የእለት ዜና

Paartiin badhaadhinaa qofaasaa kan itti dorgomuu filannoo naannoo Sumaalee

Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa marsaa 6ffa Waxabajjii 14/2013 kan raawwachiisaa yammu ta’u sababii dhimma nagaatiin bakkawwan filannoon itti hin adeemsifamin hafetti Fulbaana20/2014tti marsaa lammataa adeemsisuuf beellamni qabameera

Filanno marsaa jalqabaa guutummaa gutuutti naannolee hin hin qabamnne keessaa naannoon Sumaalee isa tokko yammu ta’u naannichatti galmeen filattootaa taasifamee wayita ammaa paartiin siyaasaa dorgomuu badhaadhina qofa ta’u itti aanaa bulchaan naannichaa obbo Mahaammad Roobalee Addis Maaladaatti himaniiru.

Itiyoophiyaatti bu’a ba’ii hedduu booda filannoo marsaa 6ffaa baatii Waxabajjii darbee gaggefameen naannolee gartummaan gutuuti hin hirmaanneefii muraasa hirmaatan jiru. Filannoon guutummaan guutuu kan itti hin gaggefamnee naannolee Sumaalee,Tigraayiifii Haararii yammu ta’an Naannoolee filannoon muraasaan itti gaggefamnee Oromiyaa ,Amaaraa, Beeniishaangul Gumuuziifi naannoo Kibbaa keessatti argamu.Naannolee filannoon muraasasn itti gaggefamnee gidddhaa Beeniishaangul Gumuuz isa tokko yammu ta’u Godinaalee sadii naannichatti argamuu filannoon kan gaggefamnee Godina tokko qofaatti ta’uun kan yaadatamudha.

Naannoo Beeniishaangul Gumuuzitti Godinaaleen filannoon itti hin gaggefamnee lamaan Godinoota Matakkaliifi Kamaashii yammu ta’an Godinaaleen kun sababii rakkoo tasgabbii Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa hin danda’u jachuu isaatiin akka ta’e kan yaadatamudha. Naannolee kana iddoowwan muraasatti filannoon ittu hin gaggeffamiin kan hafee sababii rakkoo tasgabbi tureefi rakkoo waraqaa irra tureen akka ta’e ibsii boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan yaadatamudha.

Boordiin filannoofi murtee ummataa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Fulbaana 20 bara 2014 Naannolee Harariifi Sumaalee fii Naannoo kaabaatti adeemsisuu lakkofsii filattootaa walii galaa galma ’an miliyoona 7.6 yammu ta’u Dirre Dhawaatti 1841 Harariiti kuma 135 Smaaleetii miliyoona 5.1 naannoo Kibbaatti miliyoona 2.3,filannoofi murtee ummataa naannoo kibbaatti gaggefamuuf kuma 527 nii hirmaatu jachuudhaan boordichi beeksiseera

Naannolee filannoon itti gaggeeffamu kanatti 47 n isaaniitti mana maree bakka bu’oota ummataaf mana maree naannoof immo 705 dha. walii galatti buufataalee filannoo 7054tti filannichi gaggeeffama jadhameera.

Boordichi filannicha al tokkotti gaggeessuu akka hindandeenye murteessuu ibsatti aanee filannoon biyyaaleessummaa marsaa 6ffaa marsaa lamaan gaggeeffama .Boordichi filannoo marsaa lammaffaa kanaaf qophii dorsa taasisaa jira. Filannoon marsaa jalqabaa Waxabajjii 14 bara 2013 kan gaggeessee boordiin filannoo dursee ,kanaan dura filannoon marsaa lammaffaa Qaammee 1/2013 tti kan dabaree yoo ta’es qophiin filannicha yeroo karoorfamee itti ijaa hin xumuramne filannoon marsaa lammaffaa Fulbaana 20 bara 2014 akka gaggeeffamu boordichi ibsuun isaa niyaadatama.

