የእለት ዜና

Dhiibbaa Qaala’iinsa Gatiifi Xumurasaa

Views: 224

Sannaayit Akaaluu umuriidhaan waggaa soddomoota keessatti kan argamtu yoo taatu haadha ijoollee sadiiti.Sannaayit hojii daldala koosmootiksii utuu hojjechaa jirtuu Addis Maaladaa wajjin walagarte.Qaala’iinsa jireenyaa too’achuun wayitii ammaa ulfaataa akka ta’e dubbatte.’Miidiyaawwan irra deddeebiidhaan hojjettanis jijjiiramni dhufuu waan hindandeenyeef dubbachuu dhiisuu wayya’.jechuudhaan jalqabde.Maatii hundeessuudhaan ijoollee sadi kan horatte Sannaayit wayitii ammaa hojii daldalaatiin jiraachaa jirti.Ijoollee ishii guddisuuf mana hojii itti mindeeffamtee hojjechaa turte gadi lakkisuudhaan giiftii manaa ta’uudhaan jiraachaa akka turte kan himte Sannaayit,amma garuu jireenya moo’achuuf hojii dhuunfaa eegaluun hojjechaa jirti.Dhugumatti hojiin daldalaa ishii milkaa’aadha jedhamuu baatus galii abbaan warraashii maatii deeggaruuf fidu tumsuuf galii ta’u niargatti.

‘Wayita ammaa Itiyoophiyaa keessatti daa’ima sadi qabachuun nyaannee buluun haala hedduu ulfaataa ta’erra geenyee jirra’.jechuun Addis Maaladaatti himtee jirti.Keessumattuu ijoolleen ishii lamaan mana barnootaa kan galan waan ta’aniif qaala’iinsa jireenyaa malees kaffaltiin mana barnootaa kan mataa nama bowwaafachiisu akka ta’e dubbatte.’Nyaata ijoolleenkoo nyaachuu qaban nyaachisuun ulfaataadha.Al tokko tokko inumaatuu nyaata isaan barbaadan utuu hinkenniniif waanuma manatti argame sooruun dirqama ta’a’.jettee jirti.’Namoonni akkakoo galii jiddu galeessaa qaban hanga barbaadnu ta’uu baatus nyaannee bulaa jirra.Dabalatini nyaata tokkoon tokkoon irra jiru hawaasa hiyyeessa jiddu galeessa kan taasise miti.Meeshaawwan ani daldalaaf bitu hundi gatiinsaanii kan qaala’edha.Maamilli gatii kanaan akkamitti ana irraa bita? jechuun omishi utuu hin bitin dhiisu jiraatus meeshaaleen irra jiraan ani bitu biyya alaa irraa kan dhufan waan ta’aniif doollaarri waan dabaleef jechuun sababa kennu’jechuun ibsitee jirti.

Qaala’iinsi jireenyaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe wayita ammaa nyaatanii buluufillee sadarkaa amansiisaa hintaane irra nugeessisaa jira.Miidiyaawwan ,mootummaan,daldaaltoonni hawaasnis ta’e hayyoonni diinagdee irra deddeebiidhaan dhimma qaala’iinsa jireenyaa irratti mari’achaa turan.Sababoota qaala’insa jireenyaatiif hayyoonni kaasan keessaa dabaluu sharafa doolaaraa,tasgabbii dhabuu biyyattiifi hammentaan omishaa gahaa ta’uu dhabuunsaa kan eeramudha.

