የእለት ዜና

Imala hojii qonnaa ammayyeessu

Qonnaan bulaan Itiyoophiyaa baatileefi yeroo hordofee uumaman wal simsiisee sanyii facaasee homishnni isaa yammu qaqqabu nii haama .nii tuula. baatiin Sadaasaa amma keessatti argamnu iddoowwan hedduutu yaroo bu’a homishaatti .midhaaniis walitti qabamee tuulamee itti argamu. Baatilee itti aanaatii immoo midhaan walitti qabame karaa garaa garaa ni dhaa’hama ,homisha kana gabaaf dhiyeessu isa hafe ammoo nyaataafi hanbisuuf sanyiidhaaf hanbisuun hojii qonnaan bultootaa itti aanaadha.

Adeemsa homisha dha’uufii qopheessuu kana keessatti qonnaan bulttonniif maatiin hundi hojiin itti baay’ata. Keessumaa dubartoonnif daa’imman hojii kana irratti bal’inaan hirmaatu. Qotiyyoodhaan dhiichisuu joniyyaatti naqanii uuleedhaan reebsiisuu fi kan fafakaatan yeroo baay’ee mala midhaan dha’uudhaaf ittiin faayamanii dha. Maarree hojiin kun heddu dadhabsiisaa dha humnaafi yeroo dheeraa fudhata.Sanarras darbee midhaan kun ijaa caccabu sanyiidhaaf hambisuu dhaaf hin mijatu.Sanarras darbee gabaaf filatamaa hin ta’u.

Haallii kun qorattotaan yammu ibsamu manca’ina calla homishaan boodaa (Post harvest loss) jedhu. Efreem Asaffaa damee maanufaakchurii dhaan polii tekniika Adaamaatti leenjiisaa ta’anii tajaajilu. mancaatii midhaanii homishaan boodaa kana hiri’isuudhaaf kan danddesiisuu teknokojii ammayaa walbeeksiisu fii babaliisuudhaaf yaalii taasifamu keessatti hirmaatu. Dhimma kana irratti yaada isaanii yammu kennan midhaan homishaan irraa walakkaan isaa yammu caccabu walakkaan isaa sanyiif hin ta’uu. Isa gabaaf dhiyeessuuf yaadan irraa hiriisanii tajaajila manaaf oolchuu. Kana irraa kan ka’e sanyiif kan ta’u akka haarawaatti bituuf dirqamu.jedhaniiru.

Efreemiin kan agarree dhaabbanni miti mootummaa ‘’feed the feauture’’jedhamu kaams injinariingii waliin Sadaasa 6 2014 darbee qopheessee irrattidha. Waltajjichi ol’aantummaadhaan itti gaafatamtoota Hojiifi miseensota yuuniivarsiitii koleejii waliin wal qabatuu irratt hojjataniifi naannolee afur irraa walitti baba’an kan hirmaachise ture.

Duraan Dursa
Xibabuu Ashagree fiid za fiichar Itiyoophiyaa keessatti amma baatii darbee jalqabaati maashiinii midhaan feeccu ilaalchisee Pirojektii qabamee keessatti ogeessa hirmaatan turan .Midhaan ergii walitti qabamee booda manca’ina ga’uu sadarkaa garaa garaa akka qabu Addis Maaladaaf ibsaniiru. miidhaan wayita homishame dhahamuuf walitti qabamuu manca’ina garaa garaa akka irra ga’u dubbatu .Akkaataa kanaan walii galaan harka dhibba keessaa 20 amma 30 manca’ina akka qaqqabu dubbatu.

Kanaaf ammo furmaata nii ta’a kan jedhame maashina midhaan kana dha’uufii feeccuudha jedhu Innis (Multi crop thresher) dha. Kunis inni tokko teeknooloojii qonnaa yammu ta’u teknokojii kanaan midhaan manca’ina hanbisuuf amantaa badii isaa hir’isuun akka danda’amu eeraniiru. Qonnaan bulttonnii midhaan walitti qabee dha’uudhaaf humnaafi yeroon itti fudhatu ol’aanaadha. Midhaan kuntaalla 200 dha’uudhaaf amma guyyaa 10 itti fudhachuu danda’a .Teeknoolojii fayyadamuudhaan garuu yaroo gabaabaa kessatti yeroo gabaabaa keessatti qulqullinaan ergii feccamee booda homisha qulqullinni isaa eegame gara gabaatti geessa. Qonnaan bulaan kun kanatti dabalee gara hojii biraa deemuudhaaf isa gargaara jedhaniiru.

Kaams injiinariingiin ammo teeknooloojii kana beeksisuudhaan iifii babal’isuu kayyeefatee damee qonnaatin hojii bu’a qabeessa hojjete faayidaa guddaa argamsiisuun galma isaa taasiftee dhaabbata hojjachaa jirrudha. Daawwit Mogas ittii aanaa hojii gaggeessaa kaams injiinariingfi bulchaa kutaa maashina miidhaan dha’uufii feccuuti.

