የእለት ዜና

Ayyaana Irreechaa fi ibsama isaa biraa

Irreechaan guyyaa Galateeffannaadha.Ayyaannii kun iddoowwan lamatti akka ayyaaneeffamuu dubbatu .iddoowwan itti kabajaman kunis malkaafi Tulluu iratidha. inni tokkoffaa seensa gannaatti ganna nagaadhaan nuceesiisi jechuudhaan jiidha nuu hin dhawwatiin jechuudhaan Tuluutti ol ba’anii uumaa isaanii kan itti kadhatanidha inni lammataa immoo Bacaqii gannaatti gara booqaa birraatti nagaadhaan nu baaftee jechuudhaan malkaatti ba’aanii kan itti galateefataniidha. Ayyaanni kun baranas Fulbaana 22 Hora Finfinneetti Fulbaana 23 immoo Hora Harsadee Bishooftuutti ayyaaneeffama.

Waa xiqqoo wayee irreechaa
Irreechaan sirna Gadaa keessatti kan argamuu qaama ayyaanaa tokkodha kan jedhan maanguddoota magaalaa Finfinneetti argaman keessaa tokko kan ta’an fii kutaa magaalaa Yakkaatti maanguddoo biyyaa ta’uudhaan kan tajaajilan Hayyuu Zawuudee Magraa Roobiidha.

Waggaa keessatti yeroo lama akka kabajamuu kan dubbatan Zawuudeen inni tokkoffaan Masqala darbee xumuraa baatii Fulbaanaa kan taasifamu yammu ta’u inni lammataa ‘’Asaasaa’’ kan jedhamuu Tulluu irratti ba’ame kan ayyaaneeffamuu fii galateeffannaa kan itti dhiyeefamuudha. Ayyaanichi gara caaluu Finfinneefi Bishooftuutti akka ta’eefii waggoota 100 dura irraa jalqabee ayyaaneeffamaa akka ture dubbatu.

Ayyaanni Irreechaa yeroo walii galuufi tokkummaadha jedhamee yaadama. Baatilee dukkanaa sadii dabaree gara ifaatti kan itti baanee yeroo galataadha jedhamus galatni itti dhiyaata. Gammachuun kan ittii ibsamuudhas Hayyuu Zawuudeen akkanatti ibsu ’’marga jiidhaa qabachuudhaan waaqnnii gana nu dabarsee dukkana gara ifaatti nuu ceesisee galanii isaaf Haata’u jedhu ,Ummanni Oromoo ummattoota biraa waliin walii gale kan jiraatuu ta’uu isaa kan agarsiisuudha’’

Jequmsa siyaasaa bara 2009tti tureen ayyaana Bishooftuutti ayyaaneeffamee irratti duuti namoota mudate ture kan jedhan Hayyuu Zawuudeen Ayyaana Irreechaa siyaasa taasiisuuf kanneen yaalan namoota muraasaan namoonni hedduun galata dhiyeessuuf kan walitti qabamee.’’ Jechuudhaan ilaalchawwan siyaasuummaa ayyanichaaf kennaman sirrii akka hin taanee eeraniiru.
Waggoota lama darbanitti jechuunis Finfinneetti ayyaaneeffamuu erga jalqabee kaasee ho’inni siyaasaa yammu qabana’uu karaa gara biraa bifa wareeraan kan ka’e vaayirasii kooviid 19 ayyaanichi namoota muraasa qofaan akka ayyaaneeffamuu taasiseera.

Irreechaafi tuurizimii
Muusaa Kadir Turizim Itiyoophiyaatti daarektara dareektooreetii misooma tuurizimii dha Namootiin irreechaa fakkaatan baay’inaa yammu walitti qabaman ayyaanichi akkaataa ibsama turizimiifi akka festiivaalaatti lakkaa’amuaa jedhu.

Feeestivaaloonni akkanaa fucha namootiin baay’inaa bakka tokkotti walitti qabaman waan ta’eef Kesuumaa faayidaa dinagddummaa qaba. Namootiin bakka jiraniif ka’anii festiivaaliicha kabajuuf gara bakka kabajaatti socho’uu sochii isaanii kana keessatti bakka ka’anii amma bakka ga’antti
baasii baasuu.

Akka ibsa Muusaatti tajaajilli geejjibaa wantootii baasii guddaa gaafatan kessaa tokkodha .Hirmaattonni ayyaanichaa tajaajila geejjibaafi konkoolaataa mataa isaanii fayyadamuu yoo ta’ee isaaf booba’a fayadamuu dabalataaniis kontiraata qabatu.Akkaataa kanaan hirmaattonni ayyaaniichaa Boranaatii Wallaggaatti Harargefii naanoolee fagoo irraa dhufan jiru.
Hirmaattonni kun imala karaa dheeraa taasisaniin iddoo garaa garaatti baasii baasuu kunis sochii dinagdee guddaa akka uumuu ayyaana dandeessisu ta’u isaa mul’isuu danda’a jechuudhaan Muusaan yaada isaanii Addis Maaladaatti himan.