Filannoo marsaa lammaffaa kanaan paartilee siyaasaa dorgoman afur jidduudhaa paartii badhaadhinaa qofa kan hafee yammu ta’u paartileen filannichatti akka hin hirmaanne murteessan paartii bilisuumaafii wal qixxummaa adda bilisummaa biyyaalessaa ogaadeen fii paartii haqa hawaasummaa lammiilee Itiyoophiyaadha. Paartileen kun filannicha kan of baasan galmee filattootaa waliin wal qabatee iyyannaa dhiyeefataniin boordiin filannoo deebii sirrii hin kenniine kan jadhuuniidha,

Addis Maaladaan paartileen filannootti hin hirmaanne dubbisuu kan yaale yammu ta’u itti gaafatamaan quunnamtii ummataa paartii Ezeemaa Naatina’eel Fallaqa kan itti aanuu nutti himaniiru.
Adeemsa raawwii filannoo biyyaaleessumaa 6ffaa Itiyoophiyaatti paartileen siyaasaa soodaachisa tokko male bilisummaadhaan mirga hirmaachu akka qabaniif sochiin filannoo kamuu seeraafi qajeelfama filannootiin geggafamuu akka qabu yoo beekamus inni mul’atu garuu faallaa isaatiin paartii tokkof kan logu ture jadhaniiru.

Paartiin bilisummaafii walqixxummaafii Ezeemaan yaada walinnii kennaniin paartii biyya bulchu dabalatee paartiileen morkattoota hundi waliigaltee waliinii malattesan irratti akkaataa labsii naamuusaa filannichaan sirna filannoo barbaachisa diriirsuuf akka qaban labsii naamusa filanichaan mirkana’uu isaa yaadataniiru.

Garuu immo paartileen siyaasaa morkattoota laalchan isaanii garaa garaa karaa seera qabeessa dadamaqsa taasiisuudhaan filattoonni yaada isaanii bilisaan ibsachuudhaafnhirmaachuu akka isaan danddesiisuu kan hojjetame hojiin tokko iyyu akka hinjiru jadhaniiru.

Naannoo Sumaaleetti adeemsi galmee filattootaa rakkoo kan qabuu ta’u isaatiin olitti sirna filannoo kan dhiibbatee ,hiikko filannoo kan faallesuu garee tokkoof kan looguudha jachuudhaan paartiin bilisuummaafii walqixxummaa beeksisaniiru.

Paartiileen siyaasaa morkattotaa kanaan dura komeewwan bordi filannof dhiyessan hiikamu dadhabuun isaanii filannicha irratti amantaa akka dhaabni nuu taasiseera jechuudhaan paartileen siyaasaa Ezeemaafii walqixxummaafii bilisummaa beeksisaniiru.

Paartileen kun ragaa ifa taasisaniin meeshaan filannoo kanaan dura hatamee ture harwaatiin akka bakka bufamu gaafachuu isaanii yaadatanii amma garuu kaardiin kanaan dura saamamee ture gara filannootti galamuu isaatiin filannichi amanamtummaan isa hanqata jadhaniiru.

Paartileen kun naannolee buufataaleen filannoo itti hin hundeeffamne irratti buufanni filannoo akka hundeeffamus kan gaafatan yammu ta’u deebiin boordii filannoo biyyaalessaa iraa kenname ga’a miti jechuudhaan beeksisaniiru.

Haalli boordiin filannoo itti caaeeffamee sadarkaa sadarkaadhaan ittu hin ta’iin caasaa mootummaa walinidha kan jedhan paartileen filannicha kessa of baasan raawachifttonni filannoo meeshaa filannoo saaman seeraan gaafatamtuu dhabuun isaanii filannicha haqa qabeessa akka hin taanee taasisa jechuudhaan ibsaniiru.

Adeemsi ramaddii meeshaalee filannoo boordichaa dhiyaatanis ,filannoon raawwachiiftoota filannofii leenjiin akkasumas ramaddiin yeroo adeemsa galmee filattootaa ragaan ifa ta’u dhabuu isaa kaasaniiru.

Leenjitonni karaa boordichaa lenji’an ittu hin beekiin sanadniifii meeshaaleen filannoo karaa hojjatoota caasaa mootummaa aanaafi gandaa raawwatamuu isaa amanamtummaan kan hin qabnne ta’u isaatiin Fulbaana 20 bara 2014tti filannoo gaggeeffamu keessaa of baasaniiru.

Boordichi gama isaatiin konkolaattonni meeshaalee filannoo raabsaman fe’ateee man kuusaa yeroo boordichaa yeroo magaalaa Finfinneetti argamuu Fulbaana 11 bara 2014 tti gara naannoo filannoo deemuu isaanii itti gaafatamtuun dhimoota komunikeeshinii boordichaa Soliyaanaa Shimallis ibsaniiru.

Boordichi baasii mataa isaatiin birrii miliyoona 5 baasuudhaan iddoowwan galmeen filattootaa itti badeetti Ogeeyyoota leenjisee erguudhaan hojiin fooyyessaa hojjetame lammata akka galma ‘an taasisuu isaa kan ibse yammu ta’u gabaasa kanas paartileen siyaasaafi ergeera jechuudhaan beeksiseera.

