obaasee kunuunsee eeguutu irraa eegama.Uumamni kunuunsee iddoon mijaawaan itti guddisu jiraatus baatiin bonaa ga’uusaatiin dura hiddasaanii gadi fageessuudhaan hoongee dandamachuu kan hindandeenye hammam akka ta’an odeeffannoon lakkoofsaan mul’isu waan hinjirreef itti yaadamuu akka qabu kanneen duubbatan jiru.

Biqiltuu dhaabuun faayidaa kan qabu ta’us hordoffiifi kunuunsa malee jijjiirama akka hinfidine niamanama.Mootummaan biqiltuu hamma kana qopheessuudhaan bool’a qochisiisee gara iddoo itti dhaabamutti geejjibsiisuudhaan kanneen dhaaban dammaqsee akkasumas baasiiwwan adda addaa danda’ee biqiltuu tokkoof hammam akka baasu beekamuu baatus maallaqa guddaa akka ta’u ifadha.Qabeenya biyya hiyyeettiin qabdu wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu biqltuun bajanni ol’aanaan itti ba’e kunuunsa malee hafuu akka hinqabne ifadha.Kan waggoota lama dura dhaabaman roobni yoo badu kanneen dhaaban duulaan ba’anii baasii ol’aanaa kan brootin yeroo tokko qofa dhaqanii bishaan obaasuun isaanii waarummaa akka hinqabne baay’onni akka dubbatan niyaadatama.Idileedhaan hawaasni naannawa jiru dhiyeenyatti akka kunuunsuufi akka eegu yoo taasifamuu baate bu’a qabeessummaan isaa gadi aanaa akka ta’u kanneen dubbatan baay’eedha.

Karaa birootiin lakkoosi ol’aanaa ta’uusaa eeruun dhugaa jiru mirkaneessuuf kan yaalanis jiru.Lafa hektaara miliyoona 113 waliigalaan Itiyoophiyaan qabdu keessaa hammentaa bosonni itti dhaabamuu danda’u adda baasuudhaan kan dubbatanidha.Hektaarri miliyoonni 15 bosonni kan irra jiru waan ta’eef miliyoonni 22 huuraan kan qabame ta’uusaatiin,miliyoonni 20 kan qotamu waan ta’eef,hektaarri kumni 768 bishaan waan ta’eef akkasums naannoo akka Affaar gammoojjii ta’anitti biqiltuu dhaabuun waan hindanda’amneef kun yoo hir’atu iddoon hafe walkkaadhaan hir’ata.

Tilmaamaaf akka tolutti iddoo walkkaattu dhaabuun nidanda’ama yoo jedhamellee gara lafa karee meetira biiliyoona 555 ta’a.Kana jechuun lafa karee meetira 27 irratti biqiltuun tokko jiraachuu akka qabu mul’isa.Iddoo meetira 5fi shan ta’e irratti jiddu galaan biqiltuu tokko dhaabuun yoo barbaachise  dhiyeenya magaalaa amma jiruunillee biqiltuun bilyoonni 20 nidhaabama jechuun amanuun rakkisaa ta’a.Sadi-afraffaan hanga xumura waggaa kanaatti nidhaabama jechuun amanuuf lafa Itiyoophiyaa bosonni irraa mancaafame walbira qabuun tilmaamuun nibarbaachisa.

Namoonni dhugaan jiruufi lakkoofsi garaa garummaa qabu jedhan sababoota adda addaa dhiyeessu.Haala gabaasi ittiin dhiyaatu wajjin walqabatee garaa garummaan niuumama kan jedhan,akkaataa bajataafi baasii ba’uutiin qondaaltoonni kan beekaniifi kan lafa irra dhaabamu garaa garummaa qaba jechuun kan yaada kennan jiru.Kanneen biqiltuu qopheessan irraa eegalee lakkaa’ee kan fudhatuufi imalchiisee kan kennu lakkoofsa sirrii kennuusaa beekuun akka rakkisu nitilmaamu.Dhimmi kun sirritti quu’atamuun lakkoofsi jiru gama baasii ba’ee qofaan utuu hinta’in kan dhaabame wajjin walbiraqabamee ibsamuu akka qabu yaadasaanii kennu.Haala kun hintaaneen kunuunsuunis ta’e hammamtu akka late tilmaamuufi beekuuf yoo yaalame dogongora cimaadhaaf nama saaxila jedhu.

Biqiltuun yoo dhaabamu fageenya hangamiin dhaabamuu akka qabu sanyiidhaan garaa garummaan jiraatus lafa qotuu irraa eegalee kan qopheessan wajjn qindaa’uudhaan waliin hojjetamuu akka qabu ogeeyyoonni nidubbatu.Biliyoonni hammi kun dhaabame jedhamaa dargaggoonni dhaabuu barbaadan biqiltuun hinjiru yoo jedhaman dhaga’uunis waan baratamedha.Baasiin hedduun ba’ee hojjettoonni biqiltuu dhaabuuf erga imalanii booda hanqinni uumamuun utuu hindhaabin kan deebi’an akka jiranis dhaga’uun waan haarawa miti.

Qaamni mootummaa hojii biqltuu dhaabuu waltaasisu hanga yoonaatti hammam akka dhaabame,akkasumas hammamtu akka late,baasiin hammamii akka ba’e,karoora qabame keessaa sababa maaliitiin utuu hindhaabamin akka hafe,kan dhaabame keessaa hammamtu galii akka argamsiisuu danda’u sanyii muduraatii kan jedhu,biqiltuuleen eenyuun akka qophaa’an,lafa eenyuufi akkamiirratti akka dhaabaman,lakkoofsiifi too’annoon eenyuun akka adeemsifamu,haala ga’ee naannoleetiin kan qopheessaniifi kan dhaaban hammam akka ta’e eenyu akka eeguufi kunuunsuu akka danda’u akkasumas biyya ollaatiif nikennamu kan jedhaman keessaa hammam akka fudhataman ykn.baasii keenyaan kennamuun dhaabaman isa jedhu irratti ummataaf beeksisuutu irraa eegama.Dhimma kana irratti itti gaafatamaan mootummaa dhimmi isaan ilaallatu sababa hojiitiin magaalaa keessaa waan ba’aniif odeeffannoo argachuu waan hindandeenyeef fuulduratti dhiyeessuuf niyaalla.

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com