የእለት ዜና

Goodaansa jireenya hedduwwanii jeeqee

Dur Kessumaa bara Jaanahooyi Finfinnee keessatti yoo roobuuf jedhu amma robnii caamuutti maaliif Paaspoortii hin baafannu jechuudhaan akka bashananaas taasiisanii namootiin Finfinnee paaspoortii baafachaa akka turan himama. Bara sana lammileen Itiyoophiyaa gara biyya biraa kan deeman baruumsaaf dowwannaaf yookan immo hojii motummaafii akka ture himama.

Kanaaniis lammiin Itiyoophiyaa biyya deemee hundaatti kabajaa qaba ture.Tafarii Mokkonon jalqaba yammu gara biyya Ingiliiz deemaniitti ummanni Loondoon isaan ilaaluudhaaf eegaanii akka olan akkasumas biyya Ameerikaatti Joon Of Keenedii waliin irbaataaf ta’anii daandiiwwan gurguddaa irratti suuraan isaanii maxxanfamee ilaalamuun isaa yaroo sanatti lamiileen Itiyoophiiyaa kabaja biyya alatti qaban mul’isa. Sanaan duras Atsee Miniiliik biyya warreen adii deemuu jadhamee warreen adii isaan ilaaluuf fedhii guddaa akka agarsiisa madden seenaa nii ibsuu.
Bara Dargiis yoo ta’ee sirna yeroo sana turee irraa kan ka’e yoo ta’uu baate Itiyoophiyaa dhisee baqachuudhaaf kan barbaaduu hin turree.

Yeroo tokko lammiin Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf biyya alaa jiraatan haaraa dargaggootaaf taasisaniin akkana jedhanii ture ’’Bara dargii barumsaaf biyya alaa deemeen ture ta’ees achi ta’ee wanti itti na ariifachiisuu yooman gara biyya kootti gala isa jadhuudha. Barumsa koo xumuree gara biyya kootti deebi’uuf yoon imbaasii deemuu atii farra warraaqsa waan taateef gara biyyakeetti deebi’uu akka hin dandeenyee natti himamee sababii sana gadda narra ga’ee caalaa boiichan guyya sana bo’ee hin irraanfadhu.’’.

Isaan akka jedhanitti bara sana lamiileen Itiyoophiyaa bakka deemaniitti kabajaman kessumma’aanii deebi’uu male gammojjii fii daggala hedduu keessa darbanii biyya namaa yaadanii kan deeman hinturre .Baruma sana lamiileen Itiyoophiiyaa biyya Kaanaadaatti barumsarra turan lama barumsa isaaniin xummuranii gara biyyaatti deebi’uuf itu qophaa’anis mootummaa Kaanaadaadhaan wanti hundi guutameefi achuma akka hojatan gaaffiin dhiyaateeraa.Lammileen kenya kunis biyyi keenya kabajamtuu taatee utuu jirtu mootummaan Kaanaadaa akkamitti gaafii akkanaa nuuf dhiyyeessa jechuudhaan himata banuu isaanii warrii yeroos dhimmicha argan nati himaniiru.

Dargii maqsee barcuma kan qabatee ADWUI ergii taayitaa qabatee booda garuu lamiileen Itiiyoophiyaa yaadni biyya isaaniif qaban jijjiirrameera. Biyyaa ba’u akka carraa gaariitti lakkaa’uu kaasee hedduwwan biyya kenyatti hojjannee hin guddannu jiraanees nurraa hin bareeduu murtii jedhuurra ga’aanii isaan danda’an karaa seeraa yoo dadhabanii immoo karaa seeraan alaa biyya isaaniitii fagaatanii baqataniiru.

