የእለት ዜና

iidhaa korniyaa dubartootaa buqqaatoota hojii barbaadan irratti raawwatamu

Daasaash Moollaa jedhamutti dhalatte kan guddatte Godina Walloo kaabaa Aanaa Maqeet ganda 04 iddoo addaa wafcinaa jedhamtutti Daasaash barumsashe amma kutaa 8 baratteeti garuu ammo sababii hirriina humnaa barumsashe bakkaan ga’u hin dandeenyee mana abbaa qabeenya galtee hojjachuudhaan jireenya ishee gaggesiiti.

Baatii lamaan dura dhaabbanni shororkeessaa jedhamee ABUT miidhaa geesiseen gara Finfinnee kan dhuftee Daasaash jireenya ishee kan gaggesiitee mana abbaa qabeenya magaalaa Finfinneetti argamanii tokkotti minddeefamtee ta’u ibsiteetti.

Dhimmi maatii ishee waraanicha kessa jiraniif yoo ishee yaachisees buuqaatee waan dhufteef hojji argachuun ishee immo xiqqoshee boqonnaa sammu kenneraaf. Guyyaa tokko mana itti minddeefamtee hojjechaa jirtu dhiftee akka baatu tasa itti himamee ture .isheen hojii ishee minddesiitee manaa kan ishee baaftee halkan sa’aatii sadii ijaa ture gaafas siree qabattee bulte borumtaa isaa hojii barbaachatti baate yeroo gabaabaa kana keessattis yoo xiqaatee mana sadii galtee baateetti sababbiwwan garaa garaatiin.

Shamarreen haala kanaan jireenya ishee gaggesiituu namootii hojii manaa ishee galchan kessaa isaan tokko tokko akkuma ijoollee isaaniitii ilaaluudhaan kabajaafii jalala gaarii waan ishetti agarsiisaniif edaa ittuu hindhalatiin dhala ta’uuniis jira jechuuf ishee afeereera.

Warreen mana isaanitti ishee galchan warreen biraa immo hojji itti bay’iisuu irra darbee mindaa dhamaatii ishee dhowwatanii akka isheen jireenya ishee abaartuu akka ishee taasisan dubbatti.
Mnana jalqaba kessa hojjechaa turtee yammu baatuu birrii ijaa of harkaa hinqabnnee daftee hojji barbaachuu akka qabddu hubattee turtee. kanaaniis gara dallaalaa hojji jalqaba ishee galcheetti bilbiltee akka hojii ishee barbaaduu yemmu itti himtuu hojiin akka jiruu daftee akka dhuftuu itti hima. Dallaaliicha waliin yammu wal agartuu garuu dubbiin akka isheen hin eegnnee akka ta’ee dubbatti .Bakka Addisuu Gabayaa jadhamuutti baalameenii dallaalaan agarteen ergii wal arganii booda daandiin waliin deeman dheeratee jennaan hingenyuuyii jettee gaafanaan ga’uu genyeerraa jechaa daandii dheeraa maqa heeddu qabuu akka deeman dubbatti.

Namnnii hojiidhaan dadhabaa olee hundi gara manaatti galee bakkee kessa namnnis ta’ee waa biraa hin mul’atuu waan ta’eef soodaa kessa isheetti uumee turee.
Bu’aa ba’ii heeddu boodas akka yaada Daasaashitti mana hojii galuuf deemtuu bira ga’an Dallaalichii garuu gara siree dura mijeeseetti ishee gesse isheeniis ol galuu yoo diddees harkashee micciiree qabee gara sireetti ishee darbatee anaaf sii qofaan hin jalqabnnee maal qaba jechuudhaan saal qunamti akka raawwatan akka ishee dhidhiibee dubbatii.

Haaliichii ishee aja’iibsiisuu ira darbee akka ishee qaaneesse kan dubbatu Daasaash Moollaa ‘’Namootiin biraa yoo boollaa galan aniis boolla galuun qabaa? essattimmo nabeekta jechuudhaan essattis sii beeka jechuudhaan sagalee guddaadhaan nyaara gurtee saatii dheeraa akka isa morkiitee dubbatti.Maal qabaree kuunoo wal barree miti kanaan booda jedhee yoo ishee gowwomsuu yaalees kuutaa sana gad dhisee akka ba’uu kadhachuudhaan akka ba’uu ergii taasiiftee booda balbala akka gad itti cufatte ibsite.