Galmeen filattootaa lammata kan taasifame iyyannaa paartileen siyaasaa irraa dhiyaateen jadhameera. raawachiftootaaf leenjii kennuudhaan karaa raawachiiftootaa hiriina hubannaa jiru sirreesuudhaan deggarsa meeshaa taasiisuudhaan galmeen filatootaa lammata akka gaggefamu taasifameera.

Akkaataa gaaffii paartilee siyaasaan dhiyaateen naannoon gutuu tokko adeemsa galmee akka gaggeessuu gaafatame ture garuu hirina qabeenyan geggesuun hin danda’amne
Paartileen filannicha of baasan filannichi gaggeeffamuf torbeen lama yammu hafuu ba’uun isaanii gocha itti gaafatama hin qabnneedha jechuudhaan boordiin filannoo ereera. mana mare waliiniitin akkaataa walii galtaniin raawwachiiftoota filannoo akka nuu kennan yoo gaafannes raawwachiisa filannoo walii nuugalchiisuu hin qabnu nuun jedhaniiru jedheera boordichi.
Bultiwwan muraasa booda naannolee sadiifi bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaatti filannoon geggafamuu paartileen siyaasaa 22 kan keessatti kan dorgoman yammu ta’u filannoo naannoo Sumaaleetti gaggeeffamu keessaa paartileen siyaasaa sadii keessa of baasaniiru.

Kanneen keessaa tokko kan ta’ee addi bilisummaa biyyaalessaa ogaadeen filannicha keessa kan of baase sababbiwwan garaa garaa akka ta’e beeksiseera. Akkaataa hojii boordii filannoo biyyaalessaa irra ifttommni ijaa hinjirrefii hirinawwan kuunakka sira’an gaafatee geddarumsii dhufu dhabuu isaatiini jedheera.

Fulbaana 20 bara 2014 dhufu barcumawwan paarlaamaa filannoon itti gaggeeffamu keessaa iddoo ol’aanaa kan qabaatan naannoo Sumaaleefii kiibbatti kan argaman yammu ta’an barcumawwan manni mare bakka bu’oota ummataa qabuu 547 keessaa Waxabajjii darbee filannoon kan itti gaggefamnee barcumawwan 436 qofaattidha .yeroo sanatti filannoon guutummaa guutuutti kan itti hin gaggefamnee naannoo sumaalee paarlaamaatti barcuma 23 kan qaban yammu ta’u filannoo Fulbaanaa dhufutti hundaati filannoon ni gaggeeffama jechuudhaan soliiyaanaan ibsaniiru, Barcumawwan paarlaamaa kanatti dabalee barcumawwan mana maree naannoo 273 saniif filannoon ni gaggeeffama. jedhaniiru Sooliyaanaan.

Filannoo Fulbaana 20 gaggeeffamu kanaan akkuma naannoo Sumaalee hundaa iddoowwan heeddutti barcuumawwan paarlaamaaf filannoon kan gaggeeffamu naannoo kibbaafii. Naannoo kibbaa barcuma mana mare bakka bu’oota qabu 104 keessaa filannoo ammaa dorggommiif kan dhiyaatan 22 dha. sababii adeemsa mana murtee tureen Waxabajjii 14 filannoon kan itti hin gaggefamnee naannoo Harariitis barcumawwan paarlaamaa lamaaf guyyaa kana filannoon ni gaggeeffama.

Bu’aan filannoo biyyaalessaa marsaa jalqabaa baatii Adoolessaa darbee boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin ifa ta’eera. Bu’a filannoo boordichi ifa taasiseen barcuma mana mare bakka bu’oota ummataa barcuma walii galaa 547 qabu marsaa jalqabaan barcumawwan 465 keessatti qabamaniiru kana jechuun bay’inni barcumawwan hafanii 82dha jechuudha. Bu’a yeroo marsaa jalqabaa ifa kan taasiise barcuma bakka bu’oota ummataa 436 keessaa paartiin badhaadhinaa barcumawwan 410 mo’aachuu isaa boordichi ibsuun isaa kan yaadatamudha. Boordichi akkaataa bu’a ibseen filannoo marsaa jalqabaan barcumawwan mana maree bakka bu’oota ummataa 26 paartilee siyaasaa morkattotaafii dorgomtoota dhuunfaatin qabamaniiru.


አዲስ ማለዳ 15 Fulbaana 2014 No 14

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com