Ji’oota muraasa dura nannoowwana Addis Ababa Irraa gara Oromiyaatti daangeffaman kan hammate magaalaan `Shaggar` jedhmuun moggaafame akka hundeefamu rga dhagahamee booda gaaffiiwwan hedduun ka’aa turan. Oduu kaleessa dhagahameen immoo Manni maree magaalichaa hundeeffammuun isaa addeeffatamee jira.
Hundeeffammuu magaala kana ilaalchisee Magaalota naannawaa Addis Ababa, duraan godina addaa turan dabalatee jiraattonni mannen Kondominiyeemii gara Oromiyaatti daangeffaman mormaa turan.
Haa ta’u malee Magaalichi Kantiibaan mudameefi caseffamaa jira. Qaamonni caaseffama Magaalaa Addis Ababa irratti gaaffii qabanis Bulchiinsa magaalaa marii ummataa malee hundeefamedha jedhu. Bulchiinsi magaalaa Addis Ababa, dhimma Magaalaa shaggar ilaalchisee Ummanni maalif hin mira’tu jechuun gaaffii ka’uuf deebi “Dursinee irratti mari’anne jira” jedhu kennaa akka jirus hubatamee jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Magaalota shan Naannawaa Addiis Ababa jirana Sulultaa, Buraayyuu, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Galaan, Sabbataa dabalate nannoowan Addis Ababa irraa gara Oromiyaatti daangeffaman walitti fiduun Magaalaa Guddaan Shaggar jedhamu akka hundeffamu murteessuun isaa ni yaadatama.



