የእለት ዜና

Iyya nuqaqqabaa lammiilee nagaa du’a hin olchinne

Sayid Adam jedhama Dhalate kan guddatte naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa bahaa Hangar guttin qa’ee afur kessattidha. Sayid dargaggoo tattaafataa hojii Daldalaa irratti bobba’e yammu ta’u Naannoo Oromiyaatti haa dhalatu male naannolee Itiyoophiyaa kessatti argaman keessa yeroo daddabalamaa socho’aa akka jiraate dubbata.

Waggoota muraasaan as garuu Haalawwan bifa jijjiirrachuu isaaniitiin naannoodhaa naannootti socho’uun hafee ganda gandaatti socho’uun hindanda’amne jedha. Sayid Adam Kessumaa bara 2012 as Hawaasni naannichaa hojii oolee galuudhaaf soodaafii dhiphina keessa akka jiru dubbata.

Guyyaa guyyaatti oduun namoota irraa dhaga’u abbootiin tayiitaa baroota darban turan gochaa raawwachaa turan of duuba deebi’anii ilaaluudhaan dhaloota amma jiru irratti miira enyuummaa irratti xiyyefateen jibbaa uumanii akka jiran mirkaneessera.

Sayid haala hundaa taajabbiidhaan ilaalee hubachuu isaa dubbata. Namootiin wal qoodanii keessi isaanii wal irraa fagaachaa deemaa jiraachuu akka hin hafnee ragaa bahaa. Sabnni tokko saba isa biraa gosuummaa dhaan ilaaluu ilaalcha dukkanaa ta’e keessa akka gale sayid ifatti hubachuu erga jalqabee akka bubbulee hima.

Dhalattoota Amaaraa Oromoo fii Tigraay yammu ilaaluu kessi isaanii wal irraa fagaachaa dhufuu isaa dubbata. Namootiin suuta suuta walii galu dhabuu keesso isaanii gara qabatamaatti jijjiiraa akka dhufan hubachuuf yaroo hin fudhatu jedha. Sayid lamiileen nagaa haala suukanneessaadhaan yammu ajjeefaman akka argees dubbata.

Baatii Bitootessa 2012 irraa jalqabee tokko isa biraa irratti eenyummaa isaa bu’ura taasiifate wali irratti ka’u isaafi haleellaa raawwachuu akka itti fufee mirkaneessaa.

Rakkoo kana kan balaallefatu hawaasni naannichaa muraafni Kantiibaa magaalaatti gara bulchiinsa godinaatti Bulchiinsa naannootti geessee haleellaa irra ga’u hubachiisuu dhaaf yoo yaalus rakkinichi yaroo xiqodhaaf tasgabbaa’ee ture bifa hin eegneen ammo deebi’e ka’u malee furmaata waaraa tokko argachuu akka hindandeenye ajjeechaan lammiilee nagaa guyyaa guyyaatti uumamuu ragaa ta’a akka dhufe Sayid ni ibsa.

Sayid akka dubbatteetti yoo ta’e jaalalaafi tokkummaa namootii naannichaa waggoota dheeraadhaaf ture gara jibbaafii wal ajjeechaatti jijjiirramee Waligaltee dhabuun hida fageefatee deemsaan eergii itti fufanii bubbulaniiru.

Kessumaa walkakaa baatii Hagayyaa 2013 booda ABO Shaneen haleellaa eenyummaa irratti bu’uraaye qaqqabsiisuun guyyaa guyyaatti lubbuun hedduwwanii darbuusaa tiin jiraattoonni hafan sagalee isaanii miidiyaalee dhageesiifachuf dirqamuu isaanii dubbata.

Lamiileen nagaa waamicha nuu qaqqabaa dhiyeessuu dhaabbileen miidiyaa gabaasuuf itti fufaniiru. Garuu dadhabbiidhaan ala wanti jijjiirramee hinjiru kan jedha Sayid turtii Addis Maaladaa walii taasiise erga itti aanuu kana dabarsee haasawaa isaa xumueerrra.

Amma haalli biyyi keenya itti jiruufi Waraanni jiru miidhaa xiin sammuu salphaa hin taane akka irra bulchee kan dubbatu Sa’iid akka carraa ta’e walii kenya wal nyaachuuf yoo walitti kaanee dura isa dubbate walakaadhaan kan fayyaa ta’u amanuudhaan darbuu isaanii dura nuu qaqqaba yoo jedhaniis du’a jalaa kan hin baraaramnnee waamichi nuu qaqqaba lammiilee nagaa abdii abjuu ta’e hafeera jechuudhaandha kan dubbate.

Itti dabalees rakkoo uumamuu danda’uun waamicha nuu qaqqaba yeroo daddabalamaa yammu dhaga’uu furmaata ta’u yammu malu gurra tokkoon dhaga’uun gurra biraatiin gad naquu ta’u isaa ragaa taasiisuurra darbee moggasa akkamitti kennamuufii danda’a jachuudhaan gaafata Sayid. Lamiileen Itiyoophiyaa iddoowwan garaa garaatti walitti qabaadhaan ajjeeffamaa jiran hundi du’aa isaanii dura mootummaa dhaan nuu qaqqaba jechuudhaan yeroo daddabalamaa iyyaa turan garuu kan isaan dhaga’e hinjiru jachuudhaan Addis Maaladaatti kan hime.