Qaala’iinsa gatii nyaataa hanqina omishaa wajjin walqabsiisuudhaan kan kaasan Miliyoon Balaay qindeessaa tumsa birmadummaa nyaata Afrikaati.Biyya keenyatti qonnaan bulaan dhibbeentaan 80’n omishi oomishu qaamolee hawaasaatiif kan walgitu akka hintaane kaasan.Qonnaan bulaan ga’ee guddaa kan qabate ta’us hammentaa omishuu qabuun omishaa akka hinjirre Miliyoon eeraniiru.Qaala’iinsi jireenyaa Itiyoophiyaa keessa jiru nyaata medaalawaa filachuun akka hinnyaanneef kan dirqamsiise akka ta’e dubbatan.Namni tokko nyaata medaalawaa argachuu qabu bituuf humna akka hinqabne kaasuun humna kana uumuuf garuu galiisaa guddisuun barbaachisaadha jedhan.Gatiin nyaata biyya keessaafi addunyaa dabaluusaa too’achuuf humna omishuu dabaluun barbaachisaa akka ta’es Miliyoon hubachiisaniiru.

‘Waa’ee qaala’iinsa jireenyaa yoo kaafnu ol’aantummaadhaan miidhaawwan mudachuu danda’an iddoo afuritti qoodamu’.kan jedhan ammoo Yuuniivarsiitii Addis Ababaatti barsiisaa saayinsii hawaasummaa akkasumas gorsaa biizinasii,misooma diinagdeefi intarpiranarship kan ta’an Zeenaaw Alam dha.Kanneenis jedhan Zeenaaw miidhaawwan nama dhuunfaa,maatii,hawaasaafi mootummaa irra ga’anidha.Qaamoleen walitti hidhamiinsa qaban kun qaala’iinsi jireenyaa biyya tokko keessatti uumamu miidhaa kan irraan ga’u akka ta’e zeenaaw dubbataniiru.

Sadarkaa nama dhuunfaatiin qaala’iinsi jireenyaa dhiibbaa hawaas-diinagdeefi xin-sammuu kan geessisudha jechuun Zeenaaw Addis Maaladaatti himaniiru.Kunis rakkoo hojii dhabuu waan hordofsiisuuf namoonni dhuunfaa hojii dhabuudhaan taa’uu danda’u.Yeroo kanatti namoonni dhuunfaa gocha hannaa raawwachuuf dirqamu.Kana wajjin walqabatee namni dhuunfaa hojii galii argachuu qabuu gadiitti mindeeffamuun kan hojjetu yoo ta’e gara gocha malaammaltummaatti seenuuf sababa ta’uu akka danda’us Zeenaaw himaniiru.

Namoonni jireenya isaanii moo’uu malees nyaatanii buluun isaan yaaddessa kan jedhan Zeenaaw nyaatanii buluuf ammoo maallaqa gahaa argachuu barbaadu.Kanaafis hanna akka filmaata tokkootti fudhatu.Waa’een hannaa erga ka’ee maloota hannaa Addis Maaladaan irra deddeebiidhaan taajjabde kaasuuf haayaallu.Namoonni dhuunfaa gurmaa’anii tajaajila taaksii kennan irra deddeebiin gocha saamichaa yoo raawwatan mul’atu.Taaksii erga yaabbatee booda gargaaraa, shofeeraafi hiriyaa walta’uun kaa’uudhaan imalaa burjaajessuun maaskii kaawwadhaa,qabattoo hidhadhaa lakkoofsaa ol jirta waan ta’eef gadi jedhaatii haadabarru,akkasumas kallattii dogongoraa irra seente jechuun saffisaan dubbachuun imaltoota hattootaaf yoo saaxilan nimul’ata.Hawaasa jireenya moo’achuuf carraaqu gocha hannaa akkanaatiif yoo saaxilan’Fanxoo irratti Cittoo’akkuma jedhamu qoruumsa biroo keessa galchuun.Qaamoleen gocha hannaa keessa seenan kun qabsoo jireenya moo’achuuf taasifamuun kan uumaman yoo ta’u kun ammoo rakkoo xiin-sammuu keessa galchaan jechuun Zeenaaw himaniiru.

