Namoota akka bahanitti hafan

0
720

Waggoota muraasaa as hammaachaa fi daangaa isaa bal’ifachaa kan dhufe qaala’insa jireenyaa,  qaala’insa gatii, hoji dhabdummaa, hubaatii fi saamicha qaamolee seeraan alaatiin raawwatamu caalaatti; baduu fi miliquun namootaa dhimma yaaddessaa fi namoota baay’ee yaaddessaa dhufee dha.

Adunyaa irratti waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman akka badan qorannoowwan yeroo yerootti taasifaman ni eeru. Adunyaa keenya irratti waggaa darbe qofa namoonni kuma dhibba tokko caalan baduu/miliquu isaanii ragaaleen ni mul’isu. Kana keessaa hedduun isaanii dhiirota akka ta’antu ibsama.

Akka qorannoowwan lakkoofsaa mul’isanutti yoo ta’e; namoota waggaa darbe badan keessaa gara kuma 20 kan ta’an dubartoota yoo ta’an; lakkoofsa kuma 20 olii kan qabatan immoo dhiirota. Akka qorannoowwan kanaa yoo ta’e; namoota badan kana keessaa harka afur keessaa tokko immoo deebi’anii akka hinargamne ibsame.

Koreen Idil Adunyaa Fannoo Diimaa (ICRC) guyyaa badiinsaa idil-adunyaa ilaalchisuun odeeffannoon baase akka mul’isutti; waggaa tokko dura namoonni kumni 44 ol ardii keenya Afriikaa keessaa baduun isaanii mirkanaa’uu isaanii ti. Namoota badan keessaa dhibbeentaa 45 ol kan ta’an immoo daa’immanii fi dubartoota ta’uun isaanii odeeffannichaan ibsameera.

Waggaa sanatti baay’ina waliigalaa namoota Afriikaa keessaa badanii walakkaa ol kan ta’an immoo Naayijeerota. Naayijeeriyaa keessaa namoonni kuma 24 ta’an baduun isaanii galmaa’eera. Biyyoota Afriikaa namoonni hedduun keessaa badan biraa yoo ilaallu Itoophiyaa, Sudaan-kibbaa, Somaaliyaa, Liibiyaa, Diimookiraatiik Koongoo fi Kaameruun keessatti argamu.

Itoophiyaa keessaa waggaa darbe qofa namoonni kuma sadii fi 300 caalan badaniiru jechuudhaan kara Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaatiin galmaa’aniiru. Kana keessaa dibbeentaa 64 kan ta’an dubartootaa fi daa’immani jedhameera.

Lammiiwwan  Itoophiyaa keessaa badaniiru jedhaman kanaaf sababni adda addaa kan kaa’ame yoo ta’u; inni ijoon rakkoo nageenyaa, walitti bu’iinsa, godaansaa fi dhimmoota kanaan walqabatan ta’uun ibsameera.

Akka dhaabbatichi mul’isetti yoo ta’e; walitti bu’iinsaa fi waraanota waggoota darbanuumaman dabalatee; gosoonni hubaatii kan biraa dabaluu baay’ina namoota Itoophiyaa fi Afriikaa keessaa badaniitiif sababoota eeraman ta’uun himameera.

Kanaan dabalatatti; sababa dhorkaa weerara Kooviid 19tiin miidhamtoota badan argachuu fi maatii isaanii wajjin walitti makuuf tattaaffiin taasifamu gufachuun isaa yoo ibsames; namoonni badan namoota hirraanfataman miti jedhameera.

Itoophiyaatti waggoota shanii fi jaha darban dura namoota baay’eetu bade jedhamee kan dhaga’amuu fi kan hubatamu naannolee, aanaalee fi gandootatti yoo ta’es; amma garuu magaalaa guddittii Finfinnee dabalateenamoonni mana jireenyaa isaaniitii akka bahaniin carraan utuu hindeebi’in hafuuf qaban dabalaa dhufuu isaa jiraattonni magaalattii hedduun wayita dubbatan ni dhaga’ama. Kunis lammiiwwan hedduu, keessattuu maatii dhalan dhiphinatti galchaa dhufuun isaa bal’inaan dubbatama.

