Ruusiyaanonni hedduun biyya biliisaa ta’uu Yuukireen kan hinfudhanne yoo ta’u; A.L.A. bara 1991tti Ruusiyaa irraa fottoqxee biyya biliisaa ta’uu ishee akka dogongora seenaa guddaatti kan lakkaa’an ta’uutu himama. Gaazexaan “The Guardian” jedhamu yeroo tokko akka dubbisiisetti namoota 10 keessaa sagal ejennoo pirezidaant Puutiin Yuukireen irratti qaban kan deeggaranuu fi olaantummaa Ruusiyaa deebisanii arguuf kan hawwan ta’anii argamaniiru.
Dabalataanis; Yuukireenot jaha keessaa yoo xiqqaate namni tokko enyummaa Ruusiyaa akka qabu dubbatama. Namoota sadii keessaa tokkos Afaan Ruusiyaa akka dubbatu ragaaleen ni eeru.
Ruusiyaan seenaanis ta’ee kan biraatiin ummata Yuukireen wajjin nuti tokko yoo jettes; Yuukireenonni dhibbeentaa 70 ta’an garuu kan kana hinfudhannee dha. Ummanni Yuukireen dhibbeentaa 72 ta’u immoo Ruusiyaa akka diinaatti kan ilaalu ta’uutu dubbatama. Ragaaleen seenaa akka jedhanutti ummanni Yuukireen Ruusiyaa akka koloneeffattuutti ilaalu walakkaa ummata biyyattii ni caala jedhama.
Yuukireenonni seenaa, aadaa, dudhaa fi afaan walfakkaatu qabanis garaagarummaa xiin-sammuutiin kan ka’e fiixee lama qabachuu isaaniitiin; tokkoon isaanii kan warra lixaa; kaan isaanii immoo hawwitoota Ruusiyaa ta’anii itti fufuu isaaniitiif agarsiiftuuwwan ni jiru. Keessumattuu Yuukireenoti lixaa fib aha jedhamanii beekaman; gara bahaatiin kan jiran Ruusiyaa wajjin hidda sanyii kan qabaachuu isaanii kan amanan ta’uutu beekama. Karaa Yuukireen lixaatiin kan jiran immoo Ruusiyaa ija shakkiitiin kan ilaalanuu fi kan jibban ta’uu isaaniitu dubbatama.
Kun hundi akkuma jirutti ta’ee; biyyi Awurooppaa bahaa ummata miliyoona 44 qabdu Yuukireen; keessumattuu bulchiinsa pirezidaant Puutiiniin ilkaan erga itti ciniinamee bubbuluun isaa kan himamu sababoota gurguddaa sadiin.
Inni gudda fi kan jalqabaa; waraana adunyaa lammaffaa booda Awurooppaatti yaaddoo Ruusiyaa of irraa ittisuuf jedhamee bara 1941tti kan hundaa’e Waadaan Waraana Atilaantiik Kaabaa (NATO) ittisuuf kan jedhuu dha. Kanaan walqabatee dhiyeenya kana ministirri dhimma alaa Ruusiyaa Sargee Laavroov, biyyoonni lixaa biyyoota Gamtaa Sooviyeet duraanii keessatti qubata waraanaa akka hinijaarre of-eeggannoo kennaniiru.
Lammaffaan A.L.A. bara 1991tti kan diigamte Gamtaa Sooviyeet (Ruusiyaa) deebisuuf kan jedhu yoo ta’u; sadaffaan keessumattuu lammiiwwan Yuukireen bulchiinsa kibbaa fib aha biyyattii keessa jiraatan badii sababa enyummaa isaaniitiin irra gahu hambisuuf odeeffannoowwan jedhan gama Ruusiyaatiin ni bahu. Ministirri dhimma alaas; bulchiinsi Yuukireen Ruusiyaa fi fottoqsiitoti isaa namoota Dooneskii fi Luhaansik keessatti Afaan Ruusiyaa dubbatan irratti waggoottan saddeet darban waraana labsee tureera jedhu.
