የእለት ዜና

Waqtii Gannaa Daa’imman Daandiirra Jiraataniif Cittoo Irratti Fanxoo ta’e

Views: 116

Roobeel Alamuu jedhama.Kan dhalate Goojjaamitti yoo ta’u wayitii ammaa Magaalaa Finfinnee naannawa Magganaanyaatti daandiirra jiraata.Roobeel wayita ammaa ol guddataa umuriidhaan waggaa kudha lamaati.Abbaasaa wajjin kan gargar ba’an wayita umuriin waggaa saddeet ga’etti.Yeroo Haadhaafi Abbaasaa wajjin jiraachaa turetti wanti umurii waggaa jahaa irratti dhaale waliigaluurra waldhabdee,walkabajuurra gara waltuffiitti,waljaalala irra walreebuu ta’e.Roobeel yeroo haadhaafi abbaansaa walmormaniifi waljeeqan kana irras darbuudhaan abbaansaa haadhasaa yoo reebu argaa tureera.Garuu humni qabu yoo haatisaa boossu innis waliin boo’uu ture.

Kanaanis jaalalli abbaasaatiif qabu hir’achaa dhufuun hin hafne.Haala kanaan baatiiwwan waggaadhaan bakka bu’aa umuriin isaa dabalaa dhufe.Yeroo baay’ee mana ooluuf fedhii hin qabu ture.haara galfii kan argatu yeroo hiriyoota isaa wajjin taphatu ta’us utuu taphachaa jiruu sammuunsaa maatiinsaa maaliif wal loluu?gaaffii jedhu itti kaasa.

Hiriyoota isaa wajjin taphachuudhaan gara manaatti yoo galu wanti isa eegu wal mormiin barame mana seenuusaatiin dura sammuu isaa keessaa qillisa.Guyyaa tokko haala adda ta’een abbaansaa haadhasaa yoo reebu arge,akka malees boo’e.

Abbaasaa irraa kan gargar ba’e yeroo sana yoo ta’u haatisaa gara Magaalaa Finfinneetti qabdee dhufte.Amma rakkoon hammaachaa dhufeera.Haatisaa hojii biddeen tolchuutiin mindeeffamuun hojii jalqabdus mana keessa jiraatan hinqaban.Keendaa da’eeffachuun daandiirra oolanii buluun baramaa dhufeera.Mindaan baatii hanga dhaqqabutti nyaata guyyaa argachuuf filannoon qaban naanna’uun kadhachuu ta’eera.

Wayita ammaa magaalaa Finfinnee naannawa Maganaanyaatti kan argaman yoo ta’u Roobeel turtii Addis Maaladaa wajjin taasiseen jireenya daandiirraafi waqtii gannaa akkanatti ibsa.’Kan jiraannu keendaa da’eeffannee yoo ta’u fedhii bu’uraa kan guuttannus iddoowwan adda addaa deemuudhaan saantima kadhannee argannuuni’.jedheera.

‘Yoo arganne nyaannee dhabnus kadhannaa raawwannee jiraanna.Ijji namaa akka ibiddaatti nama guba.Nyaata guyyuu nuuf kennuuf namoonni baay’een garaa laafan jiraatanis saantima kudhan kennuu mannaa nama arrabsuudhaanis kan darban hindhabaman.Iddoon nuti rafnu hanga mana fincaanii dureeyyotaa qulqullina hin qabu.Halkan laastikii uffannee kan bullu yoo ta’u kan rafnu ammoo biyyee irradha’jedhe.

‘Baaxiin mana keenyaa keendaa yoo ta’u amma ganna kana keessa baaxiin keenya rooba,dhaabbiinsa bubbee,uffanni keenya qorra,firaashiin keenya ammoo dhoqqee ta’eera.Ayyaana waggaa ganna keessa nuuf dhufu kabajachaa jirra’jedheera.

Qorri qaama sunturreessa,roobni nitortorsa,qorri lafee cabsa.Ganna keessa ammoo beellis nidabala.Kunis ta’ee aniifi haatikoo beelli hammam rakkisaa akka ta’e waan beeknuuf kan kadhanne irraa qooduun kanneen kadhatanii hinargtanneef yoo kennuu baanne beelli keenya xumura hinargatu’jechuun dubbate.

