የእለት ዜና

Dhiibbaa miidiyaaleen hawaasummaa miidiyaalee idilee iratti qaban

Views: 91

Miidiyaan hawaasummaa burqaa oduufii ragaa ol’aanaa ta’a dhufuusaa hordofee miidiyaaleen dura turan dhaabbachuu dadhabaa isaan tokko tokko gutuummaan gutuutti midiiyaa hawasuummaatti yammu makaman hubachaa jirra.kessumaa midiiyaa maxxansaa irratti kana jadhanii ibsuun amma rakkisuutti qormaatichii cimeera.

tamsafttummaa oduu baramerraa ba’uudhaan gara isa hawaasuummaatti naana’u kan jalqabe adeemsii akkaataa gabaasa yookaa dhiyeessa oduu amma bu’urasaa cimsatee itti fufaa jiraachuun isaa iccitii addabaabayii ergii ta’e olee buleera.waan hundaa ol garu dhaabbileen sab-qunnamtii idiilee biyya kenyaa amaanamoo ta’uu isaanii iratti miidiyaan hawaasummaa dhiibbaa bulchaa akka jiru dhugaa guyyaa guyyaatti argaa jiruudha.

Addunyaa iratti ragaa argachuudhaaf filmaatawwan heeddu yoo jiraataniis amma garu darggaggota biratti burqaa ragaa ol’aanaa ta’e tajajilaa kan jiru miidiyaa hawaasummaa akka ta’e kan ibsu dhaabbata qu’anno gaazeexxessummaa teessoon isaa Biriitaaniiyaa ta’e fii dhimma kana iratti qoranno akka geggesse himuu ‘yougov,survey’dha.Dargaggonni biya kenyaa sababiin isaanii garaa gar ta’a male miidiyaa hawaasummaa burqaa odeeffannoo taasisuun isaani qoranicha irraa adda ta’a jadhamee hin yaadamu.

Malaakuu Alamaayyoo jadhama dargaggo waggaa 29ffaa kessa jiruudha miidiyaa hawasuummaa fayadamuu kan jalqabe barataa sadarkaa ;ammaffaa ta’ee akka ta’e dubbata .jalqaba kaayyoon miidiyaa hawaasummaa itti fayadamu namota waliin walitti dhufuufi mari’achuf akka ture kan yaadatu yammu ta’u amma garuu gara miidiyaalee hawaasumma kanaa kan galu odeeffannoo arggachuuf akka ta’e hima.Miidiyaan hawaasummaa miidiyaalee kanneen biraa irraa ariitiidhaan waan naa laatuuf filadha jadhasab qunnamtilee ol’aanoo ta’an miidiyaa hawaasummaatiin erga oddeffamee raawwatee mata dureen biraa jalqabamee booda akka haarwaatti ojaa gabaasan miidiyaan hawaasuummaa filanno isaa akka ta’u taasisuu isaa ibsa..

Amanamuummaadhaan garu miidiyaan hawaasummaa hirrina guddaa akka qabu kan ibsu Malaakuun dhimmolee kaasan mirkannesuutinifii deebii itti kennutiin miidiyaaleen idilee hojji dubatti harkifataa waan hojjataniif miidiyaalee hawaasummaa madda odeeffannoo taasisee fayadamu itti fufuusaa kaasa.Dhimoleen ijoo sab-qunnamtiitiin ka’an miidiyaalee hawasummaa iratti dursanii kan ka’an ijaa ta’e akka harwaatti ilaaluufis ta’e dhaggeeffachuuf kan nama hin afferree ta’uu isaaniitiin xiyyeffannaa kennuuf akka rakkatuu kaasa.

Miidiyaan idiile oddeffanno dafefii ammentaa barbaadamuun hawaasa biraan ga’uuf akka hin danddenye baliinaan komatama.
Amma adunyaaratti haala qabatamaa jiruun daandii miidiyaa tokko gara miidiyaa biraatti cee’aa jirra kan jadhaniimmo Gaazeexxeessaa Dammaqa Kabbadadha.kanaan dura miidiyaan maxxansaa iddo bala’a qabatee kan ture yammu ta’u maxxanssarraa gara radiiyootti achiimmo gara televiizhinii amma ammoogara tajaajila intarneetiitti babalachuusaa hordofee bara miidiyaa dijiitaalaa irra genyeerra.

Miidiyaan dijiitaalaa kuun akka raadiiyootti kan dhagenyuu akka televiizhiniitti kan dawwannu akka gaazeexaa kan dubbifnu bakka tokkotti fide kan dhufe waan ta’eef carraa guddaa hawaasa kanaaf fidee dhufe janne dubbachu danddenya jachuun ibsu.