Namootiin Itiyoophiyaan biyya qulqullootaatii jedhan itu hin hafiin yaada biyya alaa deemuukoo naamilkkesii jedhanii kan kadhatanii jiraachuu isaanii namni heddu nibeekama. Ergii deemanii boodas Waaqa Itiyoophiyaa kadhannaa kenya dhaga’uun jachuudhaan galchaa kanneen erganiis hedduudha,
Kana qofaa miti dubartoonni hedduu baruumsa isaanii addaan kutanii gara biyyaaleen arabaa hojiif yammu deeman olaan walitti bahee nyaatanii dhuganii sirbanii gaggeessaa akka turan hindagatamuu.

Waan bayyee biyya kessatti hojatanii jijjiramuu irra biyyaa bahuu jajjabeesu.Enyuu iyyu mana isaa taa’ee televishiinii yammu banu mahaalaqa firoota kessan ala jiran iraa isiinii eergamuu baankii kenyaan yammu sharaftan badhaasa argattu beeksiisa jedhuu ilaaluu danda’a.Yeroo kanattis yaadni biyya alaa deemuu itti dhufa yookan immo firoota biyya alaa jiranitti inaafuu danda’u.

Ta’ees lamiileen qa’ee itti dhalatanii fagaatanii deemuun isaanii yookan biyya saanii caalaa humnaaf beekumsa isaanii biyya namaaf taasisuun isaanii badaa nama hin arsuu.Lamiileen biyya isaanii dhiisanii godaanan jireenya gidiiraafii hamaa kessa jiraachuu isaaniitii goodaansa isaanii hamaa kan taasiisuu.baqannaadhaaf yemmu manaa bahanii jalqabee gidiiraan argan hedduudha, mahaalaqa isaanii dalaalaan nyaatamanii gammojjii keessatti beelaaf dheebuudhaan du’aa .nii hidhaman qaama jiraachuuf saaxilus galaanaa kessatti gara jabeenyaan kan gataman hedduudha, Maatiiwwan ijoolleen jalaa du’ee bo’ichaa ittu hin k’iin olladhaa kan biraan goodaansa kanaaf ba’u.

Gidirsaa kana hundaa miliqan yoo bahanii ilee waan itu biyya jiraniif hawwann hin argatan. biyya isaanii hin taanee keessatti mirga namoomaa sababiin nama ta’u argamulle hin argatan.
Kessumaa lamiileen Itiyoophiyaa biyyaaleen arbaa jiraatan gidiiraan isaaniirraa ga’u hammataadha. Gamoo manaa irraa darbatamu nii reebamu nii hidhaman mindaa dhawwatamuu qabeenya horatan saamamuu.

Namootiin biyyaaleen arabaa turanii dhufan akka dubbataniti hojiin lamiileen Itiyoophiyaa heddu hojatan gammachuu kan namaa kennu miti. Dubartii maqaanshee akka eramuu hin barbaanne tokko kan biyya arabaatti argitee Addis Maaladaatti himteetti.

Naannowwan gammojjitti lamiileen Itiyoophiyaa dhiiroonni baatiiwwan hedduf qofaa isaanii lowwaniif re’oota tiksan akka jiru. nutii aannan fiduu yammu deemnu isaan waliin akka wal agarru nuuf him eyyamamuu. Aannan bakka tokko nuu ka’anii achi funee deebina.Haaluma kamiinuu lammiin Itiyoophiyaa tokko dhira lammi biyyashee waliin akka wal agartuu hin barbaadan. Manaa akka hnbaaneefii bilbila illee akka hin bilbillee dhawwaman hedduudha.

Dubartoonni keenya hojiifii ogummaadhaan ciimoodha kaffaltiin nuu kanfalamu garu kafaltii Dubartootaa Esiiyaa hojii amma keenya hin geenyee gadidha. Fakeenyaaf Dubarttonni Piliipins mahalaqa guddaattu isaanii kafalama.hojii garuu walakaa keenya ille hin hojjetan. Ta’es garuu isaaniirraa miidhaan korniyaa sababeefatees ta’ee biraa isaaniirraa hin ga’u. Kabaja qabuu .mirgii isaanii hin dhiibamu.

