የእለት ዜና

Waggaa afur dura kan qophaa’e labsiin wixinee gabaaf qulqullina homisha aannanii hin raggaanee

Rakkoo gabaaf qulqullina homisha aannanii irratti mul’atu nifura jedhame waggaa Afuriin dura kan qophaa’e labsiin wixinee amma ammaatti ragga’u dhabuu isaaf hojii irra ooluu dhabuu isaa Instiitiyuutiin misooma industiriifooniif aannanii Addis Maaladaatti himeera.

Itiyoophiyaatti aannan waliigalaan waggaatti homishamuelmuudhaa jalqabee amma qinddesuuttihiriiraqulqullina ol’aanaa jiru fi rakkoo gabaa hiikuudhaaf sirna gabaa seera qabeesaamijjeesuudhaaf kan qopha’e labsiin kun nuusa waggaa jalqabaa bara 2014 mana mare ministirootaafdhiyaateergaa yaadni itti kennamee booda paarlaamaaf dhiyaata jedhamee kan ture ta’us amma ammaatti garu akka hin dhiyaanneInistitiyuutii misooma industiriiffooniiaannaniittdaayireektarrikomuniikeshiinii Dabalee Lammaa dubbataniiru.

Sababiinkunta’essirreefamn dhaabbilee hundeeffama mootummaa harwaatiindubatti harkifannaa uumamuu isaatiini jedhameera. Instiitiyuutiin misooma industriifooniif aannanii Itiyoophiyaa kanaan dura itti waamamnnii isaa ministeera daldalaafinduustrikan ture yammu ta’u amma garuu gara ministeera qonnaattinaana’uun isaa labsicha ragaasiisuuf gufuu akka ta’es hubachiisaniiru.Gara fuula duraattis yoo ta’e haala qabatamaa biyyattiin itti jirtuu labsichipaarlaamaattiergiidhiyaatee booda gara koree dhaabbiittiqajeelfamefiiraga’e amma hojiirra oluuttibaatiiwwaniif turu akka danda’u eeraniiru.

Amma ammaatti rakkoon qulqullinaafii gabaa homisha aannanii irra ture kan mudate seerridaladalaa gidduudha baasee omishaafifayyadamaan waliin ga’u waan hinjirreef ta’u isaa daayireektarichi eeranii gara fuula duraatti garu labsiichiihomishaafiifayyadama kallattiidhaan wal qunamsiisuuf humna ijaa qabaaturakinichani maqsa jedhanii akka abdatanii dubbataniiru.
Labsiin wixinee qophaa’eewaggoota afur darbaniifhomshitoota aannanii qindeesiitootaAannaniifi qaamoolee dhimmi ilaallatu naannoleefi kanneen waliin mareen irratti taasiifamaa tureera jedhameera.LabsichakanqopheesseeInstiitiyuutii misooma industirii aannaniif foonii Itiyoophiyaaf minsteera daldalaafi industrii waliin ta’uudhaan yammu ta’u ministeerri qonnaaswixiinicha keessaa kutaan qopheessee jiraachuun eerameera.

Labsichielmuudhaa jalqabee amma qinddessaatti enyuudhaan akka gejjibsiifamu meeshaan ittiin qabamuu akaakuu kamii akka ta’u qabu iddoon gurgurtaa eessa ta’u akka qabuu hirmaattonni enyuufaa akka ta’an ni ragaasiisajedhameera.Dabalataaniislabsichi gatii gurgurtaa ni ka’a sadarkaaleedhaaniis qabiyyee aannaniinisakata’akanaaniis qaamolee aannaniitti bishaaniif wantootii barbaachisoo hin taanee makanii qa’ee kessatti jaariikaaniidhaannanneesanii gurguran walumaa galatti warreen seera darban irratti labsichi adabbii kan ka’e ta’u daayireektarichi dubbataniiru.
Qophaa’uunlabsichaol’aantummaadhaanrakkoo gabaafii qulqullinaol’aantummaadhaannihiikakan jedhan daayireektarichi labsichi qaamoolee hundaa gaafatamoo kan taasiisuu ta’u isaatiin jiddu seenanii akka barbaadan warreen hojjetan seera hordofanii akka hojjetanyookaan gabaa keessaa akka ba’an taasisa jechuudhaan ibsaniiru.

Daayireektarichi itti dabalaniis Itiyoophiyaatti rakkoolee gabaafii qulqullina homishoota aannanii Itiyoophiyaa hikuutti dabalee amantaahomishichaa guddisuu akka malu eeraniiru.Akka biyyaatti homisha aannanii homishuu qabnuhomishaa hinjirrus jechuudhaan ibsaniiru.Kanaanis yeroo kanatti gatiin aannanii birrii 50 amma 60 akka gurguramu

kunishiri’innaqulqullinaqabuufihiri’innadhiyeessii waliin wal bira qabamee yammuu ilaalamuu gatii hin madaalle ta’u daayireektarichidabalanii ibsaniiru. Amantaan homisha aannanii odeeffannooqonnaan bultootaaf horsiisee bultoota irraa akkasumas qoranaadhaandeeggarameenamantaan homisha aannanii litiriibiliyoonna 4.2 yammu ta’u ummata miliyoona 120f yammu qoodamu namni tokko waggaatti walii galaan aannan litra 20 amma 30 akka fayyadamukunis hedduu xinno ta’uu isaa ibsaniiru.

Kana hiikuudhaafissanyii saawwaniijijjiruudhaan sanyii lonii alaa bayiisuudhaanlowwanlitira lamaa olelmamanheddumeesuun akka barbaachisumul’isaniiru.Yeroo ammaa Itiyoophiyaan SumaaleefiJibuutiif aannan gaalaakanergitu yammu ta’u dhiyeesiinaafii fedhii fayadamaa homishichaa biyya keessa jiru wal simsiisuudaaf waggaa waggaatti aannan Daakuu tonii miliyoona heddunlakkaa’amu biyya alaatti akka galchituumul’ateera.


አዲስ ማለዳ 11 Sadaasa 2014 No 22

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

error: Content is protected !!