የእለት ዜና

Baankiin Siinqee kaappitaala isaa waliigalaa gara birrii biliyoona 7.tti guddisuu isaa beeksise.

Baankichi birrii miliyoona 700 fi miliyoona 40n waajjira isaa haadhoo ijaarsisaa jira.

Dhaabbanni Liqii fi Qusannaa Oromiyaa duraanii; Baankiin Siinqee ammaa kaappitaala isaa waliigalaa birrii biliyoona 2.8 irraa dhibbeentaa 175n guddisuudhaan birrii biliyoona 7.7n gahuu isaa Addis Maaledaatti beeksise.

Gara baankiitti erga guddatee ji’oota muraasa kan lakkoofsise baankiin Siinqee; bara bajataa 2019/2020tti damee maayikiroo-faayinaansiitiin kan horatee ture birrii biliyoona 2.8; qajeelfama baankiin biyyaalessaa baankonni haaraa hundaa’uuf barbaachisu isa xiqqaa birrii walakkaa biliyoona tokkoo fi; baankonni bulan immoo kaappitaala qaban gara birrii biliyoona shaniitti akka guddisan ajeju bu’ureeffachuun; murtee abbootiin aksiyoonaa Dhaabbata Liqii fi Qusannaa Oromiyaa duraanii murteessaniin kaappitaala isaa kaffalame birrii biliyoona 4.4n gahachuu isaa beekuun danda’ameera.

Baankiin abbootii aksiyoonaa 22n hundaa’e kun qabeenyi isaa waliigalaa kan yeroo walfakkaataa bara darbeetiin wayita wal cinatti madaalamu guddina dhibbeentaa 11agarsiisuun birrii biliyoona 16 gahuun isaa eerameera. Pirezidaantii eeggataan baankichaa Zawudee Tafarraa; baankichi dameewwan isaatti misooma bu’uuraa tekinooloojii ‘koor baankiingii’ guutuu hojii isaa dursaa taasisuun hojjetaa jiraachuu himanii; itti aansuunis misooma humna namaa irratti hojjechuuf karoorfachuu isaanii Addis Maaledaatti himaniiru.

Bara bajataa 2020/2021tti dameewwan isaa 400 caalan guutummaadhaan hayyama baankii akka argataniif baankichi baankii biyyaalessaa waliin hojjetaa jiraachuus ibsaniiru. Bara bajatichaatti baankichi galii birrii biliyoona 2.3 kan argate yoo ta’u; bara bajataa darbe waliin wayita madaalamu galiin argame dabalata birrii miliyoona 300 fi miliyoona 83 agarsiiseera. Galiin dhala irraa argame guddina dhibbeentaa 14 agarsiisuudhaan dabalatichaaf qooda olaanaa gumaachuun birrii biliyoona 1.94 agarsiiseera jedhameera.

Dabalataanis galiin kaffaltiiwwan tajaajila adda addaa irraa argame dabalata dhibbeentaa 26.1 agarsiisuun birrii miliyoona 48.4 yoo ta’u; baankichi baasii birrii biliyoona 1.8 galmeessisuun isaa beekameera. Kananis miindaa fi faayidaawwan hojjettootaaf kaffalame dhibbeentaa 44 ta’uun qooda olaanaa kan qabate yoo ta’u; baankichi birrii miliyoona 500 fi miliyoona 60 buufachuun isaa beekameera.

Baankichi hojii baankii fi maayikiroo faayinaansii hojjetaa jiraachuun kan ibsame yoo ta’u, sirni ‘koor baankiingii’ ‘tiyuub fileeks’ jedhamu birrii miliyoona 200 fi miliyoona 40tti dhiyaatuun bitamee; kan kanaan dura baankichi ittiin fayyadamaa ture ‘Omini koor baankiing’ adeemsa jijjiiruu irratti argama jedhameera.

Sirna koor baankiingii jijiiruun kan barbaachiseef koor baankiingiin ‘Omnii’ jedhamu karaa ammayyummaa isaatiin kan yeroon itti darbe ta’uu kan ibsan pirezidaantii eeggataan baankichaa; baankichi birrii miliyoona 50 ol baasuudhaan giddugala odeeffannoo (Data Centre) ijaaruu isaa ibsaniiru. Kanaanis baankichi misooma bu’uraalee tekinooloojiitiif birrii miliyoona 300 ol akka baase eerameera.

Baankichi birrii biliyoona 6.1 ol walitti qabuu danda’uu isaa kan ibsan pirezidaantii eeggataan baankichaa; kan yeroo walfakkaataa bara darbeetiin wayita wal biratti madaalamu guddina birrii biliyoona tokkoo agarsiiseera jedhan.

Gama biraatiin Baankiin Siinqee waajjira haadhoo fi tajaajiloota adda addaatiif kan oolu gamoo abbaa darbii 14 lafa karee meetira 1400 irratti birrii miliyoona 700 fi miliyoona 40n ijaarsisuu jalqabuun isaa beekameera. Ijaarsi waajjira haadhoo baankichaa dhaabbata ijaarsaa Soomkeet Injineering fi konstiraakshiinii jedhamuun akka raawwatamu ibsameera.

Dhaabbileen liqii fi qusannaa damee maayikiroo faayinaansiitti bobba’an gaaffii gara baankiitti guddachuu baankii biyyaalessaatiif kan dhiyeessan yoo ta’u; hanga yoonaatti kan hayyamni kennameef keessatti Dhaabbanni Liqii fi Qusannaa Amaaraa ni argama. Dhaabbanni Liqii fi Qusannaa Amaaraa waggaa darbe ji’a Bitootessaa keessa maqaa Baankii Tsedey jedhuun gara baankiitti kan guddate yoo ta’u; kaappitaala birrii biliyoona 9.2 fi waliigalaan qabeenyaa birrii biliyoona 36 dhaabbata qabuu dha. Baankiin Tsedey maamila gara miliyoona sagaliitti dhiyaatu kan qabu yoo ta’u; kana keessaa miliyoona 1.5 kan ta’an maamiltoota liqeeffattoota ta’uun beekameera.


አዲስ ማለዳ 23 Muddee 2014 No 28

Comments: 0

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

error: Content is protected !!