Kun kan ta’e mootummaan biyya isaanii lammii biyya isaaf hordoffii eegumsa ga’a taasisa. Akka mootummaa Itiyoophiyaa bakka itti kufan kan hin beekne mootummaa dhimma isaanii hin qabnee miti. kanaaf kabajamanii jiraatuu. Fakkeenyaaf dhiira Arabaan gudeedamtee dhaluu isheefi fudhatee ba’u waan hin dandeenyee ittu hin barbaadan achuma kan jiraatu jirti. Dubartoonni hedduu sagaggaluummaadhaan jiraattuu. Lammiin Itiyoophiyaa biyya alaatiif alas gidirsaa argan hamaadhaa.

Namni Abba Eejansiin qunamsiisaa hojii biyya alaa maqaan isaanii akka eeramuu hin barbaanne dhimma goodaantootaaf kana irratti yaada akkana jedhu kennaniiru. Saatii kanatti biyyi lammiin Itiyoophiyaa hin jirre jira jechuun hin danda’amu. Birookiraasii wal xaxaafii malaammaltummaa biyya keenya keessa jiru dargaggoonni biyya isaanii kessatti hojatanii akka hin jijjiramnee isaan taasisa. Eenyu iyyu ittu itti tole biyya isaa ala jiraachuu kan barbaaduuf hin jiraata jadhee hin yaadu.

‘’Ani amma baatii kana keessaatti qofa gara Iraaq Baagdaaditti Dubartootaa 14 eergeera. Baagdaad fagoofii hojiif kan hin mijannee fakkaata namoota Lamiileen keenya garuu kun dhimma isaanii mitii.

Gara Jordaan Kuwaataar Iraaq Beeruutifii Liibaanoos Nama bayyee ergiina. Ammallee dabaree kan eegan hedduudha. Namnii yaadasaanii nuu kennan kun xummura irrattis Yeroo kanatti biyyi Itiyoophiyaa irra hin foyyofnee jira jedhee hin yaaduu. Ittu nagaa taatee ille hojataan tokko dhaabbiilee hedduu kessatti kafaltiin baatiidhaan isaa kafalamuu ilaaluun ga’aadha.Kanaaf namnnii jaalatee hin godaanuu.Gara fula duraa garu biyyi keenya foyyoftee hundi biyya isaatii kabajame kan itti jiraatuu godaansii kan itti raawatuu nii jiraata jedheen yaada’’ jadhaniiru.

Barreessaan tokko lammiilee Itiyoophiyaa goodaantootaa ilaalchisee kitaaba isaanii irratti lamileen Itiiyoophiyaa Afgaanistaan ille nijiraata, Waraanni Ameerikaa lafa Afgaanistaanii gad dhisee ba’uun lammiilee Afgaan caalaa kan yaachisu lammiilee keenyadha. Sababiin isaa loltoonni Ameerikaa yoo ba’aan isaan hojii dhabu.isaaniif nyaata qopheessuu ijaa ta’ee. jechuudhaan barreesseera.

Waggaa darbee 2013tti lamiileen Itiyoophiyaa haala yeroo kaan irraa adda ta’een biyyaaleen Arabaatti hidhamuufii qabeenya isaanii saamamuun isaaniirraa akka ga’ee hin iraanfatamuu.
Kanaaniis mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee gara biyya isaaniittin deebisa jachuudhaan torbee torbeetti balaliinsawwan taasisuudhaan lamiilee lamiilee kumaan laka’aman gara biyyaatti akka deebi’an taasiseera.

Ministeerri dhimma alaa walakaa baatii kanaa ibsa baaseen diploomaasii lammi irratti xiyyefatuun hojiin lamiilee biyyaaleen garaa garaatii deebisiisuu hojjatamaa kan jiru yammu ta’uu Riyaadii 794 Jiddaatii 892 Yamanii 357 deebisiisuu danda’eera. jachuudhaan ibsuun isaa niyaadatama. Goodaantoota Sawuudiitti argaman deebisiisaa akka jiruus Ministeerri dhimma alaa dabalee ibse ture.

