የእለት ዜና

Olmmaa ayyaanaa buqqaatootaa

Ayyaanota biyya keenyatti kabajaman jidduudhaa waggaa eege magariisttummaa biqiltuwwaniin miidhagee waggaa moofaa gaggeesseebara haaraa abddii ifaa qabatee kan dhufuu ayyaana jijjiirraa waggaa yookan inquxaaxaashiidha.

Ayyaanni jijjiirraa wagaa, waggaan moofaan gaggefame waggaa haaraaf simannaan ittii taasiifamuu,jireenyii haaaraan itti jalqabamuu abdii haaraan ittii hooratamuu hiiri’nawwan maqfamanii guddinni ittii karoorfamuu jaalalaafi wal kabajuun tokkuummaan itti lallabamuu jalqqabbii boqonnaa haaraa akka ta’ee lammiwwan Itiyoophiyaa irratti walii galuu.

Itiyoophiyaan biyya kami irraa iyyu kan hin fudhanne dhalootarraa gara dhalootaatti yeroo isaa eegee kan raawatamuu dhalonnii eege kabajee kan walii dabarsaa as ga’ee akkaataa kabaja ayyaanaa mataasheetii akka qabddu dhalootnni qabatamaadhaan yammu ragaa bahuu mula’ata.

Ayyaana jijjiraa waggaa yookan Qaam’ee sababbiwwan garaa garaan namootiin kan itti wal argan lamiileen walitti qabamanii bishaan Qaam’ee jaalalaan waliin dhandhaman ta’uu isaatiin gamatti hundi amma humna isaa hoolaa, re’ee .lukkuu, yookan sangaa qalee farsoo naqee naa nyaadhaa naadhugaa itti waliin jadhu ayyaan waggaa waggaadhaan dhufudha.

Haata’u malee yeroo ammaa kuutaalee biyyattii kaabaatti waraana uumameen ayyaaniicha haawaasnnii naannichaa haala barameen akka hin kabajnnee dirqameera.Ayyaana jijjiirraa waggaa bara 2014 kabajamuu lamiileen Walloo kaabaatti argaman walitti qabamuurraa bittinnofnee gammaduu irraa gaddiinee dabarsuuf dirqamnneerra kan jedhuun gadda kessa seenuu isaanii dhageenyeerra.

Lammileen kuma 300 ol ta’aan naannolee Walloo kaabaatti mana isaanii gad dhisanii baqachuudhaan Dasseefii Komboolchaa akka jiran Addis Maaladaan gabaasaa turuun ishee niyaadatama.
Buqqaatoota kana kessaa lamiileen kuma 110 ta’aan magaalaa Dasseefii Komboolchaatti buufataalee qubannaadhaaf qophaa’an 16 keessa yamuu jiraatan abbotiin warra kuma 3 ol ta’aan magaalaa Finfinnee keessa jiraatuu.isaan hafan Dasseefii Komboolchaa mana kireefatanii jiraachaa kan jiran ta’uu isaanii buqqaatootaaf gargaarsa taasiisaa kan jiruufii dhalattota naannichaan koreen hunddefamee beeksiseera.

Mana keenya yaadaa ayyaanicha gaddaafii baqqanaadhaan kabajuuf jirraa namootiin jedhan ol’aanttummaadhaan rakko kanaaf kan isaan saaxilee immo miidhaa garee shororkkeessaa ABUT akka ta’ee eeru.

Addis Maaladaan ayyaana kana sababbefachuudhaan namoota naannolee Walloo kaabaatti buqqa’anii Dasseetti ,Komboolchaafii Finfinneetti argaman waliin turmaata taasiifteetti.
Efreem Kabbada jedhama dhalatee kan guddate godina Walloo kaabaa magaalaa Waldiiyaa bakka addaa Adaagoo jadhamuun beekamuutti abbaasaa umurii ijooluummaan du’an waan dhabeef itti gaafatamnni maatii bulchuu isarra ta’e barumsa isaa cinaatti hojji bilbila suphuu irratti bobba’ee jireenya gaggesuudhaan baroonni laka’amaniiru.
Efreem abbaa isaa bakka bu’ee maatii bulchuu itti gafatama qabuu ba’uudhaaf guyyaa tokkon tokkoshee sagantaadhaan qoqqodee dhama’achuu itti fufeera.