Dargaggooni gara gocha hannaatti kan seenu barbaadee miti.Gocha fokkisaa utuu hinbarbaadin itti seene keessaa ba’uuf yoo yaadu ammoo kan nyaatu hinqabu.Kanaaf haala dhiphisaa kana keessatti yoo of argu rakkoo xiin-sammuu guddaa keessa seena.Sodaa,yaaddoofi dhiibbaawwan xiin-sammuu niuumamu.Kun ammoo namoonni akka abdii kutatan taasisa.Abdii dhabuun kun ammoo namoonni akka lubbuu ofii balleessan taasisa.

Rakkoon sadarkaa hawaasaatiin uumamu maal akka ta’e kan hubachisan Zeenaaw maatii kan jedhaman haadha,abbaa,akkawoofi namoota dabalataa waliin jiraatan yoo ta’an bulchitoonni maatii humna maatii ittiin bulchan kan hinqabne ta’uu danda’u.Manni maatii guddaa bulchu tokko kan dhiphatu nyaatee buluuf akka ta’e kan wal nama gaafachiisu miti.

Wabii jiraachuu kana mirkaneessuuf galiin bulchaan maatii argatu maatii bulchu kan ga’u ta’uu qaba.Garuu dhugaan mul’achaa jiru kana miti.Galiin hawaasa irra jiraa baasii qabu wajjin wal simuu hindandeenye jedhu Zeenaaw.Maatii yoo yaadnu nyaatanii buluuf madda galii hedduu argachuuf akka carraaqan beekamus fiigichi isaanii kun galii hamma barbaadan argamsiisuufii waan hindandeenyeef miseensa maatii jidduutti waldhabdeen niuumama.Dhirsaafi Niitiin walmormuun,ijoolleen hojii hinmalle kan akka kadhaaf saaxilamuu danda’u.

Rakkooleen kun ammoo bittinnaa’uu maatii,damee hojii hinbarbaadamne irratti bobba’uufi yakkoota adda addaatiif saaxiluu danda’u.Kun ammoo walitti dhufeenya hawaasa jidduu jirutti gufuu ta’a.Haala walgargaarsaa kanaan dura turaniifi aadaan Itiyoophiyaawummaa waan qabnu waliif qooduu haphachaa dhufa.Gamtaan akka afooshaafi kkf.hir’achaa akka dhufan kan taasisu keessaa tokko qaala’iinsa jireenyaati.Kun ammoo jaalala qabnu hir’isuudhaan qoollifachuun akka jiraatu taasisa.Qoollifachuun ammoo mira qofummaa uumuudhaan rakkoon xiin-sammuu akka uumamu taasisa.Filmaanni namoonni jireenya moo’achuuf itti fayyadaman tokko liqaa akka ta’e nibeekama.Kanaanis liqaa deebisuu hindandeenye fudhachuun dhiibbaa diinagdee hinmalle keessa seenu.Hammentaan liqaa dabaluun ammoo namoonni waan argatan irraa akka hinqusanne taasisa.

Wayitii kanatti hammentaan aadaa qusannaa gadi aanaa ta’e akka badaa deemu taasisa jechuun Zeenaaw himaniru.Qaala’iinsi jireenyaa dhiibbaan akka biyyaatti uumu salphaa akka hintaane yaada Zeenaaw kaasan yoo ta’u hojii dhabdummaa,naamusaan ala ta’uu,malaammaltummaan babal’achuun niuumama jedhan.Seeraan alummaan babal’achuun dhiibbaa diinagdee ol’aanaa uuma.Namoonni dhuunfaa wantii gochuu qaban galiisaanii dabaluu,galiifi baasii walsimsiisuu,baasii hinbarbaachifne hir’isuu akkasumas tajaajiloota qananii hir’isuudha.Wantoota galii dabaluuf gargaaran keessaa tokko hojii dabalataa hojjechuun tokko yoo ta’u furmaata guddaadha.

