የእለት ዜና

Haala waqtaawaa Itiyoophiyaafi dhibba miidiyaa hawaasummaa

Haala qabatamaa Itiyoophiyaa ammaa kana namni hedduu akka hubatuutti haala kanaan dura argamee hin beeknenrakkoo walxaxaadhaan kan gutamedha. bara motoota humnaan bultootaa hundi ka’e bakka hundaati bulchaa ta’uuf yaadu sanaaf kana wal bira qabne yoo ilaalleinni ammaa kun kan galata qabu jechuun kan danda’amu miti.

Yeroo sanatti ummatni mootummaa qaba jedhee hindagatu ture.Waan jiru dursee waan hubatuuf yoo of eeguu baatebuttuun akka irra jiru beka.Qomodhaan walitti dhufanii wal fixuun haala qabatamaa biyya keenya ammaa male bara sana waan hin tureedha.

Bara Dargilammiilee nagaarratti gidiiraan hamaan ga’eera jedhamuttiille rakkoon amma bara kanaa hingeenye.inni ammaa kan gara fuladura tilmaamuun kan nama rakisuufi haalli qabatamaa jiru kan namatti bitaacha’uudha.Bara Dargiiyaaddofii gidiiraan amma bara kanaafi dutii haala amma jiru hinturre.

Haalli qabatamaa biyya keenyaa amma uumamee meeshaa dho’uufanjii farra namaa yeroo garaa garaatti awwaalani turaniin akka ta’e hedduwwan irratti walii galu.Sochiiwwan sanyummaa irratti xiyyeeffatan bara mootii jalqabee jiru ta’u isaatiin Sochiiwwan sanyummaa hundi waggoota darbanitti Itiyoophiyaa gara fula duraaf fanjii hamaa awwaalani kan darban turan.

Seenaa Itiyoophiyaaammayyooftu kessatti hunda dura biyyatti sanyiidhaanqoodu kan barsiiseefihojii irra oolche ABUT yammuhundeeffamu yaadni qabatee ka’e Itiyoophiyaa ammayyeessuuguddoo ta’u ishee dhugoomsuuf yookan waan gaarii biraa ittu hintaane.Eenyuunballeessanuu maal saamnnuu jibbaafi wal amantaa dhabuu ummattoota gidduutti uumuudhaaf maal hojjennu kan jechuufi kanneen dabaafiigidiiraauummanni lafa kana gubbaa jiru biyya isaa irratti hin yaadne qabatee ture gara bosoonaatti qabsoof kan gale.Fanjiin kana caaluu yeroo yarootti dhohee biyyatti dhigsaa jiru caalaa hinjiru
Sanaan boodas Bilisa baasaa ummata Oromo Gaambeellaa Amaaraa Ogaadeen jachuudhaan hundi naannooisaatiFanjii hin fashalleeawaaluu jalqabee.

Sababii kana hundaa har’a biyyatti qixa arfanutinu Itiyoophiyaan halkan tokkofille nagaa taatee bulu rakkatti .Lammiin Itiyoophiyaa tokko bakka barbaade yoo deemuu barbaade jalqaba nageenya naannoo sanaa gaafachuun dirqamadha.Naannoo namni deemu caalaa isa hindeemnetu caala.Namootiin naannoon tokko kan keenya qofaadha jedhan hedduudha.Misoomninaannoo tokko isa biraa hingamamchiisu.miidhamun isa tokko isa biraaffaayidaa ta’e mul’ata.

Sabni inni tokko inni biraa ballessaa akka qabutti lakkaa’a.Bakka hundaa du’aatu jira.Kanaafuu haalli qabatamaa amma Itiyoophiyaa jiru hedduwwaniifrakkoo kan uumuu warreen biraatiimmootaajjabi kan uumu ta’eera.

Itiyoophiyaa keessa mootummaa meeqatu jira jedhamee yoo gaafatamee beekudhaaf nama rakkisaa. Loltuufi fedhii dhuunfaa qabatee bakka bakkatti kan raawwachiisuu bakka hunda jira.
MootummaanAraatKiilo jiru lammileen isaan hin egneefi isaan hin oolchine jiru.Humna dhabe haata’u wayee lammiilee isaa maal nadhibeedhaan ilaalee hin beekamu.Humnoonni humna waraanaa guddaqabanisxiyya darbataniis ummatichaa fixaa jiru yaroo yarootti buqqa’uuns jira. Guyyaa guyyaattiduutii jira yerooyaroottisbuqqa’uun jira.