Abbaa waraashee du’an kan dhabdde haati isaa akka hin gaddiine madda gammachuu ishee ta’uudhaaf wantti inni hin raawa’anne akka hinjirre dubbata.Halkan qayyabannaadhaan guyyaa guyyaa suuphaa bilbilaan kan dhama’uu Efreem qonnii yammu ga’uu barumsa isaa cinaatti qotiyyoodhaan qonna gaggeesuun hojii isaa idiileedha.bu’a ba\ii jireenyaa kana hundaa darbee galii argatuun ayyaannonni gurguddaan yammuu dhufan qalmma ayyaanota kanaaf barbaachisan taasiisee maatii uwwiisee isaan yamuu gammaddan arguun isaafi gammachuu guuddaa isaa kenna.

Efreem boqonnaa isaa yeroo gannaa aarsaa taasiisee hojii suuphaa mobaayilii isaa foyyassee deebi’uudhaaf gara magaalaa Komboolchaatti goree ture .Sababii dhibuu nageenyaa rakkoo umamuu miidiiyaaleedhaan ibsamuu yammu dhaga’uu maatiitti halkanii guyyaatti bilbiluun hojji isaa guyyaa guyyaa ergii ta’ee bubbuleera.

Ammaammo haalli hundi itti jijirameera gareen shororkkessaa jadhamee ABUT magaalaa Waldiiyaa to’aachuu isaatiin daandiin cufamuu isaafi neetwarkiin cicciittu isaatiin nageenya maatii isaa hubachuuf rakkateera.bilbila yoo bilbilees bilbillii deebii isa dhawwachuu isaatiin dubbiin maatii isaa argachuu abjuu itti ta’eera.

Efreem birrii of harkaa qabuu kiiraa manaafii kafaltti baruumsaa ijaa taasifatee harkaa haphateera.Haalli kuun bakka qubannaa namoota Komboolchaa irraa buqqa’aniitti akka siiqu isa dirqisiisuu hin ollee.

Amma buqqaatoottaatti makamee dhaabbilee deggartootaafii gargaarsa hawaasa naannichaan jireenyaa achi butachaa jira,
Efreem amma amalli isaa jijjiramaa jiraachuu dubbata.haallii maatiin isaa irra jiran haasaa harkaa balleesse yaaddoon adoocheeraani.
Efreem baqqanaarra jiraatus harkaafii mila isaa xaxatee taa’uu fiilannoo isaa hin taasifannee rakko dandamachuuf dirree hojji kmiratti iyyu bobba’uu akka qabu hubatee hojii humnnaa guyya guyyaa irratti bobba’eera.

Ammamiille hojji irra yoo ta’ees ayyaanni yammu sammuu isaatti dhufu maatii isaa irraa adda ba’uun isaa yaada kessa isa galcha .Oduun guyyaa guyyaa miidiyaa hawaasummaatiin tamsa’uu abdi xinno maatii isaa argachuuf qabu jalaa ajjeesaa yoo dhufees bilbila yaaluu garru akka addaan hin kunnee dubbata.

Efreem Kabbada ayyaaniicha maatiisaa waliin dabarsuuf abddiin qabuu yoo jalaa haphatees sagaleesaanii dhaga’uuf bilbila yaaluu garuu itti fufeera Garuu yaaliin isaa kuun bu’aan buuseef tokko hinjiru amma ammaatti.ammallee sagaleen bilbiilaa yeroodhaaf deebii hinqabu jadhuu gurraa isaa irraa iyyuu abdii xinno sagalee maatii isaa dhaga’uuf qabu yammu jalaa dukkaneessu itti dhaga’aamaa.

Jireenya haala kanaan gaggeessaa kan jiru Efreem neetwarkiin isa irratti duula waan bahee itti fakkaachaa dhufeera.Haala maatiin irra jiruu hubachuu dhabuun isaa maatii yaaduufii ayyaana Qaam’ee baqqattuummaadhaan dabarsuun isaa caba laphee guuddaa akka itti fide amana. Haala maatiiwwan kenya irra jiran akka hubannuuf qaamnni dhimmi isa ilaallatu mootummaa dabalatee fuurmaata atattamaa nuu kennu qabu jachuudhaan Addis Maaladaaf ibseera.