Ta’ees amma ammaatti deggarsa motummaatiin lamiileen biyyaaleen garaa garaa kuma 50 taa’aan kan deebi’an yammu ta’u ergii as dhufnee wanti nuu taasifamee hinjiru. Ittu godaansa irra jirru gidiiraa nurra ga’uun gad hin taanee asitti hojii dhabddummaan nu rakkisaa jira. kanneen jedhan hedduudha.

Dursiituu garee dhimoota komunikeeshinii Eejansiin wabii nyaataa carraa hojii magaalota federaalaa kan taa’aan Aboozanach Nagaash amma warreen goodaansaa deebi’an ilaalchisee maaltu hojjatamaa akka jiruu Addis Maaladaatti kan himan ‘’Dhaabbanni keenya goodaantootaaf dursa kenne hojjata gurma’anii leejiifi liqii walitti hidhama gabaa iddo itti hojataniifii itti gurguran dursa akka argatan taasisa. Kanaaniis biyya isaaniitti hojjataniif akka jijjiirama taasisuun gamatti ilaalcha goodaansarra jiruu jijjiruu nidanda’amaa’’ jadhaniiru.

Aboozanach ragaa dareektooreetii carraa hojii umuurraa argadhee jedhanii itti dabalaniis ibsa Addis Maaladaaf kennaniin ‘’amma lamiileen goodaansaa deebi’an ilaalchisee hojiin haaraan hojjatamuu hin jiru ta’ees komishiniin carraa hojii uumuu koreedhaan hojjechaa jira ragaan jedhuu jira’’.jachuudhaan ibsaniiru/

Dhimma kana irratti komishiinii carraa hojii uumuurra argachuuf yaaliin Addis Maaladaan taasiifte komishiniichii eyamamaa ta’u dhabuu isaatiin ittu hin milka’iin hafeera. Ta’ees fuula marsariitii isaa irratti goodaantootaaf warreen godaansaa debi’aan gabaa hojii kessatti galchuuf walii galtee dandeessisu Eejansii goodaantootaaf gadaanaa deebiitoota waliin walii malattesuu isaa komishiniichii ibseera.

Ministeera dhimma da’iimaniifii Dubartootaatti ogeessi deggarsa dai’iimanni Mulu’alam Taaddasa goodaantootaaf hojii uumuutiin komishiinii carraa hojii uumuu wajjin hojjechaa akka jiran ibsanii waajjirri ministeericha ol’aantummaadhaan kan ilaaluu Dubartootaa da’iimman goofaansaa debi’aaniidha jadhaniiru. Kanaafuu amma lamiileen lakkoofsa heddu qaba guyyaa guyyaatti goodaansaa ijaa debi’an akkuma dhufaniin hojii uumuun hindanda’amuu.Jalqaba simannee gara maatii isaaniitti akka debi’aan taasiifna goodaansa irra ituu jiraniif dubarttonni heddu ijaa gudeedamanii ijoollee fidanii akka dhufan ibsanii daimann maatii hin qabnne immo gara bakka guddisa daimanni akka galan akka taasifamu dabalaniis mul’iisaniiru.

Wayiita ammaa Itiyoophiyaa keessa bakke qubannaa 26 goodaantootaaf kuma 900 fii lamiileen karaa seeraan alaa biyyaa ba’anii debi’an miliyoona walakkaa ta’an akka jiran ragaan nimuli’sa.


አዲስ ማለዳ 29 Fulbaana 2014 No 16
______________________________
ትክክለኛውን የአዲስ ማለዳ ሶሻል ሚዲያ በመቀላቀል ቤተሰብ ይሁኑ
Telegram ➲ t.ly/SOXU
Facebook ➲ t.ly/flx8
YouTube ➲ t.ly/vSgS
Twitter ➲ t.ly/mxA4n

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com