Sharafni alaa karaa Bankiitiin raawwatamu dabalata baay’ee kan mul’ise ta’uu baatus sharafni gabaa gurraacha irra jiru garuu hedduu waan dabaleef qaala’iinsa jireenyaatiif sababa guddaa ta’eera kan jedhan hayyuu Yuuniivarsiitii Addis Ababaa gargaaraa piriifeesaraa Sawu’aalla Abaatati,Sababiin dabaluu doolaaraa waraana naannoo Tigraayitti uumameefi biyyaaleen alaa tumsa taasisan hir’isuu isaanii akka ta’e kaasan.Mootummaan gabaa gurraacha ilaalchisee tarkaanfiin dhaabbilee 13 irratti fudhate dabaluu sharafa doolaaraa akka hammeesse dubbatan.Dhaabbileen sababa sharafa doolaaraatiin tarkaanfiin irratti fudhatame sharafni doolaaraa akka dabaluuf sababa ta’aniiru.Dabalanni sharafa doolaaraa kun qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu taasisa jedhaniiru.Dhiibbaan alaa dabaluufi waraanni ammoo ga’ee lammataa fudhachuun jireenyi akka qaala’u taasisaniiru.Diinagdeen waraana baate ammoo dhiibbaan itti heddummata.Sababiin itti aanee eeramu daldaaltoonni omisha kan dhoksan ta’uusaaniifi seeraan ala gatii dabaluu isaaniiti.

Daldaaltoonni meeshaalee alaa hingalle irratti doolaarri dabaleera jechuun gatiin seeraan ala dabalan dhiibbaa diinagdee ol’aanaa uuma.Dabalata gatii kanaan kan miidhamu kan mindaadhaan jiraatuufi hojjetaa mootummaati jechuunis dubbatan.Baankiiwwan sharafa alaa akkaataa fichisiiftoonni barbaadaniin kennuuf kuufama gahaa hinqaban.Baankiiwwan doolaara kan argatan bittaadhaani.Bittaa yoo jedhamu hawaasa daldalaa ergu irraa kan argatan,namoota biyya alaa jiraatan irraa kan argatan,Turiistoonni gara biyya keessaa yoo galan kan sharafaniifi doolaara gargaarsaan argamuuni,Baankoota keessatti sharafni alaa kan socho’u.Garaa garummaan sharfa gabaa gurraachaafi Baankotaa namoonni alaa ergan gara Baankii akka dhaqne,Turiistoonnis Baankiitti akka hinfayyadamne taasisa.Yeroo kanatti hammnetaan doolaaraa Baankoonni argatan nihir’ata.Hammentaan doolaaraa Baankoota biratti nihir’ata taanaan omishawwan alaa mootummaan dursa kennuuf akka fayyadamu taasisa.

Yeroo kanatti fichisiiftoonni dursa dhaban gara gabaa gurraachaa deemu.Kanaaf ka’uumsa kan ta’e lammiin hawaasa keessa jiraatu gabaa gurraacha uumameen fayyadamuu yoo ta’u miidhaansaa deebi’uun gara qaama hawaasaa dhaqa.Kanaaf too’annaa mootummaa malees hawaasni gabaa gurraachatti fayyadamuu dhiisuun Baankoota biratti doolaarri akka dabalu taasisuu qaba.Hawaasni eeruu kennuudhaan faayidaa dhuunfaa dursuu manna diinagdee biyyaa dabaluuf utuu yaadee qaala’iinsa gatii nihir’isa.Hawaasni biyya keenya keessa jiru qusannaa guddisuu manna baasii danda’uu qofa yaada.Kun ammoo galiinsaa baasii danda’uurra darbee qusannaaf kan hingeenye ta’uusaatiini.Kanaaf hawaasni galiisaa guddisuuf hojiiwwan dabalataa hojjechuu qaba.Dhaabbilee seeraan ala saaxiluudhaaniifi seeraan ala gatiin yoo dabalamu hinbitu jechuun hojmaatawwan seeraan alaa hir’isun nidanda’ama jedhaniiru.


አዲስ ማለዳ 24 Adoolessa 2013 No 8

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com