-Ji’oota jahaan darbanitti hidha haaromsaa guddichaaf birriin miliyoona 500 fi miliyoona 39.5 walitti qabameera.
Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatiif bara 2014tti ji’oota jaha keessatti maallaqni walitti qabame bara 2013 yeroo walfakkaatutti kan walitti qabame wajjin wayita madaalamu birrii miliyoona 600 fi miliyoona 60 hir’ina agarsiisuun isaa ibsame.
Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatiif ji’a Adoolessaa bara 2013 eegalee hanga Muddee 30 bara 2014tti tooftaawwan maallaqa walitti ittiin qaban adda addaa fayyadamuun galiin birrii miliyoona 500 fi miliyoona 39 fi kuma 500 fi kuma 83 fi 435 akka walitti qabame Addis Maaledaan beekuu dandeesseetti.
Waggaa darbe Adoolessa 1 bara 2012 hanga Muddee 30 bara 2013tti maallaqni walitti qabame birrii biliyoona 1.2 kan ture yoo ta’u; bara kana ji’oota jaha keessatti maallaqni walitti qabame kan waggaa darbe yeroo walfakkaataa wajjin wayita wal cinatti ilaalamu hir’ina birrii miliyoona 600 fi miliyoona 60 fi kuma 400 fi kuma 16 ol agarsiisuu isaaatu himame.
Kunis sababni ta’eef haala biyyaa jiru labsii yeroo muddamaatiin walqabatee waltajjiiwwan adda addaa fi hojiiwwan galii walitti qabuu adda addaa akka barbaadametti hojjechuun waan hindanda’amneef akka ta’e ibsameera. Akkasumas waggaa darbe Waancaan haaromsaa magaalaa Finfinnee keessa waan tureef waggoota biraa hunda caalaatti maallaqa fooyya’e walitti qabuun akka danda’ame ibsameera.
Adoolessa bara 2013 hanga Muddee 30 bara 2014tti waliigalaan galiin walitti qabame birrii miliyoona 200 fi miliyoona 16 fi kuma 600 fi kuma94 fu 930 kan ta’u biyya keessaa gurgurtaa boondii fi kennaadhaan kan argame ta’uun eerameera. Akkasumas gurgurtaa boondii dayaaspooraa fi kennaadhaan birriin miliyoonni 200 fi miliyoonni afurii fi kumni 63 fi 676; saanduqa herregaa kennaa humna eleektiriikii Itoophiyaatti galii kan ta’e birrii miliyoona 6 fi kuma 500 fi kuma 60 fi 501 kan walitti qabame yoo ta’u; dabalataanis gurgurtaa “piinii” irraa galiin birrii kuma 86 fi 900 fi; tajaajila ergaa barreeffamaa gabaabaa moobaayiliitiin birriin miliyoonni 88 fi kumni 100 fi kumni 77 fi 725 kan argame ta’uu waajjira piroojeektii qindeessaa hidha haaromsaa guddichaatti daarikteerri koomunikeeshiinii Hayiluu Abrahaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Walqabsiisuunis ji’a Muddee darbe qofaatti galiin birrii miliyoona 44 fi kuma 600 fi kuma 38 fi 937 hidhichaaf walitti qabamuu beeksisaniiru.
Aarikteerichi itti dabaluudhanis; yeroo ammaatti hojii yaalii hidhichaa sababeeffachuudhaan yaadni galii walitti qabuu kan ture yoo ta’u; hidhichi gara xumuraatti adeemaa waan jiruuf haala yeroo jiruu fi wantoota adda addaatiin dhimmicha afarsuun barbaachisaa ta’ee waan hinargaminiif hojichi callisuudhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Hidhichi bara 2003tti erga jalqabamee kaasee hanga Muddee 30 bara 2014tti; waliigalaan biyya keessaa fi alaa galii argamu; hawaasa dayaaspooraa; akkasumas galiiwwan adda addaa irraa galiin walitti qabame bittaa boondii biyya keessaa fi arjoomaan birrii biliyoona 14 fi miliyoona 400 fi miliyoona 39 fi kuma 600 fi kuma 64 fi 982 ta’uun isaa beekameera. Bittaa boondii dayaaspooraa fi arjooma irraa akkasuma birriin biliyoona 1 fi miliyoona 300 fi miliyoona 56 fi kuma 900 fi kuma 56 fi 99 kan argame yoo ta’u; galiiwwan adda addaa irraa birriin miliyoonni 400 fi miliyoonni 71 fi kumni 900 fi kumni 77 fi 29 argamuu isaa odeeffannoon waajjirichaa argame ni mul’isa.
Kanaanis; hidhichi yeroo jalqabamee kaasee hanga xumura ji’a Muddeetti birriin biliyoona 16 fi miliyoona 200 fi miliyoona 68 fi kuma 500 fi kuma 98 fi 110 fi saantimni 57 walitti qabamuun eerameera.
Hidhi haaromsaa guddicha Itoophiyaa yeroo ammaatti waliigalaan hojiin ijaarsa isaa dhibbeentaa 84.28 gahuu isaa beekuun danda’ameera.
አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 33


