የእለት ዜና
መዝገብ

Category: Haala Yeroo

Walabummaa pireesii sodaa keessaa hin baane

Miidiyaan dhiibbaa mootummaa fi qaamolee adda addaarra bilisa ta’uu akka qabu kan  amanamu yoo ta’u,Walabummaa pireesiin ala dimookiraasii fiduu yookaan mirkaneessuun dhimma yaadamu miti. Itoophiyaan tarree Biyyoota Waggoota hedduuf walabummaan pireesii keessatti hin  mirkanoofne keessatti eeramti. Itoophiyaan Waggoota hedduuf tarree…

Butii fi Gidiraan Hanga Yoomiitti?

Maqaan isaa akka eeramu hinhayyamne; seenaa isaa garuu nutty hime. Mana maree bakka bu’oota uummataatiin gooltummaan kan itti murtaa’e gareen ABO-Shanee buttaa yeroo adda addaatti taasisu ilaalchisuudhaan waan maatii isaa irra gahe nutty hime. Seenaan isaa akkasi:- Abbaan nama seenaa…

Meeshalee Waraanaa Seeraan-ala naannessuu

Itoophiyaa keessatti yeroo adda addaatti naannolee fi magaalaa Finfinnee keessatti meeshaaleen waraanaa karaa seeraan-alaatiin utuu naanneffamuu qabame odeeffannoon jedhu irra-deddeebiin wayita himamu dhaga’ama. Karaa seeraan-alaatiin meeshaalee waraanaa naannessuun kun waggoota arfan darban keessumattuu mootummaan jijjiiramaa erga gara aangootti dhufee as…

Guyyaan injifannoo Gootota Itoophiyaa wayita Yaadatamu

Waggoota 86 dura bara 1928tti Xaaliyaaniin Itoophiyaa weeraruudhaan; baruma sana Ebla 27 Maarshaal Baadooliyoon alaabaa magariisa, keelloo fi diimaa Itoophiyaa buusuudhaan alaabaa Xaaliyaanii fannisuu isaa seenaan ni yaadata. Xaaliyaaniin waraana Adiwaa bara 1888tti adeemsifameen injifannoo ishee irratti argame fudhachuun waggoota…

Carraa Jijjiiramuu Heera Mootummaa

Utubaa bulchiinsa biyya tokkoo kan ta’e heerri mootummaa wayita wixineeffamu lammii hunda sadarkaa sadarkaadhaan hirmaachisuu qaba. Garuu karaa faallaa ta’een heerri mootummaa tokko fedhii fi kaayyoo garee tokkoo bu’ureeffachuun yoo wixineeffame ka’umsa walitti bu’iinsaa ta’uu irra darbee diigamuu biyyaatiif sababa…

Qulqullinni barnootaa gadii gara oliittimoo olii gara gadiitti laata?

Bara 2015 dhufaa jiru irraa jalqabee yeroo duraatiif qorumsi yuunivarsiitii ittiin bahan kennuuf qophii taasisaa jiraachuu ministeerri barnootaa Bitootessa 26 bara 2014 beeksiseera. Kanaan walqabatees “yeroo itti aanutti qorumsi ittiin bahumsaa yuunivarsiitotaan kennaman eebbifamaa beekumsaan, dandeettii fi xiin-sammuun guutame horachuuf…

Yaa zayitii !!

waa’een qaala’insa ji-reenyaa wayita ka’u yeroo ammaatti af-aan hawaasaatiin dursee kan dubbatamu “yaa zayitii” kan jedhu sagalee komiin itti hed-dummattuu dha. Waa’een zayitii dhimmi qaala’insa jireenyaa kan akka kiraa manaa, geejjibaa fi dhimmoonni kanaan walqabatan biraa wajjin rakkoo uummata gaaga’aa jiru…

Gadadoo fi abdii naannolee hongeen itti mudatee

Waggoota 40 booda balaa hongee hammaataaf kan saaxilaman naannolee uummattoota kibbaa, Oromiyaa fi Sumaalee dabalatee kutaa Itoophiyaa kibba-bahaatti jiraattonni miliyoona torba caalanuu fi beeladoota miliyoonaan lakkaa’aman irra balaan beelaa qaqqabaa jiru daangaa isaa babal’ifatee itti fufeera. Naannolee Oromiyaa, Affaarii fi…

Maallaqni deeggarsaaf dhaabbilee mootummaa keessaa bahu hangam kaayyoo yaadameef oola?