Ammam illee ayyaanni Irreechaa Finfinneetti yammu ayyaaneeffamuu yeroo sadaffaa haata’u male Namootiin ayyaanicha ayyaaneefachuuf gara magaalatti dhufan mahaalaqa akka baasaniifii gara fuula duratti akka jiraatan eeru.

‘’Baasii amma Finfinnee ga’an jirutti dabalee ayyaanicha dursee guyyaa dhufanii jalqabee amma guyyaa gaafa debi’aniitti nyaataafi bakka cisiichaafii bashananaaf fayyadamuun isaanii hin ooluu. kuniis Finfinneefi sochii dinagdee barametti dabalee maallaqa agarsiisuuf gumaacha qabaata. Feestiivaaloonni akkanaa wayita kabajamaniitti do’aataan biyya alaas ta’e hirmaatan ayyaannichaa biyya kessaa ijaa jiraatuuf dhaabbileen tajajiila kenniitootaa dadamaqiina ol’aanaa muli’isuu.’’jechuudhaan Muusaan hubachiisaniiru.

Ayyaana Irreechaa Finfinnee irratti wanti bareedee mul’atuun tokko uffannaa aadaatiin kan jedhan Muusaan Namootiin ayyaanicha kabajuuf jedhanii baasii hedduu baasanii uffata Aadaa diizaayinii heddu qabu bituu. Wayita kana gabaan uffata aadaa nii hoo’aa.Kanatti dabalee hojiin waltajjii guyyichaa bareechuu heddu galii guddaa argamsiisan nihojjatamu.Wanttonni kuun hundi walitti qabamanii sochii tuurizimii biyyattiif dadamaqiina dinagdeef galtee ta’u jedhaniiru.

Uffannaa aadaa yeroo irratti bu’urefatee diizaayiinii garaa garaatiin kan qopheesiituu Tsadaaluu Margiiyaa Addis Maaladaa waliin furmaataa taasiifteetti .Tsadaaluun hojii kana keessaa waggaatii 7 f turteetti.Ayyaanni akka Irreechaa waggaa haarawaa fii Masqala yammu jiraatan namootii hedduuf uffata aadaa diizaayiinii garaa garaa hojjatteetti.

‘’Uffaanni Dubartootaa ayyaana Irreechaa calaqiisan uufanni warreen dhiiraa akkasumas maatiin uffata wal fakkaata ta’ee hojjachiisuu. Namootiin uffannaa haaluu Irreechaa ibsa jedhan qabuu ajajuu. Uffannaa warreen dhiraa amma qarshii kuma tokkoof dhibba shanii amma kuma sadii kan Dubartootaa kuma lamaaf amma kuma shanii baasaa’’ jettetii.
Gatiin uffannaa kanaa haala diizaayiiniisaafii akaakuu uccuu filataniin murta’a .Uffannaawwan qopheesiitee xumurtee gabaaf dhiyeessiitus akka jiru himti.

Uffannaan aadaa uffata yerooratti hunda’ee ufatamuu waan ta’eef yeroo ammaa ayyaana Irreechaaf ajaja hojii heddu akka qabduu ibsiteetti Haala guyyaa biraa irraa adda ta’een Namootiin uffaannaa aadaa ayyaaniichaa ibsan isheen ajajamtuu mahaalaqa guddaa akka isheedhaa argamsiisuu ibsiteetti.

Muusaan gama isaaniitiin yeroo dhiyoodhaa asitti hojiin feestiivaaloota akka hojii homisha turizimiitti beeksiisuu haala ol’aanaadhaan hojjatamaa akka jiru kaasuu.Irreechaan Bishooftuutti wagootii dheeraaf kabajama kan ture ta’uu isaatiin dur irraa jalqabee lamiileen biyya alaa diyaaspooraawwan tuuristoonni biyya keessaa irratti argamuu Kessumaa do’attonni biyya alaatiif galan sharafa alaa argamsiisuudhaan deggarsa taasiisuu jedhaniiru.

Kanaan gamattis Irreechaa wanti adda isa taasiisuu feesitivaala aadaa sabaafi sablammonni hundi irratti hirmaataniif tokkummaa ummattoota cimsuu ta’u isaatii.walittii hidhama adaa kana ilaaluudhaaf lakkofsii namoota dhufaniis salphaa miti.