Finfinneetti bu’aa bayiiwwan kanaan olitti eeraman dabalatee; namoonni maatii isaanii fi naannoo jiraatanuu bahanii gara biyyoota biraatti godaananuu fi badan baay’inni isaanii dabalaa dhufuu jiraattonni ni dubbatu.

Namoota “ni badan” jedhaman kana maatiin isaanii raadiyoo, televizhiina, gaazexaa, waraqaalee daandii irratti maxxanfamanii fi karaa filannoowwan adda addaatiin utuu hinhafin wayita barbaadan arguun dhimma baratamaa dhufee dha.

Keessumattuu waggaa tokkoo fi lama darbe keessatti; magaalattii keessatti kan lammiiwwan dhiphisaa dhufe garuu immoo dhimma xiyyeeffannaa bay’een itti hinkennamnee fi kan ilaalamuu dhaban keessaa namoonni miliquun/baduun dursa irratti kan eeramuu dha. Kana irra darbeesnamoonni qaamolee seera kabachiisan dabalatee haalli itti ajjeefaman akka jiru taajjabbii namoota baay’ee ti.

Yaa’iin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi falmitoonni mirgoota namoomaa kan biraa gochaawwan seera cabsuu kun akka dhaabbatu  fi mootummaan iseeraa fi mirga lubbuun jiraachuu namootaa akka kabachiisu, qaamolee yakka raawwatanus seeratti akka dhiyeessu irra-deddeebi’uun yoo lallabanis deebii quubsaan argameera jechuuf nama hindandeessisu.

Dhimmicha irratti kan yaada isaanii Addis Maaledaatti ibsan keessaa ogeessa xiin-sammuu kan ta’an Shaaroo Alamaayyoo isaan tokko. Shaaroon; magaalaa Finfinneetti haalli namoonni manaa bahanii itti badan bal’inaan akka hubatamee fi maatii baay’ees dhiphinatti saaxilaa dhufuu isaa akka taajjaban ibsu.

Dargaggoonnii fi namoonni umurii dheeraa carraan itti badan akka jirukan eeran ogeessichi; baay’inaan naannoo jireenya isaanii fi maatii irraa addaan bahanii manaa bahanii utuu manatti hindeebi’in kan hafanuu fi kan badanu umurii ga’eessummaa fi ijoollummaa keessa namoota jiran ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf immoo umurii ga’eessuummaatiin walqabatanii sababoonni hedduun jiraachuu akka danda’an kan kaasan ogeessi xiin-sammuu kun; jijjiiramoonni qaamaa, kan xiin-sammuu fi kan miiraa dargaggoota irratti wayita uumaman namni na hubatu hinjiru jedhnii waan yaadaniif; maatii isaanii waliinis carraan waliigaluu dhabuu bal’achuu waan danda’uuf baduuf kaka’u jedhu.

Haala walfakkaatuun miseensonni maatii; daa’imman, dubartoota, akkasumas dargaggoota irratti jijjiirama miiraa wayita argan gorsuu fi dhimmicha gaafatanii furmaata barbaaduu irra; atakaaraa keessa wayita seenanuu fi murtee hinbarbaachifne wayita ka’anutti; ijoolleen baduuf kaka’anii maatii isaanii irraa ba’uu fi mana isaaniitii bahanii hafuuf carraan ittiin danda’an bal’aa dha jedhaniiru.

Ogeessi xiin-sammuu kun daa’imman, dargaggootaa fi dubartoota badan baraaruuf qabxiiwwan dandeessisan lama akka furmaataatti kaa’u.  Isa jalqabaa ti kan jedhan warri ijoollee godhatee fi maatiin; daa’imman, dubartootaa fi dargaggoota irratti jijjiiramoota miiraa adda addaa wayita hubatan yoo gorsan; sababoota badiif isaan kakaasan hir’isuu haalli itti danda’an akka jiraatu dubbatan.

Ogeessichi lammaffaa irratti kan kaasan dhimma ogeeyyii fi dhaabbilee dahannaa ti. Namoonni erga badanii booda ogeeyyii xiin-sammuu isaanii wal’aananuu fi miira isaanii hubachuu danda’an; akkasumas dhaabbileen da’annaa walitti isaan qabuu danda’an gama mootummaatiin utuu guutamanii mootummaadhaan qophaa’anii gaarii akka ta’u eeran. Carraan akka kanaa Itoophiyaa keessatti ni babal’ata yoo ta’e namoota badan baraaruu fi lammiiwwan biyyaaf fayyadan uumuun akka danda’amu ni amanu.

