Jiila Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Bahirdaaritti argame irratti gaffiin ka’e

0
932

Teessoo Mootummaa Naannoo Amaaraa kan taate Bahirdar irratti guyyota lamaaf yaa’ii hoggantoonnii fi miseensonni Paarti Badhaadhinaa Amaaraa iirratti argaman gaggeefamee ture. Yaa’ii torbee darbe gaggeeffame kana irratti Pireezidanntii Mootummaa Naannoo OromiyaaShimallis Abdiisaa dabalatee jiilli Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa irraa deeme osoo hin eeggamiin argamuun isaa gaaffi guddaa kaasuutu himame.

Akka odeeffannoo Addiis Maaladaan hirmaattota yaa’ichaa irraa argetteetti, Yaa’icha irratti Karaa Paartii Badhaadhinaa Amaaraatiin Naannoo irraa hanga Anaaleetti hogantoonni jiran dursee osoo itti hin himamiin yaa’iin jira jechuun qofa erga waamamanii booda Keessummoota Hoogantoota Oromiyaa muraasaa fi Hoggansa Federaalaa irraas Af Yaa’ii Mana Maree bakka bu’ootaa Tagasa Caafoo dabalatee namoota muraasa arguu dubbatu.

Yaa’ichi dhimmooleen ammawa siyaasa biyyattii ka’ee irratti marii ho’aan kan taasifame yoo ta’u dhuma yaa’ichaa irratti itti gaafatamtoonni Paartii Badhaadhinaa Amaaraa fi Oromiyaa Girmaa Yashixilaa if Faqaaduu Tasammaa ibsa kennaniin walgahichi wal-gahii tokkummaa hoogantoota Federaalaa, Amaaraa fi Oromiyaati jedhani.

Haa ta’u malee maddooni Addiis Maaladaa akka jedhanitti hirmaatonni yaa’ichaa hedduun ibsa kana hin fudhatan. Walgahichi iccitiin qabamee kan turee fi adda dureen walgahii Partii Badhaadhinaa Amaraa yoo ta’u haala ifa hin taaneen jiilli Oromiyaa fi namoonni muraasni immoo Federaala irraa argamani jedhu.

Ibsa karaa hogantoota partii lameeniin kennameen garuu Yaa’ichi mat-duree “Tokkummaa Sab-daneessuummaa Nageenyaa fi Badhaadhina Hundawaaf” jedhuun guyyoota lamaaf kan taasifamedha.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here