የእለት ዜና

Rakkoolee wal xaxaa geejjibaaimaltootagidirsan

Magaalaa Finfinneetti dhimmoolee jiraattootatti qormaata ta’an keessaa inni tokkoffaa fii ol’aanaan rakkoo Geejibaafi.Akkuma manaa bahaniingeejjibabarbaadan argachuu danda’uun salphaa miti.Qormaatawwanjiraattotaa yeroo isaaniifi maallaqa isaanii akka malee qisaasankeessaa rakkoon geejjibaa isa adda duraatiin.Innis yeroo yeroodhaan dabalaa kan deemuu lakkoofsajiraattoota magaalatti waliin kan wal hin simannee ta’u isaatii.
Rakkoongeejjibaa magaalatti keessa jiru tokko yookan lama qofaa ittuhin ta’inwalxaxaaf damee heddu kan qabuudha.tokko yammuhikameejedhamuucinaadhaan rakkoon biraa niiumama.

Guyyaa guyyaatti Kessumaa guyyaa hojii ganamaaf galgala hiriira waantaksiidheedheeraa ilaaluun kan barameedha.Kanaaniis hedduwwan hojii isaanii irratti dursanii argamuu galgala hojiidhaaf dafanii galu irratti heddu yammu rakkatan hubatame.

Daandiin magaalattin qabdufi bu’uraalee misoomaa mijataa ta’u dhabuun akkasumasbabalachuurakkoo geejjibaa magaalaatiif akka ka’uumsa tokkotti fudhatamu danda’a. Finfinneen magaalaa guddoo ta’u isheetiin daandiin qabdu kan qabaachuu qabdu harka dhibba keessaa 20 qofa akka ta’eetu himama.Kunis jiraattonni dooniiwwan fageenya gabaabaa miilaan akka hindeemne fii rakkoon gejjibichaas akka hin salphannee taasiseera.
Akkasumas immodaandiiwwan filmaata biraa bayi’inaan waan hinjirreef daandii guddaa tokko irratti balaantiraafikaa yoo mudate konkolaataansa’aatii dheeraa hiriiranii dhaabbatanii eeguu danda’u.
Daandii ga’aan jiraachuu dhabuu isaafi Warri jiraniis dhiphaa ta’u isaaniitiin alammodaldallii daandii irraa akkasumas gammon tokko yammu ijaaramuu meeshaaleen ijaarsaa isaaf barbaachisan daandii irra

kuufamuunrakkoo geejjibaa jiru kanaaf sababii tokko ta’u.Daandiiwwan qabeenya Ummataantajaajila ummataa ijaaraman irratti nyaataaf dhugaatii karaa irratti hafani yammu gurguran argunis waan hin baramnneemitii.Kun hundi walitti eda’ameerakkoogeejjibaa jiraattotaa hedduu taasisa.

Rakkoon kun hundi itu jiru geejiba irratti akka rakkooola’aanaatti kan jiraattootalakkisee garu daballi gatii sababii tokko male taasifamuufrakkoomaallaqa deebii imaltootaaf kennu diduutajaajilageejjibaakennitootaati.
Dabaluun gatii keessumaataaksiiwwan irratti rakkoo nama isa ilaaludhabeedha. Guyyaa Dilbata akkasumas guyyaa ayyaanaa garaa garaa inni birrii lamaaf sadii ture birrii shan isa birrii shan ture birrii kudhantaasisu.Imalttonnitaarifaa ala hin kaffallu jedhan akka bu’an yookan dirqiidhaan akka kaffalantaasifamu.

