የእለት ዜና

Jeequmsa xiin saamuufi haala siyaasaa biyya keenyaa

Qorataan xiin sammuu Kurt Luwiin jedhamuu akka dubbatteetti xiin samuun hawaasummaa qorannaa xiin sammuu keessaa tokkoo yammu ta’u ilaalchiinamadhuunfaa yookan garee tokko akkamitti dhiibbaa ilaalchaa hawaasicha jala gala isa jedhu saayinsii qoratuudha. Saayinsiinkunfaayidaa heddu qaba.Hawaasicha hubachuudhaaf gareewwan yookan kutaaleen hawaasaa muraafni filannoo nama tokkoofi murtee isaa irratti dhiibbaa akkamiin akka bulchaan hubachuudhaaf faayidaa guddaa qaba.

Sochii siyaasaafiilaalchiinama dhuunfaa amantaan isaa yookan mirrii isaa faayidaa akka hinqabne hayyoonni nidubbatu.RicharHaaslaamiifiiReeyinoldkanjedhamanqoratoonni xiin sammuu akka qorataniitti ilaalchii garee yookan hawaasaa warraaqsasiyaasaafidhiibbaa gaarii akka qabu ibsaniiru.

Biyya keenyattis sochiin siyaasaafi warraaqsiikan garee yookan dhiibbaa ilaalcha hawaasaa jala yammu seenuu male amanteensiyaasaa nama dhuunfaageedarumsa guddaa yammu fidu hin hubatamuu.kun kan agarsiisuuxinsamuun hawaasummaa warraaqsa siyaasaa waliin walitti hidhama qabudha.

Maarree namni dhuunfaa akka abbaa qabeenyaa heyyama bilisaa ilaalcha isaa amantee isaa miira isaafi Dandeettii isaa ibsuuf haala hindandeenye kessatti haalli siyaasa biyya keenyaa Ummattootaaf mijataadha laata inni jedhu ka’uun dirqama ta’a.

Yaadi rimeen eenyummaa mirkaneessuu of hubachuu jedhu lammiileeItiyoophiyaafikandaawwatame amma fakaatutii hundi gareedhaan yaadu kan barame taasiisee itti jiraachaa akka jiru ogeeyyonni xiin sammuuhedduun nidubbatu.

Obbo Mokonnon Ballaxaleenjiwwan xiin sammuu heddu namootii dhuunfaaf hojjettoota mootummaaf akkasumas dhaabbilee tajaajila keenitoota garaa garaafikennuudhaan jijjiraa ilaalchaa akka qabaatan taasisaa jiru. Addis Maaladaaniis jeequmsa xiin sammuu hawaasa Itiyoophiyaa ilaalchisee dubbifteettiin.

Akka ibsa obbo MokonninBallaxatti xiin sammuu hawaasummaa hubachuun ilaalcha hawaasaa filannoo namoota dhuunfaa yookan murtii isaanii irratti dhiibbaageessisu hubachuuf gargaara.Isarras darbee namni tokko duudhaa hawaasa keessa jiraatu dabaluudhaaf jedhee hojiirra oolchuuf akka gargaaruun dubbataniiru.Haata’u male of beekuu dhabuufHaalawwan mirkaneessuu dhabuun akkasumas ilaalcha ofii babal’isuudhaaan hawaasaaf ibsu dhabuun miidhaa guddaa akka qabu eeraniiru.

Akka ibsa obbo Mokonnin iittihirin’awwanleenjiitota heddu biratti mul’atu sirritti of beeku dhabuudha.itti dabalaniis of beekuun Hojiifibarumsaa caalaatti of bu’a qabeessa ta’uudhaan fedhii humna kaayyoo milkeessuuf gargaara.ofdanda’udhatajaajilaata’uudhaangaarii ta’uudhaandhiifametaasisuufi nama waliin walii galanii jiraachuudhaaf fayyada.of beekuun hiriinaaf cimina beekaniif danda’uudhaanjiraachuudhaan akka gargaaru hubachiisuu.Kuun hundi ofitti amanu akka fiduuf obbo Mokonnin Addis Maaladaatti himaniiru.