Ilmi namaa hammentaa fedhiisaatiin akka jiraatuuf yoo yaadame meeshaalee lakkaa’amanii hindhumne barbaada.Namni meeshaalee itti tajaajilamu qabaachuu malees akaakuun meeshaa sammuusaa keessa naanna’u lakkaa’amee hin dhumu jechuun dubbachuuf sammuun nama hundaa ragaadha.

Hundumaafuu jiraachuuf xiqqaadhumatti wantoota saditu barbaachisa.Kanneenis nyaata,manaafi uffatadha.Namni tokko fedhiiwwan bu’uraa kun yoo guutamaniif jiraachuu danda’a.
Addunyaa keessa jiraannutti akaakuu namootaa lamatu jira.Sadarkaa jalqabaa kan qabatan namoota nyaachuuf jiraatan yoo ta’an sadarkaa lammaffaa irratti kan eeraman ammoo namoota jiraachuuf nyaatanidha.Nyaachuuf jiraachuun qananii yoo ta’u,jiraachuuf nyaachuun ammoo dirqama jireenyaa akka ta’e dureeyyotaafi haala jireenya namoota harkaa gara afaanii jiraatanii ilaaluun nidanda’ama.Meeshaalee qananiidhaaf barbaachisan argachuuf carraaqqii taasifamuufi fedhiiwwan bu’uraa argachuuf sochii taasifamu jidduu garaa garummaan bal’aan jiraachuusaa nama tasgabbaa’ee ilaaluuf dhugaansaa dhokataa miti.

Meeshaalee qananiidhaan jiraachuuf barbaachisan namoota qananiidhaan jiraataniif dhiisuudhaan’Fedhiiwwan bu’uraa akka sammiitti nurraa fagaataniiru’ jechuun kan dubbatan jiru.Daandii mana taasifatanii kan jiraatan manguddoota irraa eegalee hanga daa’imaatti wayita argaa jirru irra ga’uu keenya iddoowwan biyya keenya keessatti argaman keessumattuu Magaalaa Finfinnee ummanni baay’een keessa jiraatu akka fakkeennyaatti eeruun nidanda’ama.

Biyya keenyatti waliigalatti namoonni kuma 88fi 960 ta’an daandiirra akka jiraatan himama.Kanneen keessaayis kuma sadi kan ta’an dhaabbilee mootummaafi mit-mootummaatiif jireenya daandii irraa baraaramuu kan danda’an ta’us kanneen hafan kumni 85fi 960’n jireenya daandii irraa gaggeessaa jiru.Kanneen daandiirra jiraatan keessaayis baay’ina kan qaban Iddoowwan gara garaa Magaalaa Finfinnee keessa kanneen jiraatanidha.

Magaalaa keenya keessa daa’imman dabalatee daandiirra kan jiraatan kuma 50 kan ta’an akka jiran quu’annoowwan taasifaman nimul’isu.Manguddoonni umurii dheeraa qaban akkasumas namoonni qaamnisaanii miidhame daandiirra yoo jiraatan arguun waan barame ta’aa dhufeera.

Hundumaafuu daa’imman xiyyeeffannoo barbaadan rakkoo kanaan miidhamaa jiru.Fedhii bu’uraa guuttachuuf daandiirratti laastikii afachuun daa’imman dararama keessa jiraatan utuu agarruu waggoonni lakkaa’amaniiru.

Biyya keenya keessa daa’imman umuriin isaanii baruumsaaf ga’uun carraa baruumsaa argatan fedhiinsaanii kan guutamuuf,yeroon bashannanaa ramadameefii maatiidhaan kunuunfamuun kan jiraatan akka jiran nibeekama.

Kun utuu kanaan jiruu fallaa kanaatiin ammoo barachuu utuu qabanuu laastikii afanii daandiirra kan oolan,waan barbaadan argachuuf bilisummaa kan dhaban,fedhii bu’uraa guuttachuuf daa’imman rakkoodhaan dararaman jiru.

Bu’ii ba’iin ilma namaa mudatan sababa kan qabanidha.Kanaafuu sababoonni uumamaafi nam-tolchee namoota jireenya daandiitiif saaxilan akka jiran namoonni daandiirra jiraachaa jiran ragaa adda dureedha.

Daa’imman daandiirra akka jiraataniif wantoota adda durummaadhaan sababa ta’an keessaa du’aafi hoongeen sababa uumamaa keessa kan jiran yoo ta’u waldhabdeen maatii,waraanni dirqamaan gudeeduun ammoo sababa nama-tolchee keessatti kan ramadamanidha.