Itoophiyaa keessatti dhaabbileen lammiiwwan baraaruuf ijaaramaa jiran qaamolee dargaggummaa fi ga’eessummaa keessa jiran kan tajaajilanii dha kan jedhan ogeessichi Shaaoon; gaaffii fi haala qabatamaa dargaggootaa kan yaada keessa galchan dhaabbilee bashannanaa fi barnootaa mootummaan utuu ijaaree gaarii akka ta’e eeran.

Walqabsiisuunis yeroo baay’ee namoonni badaa jiran daangaa umurii akkami keessa jiru? Eessaa fi sababa maaliin badu? Gaaffiiwwan jedhan irratti hundaa’uun mootummaan qorannoo bal’aa taasisuu fi bu’aa isaas hawaasatti beeksisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Namoonni mana isaaniitii akkuma bahaniin wayita utuu hindeebi’in hafan; maatiin isaanii qaamolee nageenyaa fi haqaatti beeksisuun hojii isaanii isa jalqabaa ta’uu qaba kan jedhan ogeessa seeraa Xigaabuu Dassaaleny.

Lammiiwwan ofii isaanii beekumsa, odeeffannoo fi hubannoodhaan gabbisuuf itti gaafatamummaa qaban bahachuu qabu kan jedhan ogeessi seeraa kun; gama qaamolee nageenyaa fi haqaatiinis qabiinsa namaa irratti hojmaati of-eeggannoon guutame utuu jiraatee gaarii akka ta’e hubachiisan.

Ogeessichi itti dabaluunis daa’imman, dubartootaa fi dargaggoota magaalaa Finfinneetii badan caalaatti; namoonni akka mana isaaniitii bahaniin qaamolee nageenyaatiin qabamanii hidhamanuu fi bakki jiran hinbeekamne baay’inni isaanii dabalaa dhufuu taajjabeera jedhu.

Gama kanaan; heerri mootummaa lammiiwwan biliisummaa nageenya qaamaa akka qaban waan tumeef; namoonni bu’ura kanaan yoo qabaman bakka jiran beeksisuun dirqama qaamolee seeraa ti.

Namoonni qaamolee seeraatiin mana isaaniis ta’ee hojii isaanii irraa akka bahanitti wayita hafanuu fi wayita qabaman maaliifan shakkame, maaliifan qabame carraan ittiin jedhan yoo hinjirres; karaa seera hineegganneen yoo ta’e kan heera mootummaa sarbu waan ta’eef lammiiwwan mirga isaanii kabachiisuu fi gaafachuus qabu jedhan.

Qaamoleen haqaa fi nageenyaa kabajamuu mirga lammiiwwaniitiif itti gaafatamummaa qabu qabu kan jedhan Xigaabuun; kanaan alatti namoonni yakka akkamiitiin akka shakkaman utuu itti hinhimamin haalli qaamolee nageenyaatiin qabaman babal’ahuun isaa fi lammiiwwan utuu haqatti hindhiyeessin miliqsanii tursuun sirrii akka hintaane jala haa muramu jedhan.

Ogeessi seeraa Xigaabuun ittuma dabaluun; lammiiwwan too’annaa qaamolee seeraa jala erga oolanii booda murteen haqaa utuu hinkennaminiif ji’a lamaa fi isaa ol hidhamanii haalli itti turan sirreeffamuu qaba jedhaniiru. Mirgii fi biliisummaan lammiiwwanii seera-qabeessaa fi namoomawaa waan ta’eef; dhaabbileen nageenyaa fi haqaa kana kabajuu hafuun sarbama heera mootummaa waan hordofsiisuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan gaafatan. Lammiiwwanis wayita qaamolee nageenyaatiinis ta’ee namoota biraatiin dirqisiifamanii qabaman; kanneen isaan qaban waraqaa enyummaa isaaniin ibsu akka itti agarsiisan gaafachuu akka qaban dubbataniiru.


አዲስ ማለዳ Gurraandhala 19 2014 No 36

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here