የእለት ዜና

Buqqaattonni waraana baqatani magaalaa Bahir Daar quubatan magaala keessa akka hin sochoone dhorkaman

Dhorkaa kana irraa kan ka’e jiraattonni kun gara dhufaniitti debi’a jiru

Waraana biyyattii karaa kaabaa jiruun buqqa’anii Bahir Daaritti kan qubatan jiraattonni naannichaa bulchinsa magaaliichaa keessa akka hin sochonee dhorkamuu isaanii Addis Maaladaatti himan.

Buqqaattonni magaalaa Bahir daar qubatanii jiran warreen humna qaban mana kireefatanii warreen humna hin qabnnee ammo bakka qubannaa magaaloota keessatti qopha’ee keessatti argamu. Haa ta’u malee keessumaa gutuu biyyattiitti hojii irra kan jiru labsii yeroo ariifachiisaa labsamuu isaatiin buqqaattonni kun magaalattiitti akka barbaadan socho’u dadhabuu isaanii Addis Maaladaatti himaniiru.

Keessumaa buqqaattonni godina Waag Himraa Saqooxaatii dhufan magaalaa Bahir Daaritti erga qubatanii baatilee kan lakkofsiisan yammu ta’u kunuunsii duraan isaanii taasifamuu gara dhorka sochiitti geeddaramuu isaatiin waan hin eegnee isaanitti ta’u yaada isaanii kennaniiru

Bulchiisii magaaliichaa kabachiifttonni seeraa bobbaasee buqqaatoota waraqaa eenyummaa magaala Bahir Daar hin qabnnee daandii irraa qabanii hidhaa turan jechuudhaan dargaggoon maqaan isaa akka hin eeramne barbaade Addis Maaladaatti himeera. Dargaggoon kun itti dabalees buqqaattonni kanaan dura kireefatanii jiraataniis ta’e warreen bakka kaampii qubannaa jiran keessumaa dargaggoonni yoo socho’anii argaman akka hidhaman himeera.

Buqqaattonni magaalatti argaman waraqaa eenyummaa magaalaa Bahir Dar ijaa hin qabnnee magaalattitti socho’uu rakkachuun isaanii tti dabalee hidhaaf gidiiraaf saaxilamaa jiru jedheera. Dargaggoon maqaan isaa akka hin eeramne gaafate kun torbee darbee magaalatti socho’aa kan turan buqqaattonni 30 waraqaa eenyummaa hin qabdan jedhamanii hiidhaafi saxiilaniiru. Hidhaa guyyaa tokko booda magaalatti gad dhiisanii akka bahaan ajajnni kennameefii gara dhufan itti deebi’a jiru jechuudhaan haalicha Addis Maaladaatti himeera.

Kabachiifttonni seeraa bulchiinsa magaalichaa buqqaattonni kun magaala keessatti akka hin sochoone dhorku isaaniitiin na’uu isaaniitiin kessumaa buqqaattonni jalqaba gara magaalichaa seenan torbee darbee jalqabee amma iddo konkolaataan deemuu danda’uutti deemuudhaan isa hafee milaan deemuudhaan gara naannoo isaaniitti deebi’a jiraachuu isaanii Addis Maaladaan mirkaneesiiteetti

Magaalaa Bahir Daar bakka qubannaa lammiilee waraanichaan buqqa’aniifi qopha’aniitti warreen dura galaniitti dabalee yeroo dhiyoo asitti naannolee waraanichi itti babalateetti lamiileen buqqa’aniis amma gabsnnii kun qindaa’etti bakka qubannaa akka jiran ibsameera. buqqaattonni haarawa gara magaalichaa galan keessa dubartoonnif da’iimman akka jiran Addis Maaladaan dhageessetti.

Addis Maaladaan komii buqqaattonni dhiyeeffatan buureefchuudhaan bulchiinsa magaalichaa irraa ragaa argachuuf hogganttoota garaa garaaf bilbila yoo bilbiltus deebii argachuu argachuu hin dandeenyee. Addis Maaladaan wayee dhimmichaa yaada itti gaafatamtoota bulchiinsi chaa itti dabaluu kan hin dandeenyee amma deebii kennu hin dandeenyu jechuu isaaniitiin fii bilbila isaanii kaasu dhabuu isaaniitiin.


አዲስ ማለዳ 11 Sadaasa 2014 No 22

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

error: Content is protected !!