Iddoowwanhedduutu ilaaluun akka danda’amu isaan tokko tokko galgala sa’aatii tokko irraa jalqabee isaan biraa ammo sa’aatiilamaafi sadii irraa jalqabee guyyaa hundaa daballii gatii taasisuu. Dooniiwwan tokko tokko irratti akkuma sa’aatiiisaatiiiddoohundaatisanuma jechuudhaan amma dachaa shanii kanfalchiisu.Kun rakkoo guyyaa guyyaa barame ta’uunisaammomootummaa dhaan kan dhiifameyookaan ammoo mootummaadhaan beekkamtii kan argatee fakkesseraan.Kanuma irraa ka’uudhaaneegaa namootii iddoon hojii isaanii mana jireenyaa isaanii irraa fagoo ta’e rakkoo isaan irra jiru garanumaa tilmaamuun nama hin rakkisuu.
Dhimmi jiraattota guyyaa guyyaatti arsuufiirakko itti ta’e biraan deebii maallaqaadhawatamuuisaaniitirakkoon kun kan mul’atugeejibabaaburaa irrattidha.

Dhimma kana irratti namni fayyadamaageejibabaabuuraata’aniifimaqaankko akka hin eeramne jedhan Addis Maaladaatti komee qaban himaniiru.Baabura yammu fayyadamnu gara caalu birri Afur kanfaluittuqabnu birri shan nurraa fudhuu.Yoo birrii kudhan itti kennineebirri jahaa nuu deebisuuittu qabanii isaan garu birri shan nuuf deebisuu.nama lamaaf janne birri kudhan yoo itti kenninu birri lama deebisuuf eyyamamoomitii. yoo nutti deebii janneegaafannu hin qabnnu jachuudhaan nu ifatu.kan nama dhibuu namootiin maallaqa deebii ta’u danda’u yammu itti kennanisisa dhoksuudhaan warren tikketiikutanhinqabnnu jedhan argeera.Ummanni bakka hundaatihattotaan itti taphatamaajira .Qaamooleen dhimmichi isaan ilaallatu rakkinichi akka jiru sirritti beeku garu immoobirriin tokko hedduwwaniif gatii akka qabdu ittubeekani Finfinneetti jiraatanheddunhiyyessa akka ta’e ittu hubatanii amanamtummaadhaan nu tajaajilu turan.garu isaan rakkachuun ummatichaa ijaa isaan hin yaachifnnerakinichamaqsuudhaafeyyamamoomiti’’ jachuudhaan kan ibsan.

Addis Maaladaan komiidhiyeessiitota biraa irraa akka dhageessetti tajaajilageejibabaaburaaf namootiin tikkettimuruuf galu barbaadan heddu jiraachuu isaaniitti.Kunis maallaqa deebiif ta’u hinqabnu jachuudhaan maallaqa guyyaa guyyaatti ummata iraa walitti qaban yaadaniitujedhu.Kanaaniis baaburii salphaa Finfinnee guyyaatti ummata kuma hedduutilakkaa’amuftajaajilageejjibaa kan kennu ta’u isaatiin yoo xiqqaate namoota dhibba tokko irraa birri tokko tokko yoo hanbifatanbaatiidhaan mindaa argatan malee birri kuma sadii seeraan ala ta’e walitti qabu danda’u jadhaniiru komiidhiyeesitonni kun kan dubbatan.

Dhimma kana irratti Addis Maaladaan kan dubbifteen hojii gaggeessaanbaabura salphaa Finfinnee MuluqanAseffaa ‘’hojjattotaaftikketiin yammu kennamusaantima deebii ta’u waliin kennamaafii yoo isaanitti xiqqaate ammo baankii daldala Itiyoophiyaa irraa saantiimaan birri kuma tokko akka fudhatan taasifamaa jira’’jadhaniiru.Torawwan namni itti baay’atu kan akka XoorHayiloochiiHayaatiifiMaganaaynaatti ammo ameentaansaantima birrii deebii ta’u kennamu akka dabaluu hojjechaa jiras jachuudhaan ibsaniiru.

Hojii gaggessichi itti dabaluudhaanis ‘’hojjattonni deebii hinkennine yammu mudatan lakkoofsawwaniddotikeetti itti kutatanittimaxxanfame jiruun yoo nu bilbilanyeroosuma achi ga’u dandeenya.Imalttonni rakkoon akkanaa yammu mudatu polisoota buufataalee jiranitti himuudhaan rakkinichi akka hiikamuwalta’uumsataasisuu qabu’’jadhaniru.