Sababbi kanaafii kannen biraatiin miidiyaan hawaasuummaa miidiyaa idiilee iratti oddeffanno dafe qaqqabsiisuuf carraa guddaa kenneraaf ,Hordoftoota isaa birattis oddeffanno dafee qaqqabsiisuutiin miidiyaan dijitaalaa filatamaa ta;a jira,

namnni kamiyyu dhima oddeffanno qaba jadhee yaadee iratti akka barbaade haala itti qoduu danda’u ijaa jiru miidiya idilee seera idiitoriiyaaliitiin bulu caalaa bilisuummaa qabaa jadhuu gaazeexxeessaa Dammaqa Kabbada.

Dameen kuun namootiin dhuunfaa yaada isaanii akka barbaadan akka ibsatan kan danddessisee waan ta’eef namootii odeffannoo barbaadaniif miidiyaa isa idiilee caalaa dafee qaqqabsiisuu danda’eera kanatti dabalees odeeffannoowwan xiyyeffannaa umataa harkisuu danda’aniifii feedhii odeeffannoo namaa gutuu danda’an namonni akka dhiyeessan carraa bala’a kenneraafii.

Yaroodhaa gara yarootti irree isaa jabeeffachaa akka jiru kan hubatamuu miidiyaan dijiitaalaa miidiiyaalee tokko tokko raasaa akka jiru hubatanmaa jira,Ta’ees warreen raafamaniis yoo ta’ee miidiyaa diijiitaalaa kana akka tamsaasa odeeffanno tokkotti itti fayyadamaa waan hin jirreefii jadhuu gaazeexxeessaa Dammaqa.

‘’Waluumaaa galatti dameewwan miiidiyaa idilee jadhaman raafamaas yoo ta’ee kufaa kan jiran dijiitaalaan kesummammo dhibbaa miidiyaa hawasuummaa qofaan mitii miidiyaan hawasummaa sababbi tokko male isa qoba gallessa akka hintaane hubatamuu qabaa’’ jachuudhaan cimsanii dubbatu.

Ol’aanttummaadhan odeeffanno kenuutiinmiidiyaa inni idiilee miidiyaa isa diijiitaalaatiin caalamuu isaatiif sababiin ol’aanaa qabiyyee qabatanii dhufaniidha jadhu, Miidiyaaleen qabiiyyeen isaanii laafaa ta’ee isa dorgoomaa ta’e qixa tarkaanfachuu dadhabuusaatiin taphaan ala ta’u irraa baraaramuu hin danda’u jachuudhaaniis itti dabalu.

Miidiyaaleen idilee humna namaafii teknooloojiin jiraachuu isaaniitiin carraa gaarii kan qaban ta’uu isaaniitiin oduu attattamaas ta’e taateewwan bakkatti argamanii hojjachuudhaaf himnasaa yoo qabaataniis miidiyaa hawaasummaa kana dandamachuuf garu nii rakattu Kanaaf akka fakeenyaatti kan dhiyaatuu miidiyaaleen idiilee taateewwan guutuu biyyattitti raawatamu tamsaasa kalattiin tamsaasuuf feedhii yoo qabaatan illee baasiin tamsaasaaf baasan xiqqo kan jadhamuu mitii.sababiin isaas meeshaaleen tamsaasa kalattiif barbaachisan humna mahaalaqaa guddaa waan barbaadaniif humna namaa kanaaf barbaachiisuu gutuudhaafiis qormaata guddaa akka itti ta’uu waan hubatamuudha.garuu immo namnni kamuu yaroo ammaa bilbilla barri fidee harka isaatti qabatuun odeffannoo bakka jiruu dhiyeessu waan danda’uuf miidiyaaleen hawaasuummaa miidiya idiilee ofiitti harkiisuu isaan danddesiiseera.

‘’Miidiyaaleen idiilee iddoo filatamaa qofa ta’anii gabaasa isaanii hojatu’’ kan jadhan damee kana irra kan jiran Dammaqan haallii kuun miidiyaa hawaasuummaa irratt dorggomanii odeffanno dafanii immataan ga’uu irattidhiibba ol’aanaa qaba jadhu.warreen miidiyaa idiileen ala jiran garu essattu ittuu fagenyii isaan hin dhawwin odeffannowwan bakkatti argamuudhaan baliinaan horddoftootaaf dhiyessuu danda’uun isaanii madda odeffannoo ta’anii dhiyaachuuf bu’uura gaarii isaanii uumeeras jachuun hubachiisu.