Ittuma nagaa ta’e illee hojii dhabddummaan hiyyummaa hammataafibaqattummaan biyya gute jirutti Waraannixumurahinqabneimmoo haala biyyatti heddu hammaataa taasiseera.
Ummanni Itiyoophiyaa nageenya irratti xiyyeeffannaa akka hin taasifnee jaalalaafi walii yaaduudhaan biyyasaas isas akka hin guddifnewantoonnihudhaa itti ta’an hedduudha.Seenaafi gochaa kalessaatiin jireenya isaa hammaataa taasisuutingamattisbu’awwanargannoo saayinsii biyyaaleen biraa ittiinguddatan fayyadamuudhaan biyyasaa balleessuuf yammu yaallumul’ata.

Fakkeenyaaffeesbuukii miidiyaaleen hawaasummaa kanneen qabeenyaan biyyaalee birraatti walitti qaban salphaa kan jedhamuu miti. Lammileen Itiyoophiyaa hedduu miidiyaalee kanaaf maallaqa isaanii baasanii biyya isaanii diigaa biyya namaa ijaaruu.

DhiyeenyakanattiilleSenaatarriAmeerikaa tokko feesbuukiinItiyoophiyaafiMayinamaar irratti miidhaa guddaa geessisa jira jachuudhaan dubbachuun isaanii hin dagatamu.Mayinaamaar Ummata qabdu keessaa walakkaa kan caalu maddiodeeffannoo isaa feesbuukii akka ta’e himama.Itiyoophiyaa keessattisfeesbuukiifiimiidiyaaleehawaasummaa kanneen fayyadamuudhaan namni heddu qixa kan agarsiisuufi beekaadha.

Qondaalttonni waraanaa hedduun ittu hin hafin kan waraannihiikee caalaa kan oduun hiikee jachuudhaan jacha durii fayyadamuudhaanwaraanni ammaa madaaliin isaa gara mootummaa akka hintaane miidiyaan hawaasummaa o’iisaa akka jiru yaroo daddabalamaa yammu ibsan hubatamuu .Isa caalaa immoo Mootummaan waan ummatichii beekuu barbaadu waan ta’a jiru karaa miidiyaa hawaasummaa akka ibsuuf taasisu irra hojikootiijedheeodeeffannooummata biraan yammu ga’u hinmul’atu.Kanaafis eegaa hundi lolchisaa hundi balballomsaa ta’a.

Wayita ammaa biyyaaleen heddu miidiyaalee hawaasummaa kan fayyadaman biyya isaanii beeksisuuf badhaadhsuufidha.Biyyaalee miidiyaalee hawaasummaa qabanitti dabalee biyyaaleen biraasmiidiyaalee kanaan akkamittinfayyadamuu akka qaban beeku.Biyyaaleen tokko tokkoakkaataanfayyadama gad dhiisii biyya isaanii ammam akka huban ijaa hubatan seera baasaniiru.

Fakkeenyaaf Hindbiyyaalee miidiyaalee hawaasummaa ishee irratti seera ka.an keessaa tokkodha. Hindi keessatti mootummaa iraayookan qaama dhimmi isa ilaaluu irraa ajajnni kan isa ga’e miidiyaa dhuunfaas ta’e Fayyadamaan yaroo sa’aatii 26 keessatti isa maxxansee kaasu qaba. Dhiifamagaafachuuti amma sirreessuut yookan adabamuutti ga’u danda’a.
Awustaraaliyaan gama isheetiin qaama miidiyaa hawaasummaa too’atuhundeessiteehordoftii. Qaamni waan biyyattiif gaarii hin taanee maxxanseedhaabbatan birri walakkaa miliyoonaa namni dhuunfaaadabbiiDoolaara amma dhiibbaa ga’u isaan eega.

Kooriyaakibbaasmiidiyaa hawaasummaa irratti wantiseexaa ummataa miidhu birmadummaa biyyaa dhiibbatu ilaalcha dargaggoo faaluumiidiyaa hawaasummaatiin kan dhiyeessu akka hin jiraanne seera cimaa erga baafatee bubbulteetti.

