Buddeen gara biyyoota alaatti ergamuuf gatii dhaabbataan ni bahaaf jedhame.

0
915

Buddeen Itoophiyaan gara biyyoota alaatti ergitu gatiin itti gurguramu yeroo yeroodhaan ol ka’uu fi gadi bu’uu isaa hordofee gatii gad aanaan sanaa gaditti gadi buusanii gurguruun hindanda’amne bahuuf jedhame.

Namoonni Itoophiyaa keessaa buddeena gara biyyoota alaatti ergan gatii barbaadaniin ergaa waan jiraniif gatiin itti gurguramu olii fi gadi waan jedhuuf gatiin ittiin dhaabbataan ittiin egamu murtaa’uuf akka ta’e instiitiyuutii misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi faarmaasiyutikaaliitti daarikteerri hordoffii fi madaallii karooraa Asiraat Ayyaaloo Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Murticha booda gatii xiqqaan buddeenni gara biyya alaatti ittiin ergamu akka beekamuu fi gatii xiqqaa murtaa’uu gaditti gurguruun akka hindanda’amne daarikteerichi ibsaniiru.

Hanga ammaatti ergitoonni bifa barbaadaniin ergu malee gatii dhaabbataa hinqabu kan jedhan daarikteerichi; gatii gad aanaadhaan wayita ergamu galiin doolaara isaa xiqqaa waan ta’uuf gatii dhaabbataan wayita bahuuf rakkinicha furuudhaan galii guddisuu akka danda’u ibsan daarikteerichi. Itti dabaluunis; odeeffannoo hanga ammaatti jiruun gatiin buddeen tokko gara alaatti ittiin ergamu doolaara 0.5 hanga doolaara tokkoo ti jedhaniiru.

Instiitiyuutii misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi faarmaasiyutikaaliitti qorataan oomisha qonnaa Malaakuu Agenyee gama isaaniitiin; gatii meeshaalee gara alaatti ergamanuu fi gara biyya keessaatti galan “haandeer invooyisii fi oover invooyisii” qabu kan jedhan yoo ta’u; tokko tokko wayita gara alaatti ergan gatii isaa gadi buusuun (haandeer invooyis); kaan immoo gatii ittiin galchan ol (over invooyis) waan godhanuuf rakkinicha furuuf kan dandeessisu gatii isaa madaalawaa gochuuf karoorri qabamuu ibsaniiru.

Qoratichi walqabsiisuun; sababni gatiin tokkoo ol ka’ee kan biraa immoo gadi bu’uuf maal akka ta’e sirriitti beekuun gatii ittiin ergamu karaa madaalawaadhaan sirreessuun gatii gadaanaa fi olaanaa ittiin jedhamu beeksisanii gara gabaa alaatti akka erganu taasisuuf qaamolee dhimma keessaa qaban waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Ergitoonni buddeenaa baay’een isaanii namoota dayaaspooraa turan ta’uu kan eeran Malaakuun; maatiin isaanii biyya alaa jiran ykn namoota giddugala gabaa qaban isaan beekan waan jiraatanuuf tokko tokko gatii sirriidhaan haalli itti ergan jiraachuu eeran. Qoratichi walqabsiisuunis meeshaaleen gara alaatti bahan gatii olaanaadhaan ergamuun isaanii galii gaarii argamsiisus; gatii gadaanaadhaan kan ergamanii fi baasii olaanaadhaan kan galan garuu gaaffii biraa hordofsiisuun isaanii akka hinhafne dubbatan.

Itti dabaluunis; ergitoonni tokko tokko immoo doolaariin kan dhufu erga buddeenni ergamee booda waan ta’eef doolaaricha hambisuuf abjoochuu isaaniitiif shakkiin jiraachuu ibsanii; itti gaafatamummaan dhimmicha hordofuu baankii biyyaalessaa waan ilaaluuf dhimmicha irratti waliin akka maryatanu ibsaniiru.

Itoophiyaan gabaa alaatiif kan dhiyeessitu bidden gogaa fi jiidhaa yoo ta’u; buddeen tokko doolaara 0.5 hanga doolaara tokkootti waan gurguramuuf galiin isaa baa’ee badaa yoo hintaanes; erguudhaaf gatiin kaffalamu garuu kan baasii olaanaa hordofsiisuu dha jedhameera. Kaargoodhaan erguuf maallaqni ba’u gatii ittiin gurguramu irraa dhibbeentaa 50 ol ta’uu isaas Malaakuun dubbataniiru.

Akka ibsa Malaakuu yoo ta’e; biyyoonni Itoophiyaan buddeena itti ergitu Ingiliiz, Jermeen, Kaanaadaa, Xaaliyaan, Dubaay, akkasumas Sa’udii Arabiyaa dha. Buddeen baay’inaan kan ergamu gara biyyoota Awurooppaatti yoo ta’u; gara Afriikaa-kibbaattis amma tokko akka ergamu Malaakuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Malaakuun dhuma irrattis; karoorichi wayita hojii irra oolu buddeen gara alaatti ergamee “kanaa gaditti yoo gurgurame gadaanaa dha; kanaan oliin yoo bitame olaanaa dha” murtee jedhu kaa’uun gatii gadaanaa ittiin hingurguramne beeksisuuf karoorfameera jedhan. Dabalataanis; Itoophiyaan buddeena erguudhaan waggaatti doolaara miliyoona 10 ol akka argattu eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Gurraandhala 19 2014 No 36

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here