Abootiin taayitaa mootummaa nnawichaa namoonni gara Sudaanitti bahaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Addi Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) naannoo Amaaraa godina Gonder-giddugaleessaa; aanaa Taach Armaacihoo ganda Saanjaatti qaamolee nageenyaa daangaa eeganuuf maallaqa kaffaluudhaan namoota leenjiif gara Sudaanitti erguun isaa dhagahameera.
Mana mare bakka bu’oota uummataatiin gooltummaan kan itti mirkanaa’e gareen ABUT; godina Gonder giddugaleessaa, aanaa Armaacihoo, ganda Saanjaatti kan argaman qaamolee nageenyaa gandaa, kan poolisii federaalaa fi gumurukaa daangaa eegan tokko tokkoon isaaniitiif birrii kuma 100 fi kuma 20 ol kaffaluudhaan; turban tokko dura namoota 60 ol leenjiidhaaf gara Sudaanitti baasuu isaa jiraattonni naannichaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Jiraattonni naannichaa akka jedhan yoo ta’e; ABUT turban tokko dura namoota ‘siinootiraakiin’ fe’uun hidhattootaan dabaalee gara Sudaanitti kan baase yoo ta’u; namoonni Itoophiyaa keessaa bahan kun Sudaanitti kan argamu garee ABUT ‘Saamirii’ jedhamutti utuu hinmakamin akka hinhafne eerameera.
Jiraattonni ganda Saanjaa keessa jiraatan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; namoonni Itoophiyaa keessaa bahan “yeroo dhiyootti mootummaa Itoophiyaa wajjin waraanatti seenuuf humna keenya gabbifannee deebina; nu eegaa” kan jedhu eragaa doorsisaa fi sodhaachiisaa karaa tumsitoota isaaniitiin guyyaa guyyaan nutty ergaa jiru jedhan.
Addis Maaledaan hanga odeeffannicha qindeessiteetti namoota eeramaniin dabalatatti humnoonni biraa leenjii loltummaa akka fudhatanuuf gara Sudaanitti erguuf sochiin ABUT taasisu akka hindaangofnee fi Armaacihoo ganda Saanjaa fi bakkawwan biraattis dabalataan namoota isaan tumsanii fi qaamolee nageenyaa waliin icita qabachuudhaan namoota baasaa jira jedhameera.
Jiraattoonni naannoo sanaa dhimmicha aanaa; gandaa fi qaamolee mootummaa dhimmichi isaan ilaalutti beeksisuun yoo maryatanis tarkaanfiin ni fudhatama jechuu irraa kan hafe jijjiiramni akka hindhufinii fi karaa qindoomeen namoota seeraan ala naannessuun akka hinhafin dubbataniiru.
Gareen hidhataa ABUT ‘Saamirii’ jedhamu ji’a shan dura hidhattoota 400 ol karaa Matammaa fi Qu’aaraatiin loosee galchuudhaan hubaatii qaqqabsiisuuf sochii jalqabee kan ture yoo ta’es; raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa, humna addaa fi milishaa Amaaraatiin walakkaa ol ol barbadaa’uu fi kan hafanis too’anna jala ooluun isaanii ni yaadatama.
Godina Gonder giddugaleessaatti hoogganaan waajjira poolisii Taachi Armaacihoo inspeektar itti aanaan Mulaatuu Geetuu; turban tokko dura karaa daangaawwan humnoonni nageenyaa itti hinramadaminiin bahanii namoonni baay’inni isaanii hinbeekamin gara Sudaanitti kan galan ni jiru jedhaniiru. Hata’u malee birrii eerame kaffalanii ganda Saanjaatti kellaa gumurukaa darbaniiru odeeffannoon jedhu jiraatus dhugummaan odeeffannichaa akka hinmirkanaa’in eeraniiru.
Torban darbe eeruu jiraattota irraa isaan qaqqabeen ‘siinootiraakii’ muka fe’een dhokatanii daangaa qaxxaamuruuf kan turan namoonni waraqaa enyummaa Oromiyaa, naannoo Kibbaa fi kan naannoo Sumaalee qabatan 58 too’annaa jala akka oolan hooggantichi Addis Maaledaatti ibsaniiru. Nuti godaantota Ertitaa ti kan jedhanuu fi waraqaa enyummaa magaalaa Finfinnee kan sobaa kan qabatan dargaggoonni naannoo Tigiraay 55 gumuruka ganda Saanjaa qaxxaamuruuf utuu tattaafatanuu humnoota nageenyaatiin qabamanii dhimmi isaanii seeraan ilaalamaa jiraachuus hooggantichi ibsaniiru.
Torban tokko dura dagannaa qaamoleen nageenyaa tokko tokko wayita sakatta’an uumaniin godaantonni Ertiraa daangaa darbanii gara Sudaanitti seenan jiraachuu bulchaan aanaa Taach Armaacihoo Diggis Mallasaa eeraniiru.
Walqabsiisaniis; waggaa kana qofa daangaa ganda Saanjaa qaxxaamuruun gara Sudaan galuuf kan turan namoonni 600 ol waraqaa enyummaa naannoo Oromiyaa, kan naannoo Kibbaa fi kan naannoo Sumaalee, akkasumas waraqaa enyummaa Ertitaatti kan fayyadaman too’annoo seeraa jala oolchuun gara dhufanitti akka deebi’an taasisneerra jedhaniiru.
Qaamoleen daangaa qaxxaamuranii gara Sudaan seenuuf tattaafatan ammas ni jiru kan jedhan bulchaan aanichaa; qaamolee nageenyaa federaalaa fi kan biraa wajjin ta’uun hojiin too’annaa qindoomina qabu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
አዲስ ማለዳ Gurraandhala 19 2014 No 36