Yuukireen miseensa NATO yoo taate sababni jalqaba irratti Ruusiyaa yaaddesse dhuguumee Galaana Gurraachatti akkan hinfayyadamne na taasisa yaaddoo jedhuun dabalatatti; karoorri koo Ruusiyaa guddittii ijaaruuf qabadhe seenaa ta’ee hafa jechuun Yuukireen waggoottaniif miseensa Awurooppaa fi NATO akka hintaane akeekkachiisaa turuun ishee ni beekama.
Ruusiyaan bara 2007tti Kireemiyaa Yuukireen irraa fottoqsuun gara bulchiinsa isheetti erga dabalattee jalqabee; biyyoonni Awurooppaa-bahaa kun lamaan muddama hammaataa keessa darbanii Kamisa darbe Gurraandhala 14 bara 2014 ykn A.L.A. ‘February’ 24 bara 2022 Ruusiyaan ifatti Yuukireeniin weerarteetti.
Guyyaa sanaa jalqabee hanga ammaatti adeemsa jiruun waraanichi xiyyeeffannaa adunyaa sadarkaa olaanaadhaan kan hawwate yoo ta’u; kana hordofees guyyoota muraasa keessatti jijjiiramni hedduun sadarkaa adunyaatti mul’ateera. Waraanichi gara fuula duraatti gama hiriira humna biyyootaa, diipiloomaasii fi dinagdee irratti dhiibbaan taasisu akkuma jirutti ta’ee; hangi isaa wal hacaalu malee sababa waraana biyyoota lamaan gidduutti adeemsifamuutiin biyyi dhiibbaan irra hingeenye akka hinjiraanne hayyoonni ni ibsu.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barataan Ph.D fi yuunivarsiitichatti qorataan dhaabbata qorannoo nagaa fi tasgabbii Urgeessaa Irreessaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; waraanni biyyoota lamaanii isaan irra darbee dhiibbaan biyyoota biraa irraan gahu hammaataa waan ta’uuf gama diipiloomaasiitiin hojiin xiyyeeffannaa fi of-eeggannoo barbaadu hojjetamuu akka qabu eeran.
Qoratichi; keessumattuu biyyoota Afriikaa fi biyyoota guddataa jiran kan biraatiif dhiibbaan qabaatu guddaa ta’uu kaasanii; Itoophiyaanis amma arifattee ejjennoo qabaachuu hinqabdu jedhaniiru.
Itoophiyaan biyyoota lamaanuu wajjin hariiroo gaarii qabaachuu qabdi kan jedhan Urgeessaan; wanti gumaachitu waan hinjirreefis dhimmicha keessa seenuudhaan ejjennoo qabachuun ishee hinfayyadu jedhan.
Ruusiyaa deeggaruun Yuukireeniin qofa osoo hintaane biyyoota lixaas ni dallansiisa; Yuukireeniin deeggaruunis akkasuma Ruusiyaa fi biyyoota ishee cina hiriiran dheekkamsiisuu waan danda’uuf loogummaa irraa fagaachuun dhimmicha hordofuun ni wayya jedhu.
Kanaaf; Itoophiyaadhaaf arifatanii ejjennoo qabachuun ishee hinbaasu “wait and see strategy” yoo hordofte ni wayyaaf jechuun yaada isaanii qoodaniiru.
Waraanni Ruusiyaa fi Yuukireen keessumattuu dame diipiloomaasii biyyoota guddataa jiranii irratti dhiibbaa qabu kaasuun kan dubbatan qoratichi; Itoophiyaanis dhiibbaa ishee irra gahu hir’isuuf tarkaanfiiwwan barbaachisaa ta’an keessaa tokko; yoo danda’ame biyyoota lamaan wajjin ejjennoo addaa (exclusive) qabachuu akka qabdu hubachiisan. Lamaan isaanii keessaa tokko filachuun dirqama yoo ta’es haala yaaddoo biyyaalessaa hinuumneen qorannoon irratti taasifamee kan ishee baasu wajjin ta’uu akka qabdu kaasaniiru.
Yeroo ammaatti Itoophiyaan biyyoota lamaan waliin hariiroo gaarii akka qabdu eeranii; dinagdeedhaan Yuukireen wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabduu fi Ruusiyaanis biyya mana maree nagaa keessaa teessoo dhaabbataa qabdu waan taateef michuu gaarii ta’uu kan dandeessuu dha jedhaniiru. Duraanis waraana Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay waliin tureen dhiibbaa Ameriikaa fi biyyoota lixaatiin Itoophiyaa irratti taasifameen walqabatee kan isheen raawwatte akka oolmaa gaariitti kan lakkaa’amuu dha jechuun itti dabalaniiru.