Wantoota gubbaatti jireenya daandiitiif sababadha jedhamuun eeraman keessaa waldhabdee maatiitiin jireenya daandiitiif akka saaxilame daa’imni seenaasaa Addis Maaladaaf hime fakkeenya ta’uudhaan kan eeramudha.

Dhimma kana irratti Addis Maaladaan qindeessaa shaawarii daandiirraa obbo Eermiyaas Zinnaafi obbo Asmaroom Tafarraa wajjin turtii taasiftee jirti.Obbo Eermiyaas Zinnaa keessumattuu baatiiwwan gannaa keessa namoonni daandiirra jiraatan dararama guddaadhaaf akka saaxilaman ibsuudhaan waqtii kana daa’imman 32 daandii irraa kaasuudhaaniifi baruumsa akka hordofan taasisuudhaan hojii tola ooltummaa kan hojjechaa jiran ta’us humna isaaniitii ol waan ta’eef ammas taanaan daa’imman daandiirratti roobaafi aduudhaan miidhaman akka jiranidha kan ibsan.
Daa’imman kun jireenya daandii irraatiif akka saaxilamaniif rakkoon fayyaafi duuti,sababa qaala’iinsa jitreenyaatiin maallaqa kiraa manaatiif oolu dhabuun adda dureedha jedhaniiru.Tumsa Eermiyaasfa’i taasisaniin daa’imman kana malees manguddoonni 270 nama sooruun hinqabne guyyuutti dhufuudhaan nyaatanii kan deebi’an akka ta’es Addis Maaladaatti himaniiru.

Manguddoonni nyaatanii kan deebi’an dhiphinni iddoo waan jiruuf akka ta’e kan himan obbo Asmaroomiifi obbo Eermiyaas kan nyaatanii deebi’an kanneen keessaa haadholiin waggaa torbaa ol daandiirra laastikii afanii jiraatan keessatti argamu jedhan.

Lammiiwwan jireenya daandiitiif akka saaxilamaniif sababoonni hedduun kan jiran yoo ta’u sababiin haadholiifi abbootii ammoo qaamaa miidhamaa ta’uun dhalachuufi nama sooru dhabuudha.Daa’imman daandiirra akka jiraataniif sababa kan ta’u ammoo gudeedamuu dubartootaafi duuti haadholee sababa adda duree akka ta’an obbo Eermiyaasiifi obbo Asmaroom seenaa lammiiwwan daandiirra jiraataniirraa akka hubachuu danda’an himaniiru.

Itti dabaluunis lammiiwwan daandiirraa kaasuudhaan deeggarsa taasisaniif keessaa umurii waggaa 14tiin kan gudeedamteefi wayita ammaa haadha daa’ima tokkoo kan taate akka jirtu himuudhaan,dirqamaan gudeedamuun ijoollee dubaraafi daa’immaan isaan da’an jireenyaa daandiirraatiif kan saaxilu waan ta’eef dhimma balaaleeffatamuu qabudha jedhan.

Kana malees lammiiwwan daandii irraa kaasaniin kan arganiin daandii irratti laastikii uffatanii yoo ta’u namoota kanneen biroo daandiirra jiraataniif deeggarsa taasisuu yoo barbaadanis dhiphinni iddoo gufuu akka itti ta’e himaniiru.Ammas qorraafi roobni gannaa kan itti walfuru lammiiwwan daandiirra jiraataniif mootummaan xiyyeeffannoo kennuudhaan deeggarsa taasisuu akka qabu Addis Maaladaatti himaniiru.

Obbo Eermiyaasiifi obbo Asmaroom deeggarsa tola ooltummaadhaan namoota daandiirra jiraataniif taasisan namoota dhuunfaafi dhaabbilee dhuunfaatiin ala mootummaan deeggarsa akka hintaasifneef ibsuudhaan,ammaan boodas taanaan rakkoolee numudatan keessaa dhiphina iddoo furuun mootummaan utuu deeggarsa taasiseefii lammiiwwan hedduu daandiirra jiraachuuf dirqaman nigargaara jechuun Addis Maaladaatti himaniiru.


አዲስ ማለዳ 15 Adoolessa 2013 No 8

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com