Waggaa tokko gara duubatti deebinee ittu ilaalle gareen Mana Maree bakka bu’oota Ummataan shororkessaa jedhamee ABUT Onkololeessa 30 bara 2012 haleellaa lammiilee nagaa irratti xiyyeffatee Mayikaadiraa tti qaqqabsiiseen bola awwaalchaa tokkotti qofa namootiin 74 awwaalamanii akka argaman guyyaa tokkotti lamiileen nagaa 600 ol akka ajjeefaman akkasumas xumura irratti komishiinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa qorannoo gaggeesseen Walumaa galatti namootiin kuma 1 ol lubbuu isaanii dhabuu gabaabsuun isaa kan yaadatamudha.

Haleellichii yammu itti raawwatamu hawaasni naannichaa waamicha naa qaqqaba yoo dhageesiisaniis enyuyyu qaqqabuufii waan hindandeenyeef du’aafi dabarfamanii kennamuu isaanii gabaasa miidiyaalee biyya keessaafi biyya alaa deebinee ilaaluun qofaan dhugaa jiru ifatti baasee kan agarsiisuudha.

Ka’umsa ajjeechiicha hubachuudhaa Maayikaadiraa irratti ‘’kan ajjeeffamaa jirruu dhalattota Amaaraa ta’u keenyaan qofaadha’ ’jachuudhaan dubbachaa kan turan warreen miidhaa kana dhandhamaa akka turan kan yaadatamuu dha. Amma gabaafnni kun qindaa’etti namootiin naannolee Amaaraa Oromiyaa Affaar Beeniishaanguul Gumuuzitti ajjeeffamaa jiran sababa sanyummaa kanaa haleellaan isaanirra qaqqabun dhimma furmaata dhabee ta’u isaa ta’uun nii beekama.

Naannoo Oromiyaa aanaalee garaa garaatti jiraattoonni argaman hidhattoota ABO Shaneetiin ajjeeffamaa jira ergii jedhanii kan bubbulan ta’u isaaniif gabaasawwan miidiyaalee biyya keessaafi biyya alaa ragaadha. Ta’es amma gabaafnni kun qopha’etti rakkinichi akkuma itti fufeetti akka jiru jiraattoonni naannichaa nidubbatu.

Hidhataan Shanee shororkessaa jedhamee amma ammaatti miidhaa nurraan ga’a jira kan jedhan jiraatan aanaa Kiiramu Onkololeessa 03 darbee bara 2014 ‘’maaloo nu qaqqaba sagalee nuta’atii gara motummaatii nu iyyaa torban kana qofa aanaa Kiiramu ganda Harootti lakkofsii warren du’aani guyyaa guyyaatti dabalaa jira Mootummaan Raayyaa Ittisaa galchee nuu haa oolchuu nuu hubachiisa jechuudhaan dubbataniiru.

Lamiileen naannoo Affaaritti argaman gama isaaniitiin Garee ABUT shororkeessaa jedhamee baatii Adoolessaa 2013 irra jalqabee haleellaan isaan irratti raawatamaa jiraachuu dubbachaa turuun isaanii kan yaadatamuu yammu ta’u Torbee jalqabaa baatii Onkololeessa haleellichii lammata jalqabuu isaafii naannichatti lamiileen nagaa dhumaa jiraachuu isaanii miidiyaaleen garaa garaa dubbachaa jiru.

Kanatti dabalee naannoo Amaaraa iddoowwan garaa garaatti lamiileen jiran gama isaaniitiin Baatii Onkoloolessa 2013 irraa jalqabee lamiileen nagaa ajjeeffamaa jiraachuu isaanii ergii dubbachu jalqabanii bubbuluun isaanii kan yaadatamuu yammu ta’u gareen shororkessaa ABUT haleellaa walitti aanaa ta’ee isaanirraan ga’a jiraachuu isaa maddeen Addis Maaladaa muli’isaniiru.

Heera Mootummaa biyya keenya Itiyoophiyaa mirga namoomaa eeguudhaaf keewatawwan ga’a ta’an akka qabuu kan beekamuu ta’uus kanneen jidduudhaa Keewatin 25 yoo ilaalle Lammiin Itiyoophiyaa kamu iyyu Sanyiidhaan amantaa isaatiin korniyaa isaatiin akkasumas sababbiwwan garaa garaa login irratti hin taasifamuu jedha.

Dabalataanis keewata 10 irratti ‘’mirgoolee namoomaafii demookraasummaa lamiileen ii kabajamuu jedha. Itiyoophiyaan seerawwan raga‘an hedduu barreeffama irratti qabdi male qabatamaa hojiirra akka hin jirre Waraanni iddoowwan garaa garaatti gaggeeffamaa jiruu ragaa gahaadha. namootii jedhan dhaga’uun baramaa dhufeera.