Ta’us hariiroon Itoophiyaan Ruusiyaa wajjin qabdu kan Yuukireen wajjin qabdu waliin wayita ilaalamu cimaa miti yoo jedhame illee; yeroo ammaatti Itoophiyaadhaaf kan barbaachisan Ameriikaa fi Awurooppaan Yuukireen duuba jiru ilaalcha jedhu kaa’aniiru.
Torbanuma kana Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimma biyyoota lamaanii irratti walga’uun murtee mormii, kan deeggarsaa callisa wayita keessummeesse; Itoophiyaan akka sagalee hinkennin ni yaadatama. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhimmicha ilaalchisuun ergaa dabarsaniin gareewwan hunduu haalawwan gaaga’ama hammeessan irraa of qusachuun walitti bu’iinsicha furuuf daandiiwwan nageenyaa hundatti akka fayyadaman gaafataniiru.
Waraanichi nageenya adunyaa irratti yaaddoo uumuun isaa kan ka’u yoo ta’u; biyyoonni guddataa jiran immoo ‘boruun caalu anaaf’ jechuun akka yaadanuu fi yaaddoon akka isaanitti galu kan taasisuu dha jedhama. Biyyi cimaan tokko yeroo barbaadetti ka’ee olla isaa weeraruun kan hubu yoo ta’e; biyyoota dadhabaa hedduuf boris biyyoota cimaadhaan hubaatii irratti raawwatamuuf agarsiiftuu ta’uu akka danda’utti eerama.
Waraanni biyyoota lamaanii dhiibbaan dinagdee adunyaa irraan gahus akkasuma jabaa dha jechuun hayyoonni ni ibsu. Biyyoonni lamaan sadarkaa olaanaadhaan qamadii kan oomisha ta’uu caalaatti; keessumattuu Ruusiyaan Awurooppaadhaaf dhiyeessituu gaazii boba’aa ishee guddoo dha.
Yuunivarsiitii Salaaleetti barsiisaa fi qorataan dinagdee Addis Ababaaw Addis Maaledaatti akka ibsanitti; adunyaan siyaasa, dinagdee, tekinooloojii fi dhimmoota biraatiin kan walitti hidhame waan ta’eef biyyi tokko wayita miidhamu kan biraas miidhamuun isaa waan hinhafnee dha jedhaniiru.
Kanaanis biyyoonni lamaan yeroo ammaatti waraana irra jiraachuu isaanii hordofee keessumattuu dhiibbaa gama dinagdeetiin qaqqabsiisu wayita ibsan; Ruusiyaa fi Yuukireen gabaa adunyaatiif boba’aa dhiyeessuudhaan kan beekaman waan ta’aniif gatiin boba’aa dabalaa jira; gara fuula duraattis dabaluun isaa waan hinhafnee dha; kunis adunyaa irratti qaala’insa jireenyaa hammeessa jedhan.
Gatiin boba’aa gabaa adunyaa irratti doolaara 100 ol gahuun isaa ibsamaa jira. Kunis bara 2007 asitti dabalata gatii isa olaanaa dha jedhameera. Oomisha boba’aa adunyaatiin gahee dhibbeentaa 10 qabaachuun ishee kan himamuuf Ruusiyaan; adunyaa irratti boba’aa oomishuudhaan sadarkaa sadaffaa; erguudhaan immoo adunynaa irraa sadarkaa lammaffaa irra jiraachuu isheetu himama.
Hata’u malee; hanqinni boba’aa hammaataan ni uumama jedhame yeroo yaadamu kanatti biyyoonni gurguddaan boba’aa oomishan hanga oomisha boba’aa isaanii sadarkaa gadaanaadhaan akka dabalan ibsaniiru. Dhaabbanni biyyoota ergitoota boba’aa ‘OPEC’ fi tumsitoonni isaa boba’aa daangaa isaanii keessaa bahu bifa adda ta’een akka hindaballe ibsuun isaanii; adunyaa irratti sababa dabaluu gatii boba’aatiin qaala’insi jireenyaa hammaataan uumamuu akka danda’u dubbatama.
