Yaa’ii idilee 28ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa har’a gaggeeffame irratti kan argaman MM Abiy Ahmad (PhD) madda maallaqa pirojektiiwwan gurguddoo akka biyyaatti hojjetamaa jiran baay’een isaanii deeggarsa biyyoota akka Faransaayi fi Emireetota Araba Gamtoomanii irraa argame ta’uu ibsaniiru. Akkasumas qaala’insi jireenyaa biyyattii dhibbeentaa 30 gahuu kaasuun, mootummaan diinagdeen Itoophiyaa baranaa dhibbeentaa 7.5 akka dabaluu tilmaamu eeran.
Bakka bu’aa paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (NAMA) kan ta’e Dassaalany Caannee (PhD),”naannoon Amaaraa guutuun dirree waraanaa ta’eera; gariin naannoo Oromiyaas waraanaan hubamaa jira.
Namoonni kuma 200 ol ta’an manni isaanii jalaa diigamee karaatti kufaniiru. Akka jecha qondaaltota Badhaadhinaatti ‘hiyyeessa seera qabeessaa’ ta’aniiru.
Waraana fi jeequmsaan namoonni miliyoona tokkotti siqan qe’ee isaanirraa buqqa’aniiru. Lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman lubbuu isaanii dhabaniiru. Rakkoo kana hundaaf itti gaafatamummaa guddaa kan qabu mootummaa badhaadhinaa fi hoggansa fashalaa’aa isin gaggeessitaniiti,” jedhan.
“Itoophiyaa keessatti iyya ‘nan miidhame’ jedhu guddisanii dhageessisuun barameera. Fakkeenyaaf lakkoofsa buqqaatota dabaluun barameera,” kan jedhe MM Abiy, dhimma rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee qaamni hidhatee hidhannoo hiikkachuu akka qabu fi gaaffilee abbummaa lafa naannoo Amaaraa fi Tigraay gidduu ka’an mariidhaan hiikuuf uummatni lammeenu tasgabba’anii itti yaadu akka qaban dubbatan.