Akka ibsa Daawwit itti Kaams injiinariingiin erga midhaan walitti qabamee booda manca’iinsa ga’u hanbisuuf mallii murteessaan mekaanayizeshinii qoonnaatti jedhee amana.Kanaafiis waggotii sadii darban dhimmicha irratti hojjachaa kan ture yammu ta’u keessumaa meeshaa midhaan dha’uufii feccuu kana irra waggaa tokkoofi walakaadhaa dura jalqabee gara homishaatti galuudhaaf hojjachaa akka ture hima.

Meeshaan kun teeknooloojii biyya Afrikaa kibbaa Gaanaatti .Achi fudhatameefii walgeeddarii muxanno jiruun gara biyyaalee Afrikaa biraatti tamsa’aa jira. Teeknoolojii guddachaaafii babal’achaa jirrudha .Biyya keenyattis xaafiidhaan ala qamadiin garbuun ruuziifi kanneen itti yaalameera. Boqqollon ammo ol’aantummaa dhaan yaalame bu’a qabeessa ta’eera. Itiyoophiyaa dhaa ala biyyaalee torbatti rabsameera.jedhuu Daawwiit.

Maaltu yaadamee?
Kaams injiinariing teeknooloojii hojii qonnaa haarawa kana deggaru gara hojiitti seensiisuuf akkaataa adeemsa hojii harwaa fideeraa jedha.Kunis walitti hidhamiinsa tajajila kennitoota waliin taasiifamuudha .

Dhimmichii akkanadha .Dargaggoonni naannoolee Oromiyaa Amaaaraa kibbaafii gaambbellaatti argaman maashiinii midhaan dha’uufii feccu kanaa wajjin sirritti akka wal baran taasiifameera. Dargaggoonni kun hojii qonnaa naannicha jiru sirritti kan beekan yammu ta’u cinaatti ammo barumsa idilee kanneen barataniidha.

Daawwit akka jedhanitti dargaggoonni kun leenjii argataniin maashiinii kana akkamitti sochosuu akka danda’an yoo beekanis meeshichaan tajajiila keennudhaan galii argachuu akka isaan danddesiisuuf humna meshicha bitachuu qabaachuu dhisuu danda’u ta’a Liqiidhaan habitnnu yoo jedhaniis dhimmi wabii gufu isaannitti ta’u danda’a.Kanaafuu gurmaa’anii maashiniicha fudhatanii dhaabbata abbaa qabeenyichaa waliin hojjetu. Wayita hojiin homisha dha’uufii feccuu qaqqabuutti mashiniicha iddoodhaa iddootti fuudhanii naana’udhaan qoonaan bultootaaf tajajila kennu.

Akkaataama kanaan amma Kaams injiinariingii meeshaaleen 55 kan jiran yammu ta’u kana keessaa 18 amma 20 kan ga’an tajaajila keenitoota kennamee jedhamee eegama. kennuudhaaf vkan karoorfame garu 30 ta’uu isaa kaasu Daawwit. Garu ammo proposaala dhiyeessaniin madaalamanii kanneen darban 20 kan ta’an ta’u isaaniitiin dursa akka argatan ibsaniiru .Kanaan gamatti maashinoonni 48 gara biyya keessaa galanii hojjetamuuf eegama jiru.

Gararaadhaa akka ibsameetti dargaggoonni hojii kanatti hirmaatan leenjii fudhatanii dhufuu maashinoota kanaa eeggachaa jiru.

Fudhatamuummaa Teeknoolojii kanaa
Itiyoophiyaatti teknolojiiwwan haarawa dafanii fudhachuun addaan isaa badaa mitii Hawaasichii xiinxalee ilaaleefii yeroo kennee faayidaafi miidhaa isaa madaalli mataa isaatiin madaalee madaalli meeqa booda hojiirra olcha.Ittii aanaa hojii gaggeessaa injinaringii Kamas Daawwit iis aadaan teknoolojii kana dafanii fudhachuu akka hin jirree walii galu.’’ waan barameedha waan haarawa wal barsiisuu niciima ‘’jedhu.

Maashinnii kun sa’aatii kudhan keessatti Boqqollo kuntaalla sadii feccuu danda’a jedhu qamadii garbuufi warra biraa garu sanaan gamatti sa’aatii tokko keessatti kiiloo shan yookaan kudhan feccuu danda’a jedhu. Maashinii tokkoon tokkoon isaa irratti namootiin shanii amma torbaa hojii qabu .

