የእለት ዜና

Paarkiin biyyaaleessa gaarreen Baalee yuuneeskootti galmmefamuuf ta’uun ibsame

Abbaan tayiitaa eegumsaafii misooma bineelddotaa paarkii biyyaaleessa gaarreen Baalee Yuuneeskootti galmeesiisuuf qopha’uu isaa beeksise.
Waajjira abbaa taayiitichaatti daareektara komunukeshinii Naaqaachew Birillee akka dubataniitti paarkiin biyyaaleessa gaarreen Baalee paarkiiwan gurguddo biyya kenyatti argaman kessaa qabeenya uumamaatiin kan badhaadhee uumamaalee heddu kan of kessa qabu ta’uu isaatiin hojjiwwan Yuuneeskkotti galmeesiisuu hojjatamuu isaa ibsaniiru.

Kanaaniis hambaa addunyaa ta’uudhaan ergii galmaa’ee waggotii 50 kan galmeessiseef akka biyyaatti haambaa addunyaa ta’uudhaan isa qofaa kan ta’ee akka paarkii biyyaaleessa kaabaa Baalees galmeessisuun yaadameera.

Xiyyeefanna idil addunyaa akka argatuufii qabeenyummaa umamaa isaa akkuma eegetti fayiidaa malu akka argatuu yaaduudhaan hambaa addunyaa taasiisuudhaan galmessisuuf karoorfameera jachuudhaan Naaqaachew Addis Maaladaatti himaniiru.

Akka waajira abbaa taayitiichaatti paarkii biyyaakleessa Baalee galmeessisuuf waggotii arfan darban yaaliin taasiifamaa turuu isaa Naaqaachew Addis Maaladaaf ibsaniiru.
Wayiita ammaa hojiin sadarkaasaa gutuu hojjetamee gara xummuraa irra ga’eera.

Sadarkaasaa guutuu yookan [Nomination file] jechuun Ulaagaa haambaas ta’ee qabeenya uumamaa Yuuniskkotti galmeesiisuuf ka’amee jachuudha.
Hambaas ta’ee qabeenyii umamaa tokko Yuuneeskkotti galma’uudhaaf dhimma isa gessisuu adda baasuufii beekuudhaaf kan danddeessisuudha.Ulaagaalee kanneen gutee argamuudhaan qopha’ee kan dhiyaatuudha.

Sadarkaa kana irraa ka’uudhaan paarkiin biyyaaleessa gaarren baalee maal akka qabu essatti akka argamuu akkasumas haalli amma irratti argamuu maal akka fakaatuu sanadnni qorattu qophaa’ee xummuramuun isaa nibeekama.

Paarkichii Yuuneeskoodhaan haa galma\uu yammu jadhamu ol’aanttummaadhaan rakkoolee paarkicha irratti mul’atan maqsuu akka barbaachisu kan eeran Naaqaachew paarkkiwwan biyyaalessa biyya kenyatti argaman bakkeen qubannaa bineeldotaa yaroodhaa yarootti lakkofsii ummataa itti dabalaa deeme feedhiin qabeenya uumaa akka dabaluu waan taasiseef paarkkiwwan kana irratti dhiibbaa bulchaa jira jadhaniiru.

Rakkolee kana kessaas nyaatnni beeleddootaa, boosoona mancaasuu,akkasumas qubannaa seeraan alaa kanneen eeramaniidha.
Gochaalee seeraan alaa kana sirreesuudhaafii bu’uuraalee misooma babalisuudhaaf inveestmantii ol’aanaa taasiisuudhaan daandii kiilo meetra 100 ta’uu Goobbaatti Dallo Mannaa geessu iddo paarkii wangoo diimaan jiruu hojiin kan biraatiin bakka buusuu karoorfameera. Kanaaf immo bulchiisoota naannichaa waliin walii galtee uumuudhaan hojiin dizaayinii hojjatamee gara hojji qabatamaatti seenuuf karoorfamuu isaa Naaqaachawn ibsaniiru.

Paarkii biyyaaleessa gaarren kaabaa irratti hojiin daandii baasuun hojjatamuu isaatiin dhiibbaa qabeenya uumamaa irratti qaqqabuuf ture hir’isuudhaan hojiin Yuuneeskkotti galmeessisuu kan gaggefamee yammu ta’u haala wal fakaataadhaan paarkii baalee irrattis hojjachuudhaaf karoorfameera.

Kanatti dabalee paarkkicha karaa qixa kan biraa kan argamuu daandiin Addaabbaatii gara ganda Weegee Haariinaa geessu qabiyyee paarkichaafi qabeenya uumamaa kan miidhu ijaa ta’ee qorannaa haaraan taasiifamee daandiiwwan akka filmaataatti dhiyaatan hojjachuudhaaf yaadameera jadhaniiru.

Daanddiwwan dheeriina gabaabsan kunniin lamman birrii ammamii barbaaduuf siriitti yoom akka jalqaban Addis Maaladaan waajjira ministeeriichaa iraa ragaa argachuu hindandenyee.
Paarkiin biyyaallessaa Baalee binelddonni heddu barbaadamoo ta’aan Wangoo dimaafii sinbbiroonni kan keessatti argamaniifii qabeenya biyyaa calaqqee gaarii qabuu ta’uu isaa Naaqaachew eeraniiru.

Qabeenyaa guddaa kana eegumsiiwwan garraa garaa taasiifamaafii kan jiran ijaa ta’ee eegumsii isaa bu’aa akka argatufii bakka hawata turistii guddaa akka ta’uu Yuuneeskkotti galmaa’uun isaa xiyyeefanna idiil addunyaa akka argatuu danddeesiisaanii.

Waajjirri abbaa taayitiichaa paarkii biyyaaleessa gaarren Baalee mootummaa naanno oromiiyaa kanaan dura bulchaa turee bara 1999 irraa jalqabee dhaabbata bulchaa tureedha.
Yuuneeskkotti galmeesiisuudhaaf bu’uraalee misooma barbaachisan kessaa tokko paarkicha balaa irra buusuu kan danda’aaniifii paarkicha kessa kan darbban toorawwan humna ibsaa qixa kan biraatiin hojiin naanneessu hojjetamaa jiras jachuudhaan kaasaniiru Naaqaachawn.

Kanatti dabalees jiraattotaa seeraan alaa paarkicha kessa qabatanii turan birrii miliyoona 160 ramaduudhaan hojiin achi baasuun hojjatameera.
Rakkooleen akkanaa yoo dursanii hiikaman Yuuneeskkotti galmeessisuun wantii dhorkuu akka hinjirre Naaqaachewn eeraniiru.

Waajjirri abbaa taayitiichaa labsiin 575/2000n ergii hunda’ee jalqabee bineelddota Itiyoophiyaatti argamaniifii bakka jireenya isaanii kan misoomsuudha.
Biyya kenyatti kan argaman paarkkiwwan biyyaaleessa naci saar,Baalee ,Kaabaa waggaatti amma turistoota kuma 60 kessummesaa kan turan yoo ta’ees eergii wareerri vaayirasii koronaa mudatee booda paarkii biyyaaleessa kaabaa irraa turistiin akka hiratuu taasiseera jadhaniiru.


አዲስ ማለዳ 29 Fulbaana 2014 No 11

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com