Itiyoophiyaatti bara 1960ffaa keessa mormiidargaggootaa irraa jalqabee amma ammaatti kan hin gudufamnee sochiin geedarumsa fidu bu’a qabeessummaan isaa gaafii keessa akka galu kan taasiiseewaloodhaan yaaduu falaasama siyaasaa dursaa garee tokko akkuma jiruutti fudhachuu fii isa raawwachiisuu fiigu bu’aan isaa kana akka ta’e hayyuun xiin sammuu kun nidubbatu.Itti dabalaniis ummannikun kan of bare ta’us ilaalcha isaa akka qoratu murtii qabatamaa akka kennu walitti bu’iinsa akka hiriirsu jibba irraa akka fagaatuilaalchii siyaasaa haaraa yammu itti dhufu akkuma jiruutti akka hin fudhannee ta’a ture jachuudhaan hiri’inni dhaloota kanaa mul’isaniiru.

Hawaasni of hinbeekne mirga isaa hinkabaju kan jedhan Mokonninibsuu nishakka Fedhii isaa ala yaada warren biraa kan raawwachiisuu ta’a.yaadaafi fedhii isaa nagaadhaandeegarsiisee ibsuu dadhaba.warreen biraa yammu nutti siif beeka jedhaniistole jedha.warreen biraa akka isa deeggaran isa inni beekuu caalaa warri biraa hogganaansiyaasaa tokko isa bakka bu’e isa isaa dubbatu akka dhugaatii fudhata.kanaanis hameenyi tasgabbi dhabuun ofitti amanu dhabuun mallattoo isaa ta’u.jechuudhaan Addis Maaladaa hubachiisaniiru.

Yaada anatuu siif beeka jedhu waliin walqabatee seenaa tokko yammu qoodan namtichi tokko niitii isaa hiikuu barbaade Abukaatoo isaatti hime .Niitii isaa waliin waliigalu ijaa dadhabe hiikuu akka barbaadu yammu itti himu Abukaatoo isaa guyyaa itti aanuu iyyata isaa cimsee akka barreessuuf itti hime gar gar ba’u.

Achi guyyaa itti aanuu xalayaa fuula 5 fidee dubbisuufi jalqaba namtichis dheerina xalayichaan dhukkuba isaa miidhaa isaa isa niitii isaatiin miidhamaa ture yeroo ishee waliin jiraatuu itti dhaga’amu dhabuu isaatiin ofitti gadde.sadarkaa kanaan miidhamuun isaa akka abiddaattigubeen.ishee kana hiikuu ittuhinta’iin ajjeesuun qaba jedhe ajjeesuunii deema.jechuudhaan hala qabatamaa siyaasa biyya kenyaa kanaan wal fakkeessuu yaalaniiru.

Namnnii miira mataa isaa ifatti beekuu dhabuun isaa warreen biraa yaada mataa isaanii keessa akka isa galchan taasisa.Bu’a isaatiinis fedhii isaa malee dogongorakeessa akka galu taasisaan jachuudhaan siyaasnni aantuu siibeekadogongora akka ta’e hubachiisaniiru.

JoseefIstaaliinsiyaasaRusiiyaa keessatti iddoon guddaa kankennamuuf hogganaa paartii koministii ta’e siyaasa goosummaa faarsa ture.Itiyoophiyaattis sochiin barattootabara 1960ffaa keessaa falaasama Istaaliin kana kan deeggaru fakkaata ture.Haata’u male siyaasnnigoosummaaJoseefIstaaliinkun bu’an isaa Rusiiyaabittinneessee irra kan darbee faayidaa akka hinqabne haqa hubatame ture.Garu namootiin siyaasaa heddu lammiilee Itiyoophiyaa yeroo sana turan kan dognogorsee akka ture haqa ifa jiru akka ta’e hayyuuleen nidubbatu.

Ga’een siyaasa hawaasummaa sirritti hiikamu akka qabu hayyuuleen dame kanaan jiran nidubbatu.yaadni siyaasaa tokko yammu uumamuu dargaggoonni akkuma jirutti fudhachuu irra yaada komii dhiyeessuudhaan gad fageenyaan xiinxaluu qabu.Sanaan gamatti dhugaa siyaasaa qabatamaa biyya isaanii waliin walitti fiduudhaan balballoomsuu barbaachisa jedhu.ogeessi xiin sammuuMokonninBallaxa.