Tajaajila geejjibaa Awutobisii magaalaa irrattis akkasumas rakkoon wal fakkaata kan jiru yammu ta’u bakka isa kanaatti garu ol’aantummaa dhaan kan mul’atu yoo maallaqasharafa hin qabddan ta’e isin hin kessummesinuuisa jedhamuu akka ta’e komiidhiyeesitonnikun kan dubbatan.

Sa’aatii hojii seenamuufiibahaamuttiiddo filmaanni geejjibaa hinjirretti yoo barbaaddansaantimasharafamuu fidaa yoo kanaa achi saantimahin qabnujachuudhaan gara awutobisiitti hin galchan .Warren biraa ammoo saantiima deebii dhawwachuudhaan ofiif kan walitti qabatan Awutobisoonnitajaajila kennan jiraachuu isaaniidhakomiidhiyeeffatan Addis Maaladaatti kan himan.

Addis Maaladaan bakkawwan garaa garaadeemtee akka taajjabddetti rakkinichi bal’inaan kan hubatamuu yammu ta’u warren rakko kana uuman miira enyuttuna gaafata jedhuun ummatichaa akka barbaadan yammu ifatanmul’atu.Kessumaa dubartiinShagar Baas irra hojjattuAwutoobiisichi duwwaa ta’e itu jiru yoo saantima birri sharafamuu hinqabddan ta’e tikketii hin muru jachuudhaan namootii yammu rakkifttu Addis Maaladaan ishee agarteetti.

Bakka namootiin itti baay’atu kan akka maganaanyaa jirutti ammo qarqara magaalaatti dhufanii hojiif itti oolan ijaa ta’e ba\inni ummataafi hiriirawwan dheeraa kan itti mul’atan yammu ta’u konkolaachiftoonniAwutobisootaafii warren bobbi konkolaataa hojjetan ta’anii yammu odessanmulataniiru.Warreen hiriiranjidduudhaa hedduwwan kan nuu dhaga’uu dhabuu keenyaanrakko kana hundaaf saaxillee jachuudhaan ifatti yammu dubbatan warreen biraa ammo konkolaachiftoonni yammu aaranrakkoocaaluuf nu saaxiluu kanaaf dubbachuun hinbarbaachisu jachuudhaan callisa filatanii yammu eeggatan mul’atu.

Dameegeejjibaatiin hedduwwan ummatichaa akka tajaajilan ramadaman hojii akkanaa yammu hojjetanarguunimmo dhimma heddu nama gaddisiisudha. Taaksiiwwan dhuunfaas ta’an tajajila geejjibaa mootummaa kennan maallaqaargatan itti dabalee tajaajiltuummaa akka qajeelfamaatti yoo ilaalan gaarii ta’a.Biyyaaleeadunyaahedduutibarattootamaanguddootaaf warren humna hinqabneef guyyaa ayyaanaa garaa garaatti akkasumas guyyaa hirrinnigeejjibaa jirutti ummata isaaniif tajajilagejjibaatolaakennu.Kun tajaajilu ummata isaaniitti agarsiisa duudhaalee isaanii gaarii heddummeessu.

Itiyoophiyaa keessatti immo hedduwwan doggogorsiisuu yoo dhiyuufii guyyaa ayyaanaadachaadhaaolkanfalchiisu ummatichaa aarsuu malee bilisaan tajajiluunhafekaraamasirritajajilu akka duudhaa gaariitti kan ilaalan hinfakkaatu.