Amma televizhiiniinyookaan raadiiyo irattii saatii eegee kaniin horddofuu sababiin tokko hinjiru kan jadhu immo nama Barakat Salamoon jadhamuu yaada kennedha.’’mala teknolojii barrii naa fidetti fayyadame odeeffanno argachuu ittun danda’u maaliif maddeen oduu baraman eeguun na barbaachisee’’ jachuudhaaniis gaafii kaasa.amanamuuf miidiyaa hawaasummaarra rakkon guddaan kan jiru yoo ta’ees maddeen garaa garaatiin wal bira qabee dhugaasaa hubachuuf akka yaaluu dabalee dubbata.Odeffanno ariitiidhaan argachuutiin miidiyaan diijiitaalaa tajajiila guddaa kennaa jiraachuusaas.

Miidiyaan diijiitaalaa xiyyeeffannaa nama bayyee argachuu kan danda’e dirree kanaratti gara caaluu kan fayadaman dargaggoota ta’uu isaaniiti.fayadamttonni miidiyaa dijiitaalaa kanaa dargaggota ta’uun isaanii odeffanno salphaadhuumaan fiixee tokko gara fiixee biraatti dabarsuuf salphaa akka taasisee amanama.

‘’Dhimmi guddaan ilaalamuu qabuu dhiimma dhalootaatii dhallonni amma jiru gara caaluu dargaggoo ta’uu isaatiin bayyeen isaa teknolojii fayadama .kun immo teknolojii fayadamuun odeffanno argachuu carraa qabuu bala’a taasiisaafi.sababii kanaa miidiyaa isa idilee ittu hin hordofiin odeffanno argachuuf filatamo taasiisaani jachuudhaan gaazzexxeessaa Dammaqa Kabada nii ibsuu.
Karaa miidiyaa idilee rakko tamsii odeffannotiin hir’iina jiru ilaalchisee ogessichii yammu hubachisan ‘’odeeffannoo qulqullina qabuu kennuudhaaf rakkon mula’atuu jira.Gara caaluu qulquullinaafii ariitiidhaan dorgomuu akka hin danddenye isaan taasiiseera’’ jachuudhaan isa karaa damee miidiyaa idilee jiru huubachisu.

Kanatti dabalee miidiyaan hawaasummaa miidiyaa idilee sababiin itti caaleef miidiyaaleen idilee motummaas ta’e dhunfaa sochii daldala irattii yookaan degarsa motummaratti hirkatee waan taasiisaniif gara deggarsiicha argatan yookaan waan deggartoota isaaniif ta’u gabaasuu dhiibbaa qabu.Sababii kanaa midiyaan diijiitaalaa odeffanno dafee dhiyeesuu iratti miidiyaa idiilee qoree darbee yammuu deemu ilaalaa akka jirru kaasu.

Karaa oggeyyota tokko tokkoo ajandaa kenuutiin kan ta’u qabu miidiyaa idileetii gara hawaassummaa ta’u qabaa kanneen jadhan jiru.ta’ees amma biyya kenyatti kan argaa jirru faallaasaatiin miidiyaa hawaasuummaatii gara idileetti ta’uun isaa sirrii ta’u dhabuusaa kaasuudhaan yaada kennu.

Akka yaada gaazeexxeessaa Dammaqa Kabadatti ajandaa uumuutiin gama lachuutuu hiriinnis ciminniis jira karaa kanaa hunddisaanii yaali mataasaanii taasisaa kan jiran yoo ta’ees inni tokko isa biraa irraa ajanddaa foya]aa uuma jadhanii kaa’uf akka rakkatan yaadasaanii Addis Maaladaaf qodaniiru. Karaa miidiyaa diijiitaalaa fuulawwan hawaasummaa sababiin baliinaan mula’ataniif amanamummaan odeffanno sanaa ol’aanaa akka ta’e dubbachuun isa beekutti deebisani himuudha.sababbi kanaa ragaawwan karaa isaanii darbu kan dogoggoraa ta’anii yammu argaman ragaa jiru qulquullesuutiin hiriina gudda qabuu jadhuu Dammaqa Kabada.Dhimmi kuun garu dhaabbilee miidiyaa idilee irattis kan mul’atuu waan ta’eef hirii’na lachan isaanii qoddatan ta’uu dabalanii kaasu.

Yaroo dhiyoodhaa as odeffannoowwan dogoggoraa gad dhiifaman qulqullessuufii hawaasa beeksisuuf dhaabbileeniifii namootin dhunfaa mumulachaa kan jiran ta’uus yaalii isaanii qofaan kan milkaa’u mitii.Kan dhimmichii nailaala jadhu hundi dhimmicha xiyyefannaadhaan ilaaluu qaba.kanaan oliitti garu miidiyaaleen idileerakko ramsa’u ragaa miidiyaalee hawaasummaatiin isaan dura dhaabatee gufuu itti ta’e hikuudhaaf humna qaban hundda sirritti fayyadamuun yaroo dirqama isaaniitti ta’uu irratti argamu.


አዲስ ማለዳ 22 Adoolessa 2013 No 9

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com