Itoophiyaatti dhorkaa ji’a shanii booda VPN malee miidiyaa hawaasaa fayyadamuun danda’ame

0
353

Dhorkaa ji’oota shanii ol tureen booda amma Itoophiyaatti miidiyaa hawaasaa VPN malee fayyadamuun hayyamameera.

Miidiyaalee hawaasaa gurguddoo akka Facebook, Instagram, Telegram, TikTok fi YouTube Itoophiyaa keessatti hojii erga dhaabanii bubbulaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa kanarra dhorkaan kan kaa’ameef ammoo muddama Mana-Kiristanaa Ortodoks Tewaahidoo Itoophiyaa keessatti uumame hordofee mormii dhalateen boodadha.

Marsariitiin odeeffannoo neetiwoorkii sassaabuun beekamu Netblock jedhamu Kamisa Guraandhala 9, 2023 Facebook, Telegram, fi TikTok Itoophiyaa keessatti akka dhorkaman beeksisee ture.

Jimaata Guraandhala 10, 2023 ammoo YouTube akka dhorkame Netblock gabaasee ture.Netblock dhaabbata mootummaa kan ta’e Itiyo-Telekom yeroo sanati tarkaanfii kana kan fuhateef fayyadamtoonni baayyinaan gara YouTube’tti waan dacha’aa turaniif jedheera.

Ta’us dhorkaa kaa’ame darbuudhaaf VPN fayyadamuun akka danda’amu marsariitichi gabaasa isaa keessatti kaaseera.

Yeroodhuma walfakkaatutti dhaabbanni buufata isaa Landan godhate Top10 VPN jedhamu Itoophiyaa keessatti fedhiin VPN dhibbentaa 1430 akka dabale gabaasuun isaa hin dagatamu.

Itiyoo-Telekom miidiyaaleen hawaasaa gurguddoo kun yeroo sanatti maaliif akka dhorkaman ifatti yaada kenneeru hin qabu ture.

Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa baayyeen Virtual Private Network (VPN) fayyadamuun dirqama itti ta’eera.

Maamiltoota data fayyadaman miliyoona 33 kan qabu Itiyoo-Telekoom, miidiyaaleen hawaasaa maaliif akka cufaman ibsa kenneerus hin qabu ture.

Haata’u malee, hoji-gaggeessituun Itiyoo-Telekoom Firehiwot Taammiruu Waxabajji darbe mana-baree bakka bu’oota ummataa duratti dhiyaattee “haalli isaa dandeettii waajira isaaniitiin ol ta’uu” dubbachuun ishee ni yaadatama.

Dhaabbanni neetiwoorkii dhiyeessu kun “VPN malee marsariitii argachuun hin danda’u kan jedhu soba jechuun miidiyaa hawaasaa garuu sirrii akka ture ibseera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here