የእለት ዜና

Homishittonnii zayiitii biyya keessaafichiiftoota irraa qaraxnnii ka’uun isaa rakkoo nutti ta’eera jedhan

Zayiitii biyya alaatiif galu kami irraayyuqaraxnnii ka’uun isaa gabaa keessattidorgomuudhaafrakkoo nutti ta’eera jechuudhaan hojii gaggeessaan ol’aanaa Waldaa industriiwwan homishitoota zayiitii nyaataa Itiyoophiyaa AddiseeGaarkaaboo Addis Maaladaatti himaniiru.

MinisteerriDaldalaafiindustirii qajeelfama Hagayyaa 28 bara 2013 baaseen homshnnii zayiitii nyaataa taaksii irraa bilisa ta’uun isaa kan yaadatamudha.Kana hordofeshomshittonni zayiitii nyaataa biyya keessaa dorggommiif gatii gabaa keessaa jiru ol’aanaa akka itti ta’ee ibsaniiru.

Wayiita ammaa fichiifttonni zayiitii nyaataa tajaajilaliqii argachaa jiru.Kunis gabaa keessattiqixa akka hin dorggomnnee ijaa nuu taasisuuhomshitootazayiitii nyaataa biyya keessaa miidhuun isaa hin ooluu jedhaniiru.

Wal qabsiisaniishomishittonnizayiitii nyaataa biyya keessaa lammiileehedduun carraa hojii uumuudhaan gabaa tasgabbesuudhaaniifiisharafa alaa hanbisuudhaangumaacha isaan qaban ibsani kunis fichiisttoota waliin wal bira qabamee yammu ilaalamuu hedduuol’aanaadha jedhaniiru Addiseen.

Homshittonni biyya keessaa humni homishuu isaanii gahee homisha biyya keessaa walii galaa kessaa harka dhibba kessa 10 yemmu ta’u harka dhibba keessaa 90 fichiiftootaankanuwwiifamuudha.

Kunis sababbiwwan gufuu garaa garaahomishittonni amma barbaadamu homisha akka hin jirre agarsiisadha kan jedhan Addiseen kanneen keessaa hiri’inni miidhaan dheedhiifiidaballiin gatii caasaan bittaa galttewwanii mijataa ta’u dhabuu baatii Adoolessaa darbee jalqabee homshnni miidhaan galtee kanaa ta’u karaa gabaa homisha Itiyoophiyaa qofa ta’uun isaa homishaaleen karaa gabaa kanaa dhiyaatu immo fedhii warshaalee jiru waliin kan wal hin simannee ta’uun isaa sababbiwwan ol’aanaadha jedhaniiru.

Kanatti dabalees miidhaan dheedhiin heddumminaan gara gabaa alatti ergamuunakkaataa homisha Amaya ta’uu dhabuu homishittonni meeshaa amayyaaittiin homishan dhabuun sharafnii alaa dhiibuuzayiitii nyaataa karaa seeraan alaa alaagaluun isaa miidhaan dibataa akkuma homishamaniin gara gabaa alatti ergamuunhiriina humna ibsaa biyyattiif addaan ciccituun rakkoolee damee kanaan eeramankeessaa warreen eeramaniidhajedhaniiru.

Homisha biqiltuu walii galaa keessaa amantaan miidhaan dibataa harka dhibba kessaa 2.71 kan ta’u ta’u isaa kan eeran Addiiseen akkaataa homisha qonnaan bultootaa gara ammayaatticeesiisuu barbaachisa jedhaniiru. Itti dabalaniis industriiwwan homishttootazayiita nyaataa fedhii galtee mataa isaanii akka gutantaasiisuu barbaachisa jechuudhaan ibsaniiru.

Dabalataaniistarsiimoo yeroo gabaabaa Homishoota kana deggaranmijjeesuudhaanwarshaaleen haala homisha dheedhii itti argachuu danda’an mijjeesuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.Akkasuumas homisha dibataa qopheesuuratti industriiwwan boba’an meeshaa dheedhii isaan barbaachisu sirna gabaa wal fakkaata ta’e kessatti akka argatan qopheesuun gabaa kana haqa qabeessa taasiisuuf gargaaras jedhaniiru.

Abbaan taayitaa statistiksiigiddu galeessa ragaa bara 2013 baaseen feedhiinzayiita nyaataa toonii kuma 888fi 679dha .biyyatiitti walii galaanhomishitootazayiitaa 232 kan jiran yammu ta’u 206n isaanii homishitootaxixiqaadha.

Bara 2013tti miidhaan dibataa cuunfaniiwarshaaleequlqullesaniinhomishuunkandanda’ameetoonii kuma 18fii 159 yammu ta’u warshaaleenzayiitiipalmiiqulqullessan lama zayiita nyaataa qulqulluu toonii kuma 22fii 154 gabaaf dhiyaateeraa.Walumaa galatti zayiitiipaalmiiirraafii miidhaan dibataa irraa ameentaanzayiitii nyaataa argame Toni kuma 40 fi 313dha.

Waldaan homishitootazayiita nyaataa Itiyoophiyaa homishitoota damee kanaan boba’aniin Ministeera daldalaafiindustirii irraa eyyama argate rakkoo waloo miseensota walddichaa hiikuuf homishittummaa guddisuufi guddina biyyattiifgumaacha mataa isaa gumaachuuWaldaahunda’eedha.WaldiichiHomishoota zayiitii nyaataa humna gad aanaa giddu galeessaafii ol’aanaa qaban bakka tokkotti qabee fedhii zayiita nyaataa biyyaattiguutuudhaaf yaalii gama isaa taasisaa jira.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 22 2014 No 15
______________________________
ትክክለኛውን የአዲስ ማለዳ ሶሻል ሚዲያ በመቀላቀል ቤተሰብ ይሁኑ
Telegram ➲ t.ly/SOXU
Facebook ➲ t.ly/flx8
YouTube ➲ t.ly/vSgS
Twitter ➲ t.ly/mxA4n

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com