Dallaalaan abdii irra hinkutannee balbala isheen gad cufatee akka banttu tutuquurraa of hinqusannee isheeniis amma bari’uutti balbala cufatte bulte.Halkan sun halkan yeroo kaan caalaa kan itti dheeratee itti fakkaatee bari’ee kutaa sana kessaa yoo baatus Dallaalaan hojii barbaaduuf kuun haala salphaadhaan ishee dhiisuu hin barbaadnne.

Hiriiyaashee biraa waliin turan dafee hojitti galchaa ishee garuu itti taphachuu akka barbaade dubbatti. Hiiriiyyoota isaa waliin ta’ee isaan waliin akka dhugddu yoo gaaffii dhiyyesuuf lakki anii dafee bakka cisichaakoo deemuun barbaada jettus ishee dhaga’uu hindanddenyee. Namnii manashetti ishee galfattu dhufaa akka jirtuufii eeguunii akka qabddu isheetti himamee yoo eegddees namni dhufee waan hinjirreefi kaayyoon isaanii waa biraa ta’uu kan shakkitee Daasaash mala itti isaan jalaa miliiqxuu yaaduutti kaatee.kanaaniis mana fincaanii deemeen dhufa jettee nama rakko kana kessa ishee baasuu danda’an barbaachuu akka qabduu yaadde murtessitee .Murteeshee Kanas gara qabatamaattii jijjirtee. Namoota hoteelicha kessa jiran keessaa tokko bira deemuudhaaniis ‘’ba’uun barbaada nagargaaraa jette haala kessa jirtuu yammu itti himtuu jarris rakkoshee hubataniif gargaaraniinii haala keessa turtee rakko bayyeedhaan milqxee ba’uu danda’u ishee dubbatteetti.

Karaa ejansiiwwan walqunamsiiftootaa hojii barbaachuun heddu cimaadha kan jattu Daasaash kana qofa ittu hin ta’iin dallaaloonni mindaa sobaa itti himanii galchaniinii booda kan isaanii kafalamuu xinno ta’uus ibsiteetti.

Daasaash Moollaa rakko ishee mudatee kanaan heeddu aartee akka boossuu kan ibsituu yammu ta’u mirgii hojjatootaa akkuma warren kaanii kabajamu akka qabuu hubachifteetti. Itti dabaltees warreen hojji nama galchan kanaan miidhaan korniyaa sababeefatee nama irra ga’u miidhaa xiin sammuu gessisuutti dabalee dubarttonni
heddu ittu hinbarbaadiin garaatti akka baataniif da’an jireenyaa daandii irraaf akka saaxiilamanis isaan taasiisa jetteetti. Dubartoonni hojii barbaadaniis wayita hojii barbaadan of eeggannaa cimaa akka taasiisaan gorsa keniiteeti.

Biyya keenya iddoowwan garaa garaatti Kesuumaa dubartoonni baadiyyaatti dhalatan yeroo yerootti gara magaalaatti yammu godaanan mula’atuu.
Biyya keenyatti hojii dhabddummaan baballachuu isaa irraa kan madde carraan hojii argachuu yeroodhaa yerootti dhiphachaa deemuun isaa hedduwwan biratti dubbatamuu ergii jalqabee bubbuleera. Sababii kanaa warreen baratanii eebbifamuu hin geenyee hafee wareenumttu dhaabbilee barumsaa ola’aanaatti baratanii digriidhaan eebbifaman gara ejansiiwwan hojii nama eeran kanattifii iddoowwan beeksiifnni hojji itti maxxanfaman guyyaa guyyaadhaan deemanii ilaalan ragaadha.