Seerawwan kana fakkaatan hojii irra olchuudhaan biyya isaaniitti shororkeessitoonni akka hin uumamnne ummanni isaanii gara caaluu waan gaariif xiyyeeffannaa akka kennu biyyaaleen taasisan hedduudha.

Biyyaalee heddu biyya isaanii jaalataniitt immoo miidiyaa hawaasummaa tasgabbiifi faayidaa biyya isaanii eegsisuudhaaf yammu itti fayyadaman mul’atufakkeenyaaf yaroo hidhi haaromsaaguddaa marsaa lammaffaa gutameettitiwiitarii Itiyoophiyaa akka fayyadaman namootiin biyya isaanii jaalatan heddu waamicha dhiyyeessa turaniiru.Gibxiindhiibbaa sana hunda biyya keenya irratti yammu uuma kan turteefayyadamtuu tiwiitarrii adda duraa Afrikaa ta’u isheetiindha.ABUTis Mootummaa gidduu galeessa irratti ol’aantummaa argachuuf biyyattiin bifa biraa akka qabaatu taasisuudhaaf kan fayyadamuu irra caalaa miidiyaa hawaasummaa kana fayyadamuudhaanidha.

Roggeessitoonni dallaaloota miidiyaa hawaasummaa birriinmiliyoonaanlakkaa’amuisaanii kaffalameefii waan heddu Itiyoophiyaa miidhu kan raawwatan fayyadamtummaanbiyyattiin midiiyaa hawaasummaa irratti qabdu gad aanaa ta’u isaatiini.Amma maallaqahedduun waajjira Qonsilaa biyyaalee garaa garaatti banuudhaan ambaasaaddara muuduudhaan faayidaa biyyaa kabachiisuu dhaaf yaalii taasisu irra teknokojii fayyadamuudhaan miidiyaa hawaasummaatiin hojiin Ummataanhojjetamuu Public Dippilomaasii faayidaa guddaa qaba.

Kumaalaa TaamannaAbaate raayyaa ittisa biyyaa duraanittihojii gaggeessaa ol’aanaa waldaa misoomaafi deeggarsaatti dhiibbaa amma miidiyaan hawaasummaa geessisa jiru yaada qaban Addis Maaladaaf qoodaniiru.Kumaalaa akka jedhanitti namootiin midiiyaa hawaasummaa hedduun kaayyoon isaanii dhimma biyyaa ittuhin ta’inmaallaqaargachuudha. Namni hundi kan jiraatu yoo biyyi jiraatteedha kan jedhan KumaalaaTaamanna oduu dharaatiin biyya diigaamaallaqa walitti qabachuun gochaa badaadha jachuudhaan ibsu.

Amma waraanicha waliin wal qabatee miidiyaaleen hawaasummaa oduun dharaa Odessan hawaasicha burjaajessuu malee raayyaa adda waraanaa jiru irratti dhiibbaan geessisu akka hin jirre ibsaniiru.Mana Loltuu kessatti dhimma biyyaafi diinaa irratti hoggansan yaroo hundaa ragaan kan kennamu ta’u isaanitiiflolttonnista’aaniiyaroonoduu itti dhaggeeffatuuf dubbisuuf ijaa hin qabne dhiibbaa tokko iyyuirraan hin ga’u jadhaniiru. Ta’es garu hawaasni oduu dharaa dinaafi namootii itti gaafatamanii itti hin dhaga’amnnehafarfamumirkaneeffatee fudhatu yoo hin jiraannefidhimmichiseerii yoo itti hin baaneediinni tarkaanfii lama gara fuuladuratti akka tarkaanfatuhawaasichii hojii isaa akka hin hojjennemiirri isaa akka miidhamu diina waliin akka firomutaasisaa jadhaniiru.

Barsiisaa miidiyaaf gorsa hojiilee misoomaa kan ta’an Asaggidaw Shimallis gama isaaniitiin miidiyaan hawaasummaa dhiibbaa hamaa Itiyoophiyaatti geessisaa jiruhubachiisaniiru. Jalqaba miidiyaan hawaasummaa Itiyoophiyaa jiru waldhaggeeffachuun kan hir’atu akka ta’e ibsu.Akkasumas wayee birmadummaafi nageenya biyyaa yaadni maddisiifamee fedhii ummataafi tasgabbi biyyaa eegsiisuudhaanfaayidaafi miidhaa damee kanaa adda baafatee kan socho’u tiraafiiknnito’ataa midiiyaa hawaasummaa hinjiru jadhaniiru.Kanaaf immoo rakkoon guddaan tokko miidiyaan kun kan to’atamuubektotaan ta’u dhabuu isaa eeru.

