-Biiroon koomunikeeshiinii bulchiinsichaa gama isaatiin ergaan haka’anu jedhu hindarbine jedheera.
Waajjirri kabachiisa danbii bulchiinsa magaalaa Finfinnee daandiiwwan gurguddaa magaalattii irratti kophee qulqulleessuudhaan namoonni jiraatan (liistiroonni) dhaabbiidhaan hojii akka dhaaban taasiseera jedhamuu Addis Maaledaan mirkaneessiteetti.
Muddee 29 bara 2014 kan kabajame ayyaana Gannaa (Qellee) sababeeffachuun dayaaporaan waamicha taasifameefiin dhufuu hordofee; lammiiwwan magaalattii keessatti kophee haxaawuudhaan maatii bulchan hojii isaanii irraa dhorkamuu ibsuun Addis Maaledaatti komii dhiyeeffachuun isaanii ni yaadatama.
Kanaan dabalatatti; namoonni kophee haxaawuun jiraatan gidduu kana immoo Addis Maaledaatti ammas komii isaanii dhiyeessaniiru. Namoonni komii qaban kun akka jedhanutti dhufaatii dayaaspooraa hordofee “danboonni bifooma magaalattii gaaddiddeessitu” jechuun hojii akka dhaaban isaan dirqisiisuu ibsanii; yeroo sanatti komii qaban dhiyeeffatanii “guyyoota 15 booda hojii jalqabdu “jedhamanii akka turan ibsan.
Amma garuu; walga’ii Gamtaa Afriikaa Finfinneetti taa’amu sababa gochuun danboonni ammas hojii isaanii irraa ka’aa ittiin jechuu fi hanga dhumaattis hojjechuu akka hindandeenye itti himuu isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Namoota komii dhiyeessan keessaa hojii liistirootiin maatii isaanii akka bulchan kan ibsanii fi naannawaa Baambiisitti hojjetaa kan turan namni Masfiin Arseedoo jedhaman akka himanutti yoo ta’e; danboonni deebianii dhufuun hanga dhumaatti hojii dhiisuu akka qaban itti himuu isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Namni Balaachoo Maat jedhaman kan biraa gama isaaniitiin; dhufaatii dayaaspooraa hordofee ji’a tokkoof hojii akka hinhojjetin ibsanii; maatii isaanii afur galii hojii liistiroo irraa argamuun kan bulchan waan ta’eef yoo hojii dhaaban maatii isaanii maaliin akka jiraachisan kan hinbeekne ta’uu dubbataniiru.
Komii dhiyeessitoonni kanaan dura hojii irraa waan kaafamaniif ji’a tokko rakkoo keessa turuu isaanii ibsanii; amma immoo dhaabbiidhumaan ka’a waan jedhamaniif mootummaan rakkina isaanii ilaaluun furmaata kennuufii akka qabu eeraniiru.
Addis Maaledaan komii hojjettootaa kana qabattee kutaa magaalaa Qiirqositti gara waajjira kabachiisa danbiitti kan qajeelte yoo ta’u; deebiin argattes hojjettooni hojii liistirootti bobba’an daandiiwwan gurguddaa magaalattii keessa jiran irratti kana booda hojjechuun akka irra hinjirree fi hojii isaanii guutummaan dhiisuu akka qaban kan ibsuu dha.
Dhimmicha irratti Addis Maaledaa wajjin turtii kan taasisan hoogganaan waajjira kabachiisa danbii kutaa magaalaa Qiirqoos Shaambal Nuuriiligy, liistiroonni daandiiwwan gurguddaa magaalattii irratti akka hinhojjenne dhaabbiidhaan dhorkamuu isaanii dhugaa bahaniiru.
Liistiroonni dhaabbiidhaan hojjechuu kan danda’an daandiiwwan lammaffaa irratti malee daandiiwwan ijoo irratti ta’uu hinqabu kan jedhan hooggantichi; haalichi bareedina daandii hir’isuu isaa qofa osoo hintaane yaaddoo nageenyaas uumaa waan jiruuf daandii ijoo (haadhoo) irratti hojjechuu hindanda’an jedhan.
Qajeelfamichi bulchiinsa magaalichaatiin kallattiidhaan kan kaahamee dha kan jedhan Shaambal; namoota hojii liistiroo hojjechuun daandii guddaa irra taa’an daandii lammaffaa irra akka taa’anuuf hojii jalqabne itti fufna jechuun dubbataniiru.
Addis Maaledaan bu’ura komii namoonni kun dhiyeessaniitiin; maatii kan bulfatan galii hojii kana irraa argatanuun waan ta’eef amma hojii kana irraa dhorkamuu isaaniitiin rakkoo keessa jiraachuu isaanii ibsitee; maal hojjetanii nyaatu? Jechuun gaaffii kan dhiyeessite yoo ta’u; hooggantichis haala bareedina magaalaatti hingaaddisoofneen manneen laameeraa qophaa’aniifii akka hojjetaniif kallattiin ka’amee itti yaadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama biraatiin; dhimmicha ilaalchisuudhaan Addis Maaledaan gara daarikteera koomunikeeshiinii bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Yoonaas Zawudeetti kan bilbilte yoo ta’u; daarikteerichis “ijoollettiin haka’an” ergaan jedhu hindabarfamne; kaafamuu qabu jedhees hinamanu” deebii jedhu kennaniiruuf.
Itti dabaluunis; “namoonni kun lammiiwwani; namoonni tokko tokko bareedina magaalaatiif jecha hojjettoonni liistiroo ka’uu qabu yoo jedhanis an ittin walii hingalu” jedhan.
Dhuma irrattis; namoonni liistiroo hojjetan bakkii fi meeshaaleen kophee ittiin qulqulleessan gaariin guutameefii; akkuma jedhamee bakki jijjiirameefii akka hojjetan gochuu dha malee; hojii ittiin jiraatan akka dhaaban taasisuun furmaata akka hintaane dubbataniiru.
አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 33


