የእለት ዜና

xDhimmi Namoota qabeenyasaanii sirritti waan hingalmeessifneef gara abbaa alangee waliigalaatti ergame akka ture himame

Komishiiniin naamusaafi farra malaammaltummaa Federaalaa kanaan dura qabeenyasaanii sirritti waan hingalmeessifneef,turanii kan galmeessisan kan jedheeniifi kanneen hingalmeessifne jidduutti garaa garummaa ol’aanaan argamuun namoonni dhimmisaanii gara abbaa alangee waliigalaatti sadarkaa barbaadamuun saffisaa akka hinjirre daayireektara galmeefi qabeenya beeksisuu kan ta’aan Masfin Balaayinah Addis Maaladaatti himaniiru.

Komishiinii naamusaafi farra malaammaltummaa Federaalaatiin dhimmisaanii akka qoratamuufi himannaan akka banamuuf faayiloonni abbaa alangee waliigalaatiif ergaman yoo jiraatanis adeemsisaa garuu saffisaa akka hintaane kan dubbatan daayireektarichi,adeemsi qorannoofi himannaa qooddannaa hojii keenyaan ala waan ta’eef wanti raawwachuu danda’an akka hinjirre dabaluun ibsaniiru.Akkaataa labsii lakkoofsa 668/2002 keewwata 11 qabeenya beeksisuufi galmeetiin komishiiniin naamusaafi farra malaammaltummaa Federaalaa odeeffannoo qabeenya galmeeffamee mirkaneessuuf taayitaan akka kennameef kan dubbatan daayireektarichi,kan kanaan ala jiru garuu poolisiifi abbaa alangeetiin kan hojjetamu akka ta’e hubachiisan.

Abbaa alangee waliigalaafi komishiinii naamusaafi farra malaammaltummaa jidduutti dhimma kana ilaalchisee waliigalteen waliin hojjechuu akka jiru eeruun,adeemsisaa akka saffisuufis hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa 2013 sadarkaa Federaalaatiin qabeenyasaanii sirritti akka galmeessisan mirkaneessuuf namoota 386 irratti qorannoofi hojii qulqulleessuu raawwatameen dhibbentaan 47 odeeffannoo dogongoraa akka kennan mirkanaa’eera.Kanneen keessaayis baayi’oonni qabeenya galmeessisaniifi qulqullaa’e irratti garaa garummaan kan mul’ate waan ta’eef akeekkachiifni barreeffamaa akka kennameef kan ibsame yoo ta’u qabeenyasaaniis lammata akka galmeessisan beekameera.Waan qabaniifi kan galmeessisan jidduutti garaa garummaan kan mul’ate irratti garuu dhimmisaanii qaama qoratuuf kan darbu yoo ta’u kunis adeemsarra akka jiru Masfin Balaayinah himaniiru.

Adeemsi galmee haala ol’aanaadhaan kan raawwatamaa jiru ta’us hojiin mirkaneessuu adeemsa hedduu akka qabu kan kaasan daayireektarichi hojichi maatiiwwan nama qabeenya galmeessisuus kan dabalatu waan ta’eef yeroo dheeraafi baasii kan gaafatudha jedhan.

Wayita ammaa dhaabbatichi hojii qulqulleessuu raawwachaa kan jiru quu’annoo ofiirratti bu’uraawuuniifi iddoowwan malaammaltummaafi hojmaata badaadhaaf saaxilamoodha jedhamanii yaadaman irratti waan ta’eef kanneen qabeenya isaanii sirritti hingalmeessifne mirkaneessuuf adeemsi jiru turuusaafi hanga yaadame mirkaneessuun kan hindanda’amne ta’uusaarratti shoora gamasaa akka qabu eerama.

Hojiin mirkaneessuu saffisaafi bu’a qabeessa akka ta’uuf hirmaannaan ummataa sadarkaa ol’aanaadhaan kan barbaachisu akka ta’e kan eeran daayireektara beeksisa qabeenyaafi galmee kan ta’an Masfin Balaayinahidha.Eeruu ummataa irratti hundaa’uun yeroon hojiin qulqulleessuu fudhatus ta’e baasii barbaachisu gadi aanaa ta’uusaarrayyuu bu’a qabeessummaan isaa guddaa akka ta’e nihubachiisu.

Walumaagalatti akkaataa seeraatiin kanneen qabeenya galmeessisan qabeenyi galmeessisan sirriifi kan dhugaa ta’uu qaba.Garuu hammentaa qabeenyaa dhoksuudhaan yookan odeeffannoo galmee qabeenyaa dogongoraa galmeessisuun bu’aansaa qabeenyi maddisaa hinbeekamne lakkaa’amuun seeraan kan gaafachiisuufi qabeenyicha kan dhaalchisu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha jechuun komishiiniin naamusaafi farra malaammaltummaa Federaalaa beeksiseera.


አዲስ ማለዳ 24 Adoolessa 2013 No 8

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

error: Content is protected !!