Irreechaan faayidaa turizimiifi aadaa qabuu ilaalchisee Hayyuu Zawuudeen yammu dubbatan ayyaanicha Yuuneeskkotti galmeessisuuf yaalii taasiifamaa jiruu kaasaniiru .Sun yoo milkaa’ee ayyaanichi burqaa dinagdee biyyattii guddaa ta’u akka danda’u jedhaniiru.

Abbaa taayitaa eegumsaafii qorannaa hambaafii Biiroo aadaafi tuurizimii Oromiyaatiin Irreechaa Yuuneeskkotti galmeesiisuun hpjjatamaa akka jiruu Muusaan nidubbatu. Itti dabalaniis tuurizimii Itiyoophiyaan yaalii galmeessuu kanaaf deeggarsa teekniikaa taasisaa jiraachuu isaa eeru. Akkasumas akka homisha turizimii tokkotti haala kamiin gabaatti dhiyeessuun akka danda’amu Dhaabbatichi hojjechaa jira.

Hambaa tokko deemsii YUUNEESKOOtti galmeesiisuu hedduudha.garuu immo haambaalee Yuuneeskootti dhiyaatanii dabaree eggatan kessa tokko ta’eera jedhu Muusaan.

Irreechaa bara 2014
Itiyoophiyaan waraana karaa kaabaa biyyatti ishee mudateefii dhibbaawwan isaa waliin wal qabatee dhufee baadhattee jirti.Akkasuumas wareerrii vaayirasii koronaa hedduu ishee raasaa jira.
Akkuma yaadannu ayyaanni irreechaa waggaa darbee sababiin wareera kanaa lakkofsa namoota muraasaan ayyaaneffameera.Baranas of eegganaan ol’aanaa akka taasiifamuu himameera.Haalawwan do’atootaaf mijataa taasisuudhaan protokoolii of eggannaa hundaa fayyadamuudhaan namni kamuu hirmaata akka ta’uu haalli mijateera jedhameera.

Ayyanoonni akka Irreechaa Namootiin hedduu kan itti hirmaatan ijaa ta’ee of eeggannoo guddaa barbaaduuf Muusaan kana ilaalchisee yammu dubbatan hirmaattonni uulaagaa Ministeerri eegumsa fayyaa baasuu hordofuudhaan ayyaaneefachuu qabuu jechuudhaan hubachiisaniiru.

Waggaa lamaan dura ayyaaneeffamuu kan tureefi namootiin miiliyoonan lakkaa’amu kan itti hirmaatan ayyaanni Irreechaa waggaa darbee sababiin koronaa namootiin filataman qofaan akka ayyaaneeffamuu ta’uun isaa galii guddaa nudhabsiiseera.Yeroo sana hirmaattonni ayaaniichaafii do’attonni guyyaa jalqabaa Finfinneetti guyyaa lammataa Bishooftuu deemanii ture .Guyyoota kana keessatti maallaqa hirmaattonni miiliyoona lakkaa’amu baasaniifii galii magaalota lachuutti argamuu dhabneerra.jechuudhaan yaadatu Muusaan.

Hayyu Zawuudeen xuumuura haswaa isaaniitiin hojjattonni Mootummaa qonnaan bulttonnii abbootiin qabeenya hayyuleen humna isaanii guddisuu biyyattii ijaaruudhaan adunyaatti beeksiisuu qabna .Kana taasiisuu kan dandeenyu walii galuudhaanifi tokkummaadhaanii. Namnii tokko gara fuulduraatti yammu tarkaanfatuu inni biraa gara boodatti kan harkisu ta’uu hinqabu tokko ta’u qabna miira jibbaa sammuu keenya keessaa baafannee biyya keenya guddisuufi yaaluu qabna jechuudhaan ergaa isaanii dabarsaniiru.

Ayyaanicha ayyaaneffachuuf qaamooleen tasgabbii Raayyaa ittisa Qaamooleen kuutaa magaalaafi aanaa irratti hojjetan eegumsa taasiisuuf boba’aniiru.Guyyaa ayyaaniichaa Abootiin Gadaa gara Finfinnee dhufan sirna eebbisanii galateeffannaa dhiyeessuu .Hirmmaattonni ayyaniichaa marga jiidhaafii abaaboo qabachuudhaan uffata aadaa uffatanii galata dhiyeessuu .Waggaadhaan nu haa ga’uu jedhu. Waggaa waggaan nuu haagahu.


አዲስ ማለዳ Meskrem 22 2014 No 15
______________________________
ትክክለኛውን የአዲስ ማለዳ ሶሻል ሚዲያ በመቀላቀል ቤተሰብ ይሁኑ
Telegram ➲ t.ly/SOXU
Facebook ➲ t.ly/flx8
YouTube ➲ t.ly/vSgS
Twitter ➲ t.ly/mxA4n

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com