Itoophiyaa keessatti sababa rakkoo uumamaa fi nam-tolchee dabalaa dhufeen qaamoleen deeggarsa barbaadan baay’ee dha. Dhaabbilee sababa waraanaatiin barbadaa’an suphuuf, akkasumas lammiiwwan sababa ongee fi waraanaatiin buqqa’an dabalatee namoonni gargaarsa barbaadan naannolee keessatti baay’eetu jiru. Kunis kan amma uumame osoo hintaane;…

Barnootaa fi Miidhamtoota Qaamaa

Mirgoota bu’uraa lammileef gutamuu qaban keessaa barnoonni kanneen jalqaba irratti hiriiran keessaa ti. Itoophiyaa keessatti ijoolleen barnoota isaaniitiin cimoo fi milkaa’aa ta’uun ofii isaanii irra darbuun dhaloota maatii, hawaasa, akkasumas biyyaaf fayyadan akka ta’an yoo barbaadame; haalli barnoota bu’ura ta’e…

Waraanni Ruusiyaa fi Yuukireen dhiibbaa Afriikaa irratti fidu

Ruusiyaanonni hedduun biyya biliisaa ta’uu Yuukireen kan hinfudhanne yoo ta’u; A.L.A. bara 1991tti Ruusiyaa irraa fottoqxee biyya biliisaa ta’uu ishee akka dogongora seenaa guddaatti kan lakkaa’an ta’uutu himama. Gaazexaan “The Guardian” jedhamu yeroo tokko akka dubbisiisetti namoota 10 keessaa sagal…

Namoota akka bahanitti hafan

Waggoota muraasaa as hammaachaa fi daangaa isaa bal’ifachaa kan dhufe qaala’insa jireenyaa,  qaala’insa gatii, hoji dhabdummaa, hubaatii fi saamicha qaamolee seeraan alaatiin raawwatamu caalaatti; baduu fi miliquun namootaa dhimma yaaddessaa fi namoota baay’ee yaaddessaa dhufee dha. Adunyaa irratti waggaa waggaadhaan…

Irra-deebiin hubamuu Affaar; Har’as akkuma kaleessaa?

Waraana Itoophiyaa mudateen kallattiidhaan kan miidhaman naannoleen Tigiraay, Affaarii fi Amaaraa waggaa tokkoo oliif gaaga’ama namoomaa fi qabeenyaa keessummeessaniiru. Waraanni ka’umsa isaa naannoo Tigiraay taasifate ji’oota saddeetiif naannoo Tigiraayitti daangeffamee yoo tures; ji’a Adoolessaa bara 2013tti gara naannolee Affaarii fi…

Waa’een lammiiwwan Wallaaggaatti hammeenyaan ajjeefamanuu mootummaa maaliif dhibuu dide?

Sayid Huseen (maqaan isaa kan jijjiirame) qofaa isaa haasa’aa daandii irra adeema. Wayita isa ilaalan nagaa yoo fakkaates itti dhiyaatanii wayita dubbisan wanti inni dubbatu onnee nama cabsa. Kan jiraatu Finfinnee keessa yoo ta’u; waajjira mootummaa guddaa tokko keessatti qacaramaa…

Bajata dabalataa mootummaa fi qaala’insa gatii

Manni mare bakka bu’oota uummataa riipubiliika diimookiraatawaa federaalawaa Itoophitaa Amajjii 20 bara 2014 walga’ii addaa taasiseen bajata dabalataa mirkaneessuun isaa ni yaadatama. Guyyaa sanatti mootummaan federaalaa wixinee labsii sirreeffama bajata dabalataa bara 2014 fi huwwisa baasii qorachuudhaan bajata dabalataa birrii…