Teeknoolojii yaadamee kun qonnaan bultoota biyya keenyaa biratti fudhatama argatee amma hojjatuutti waggaa tokkoofi lama fudhachuu danda’a jechuudhaan tilmaama isaanii kaa’aniiru. Yeroon midhaan dha’uu baatii afur waan ta’uuf waggaa tokko jechuun egaa baatii arfan kana jechuudha .Baatilee saddeet hafanitti dargaggoonni kun hojii beeksisa hojjetu. gabaa uumuu. sana taasisuun yeroo mashiniichi fudhatama itti argatu hir’isaa jechuudha. jedhaniiru Daawwit.

Mattuu polii teknikiitii leenjiisaa kan ta’an Efreem kana irratti yaada isaanii yammu qoodan qonnaan bulttonnii teeknooloojii tokko fudhatanii hojii irra oolchuuf nii rakkatuu jedhaniiru. Amanu dhabuutu jira. Kana irraa kan ka’e teeknooloojiitti yeroo isaatti dafee galee bu’a mul’isuu akka hin mullanen taasisa sana maqsuudhaaf garu hubanna kennu irratti xiyyeeffannaa jedhaniiru.
Itti dabaluudhaanis karaa dhiyesiitoota teeknooloojii hiri’inna jiru kaasaniiru. Keessumaa qonnaan bultoota itu hin mari’achiisin rakkoo jiru ittu hin beekiin kalatiidhumaan teknolojii harwaa fudhaa jechuun qonaan bultootattii harwaa akka ta’uufii dhibbaa dafanii fudhachuu isaanii barbaadamu hanbisuu akka danda’u himaniiru. Bifa biraatiin garu qonnaan bulticha mareesiisuufii fedhii isaa hubachuun fayiidaa isaa irrattis hubannaa uumuun yoo hojjatame dafanii bu’a fiduun danda’ama.Amma kanas bifa sanaan hojetamaa jiraachuu isaadha Addis Maaladaatti kan himan
Wayee biyya keessatti homishuu

Daawwit Goobanaa maashina kana homishuufii gara tajajilaatti galchuu carraa hojii inni uumuu bifa lamaan ilaaluun akka danda’amuu mulisuu. Inni tokkoffaa carraa hojii uumuu hojii magaalaa yammu ta’u kunis maashinoota kana homishuudhaan carraa hojii uumuu yammu ta’u inni lamataa ammo carraa hojii idilee dargaggota baadiyaaf uumuudha. Dhaabbatichi akkaataa qorannoo geggeessee bu’a argadhe jedhuun biyyattiitti yoo xiqqaatee maashiinoota kuma 20ttu barbaachisa.

Maashina kana biyya kessatti homishuudhaaf yaadamee akka ture yaadataniiru Daawwiitt.Garu sababiin koronaa galttewwan akka garaa biyya alaatii galchuun hin danda’amnee kanaaf maashinoonni biyya Chaayinaati bitaman akka dhufan biyya kessatti nakka walitti hidhaman taasiifamee jedhu.Garuu ammoo kanaan akka itti hin fufneefii biyya kessatti homishuun akka danda’amuu koleejoota ogummaafi tekniikaa akkasumas interpiraayizoota xixiqqoo waliin ta’uudhaan ogeeyyota horachuudhaaf karoorri qabamee jira.

‘’Biyya keessa dhiyeessiin sibiilaa yoo jiraatee sadarkaa homishaan humna akka qabaannu ogeyyota leenjisuuf koleejoota waliin dubbachaa jira leenjii ga’a akka nuu kennu taasisuudhaaf daanddirra jira.argamawwan uumaa jirra sun rakinicha nii hika jennee yaadnna’ ’jechuudhaan Daawwit ibsaniiru.

Kana irra kan darbee qaamoolee qooda fudhattoota mootummaa garaa garaa irraa deebii gaarii argachuu isaanii Daawwit dubbataniiru Sanarras darbee kaka’umsii hojii dargaggoo bira jiru teknokojii fayyadame qonnaan bu’a qabeessa ta’uun akka danda’amuu hubannaan akka jiru kan muliseedha jedhaniiru. Ergaa dabarsaniin kana jedhan. ’Dargaggoon Itiyoophiyaa yoo qonni ammayaa’eef goodaansaa gara magaalattii taasiisuu dhisee hojii qonnaati hirmaachuu akka barbaaduu argaa jirra. kanaaf Invastimantiin sirritti dargaggoo kan hirmaachise yoo ta’eef teknolojiiwwan qonnaa qonna akka ammayyeessuun taasiifaman yoo dhufan dargaggoonni hojii dhabaa jennu magaalaa irraa ille gara baadiyyaatti galee akka hojjetu haala danddesiisuutuu jira. Kanaaf Xiyyeeffannaa invastimantii qonna ammayyesuutti xiyyeeffachuu qaba.


አዲስ ማለዳ 11 Sadaasa 2014 No 22

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

error: Content is protected !!