Dhimma kana irratti Daarektarri dhimoota komunikeeshiniiBiiroo geejjibaa FinfinneeAragaawiiMaaruu damee geejjibaa kana irratti rakkoon heddu jiraachuu eeranii akkaataancaaseefama haaraa mijjefameerakkoogeejjibaa magaalatti furuuhaaf sochii irra jirra jadhaniiru.sochii as dhiyeenya taasifameenis kan akka MeksikooMaganaanyaaPiyaasaaJamoofiiXoorHayiilochihir’nawwan jiran xinno furuuf danda’amee kan ture yammu ta’u amma garu manni barnootaa banamuu isaatiin rakkinichi maqfamuuhindandeenye jadhaniiru.

Konkoolaachiifttota guyyaa ayyaanaafi galgala daballitaariifaa taasisan ilaalchisee ‘’konkolaataan tajaajila geejjibaa kennuudhaaf bahee kamuusa’aatiikam ittiiyyuTarifa isaa ta’een ala kanfalchiisu hin qabu’’jachuudhaan dubbataniiru.Kana to’aachudhaaf iddohundaatito’ataaramaduun rakkisaa ta’u isaatiin torabilbilaa bilisaan akkasumas polisotatiraafiikaaf eeru kennuudhaan rakinichamaqsuu mala jachuudhaan daayireektarichidabalanii ibsaniiru.

Akkasumas taaksiiwwandhiisifataniihojjetandaballi gatii hin mallee taasisan ittisuudhaafbiirichito’attootaramadaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Warreen deebii hin kanneeniif yoo saantima hinqabdan ta’e hin kessummesiinuujedhan ilaalchisee ‘’namni kamiyyuu maallaqa qabatee jiruun mirga imalu qaba.sharafa deebiif ta’u gahaa ta’e qabachuun dirqama konkolaachiisaatti .Wanti akkanaa yammuguddachaafiijabaachaa deemu yakkaafiidhiibbaa mirgaa ijaa hordoofsiisuuimalttonnilaafisanii ilaaluu hin qaban’’jadhaniiru.

Rakkoolee tajaajilakennitootaShaggaris ta’e geejjibaakanneen biraa biratti mul’atukabachiifttonni uffata calaqiisaauffatan ijaa jiran isaaniif eeruu kennuudhaan akka hiikamu taasisuun niidanda’ama jadhaniiru.Kanaan kan hin hikamnne yammu ta’u abbaa taayitaa Geejibaafi poolisii tiraafiikaatti beeksisuudhaan yookanlakkoofsataargaafiiqixa inni itti tajaajilu qabachudhaan odeeffannoo kennuudhaan mirga ofii kabachiifachuun kan danda’amuudha.

Xumura irrattis daayireektarichi ‘’rakkoo geejjibaa magaalattitti mul’atufuruudhaaf bifa lamaan hojjatamaa jira .inni jalqabaa konkolaachiftoonni hundi gara tajaajilaatti akka galan taasisuudhaan teeknoolojiiammayaatiinto’annaafihordoffiitaasisuu yammu ta’u inni biraa fedhii jiruufi dhiyeessii wal simsiisuufAwutobisota dabalataa bituuf adeemsa irra jira’’jachudhaan dubbataniiru.

Rakkoolee amma hubatame faallaadhaan geejjibnnibaabuuraataaksiiwan irratti ta’e Awutobisoota irratti tajajilttonni gaggaarii ittii gaafatama ummata sirnaan keessummeessuu raawwachaa jiraniis akka jiran beekamaadha.Addis Maaladaan kan ilaaltten waan hubatee maanguddoofihaadholiin garaatti baataniifdursii akka kennamuuf taasisuudhaan seeraafi sirna kabajanii tajaajila geejjibaa galateeffachiisaa warren kennanis jiraachuu isaanii ilaaluu dandesetti.


አዲስ ማለዳ 13 Onkololessa. 2014 No 18
______________________________
ትክክለኛውን የአዲስ ማለዳ ሶሻል ሚዲያ በመቀላቀል ቤተሰብ ይሁኑ
Telegram ➲ t.ly/SOXU
Facebook ➲ t.ly/flx8
YouTube ➲ t.ly/vSgS
Twitter ➲ t.ly/mxA4n

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com