Kana ta’uu isaatiinis dubartoonni baadiyyaatti gara magaalaa hojiif dhufan magaalaatti waan hundaa miijataa ijaa isaaniitti fakkaatu eerga dhufanii booda waan hundaa rakkisaa itti ta’aa..Walxaxaa ta’u jireenya magaalaatti dabalee hojiifii mahaalaqa dhabuun yeroodhaaf iddo itti boqotan dhabuun rakko guddaa isaan mudatu akka ta’ee yemmu dubbatan dhaga’amuu.
Kana hordofees kaayyo gara magaalaatti itti dhufan kana milkkesuudhaaf gara ejansiiwwan qunamsiiftootaa deemuudhaan hojii barbaaduu akka filannoo ola’aanaatti fayadamuu.

Dubartootaa magaalatiif harwaa ta’an hafee barumsa xummuranii hojii barbaacha magaalatti qarqaraa amma qarqaraatti beekna jedhan illee ejansiiwwan kanaan kasaaraan yeroofii mahaalaqaa akka isaaniirra ga’uu dubbatu.

Kesuumaa dubartoonni baadiyyaatti gara magaalaatti dhufan yeroo daddabalamaa miidhaan korniyaa bu’ureefatee akka isaan irra ga’uu dubbatu. Kesuumaa miidhaa gareen mana maree bakka bu’oota umataan shororkkesaa ta’uun isaa ibsame ABUT aleellaa Walloo Kaabaatti raawwateen dubartoonni qa’ee isaanii gad dhiisanii hojii barbaacha dhufan sababii waraanichaan harka duwwaa manaa ba’u isaaniitiin hojii argachuuf walitti dhiyeenya dallaaloota waliin taasisaniin miidhaan korniyaa bu’urefatee isaan irra ga’a akka jiru dubbatu. Miidhaa korniyaa kanaan qabee isaan irra ga’uu kanaaf wantootii sababii ta’an keessaa yeroodhaaf maatii bira quubatan dhabuu siree mi’aa ta’ef mahalaqa dhabuu walitti siiqenya hin malle dallaalootaa waliin qaban amma hojii argataniitti isaan faana ta’u akka danda’an yaada gaarii fakaatuu isaanii dhiyeesanifii hojiin jira jechuudhaan karaa hir’uu isaan qabanitti fayyadamuudhaan miidhaa korniyaa da’eeffate isaaniirraan ga’an sababbiwwan olaanoo ta’uu isaanii eeru.

Addis Maaladaan dhimmicha ilaalchiftee namootii dubbiftee keessaa shamarree Tigist Alamuu miidhaa korniyaa ejansiiwwan hojii qunamsiisaniin ishee irra ga’ee akka itti aanuuti ibsiteetti.
Sababii waraaniichaa Wallo kaabaa magaalaa Marasaatti buqqa’een dhufee gara finfinne dhufee hojii barbaade haala salphaadhaan argachuu hindanddenye kanaafuu gara ejansiiwwan hojii qunamsiisanii bilbileen ture jetti.

Bultiiwwan muuraasaan booda hojiin akka argameef bilbilameefii gara dallaalichaa deemtee jennaan amma warreen si minddeesan dhufaniitti siin affeera jedhee gara mana isaatti gesse laaqana ergii nyaachiseenii booda balbala itti cufee ishee haala suukanneessaadhaan ishee tutuqquu yaalu isaa ibsiteeti.

Kan hin egne ishee mudachuu isaatiin riifatuu kessa kan seentee Tigist miira mo’atamuu kessa taatee iyyitee akka ishee gad dhiisuu yoo yaaltees ishee ukkaamsuu yaalee ukaamsitee na ajjesuukee naa wayya jechuusheetiin rakkinicha jalaa miliquu danda’uu ishee ibsiteetti.Yeroositti namttichii jachii tuffii korniyaa buu’refatee inni ittin jedhe sammu ishee akka midheefii dubarttummaasheetiin akka gaddituu akka ishee taasiisee Addis Maaladaatti ibsiiteeti.

Tigist akka dubbattutti taanaan dubartii ta’u kenyaan qofa fedhii kenyaan ala dirqisiifamuu hinqabnnu jetti.Hojii namaa arguun gaarii ta’uus dhuugaatiif araadaan jireenya isaanii ballessanii kan kanneen biroo ballessuf deeman qaamnni dhimmi isa ilaalatuu hordofu qaba.