Rakkoowwan furmaata hinargatinii fi qabeenya uummataa qananiif oole

Itoophiyaa keessa rakkoowwan furmaata hinargatinii fi gatii qaalii kaffalchiisuu danda’an hedduutu jiru. Erga barfatee booda furmaanni yoo argameef illee akkuma “waraabessaa darbe sareen dutti” jedhamu sana siruma jijjiiruuf kan carraan hinargamneef dhimmoonni hammaataan guutanii jiru. Kanaaf fakkeenya akka ta’uuf rakkoo…

Awuraambaa Akka Fakkeenya Gaariitti

Arraagaawu Alee jedhamu. Dhalatanii kan guddatan naannoo Amaaraa, godina Gondar-kibbaa, aanaa Foogaraa, ganda Wajjoo keessatti kan argamtu bakka Awuraambaa jedhamtee beekamtutti. Arraagaawu tooftaa jireenyaa hawaasa Awuraambaa; keessumattuu waraana wayita ammaa biyya keenya keessa jiruun walqabsiisuun turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin…

Murteen mootummaan tibbana himata addaan kutuun murteesse dayaaspooraa irratti miira maalii uume?

Waraana gara xumura ji’a Onkoloolessaa bara 2013tti waraanni eegalamee fi hanga ammaatti itti fufe sababeeffachuun Itoophiyaan dhiibbaawwan biyya keessaa fi alaa hedduu keessummeessaa akka jirtu ibsama. Dhiibbaan gara alaatii aggaamamu dhiibbaa biyya keessaatiif bu’uura ta’uun; hidhattoonni adda addaa akka hirree…

Ayyaana Gannaa (Qellee) fi Laalibalaa

Ayyaanota gurguddaa Itoophiyaa keessatti kabajaman keessaa dursee gara sammuu namaatti kan dhufu inni tokko; Muddee 29 kan kabajamu guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoos kan ta’e ayyaana Gannaa (ayyaana Qellee) ti. Jechi Gannaa jedhu Giriik irraa kan argame ta’ee; hiikni isaas dhaloota…

Muuxannoon oomisha biyya keessaatti fayyadamuu gabbachuu qaba

Itoophiyaan oomisha gabaa biya alaatti dhiyeessitu irra kan gabaa biyya alaatii bitti akka caalu ni beekama. Kunis kan ta’e dhiyeessiin oomisha biyya keessaa fi fedhiin fayyadamtootaa wal simuu hafuu isaatiin haata’u malee; dabalataanis lammiiwwan muuxxannoon oomisha biyya isaaniitti fayyadamuun qaban…

Duula doolaara itti fayyadama daldala ardoolesaa fi adumyaa irraa jijjiiruu

Hiyyummaa Itoophiyaa fi Afriikaa duuba wantoonni dahatan hedduun akka jiran namoonni hedduun ni amanu. Awurooppaanonni Afriikaa qoqqooddachuuf waliigalanii ifatti gara ardittiitti galuun waggoota hedduudhaaf erga saamanii booda yoo gadhiisanii bahanis, ammas hojii isaanii hammaataa sanaan Afriikaa dirree walitti bu’iinsaa, bakka…

Yaada Marii Biyyaalessaa fi Haala Yeroo Itoophiyaa

Itoophiyaatti, keessumattuu bara 2018 asitti naannolee adda addaa keessatti rakkoon nageenyaa mudate yeroo gara yerootti hammaachuudhaan gara waraanaatti erga ce’ee waggaan tokko darbeera. Rakkoowwan nageenyaa naannolee adda addaatti uumaman furmaata dhabuu isaanii hordofee, ministirri muummee duraanii Hayilemaariyam Dassaaleny aangoo gadhiisuun…