Hanqina beekkumsaan haalaqabatamaa biyyaafi addunyaa hubachuu dhabuudhaan midiiyaa hawaasummaa kabajaafi birmadummaa biyyaa dhaabbilee siyaasaa waljijjiirran waliin walitti hidhuudhaan partii siyaasaa tokko kan miidhan isaanitti fakkaatee biyya kan midhan gara booritti akkamiin deemuun akka malu kan hinbeekneefiidhiibbaa idil addunyaa Itiyoophiyaa irra ga’a jiru hin hubannee beekkumsaanolarrabsoofi oduu dharaa irratti bu’uraa’ettuuumamee jedhan.

Itti dabaluudhaan gareen tuuta yeroo ammaa kana miidiyaa hawaasummaa irra jiru qophii loolttummaafii iccitii biyyaafi Loltuu beeku barbaada.Kun ammo tasgabbi biyyaatiif bal’aadha jadhaniiru.Miidiyaan hawaasummaa gaazexeessummaalamiitiin(citizen journalist) lammiin hundi ragaa argachuufbalballomsuuf yoo mirgi kennameefis mirgi tasgabbi biyyaa waan hin caalleef ragaa gad dhiifnnu hubachuu mala jedhu.

Gidduu kana oduun namootiin wayee biyyaa dhimma hinqabne afarsan Wallo Kaabaatti Wallo Kibbaatti Gondar kaabaatti fii naannoo WaagHimiraatti namootiin akka dhiphatantaasisaa akka jiran himaniiru.

Addunyaan qa’ee tokko taatee waan jirtuuf akkuma biyyaalee biraa to’annaa taasisu irra akkuma seera yakkaa keenya irra ka’ame jiru isa ragaa waraanaa diinaaf dabarsee kennu adabuun barbaachisa.Sanaan alatti ragaa qulqulleessani fii fayyadamuun hojii midiiyaa ta’u akka qabu lammiihubanna midiiyaa qabuu horachuun akka malus eeraniiru.

Sadarkaa Afriikaaga’uumsaa ragaa qulqulleessinefayyadamuun keenya harka dhibba keessaa 12 qofa akka ta’e eeranii namni tokkoontokkoon isaa midiiyaa hawaasummaa irratti kan inni barreessuufidubbatuun namootiin du’aanukkaamfamaniifiigidirfaman jiraachuu isaanii beekudhaansochicha irraa og qusachuu dirqama seexaa qaba jachuudhaan ibsaniiru.

Miidiyaan diijitaalaa miidiyaaleekannen irra bilisaafiidhaqqabamaa ijaa ta’e hayyoonni iddo biraa jiraatan hawaasa isaaniitti dhiyaatanii akka barsiisaniifii akka falmaniin hayyoonni biyya keenyaas midiiyaa hawaasummaa ittu hin tufatiinittu hin baqatanidhiibbaa jiru sialphisuu akkasumas rakkoo jiru sirreesuudhaaf hojjechuu dirqama qabu jadhaniiru.

‘’Biyya tokko jiraachaa warra wal hindhaggeeffannekaayyoo waloo hinqabne ta’a waan dhufneef biyya keenyadiiguufis ta’e ijaaruudhaafshoorri midiiyaa hawaasummaa ol’aanaadha kan jedhan ogeessi midiiyaa lammiin hundi kabaja biyya isaafi dhala namaaf itti gaafatamaan akka hojjetu hubachiisaniiru.


አዲስ ማለዳ 20 Onkololessa. 2014 No 19
______________________________
ትክክለኛውን የአዲስ ማለዳ ሶሻል ሚዲያ በመቀላቀል ቤተሰብ ይሁኑ
Telegram ➲ t.ly/SOXU
Facebook ➲ t.ly/flx8
YouTube ➲ t.ly/vSgS
Twitter ➲ t.ly/mxA4n

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com