Namnni maqaanshee akka eeramuu hin barbbaanne kan biraan rakkoon ejansiiwwaniin nurra ga’u kana qofa miti ergii birrii fudhataniif hojji lafa irra harkisuufi birrii nyaatanii achuumaan hafuuniis jira. Nuttis barii maatii qabna ture barrii hamaa nutti dhufee nagaan qa’ee keessan hintaa’iinaa jadhamnee buqqaanee hari’amnne malee jechuudhaan yaadashee ibsiteetti,
Addis Maaladaan dubartoonni miidhaan korniyaadhaan qabee isaan irra ga’u maal gochuu qabuu jechuudhaan ogeessa xin sammuu Muuzayyiin Jamaal waliin turtii kan taasiiftee yemmu ta’u ogessichii miidhaan kornayaa da’eefatee dubartoota irra ga’u miidhaa xin sammufii hawaasummaa akka irraan ga’u ibsuudhaan yaada furmaataa ka’aniiru.

Namootiin iddo tokkotti haarwaa ta’an rakko isaanirra ga’uu beekuun waan itti ulfaatuuf dubartoonni yeroo bayyee ejansiiwwan qunamsiistoota hojiitiin miidhaan isaanirra yamuu ga’uu hubatama kan jedhan Muuzayyiin warreen isaan minddesaniis mahaalaqa kootiin isaan hojjachiisa yaada jedhuun miidhaan isaanirraan ga’aan sababbii rakko dallaaloota irraa kan ka’een mindaa dhabuu fii buqqa’uu mataansaa miidhaa sababiin korniyaa kanaan qabee isaan irra ga’uutti dabalee dhiphiina samuuf isaan saaxilee miidhaa amma of walaaluu isaan irra gessisuu akka danda’u ibsaniiru.

Ogessii xiin sammu kuun akka dubbataniti yoo ta’e miidhaan kornayaadhaan qabee yammu isaan irra ga’u yeroodhaaf karaa itin jala darban isaanitti fakaatee tamboo aarsuu dhugaatii dhugu wantoota kan akka baala adoochaa fayadamuu akka salphaatti jalqabanii booda araada kessaa bahuuf isaan rakisuu kesesa yammu seenan mula’atuu Deemsii kuun furmaata ta’uun hafee yeroodhaan booda sammuu isaanii irattii dhiibbaa daddabalamaa bulchuudhaan rakko xinno dura uumamee heddummeesse jireenya isaanii balleessa jedhaniiru.

Muuzayyiin rakiniichii akka hingenyee of eeggachuun filannaa kan hinqabne ta’u kan eeran yemmu ta’u rakkinichi erga qaqqabe booda erga hida gad fageefatee booda miidhaa kana keessaa bahuuf maal ta’uu akka qabuu mul’isaniiru.

Dubartoonni miidhaan korniyaa irra qa’ee humna akka hin qabnee yaaduudhaan anii nama nagargaaru hin qabuu anii nama geessu miti homaa gochuu hindanda’u jechuudhaan sammuu isaanii ijaa dhiphisaniif dhimmichi yaadamu isaa dura tokkoffaa yaada kana keessaa bahanii haala isaan itti gammachuu argachuu danda’an uumuu lammaffaa immo qaama miidhaa isaan irraan ga’ee seeraan gaafachiisu sadaffaa ammo wanta dhaban akka argatan taasisuun furmaataa salphaa hin taanee akka ta’ee eeraniiru.

Miidhaa korniyaa kana isa geesisee seeraan adabuun miidhamtoota dhiphuu sammuu anii nama hinqabu humna hinqabu jedhu isaan keessatti uumamuun salphisa jechuudhaan ibsaniiru.
Ittii dabalaniis yaroodhaan hordoffiin utuu hin taasifamiin hafee dhukkubichi sadarkaa ol’aanaarra ergii ga’ee booda namni sammuu dhukkubsatee hin fayyuu kan jedhu jecha baramee irraa fagaachuudhaan filmaatawwan gubba irratti ibsiineen gara qoricha fayadamuutti cee’uudhaan akkuma nama fayyaa kamiituu fayyaa qabatanii jiraachuu akka danda’amuudha turti Addis Maaladaa waliin qabaniin gorsa kan kennan.


አዲስ ማለዳ 15 Fulbaana 2014 No 14

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com