Humna nu weeraruuf qophaahee ture tasgabeessine jedhan Pirezidant Isaayyaas Afworqi

0
782

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afworqiin Humni Raayyaa Ittisa biyya isaanii Humna Ertiraa weeraruuf qophaahee ture tasgabeessuu danda’e jira jedhan.

Pirezidaantichi kana kan jedhan ergaa bara haarawaa warra dhihaa sababeeffachuun Ummata isaaniif dabrsan irratti. Ergaa isaanii kanaan maqaa osoo hin dhahiin, human lola barbaaduufi lafaa ka’ee nu tutuquu barbaade Gidduu Ummataa kan jiru Humni raayyaa ittisa Ertiraa adabachiisee jira, kanaanis gammachuu guddaatu natti dhagahame jedhani.

Pirezidant Isaayyaas bara 2022, Ertiraan Dhibee Kovid 19 fi balaa ummamaatiin rakkoowwan hedduun ishee muudachuu himuun kana caala garuu dhiibbaan warra dhihaa bayyee cimee ture jedhan. Itti fufuunis dhiibaan warra dhihaa kun, bara 2023’is itti fufuu danda’a jedhan.

Waaraana kaaba Biyya keenyaatti waggoota lamaan darbaniif muudate keessatti, waraanni Ertiraa hirmaachuun gochaawwan seera cabsan mirgoota namummaa fi qabeenya irratti raawwachuun himatamaa akka ture ni yaadatama.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here