Hidhamtoonni 200 ol bakki jiran hin beekamu Jedhame

0
627

Naannoo Oromiyaa Godina Wallaga Bahaa Aanaa Angar Guutinitti sababbii eenyumma isaanitiin hidhamanii turan kan jedhamn namoonni 200 ol ta’an eessa buuteen isaanii akka wallaalame jiraattonni Aanichaa Addiis Maaladaatti himan.

Namoonni Hidhamanii turan kun dhalattoota saba Amaaraatti kan jedhaman yoo ta’u erga hidhamaniis ji’a dardee jira jedhan. Namoonni kun miseensota milishaa naannichaa kan turanii fi yeroo gara mana hidhaatti fudhatamanis reebichi irratti raawwatamaa turuu ibsuun, guyoota dhiyoodhaa as lubbuun jiraachuu isaanii shakkaa aakka jiran jiraattonni kun ni dubbatu.

Kanaan dura Kiramuutti namoonni hidhamanii turan akkuma dimshaashaan ajjeefaman, ammas namoota kana irratti haalli wal fakkaataa ta’e akka hin raawwatamne sodaannee jirra jedhu. Warreen maatiin isaanii jalaa hidhamanis nyaata gara mana hidhichaa geessan illee maatii isaanii garuu arguu akka dhorkaman, nyaatichas hidhattoota mootumatti kennanii akka deebi’an hubatamee jira.

Manni hidhaa magaalichatti argamu dhiphachuu isaatiinis golli kuusaa ture, mana hidhaa dabalataa ta’uuf qopheeffamaa jira jedhame. Hidhaa itti cimee fufe kana kan raawwachaa jiran Humna Poolisii Naannoo, Humna Addaa fi Milishaati jedhu. Kanarraa kan ka’e namoonni hedduun sodaadhaan socho’uu akka hin dandeenyee fi naannoowwan baadiyyaatti dhokatanii akka argaman hubatamee jira. Gara Naannoo Amaaraatti deemuufis karaaleen jiran hunduu akka cufaman dubatu.

Kuni yeroo ta’u Humni Raayyaa ittisa biyyaa naanichatti akka argamu ibsuun Mootummaan rakkoo kana irraa lubbuufi jiruu keenya baraaruu qaba jedhu jiraattonni Addiis Maaladaan dubbiste.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here