Heera Mootummaa Itiyoophiyaa tin lamiileen iddoo jiraatan itti mirgi namoomaa isaanii kabajameefii iddo kamittiyyu jiraachuu mirga Walqixxee qabuu. Garu kun qabatamaa dhaan hojiitti hiikamee akka hinjirre rakkoon iddoowwan garaa garaatti hubatame jiru agarsiisadha kan jedhan Magaalaa Bahir daaritti barsiisaa seeraa ta’anii tajajilaa kan jiran Profeesar Tamasgeen Siisaayii dha.

Biyyi keenya Itiyoophiyaan mirgoolee dhala namaa biyyaaleen addunyaa irra kaa’aman seera qajeelfama taasiiatte raggaasiifteetti .Kanneen keessaa lammiin Itiyoophiyaa hundi qomoof biftti ittu isa hindaangessiin iddoo garaa garaa jiraachuu hojjechuu mirga akka qabuu keewatnni hubachiisuu nii beekama jedhu ogessii seeraa kun.

Garuu ammo biyyaatti iddoowwan garaa garaatti mirgi namoomaa lammiilee dhiibbamaa jira kan jedhan Tamasgeen Siisaay kun wayita ta’uut ammo itti gaafatamnni mootummaa inni guddaan lamiileen bakka jiranitti nagaafi tasgabbi isaanii eegsiisuudha jechuudhaan yaadasaanii ka’aniiru.

Itti dabalaniis Amma naannolee Oromiyaa Beeniishaanguul Amaaraafi Affaaritti dhalli namaa buqqa’ee lubbuu isaa dhabaafi qaamni isaanii hir’achaa akka jiru dubbachuudhaan waamicha nuu qaqqaba dhageessisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Dhaabbilee miidiyaa jidduudhaa korporeshiniin miidiyaa Amaaraa mataan isaa dhimmicha yaroo daddabalamaa akka gabaase kan ragaa ba’an Tamasgeen itti gaafatamanii nama tokkoon tokko isaa irraa eegamu akkuma jirutti ta’e karaa mootummaa amma ammaatti rakinichaf furmaatnni dhabuun isaa garuu kan inni mullisuu mootummaan kan taasisuu qabuu kan hin taasifnne ta’uu isaatii jechuudhaan yaada isaanii kennaniiru.

Itti dabalaniis itti gaafatamnnii guddaa mootummaan jiraachuu lammileen nageenyii akka isaanitti dhaga’amu lubbuun isaanii qabeenyaa isaanii akkasumas fayyaan isaanii akka eegamu taasisuu yammu ta’u haalli amma dhaga’a jirru garu kan agarsiisuu Mootummaan dirqama isaa kan hin bahaannee fii ittii gaafatama isaa kan hin kabajnee ta’u isaatii jedhu.

Dirqamnni lammiilee akkuma jiru hunda dirqama Mootummaa irraa yammu kaanuu lamiileen dubbatanii dhiisanii itti gaafatamnni mootummaa inni ol’aanaa nama bakka kamii iyyu jiraattuu mirgaafi faayidaa isaa kabachiisuudha kan jedhan hayyuun seeraa kuun inni amma ta’a jiru garuu kana akka hin taanee ibsaniiru. Kanaafis sababiin isaa Itiyoophiyaan sadarkaa federaalaafi naannootti qaamooleen tasgabbi caaseesiitee itti gaafatama isaanii iddo itti ramadaman itti lammiilee jiran nagaa isaanii eegsisuu yoo ta’ees kana gochuu dadhabuu isaaniitti jechuudhaan hubachiisaniiru.

Wal qabsiisaniis lamiileen nuu qaqqaba jedhanii dubbataniis dhiisaniis lubbuuf qabeenyaa isaanii badee qaamni isaanii hiratee ilaaluun keenya haal duree tokko malee mootummaan dirqama itti kennamee hin ba’annee nu jechiisiisaa jedhaniiru.

Tamasgeen itti dabalaniis mootummaan haaraan hundeeffame yammu jedhamuu nagaafi eenyummaa namoota mirkaneessuuf dhaabbata danda’u akka ta’u amanuudhaan namni hundi abdii akka qabuu kan ibsan yammu ta’u kun ta’u isaatiin mootummaan Itiyoophiyaa amanamtummaan isaa akka itti fufu dhugaatii lamiileen na filatanii jechuudhaan akka amanuu iddoo kamittuu lammiilee argaman nagaa isaanii eeguu qaba jechuudhaan yaada isaanii ka’aniiru. Xumura irrattis kana gama mootummaatiin jenne malee rakko kana maqsuuf walta’uumsa lammiilee biyyaatti hundaafi qondaaltoota mootummaa barbaachisa jechuudhaan gorsa isaanii kan arjooman.


አዲስ ማለዳ 27 Onkololessa. 2014 No 20

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com