Maqaan isaanii akka hin ibsamnnee kan gaafatan haati buqqaatoota magaalaa Dasseetti argaman tokko gama isaaniitiin duur waraanni yoo jiraate illee warren waraanicha irratti hirmaatan niiwaraanu malee jiraattonni mana keessan gad dhiisaa jadhamanii mannii isaanii saamtootaaf dabarfamee akka kennamuu dirqisiifamee hinbeeku .Mootummaan nuuf qaqqabuu qaba jedhan.
Dargaggon magaalaa Finfinneetti argamuu Niguus Ayyanaw jadhamuu maatiiwwan koo akkam akka ta’aan hin beeku .Ayyaana maatii irraa adda bahanii dabarsuun kanan dubbadhu ol nama jibbisiisaa Essa oolamas ¬ammahoo maatiikoo guyyaan itti arguu bayyee natti fagaateera. Jachuudhaan miira isaa ibseera.

Addis Maaladaan dhimmicha ilaalchisee hayyuulee xin sammuu waliin turmaata kan taasiftee yammu ta’uu hayyuuleen kuun yaada isaanii akka itti aanuutti ibsaniiru.
Yeroo ayyaanaa miti guyyaama kaan yoo ta’ee namnnii maatii isaa irraa yammu buqqa’uu wantootii dhabuu hedduun dhiphiina kessa gala kan jedhan ogessa xin sammuu Muuzayyiin Jamaalidha.Kessuummaa ayyaanota manaa buqqa’anii ooluun amma ittuun manakoon jira ta’eetii akkanan godha ture kan jedhuun gaabbii namattii uuma.dhiphiinni immo ka’uumsawwan dhukkuba samuuf saaxilan kessaa tokkodha jachuudhaan ibsan.

Namootnnii sababbii walitti buu’iinsaa yammu buqqa’aan dhangala’uun dhiigaa kuufaatiin biyyi yammu barbaddoftuu arguun dhiphiina hamaaf isaan saaxila.Yeroo ayyaanaa isa barameen ala maatii irraa adda ba’aanii ooluun ayyaanicha bakka itti dabarssan mahaalaqa ittin oolan dhabuun dhiphiina sammuu ol’aanaaf isaan saaxilajechuudhaan Muuzayyin ibsaniiru.
Rakkoon yammu mudatu dhiphachuun furmaata ittu hin taanee rakko kessaa bahuun hin danda’amnnee kessa galchuudha kan jedhan ogessii xin sammuu kuun furmaatawwan rakkinicha fuuruu danda’aans eeraniiru.

Wantii dhaga’amuufii hubatamuu hammaataa yoo ta’ees isa hamaa gara cinaatti dhisuu barsiifata taasiifachuudhaan wantoota gaggaarii yaaduun furmaata isa adda duraafii ol’aanaa akka ta’ee eeraniiru.

Kuunis amma maalttu uumamee laata maalif akkas ta’ee kanneen jadhaniifii dhiphiina sammuu dabalan yammu sammuutti dhufan ameen jadhanii fudhataniikana jalatti kufuu irraa nan amana kuun nidarbaa homtuu hin uumamuu kuun kan ta’ee waan gaariifii isa jedhuun bakka buusuudhaan furmaata dhiphiina ta’uun akka danda’amuu Muuzayyiin ibsaniiru.
Furmaatnni dhiphiina sammu itti maqsinuu inni lamataa ka’uumsa dhiphiina sammuu kanaa beekuufii yoo ni danda’ama ta’ee wanta dhabamee sana bakka buusuuf yaaluu yoo dhibee immo kdhannaa cimaadhaan uumaa ofii waliin wal arguun furmaata filmaata biraa hin qabnneedha jedhuu.

Muuzayyiin wanta dhabamee bakka buusuu jacha jadhuus namootii ayyaaniicha baqanaadhaan dabarsaniif mootummaaniis ta’ee hawaasichii waldeggaraniifii walitti dhufanii kan qabuu walii qoduudhaan yaada dhiphuu kana kessaa akka ba’aan taasiisuu qabu jadhanii amanuu.

Kanatti dabalees buqqaatoota kana bakka jiranitti argamuudhaan gorsa xin sammuu kennuun furmaata guddaa fiduu akka danda\uu duubbatu.


አዲስ ማለዳ 29 Fulbaana 2014 No 11

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com