Godina Shawaa – lixaatti yeroo adda addaatti namoonni shantamni humnoota nageenyaatiin ajjeefamuu isaanii jiraattonni himan.

0
817

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa lixaatti kan argaman aanaalee sadii keessatti ji’oota sagalitti namoonni shantamni qaamolee nageenyaa mootummaatiin ajjeefamuu isaanii jiraattonni naannoo sanaa Addis Maaledaatti beeksisan.

Godina Shawaa lixaatti madden Addis Maaledaa aanaalee Nanoo, Daannoo, Jifaat, keessa jiraatan kan ibsan; meeshaalee waraanaa of eeggachuuf isaan dandeessisu bitatanii mana maree bakka bu’oota uummataatiin gooltummaatti kan ramadame garee Shanee naannawaa isaaniitii bal’eessuuf yeroo yeroon waraanaa akka jiranii dha.

Jiraattonni wayita of eeggatan  maaliif garichaan walitti dhukaastu sababa jedhuun namoota enyummaa isaaniitiin adda baasuun; miseensonni humna addaa Oromiyaa tokko tokko namoota nagaa irratti meeshaalee waraanaa diishqaa, bireenii fi isnaayiperii jedhaman fayyadamuun miidhaa fi du’a irraan gahaa jiraachuu jiraattonni naannichaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Jiraattonni itti dabaluunis; beeladoota manaa, oomishaalee qonnaa fi qabeenyaan isaanii kan biraas humnoota nageenyaa mootummaatiin akka jalaa fudhatame eeraniiru. Addis Maaledaan hanga odeeffannicha qindeessitetti naannichatti ajjeechaan humnoota nageenyaatiin raawwatamu kan hindhaabbatin ta’uu kan mirkaneessite yoo ta’u; jiraattonni mootummaa naannichaa fi ministeera nageenyaatti sagalee isaanii yoo dhageessisanis qaamni birmateef akka hinjirre ibsaniiru.

Waggaa darbe ji’a Eblaa irraa kaasee hanga ammaatti Oromiyaa-lixaa godina Shawaa-lixaa keessa kan socho’u gareen ABO-Shanee ajjeechaa fi saamicha namoota nagaa irratti raawwatu akka hindhiisin Addis Maaledaan madden ishee irraa dhageesseetti.

Addis Maaledaan koomishineera koomishiinii poolisii naannoo Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa dhimmicha irratti deebii akka kennan gaafattee; koomishineerichi odeeffannicha guutuu isaa calalanii deebii kennuuf kan beellamanii turan yoo ta’es; bu’ura beellamichaatiin gaazexattiin waamicha bilbilaan irra-deddeebitee taasisteef deebii hinkennine. Dabalataanis; hoogganaa biiroo koominikeeshiinii mootummaa naannoo Oromiyaa Hayiluu Adunyaa biraa odeeffannoo argachuuf waamichi bilbilaa irra-deddeebi’uun Addis Maaledaan taasiste hinmilkoofne.

Ji’a Sadaasaa darbe Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee Abbootiin Gadaa 14 ajjeefamuun isaanii ni yaadatama. Mootummaan naannoo Oromiyaa fi naannicha kan bulchu Paartiin Badhaadhinaa ajjeechaa Abbootii Gadaa kanaaf itti gaafatamaan garee hidhataa “ABO-Shanee” ti jechuun isaa ni yaadatama.

Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin; ajjeechaa ji’oota lama dura raawwatame hordofee qorannoo taasiseen; ajjeechichaan dura naannichatti miseensonni humna addaa fi poolisii Oromiyaa baay’een hidhattootaan ajjeefamuu isaanii eree jira.

Koomishiinichi dabalataan; ragaalee ajjeechaa namootaa irratti walitti qabee fi madaaleen miseensonni Gadaa Michillee Karrayyuu 14 humnoota nageenyaa mootummaatiin erga too’annaa jala olanii booda dirqamaan gara bosonaatti geeffamanii hooggantoonni bulchiinsa naannawaa sanaa bakka jiranitti haala sukkanneessaadhaan rasaasaan rukutamanii ajjeefamaniiru jedheera. Ajjeechaan kunis ajjeechaa seeraan ala raawwatame ta’uu isaatiif haala sababaawaadhaan amanamaa ta’ee akka argame gabaasa isaatiin ibsuun isaa ni yaadatama.


አዲስ ማለዳ Gurraandhala 19 2014 No 36

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here