የእለት ዜና

Dhaabbanni Inshuraansii Oromiyaa kaappitaala isaa kaffalame gara birrii biliyoona tokkootti guddisuuf

Waldaan Aksiyoonaa Dhaabbata Inshuraansii Oromiyaa Muddee 1 bara 2014 yaa’ii waliigalaa taa’een kaappitaala isaa kaffalame birrii biliyoona walakkaa irraa gara birrii biliyoona tokkotti guddisuuf murteessuu isaa beeksise.

Dhaabbanni inshuraansii kun kaappitaala isaa kaffalame waggoota sadan dhufanitti gara birrii biliyoona tokkootti guddisuuf murtee irra gahuu isaa beekuun danda’ameera.
Dhaabbanni Inshuraansii Oromiyaa kaappitaala isaa guddisuuf kan murteesse dorgommii gabaa inshuraansii dabalaa dhufe keessatti kan gahumsa qabuu fi dorgomaa ta’ee akka itti fufuuf yaadamee ti jedhameera.

Dabalataanis, kaappitaalli olaanaan dhaabbatichaa kaffalame guutummaa guutuutti kaffalamee xumuramuu isaa fi cimina kaappitaalaa uumuun waan barbaachiseef; hanga kaappitaala dhaabbatichaa kaffalamee guddisuun barbaachisaa ta’eera jechuun hoogganaan olaanaan dhaabbatichaa Tigistuu Shifarraaw Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Kanaan walqabatees “kaappitaala dhaabbatichaa guddisuun naannawaa addabaabayii Meeksiikootti lafa karee meetira kuma sadii irratti kan ijaaramu waajjira haadhoo dhaabbatichaa abbaa darbii 32 ijaaruuf humna dabalataa uuma” jechuun hoogantichi dubbataniiru.

Bara 2013tti dhaabbanni Chaayinaa ‹Ji’aangzii Konstiraakshiin› waajjira haadhoo inshuraansichaa birrii biliyoona 1.1n hojjechuuf caalbaasii moo’achuun isaa ni yaadatama.
Dhaabbanni inshuraansii kun bara bajataa 2013tti birrii miliyoona 100 fi miliyoona 41 kan argate yoo ta’u, kan bara bajataa 2012 waliin wayita madaalamu guddina dhibbeentaa 92.73 galmeessiseera. Bu’uura kanaanis tokko tokkoon aksiyoonaa gatii birrii 1000 qabu bu’aa birrii 290 galmeessisa jechuu akka ta’e hubachuun danda’ameera.

Haaluma walqabateen, dhaabbatichi dameewwan isaa 51n gahuu isaatiin, baasiin bulchiinsaaf waliigalaan baasu kan bara 2013 waliin wayita wal cinatti ilaalamu caalmaa dhibbeentaa 18.4 kan agarsiise yoo ta’u, baasiin bulchiinsaa waliigalaan birrii miliyoona 100 fi miliyoona 62.6 ta’uun galmaa’uu isaa beekuun danda’ameera.

Hooggantichi Addis Maaledaatti akka ibsanitti yoo ta’e, dhaabbanni inshuraansii kun bara kanatti inshuraansii xixiqqaa (Micro Insurance) qaqqabamaa taasisuuf haala addaatiin ni hojjeta.
Inshuraansii xixiqqaan dame qonnaatti, keessumattuu kutaalee hawaasaa beelada horsiisuu fi midhaan daldalaa oomishuun jiraatu balaa uumamaa tasa mudatu jalaa baraaruuf kan tajaajilu yoo ta’u, wayita ammaattis maamiltoota horsiisaan bultootaa fi qonnaan bultoota ongee godina Booranaa mudateen hubaman baraaruuf socho’aa jiraachuu isaa hubachuun danda’ameera.

Inshuraansichi bara bajataa 2020/2021tti inshuraansii dhimma lubbuutiin alaa fi inshuraansii xixiqqaa dabalatee; kan bara bajataa 2019/2020 irra dhibbeentaa 35.4n kan fooyya’e ykn waliigalaan galii Araboonii miliyoona 600 fi miliyoona 71 kan argate yoo ta’u, damee inshuraansii lubbuutiin guddina dhibbeentaa 40 agarsiisuudhaan, Araboonii waggaa darbe walitti qabe miliyoona 9.5; Waxabajjii 30 bara 2013tti gara miliyoona 13.3tti guddisuu isaa Addis Maaledaan odeeffatteetti.

Inshuraansichi hanga bara bajataa Waxabajjii 30 bara 2013 darbe xumurameetti birrii miliyoona 100 fi miliyoona 92.4 inshuraansii dhimmoota lubbuutiin wal-hinqabanneef kan kaffale yoo ta’u, birrii miliyoona 5.1 beenyaa lubbuutiif kaffaluu isaa beekuun danda’ameera.

Inshuraansiin Oromiyaa waggoota 12 dura birrii miliyoona 25 fi warra ga’ee keessaa qaban 540n kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo ammaatti kaappitaala kaffalame birrii miliyoona 500 fi birrii miliyoona 600 fi miliyoona 94.2 kaayyaa daangaa yerootiin investii gochuu isaa hooggantichi beekisaniiru.


አዲስ ማለዳ 9 Muddee 2014 No 26

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

error: Content is protected !!