Haala qabatamaa Itiyoophiyaafi malaammaltummaa

Malaammaltummaa maallaqa saamuu yookaan mata’a fudhachuu qofaa mitii. Qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokkoo itti gafatamasaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatama isaa fayyadamne hojii hin mallee yoo hojjete kunis malaammaltummaa jedhamee amanama. namootii dhuunfaa qofa ittu hin ta’in…

Adeemsa dhaloota naamusaan bocamee horachuu

Ijoolleen akka lafa misoomaa Qonnaaf qophaa’eetti. Maatiin hawaasni biyyaafi dhaloonnii ammoo sanyii gaarii akka facaasan qonnaan bultoota eegamaniidha. Ijaarii eenyummaa dhaloota biyya fudhatu kan jalqabuu lafa misoomaa yaroo daa’imummaa irra jiruu irratti sanyii gaarii facaasuu dhaanii. Biyya keenyatti dhugaa kana…

Dagaladu dhibatooyin-ka ay uu gay-steen qaybta beeraha

Dhaqaalaha dalka itoobiya waxa uu ku xidhanyahay beera-ha, sidaas darteed dhibaato kasta oo soo gaadha hawsha beeraha waxa sii toos ah iyo si dadbanba ay soo gaadhsiinayaan dhaqalah culays. Sandki itoobiya wax soo saarkii beeraha ee looga baahna in ay…

Imala hojii qonnaa ammayyeessu

Qonnaan bulaan Itiyoophiyaa baatileefi yeroo hordofee uumaman wal simsiisee sanyii facaasee homishnni isaa yammu qaqqabu nii haama .nii tuula. baatiin Sadaasaa amma keessatti argamnu iddoowwan hedduutu yaroo bu’a homishaatti .midhaaniis walitti qabamee tuulamee itti argamu. Baatilee itti aanaatii immoo midhaan…

Jeequmsa xiin saamuufi haala siyaasaa biyya keenyaa

Qorataan xiin sammuu Kurt Luwiin jedhamuu akka dubbatteetti xiin samuun hawaasummaa qorannaa xiin sammuu keessaa tokkoo yammu ta’u ilaalchiinamadhuunfaa yookan garee tokko akkamitti dhiibbaa ilaalchaa hawaasicha jala gala isa jedhu saayinsii qoratuudha. Saayinsiinkunfaayidaa heddu qaba.Hawaasicha hubachuudhaaf gareewwan yookan kutaaleen hawaasaa…

Iyya nuqaqqabaa lammiilee nagaa du’a hin olchinne

Sayid Adam jedhama Dhalate kan guddatte naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa bahaa Hangar guttin qa’ee afur kessattidha. Sayid dargaggoo tattaafataa hojii Daldalaa irratti bobba’e yammu ta’u Naannoo Oromiyaatti haa dhalatu male naannolee Itiyoophiyaa kessatti argaman keessa yeroo daddabalamaa socho’aa akka jiraate…

Haala waqtaawaa Itiyoophiyaafi dhibba miidiyaa hawaasummaa

Haala qabatamaa Itiyoophiyaa ammaa kana namni hedduu akka hubatuutti haala kanaan dura argamee hin beeknenrakkoo walxaxaadhaan kan gutamedha. bara motoota humnaan bultootaa hundi ka’e bakka hundaati bulchaa ta’uuf yaadu sanaaf kana wal bira qabne yoo ilaalleinni ammaa kun kan galata…

Rakkoolee wal xaxaa geejjibaaimaltootagidirsan

Magaalaa Finfinneetti dhimmoolee jiraattootatti qormaata ta’an keessaa inni tokkoffaa fii ol’aanaan rakkoo Geejibaafi.Akkuma manaa bahaniingeejjibabarbaadan argachuu danda’uun salphaa miti.Qormaatawwanjiraattotaa yeroo isaaniifi maallaqa isaanii akka malee qisaasankeessaa rakkoon geejjibaa isa adda duraatiin.Innis yeroo yeroodhaan dabalaa kan deemuu lakkoofsajiraattoota magaalatti waliin kan…

error: Content is protected !!