Yaadni ceephoo kitaaba ‘’bu’ura yaada ceephoo’’jedhuunakka ta’ettixinxallii beekumsa irratti bu’uraaye gad fageessanii ilaaluu yaadawwan sababiidhaan fudhachuu jechuudha.Rakkoon siyaasaa biyyatti ture maal akka ta’e beekuun gaafii jalqaba gara furmaataatti geesuudha.dinagdeebulchiinsa gaarii hacuuccaa gosaa qodmaa qabeenyaa logii qabeessa sirna barnootaa heddumminaagidduu galeessa hin taasiifanne taayitaa kiishaittiinguuttachuuf fayyadamuun malaammaltummaamoo yookan kan biraa isa jedhu sirritti adda baasanii beekuuf daandii geedarumsaa irra nama buusa.

Ilaalchii ceephoo qabu as akka galu dubbatu Mokonnin.Itti dabalaniis dargaggoon sirritti eenyummaa sabbonummaanguutameituqabaateehaalli siyaasaa nagaa qabeessaafi hundaaf mijataa ta’e akka uumuuf gargaaru dubbatu.

Itiyoophiyaan amma mul’atunagaaqabeetti daandii guddina irra kantarkaanfattu ijoolleen ishees kan wal jaalatan miiraan kan hin ofamanee ta’u turan jedhu.ofgeessisu ofiif miira gaarii qabaachuu shaakaluun badii irraa kan baraaru furmaata guddaa akka ta’e hayyuun kun nidubbatu.Namni of hinbeekne mirga warreen biraa dhiibbachuudhaanfaayidaa mataa isaati kabachiifata.yaadaafi miira warreen biraa dhaggeeffachuu irra ana qofa dhaggeeffadha jechuu baayisaa.iyyee dubbchuudhaan warren biraa arabsuudhaan yakuudhaan komachuufii tuufachuun irratti mul’ata.of namaan ol taasiisee ilaala.faayidaa mataa isaa kabachifachuuf jecha warreen biraa miidha.gadoo bahuu jibbaafii sodaadhaan guutame keessa seenajechuudhaan Addis Maaladaa hubachiisuu ogeessichi.

Namni tilmaama gaarii ofii qabuu yookan of beeku mirga warreen biraa kabajuudhaan faayidaa seera mataa isaa kabachiifata.warreen biraa waliin qixatti of ilaala.nikabaja niijaalata Karoorri karoorsuu hundi bu’a qabeessa ta’a.karoora isaa milkeeffachuuf niihojjeta ofitti amanamtummaas qaba barbaadamaafi kabajamaa ta’a murtii ragaa qabatamaa irratti bu’uraaye kenna walitti bu’iinsa nii maqsa jechuudhaan hayyuun kun hubachiisuu.

Xumura irrattis of beekuuniif hubachuu dhaloonni akkamitti fiduu akka danda’u yammu hubachiisan dhalli namaa beeladaa amala adeemsaan jijjiiramuu qabuu ta’u isaatiin fedhii yaaliifii gaarummaa yoo qabaatee amallii hin jijjiramnne akka hin jirree cimsanii ka’u.Dubbisuun karaa itti of qaroomsinu akka ta’eshubachiisuu.Dubbisuun yaada bilchaataa akka qabaannu nudandeessisawarreen biraa yaada isaanii yoo nutti fee’u barbaadan akka didnee jala dhaabbannu nuubarsiisa.

Ilaalchii hundi sirriidha jechuu dhiisisa ga’uumsa dhimmoolee gad fageenyaan qorachuu fida rakkoolee dhaaf furmaata kennaa taasisa.itti gaafatama maatii hawaasaa biyyaa ga’uumsabahachuu fida Xumura irrattis of hubachuudhaaf naannoo hubachuu yaada nammoota beekuudhaaf gargaara jechuudhaan MokonninBallaxxa yaada isaanii guduunfuu.


አዲስ ማለዳ 4 Sadaasa 2014 No 21

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

This site is protected by wp-copyrightpro.com