Barsiisaan dinagdee Addis Ababaw akka jedhanutti; boba’aa irra darbee biyyoonni lamaan shaqaxoota bu’uraa fi oomishaalee qonnaa gabaa adunyaatiif kan dhiyeessan waan ta’aniif; biyyooni isaanii wajjin hariiroo daldalaa qaban dhiibbaa jalatti kufuun isaanii hinoolu.
Biyyoota baay’ee keessatti qabbanaa’uun investimentii jiraachuu danda’a kan jedhan barsiisichi; keessummattuu biyyoonni Afriikaa immoo nyaataan waan of hindanda’iniif qamadii dabalatee; foon luukkuu fi buuphaa waan galfatanuuf waraanichi ni dheerata taanaan hanqinni nyaataa uumamuu danda’a ilaalcha jedhu mul’isaniiru.
Biyyoonni Afriikaa tokko tokkos Ruusiyaa fi Yuukireen irraa deeggarsa, liqii fi gargaarsa kan argatan waan ta’aniif waraanichaan akka miidhamanu ibsaniiru. Itoophiyaan hariiroon lamaan isaanii waliin qabdu gaarii kan jedhamu ta’uu yaadachiisanii; keessumattuu Ruusiyaa wajjin michuu ta’uu ishee kaasan. Yuukireen wajjin yoo ta’eskeessumattuu waan buna achitti erginuuf hariiroo gaarii qabna jedhan.
Itoophiyaan Ruusiyaa fi Yuukireen irraa qamadii hangi isaa olaanaa ta’e waan bittuuf; hanqinni qamadii mudachuu akka danda’u erga kaasanii boodas; kana irra darbees bu’aawwan gogaa fi buna gara biyyoota kanaatti ergaa waan turteef gama kanaanis rakkoon mudachuu danda’a yaada jedhu qabu.
Waraanichi utuu hinyaadamin uumame; kanaanis biyyoonni hedduun rakkoo keessatti ni kufu kan jedhan barsiisichi; Itoophiyaanis wabii nyaataa waan hinmirkaneeffatiniif kallattiinis ta’ee al-kallattiidhaan rakkinicha dhandhamuu dandeessi jedhameera.
Rakkoowwan akkasii wayituma uumamaniin dhiibbaa keessa galuu irraa humna biyya keessatti oomishuu guddisuu akka barbaachisu eeranii; fakkeenyaafis hojiiwwan jal’isii bonaa odeeffamaniif xiyyeeffanaan utuu hojjetamanii; Itoophiyaan yoo xiqqaate fedhii nyaataan walqabatan humna isheetiin mirkaneeffachuuf carraa ni qabaatti jedhan.
Ta’us sun ta’uu hafuu isaa fi waraanichis ni ta’a jedhamee osoo hinyaadamin uumamuu isaatiin; amma kan baasu furmaata yeroo gabaabaa ti jechuun ibsaniiru. Kanaafis akka furmaataatti kan dhiyeessan keessumattuu hanga qamadii Itoophiyaan barbaadduun walqabatee adeemsi bittaa yeroo fi aasaa waan barbaaduuf; booda rakkoo keessa seenuu irraa ammumaan gara biyyoota biraa ilaaluun filannoo gabaa barbaaduun dirqama ta’a jedhan.
Bara darbeen dura (A.L.A. 2020) biyyoonni Afriikaa oomishaalee qonnaa doolaara biliyoona afur baasan Ruusiyaa irraa kan galfatan yoo ta’u; kana keessaa dhibbeentaan sagaltamni oomisha qamadii ta’uu ragaaleen ni mul’isu. Haala walfakkaatuun; bara kana Yuukireen irraa oomishaalee qonnaa doolaara biliyoona 2.9 baasu akka galchanii fi kana keessaa dhibbeentaan 48 qamadii ta’uu ragaaleen kun dabalataan mul’isu. Ruusiyaa fi Yuukireen oomisha qamadii adunyaa keessaa nuusa isaa kan dhiyeessan ta’uunis ni dubbatama.
Ijipt adunyaa irraa qamadii bituudhaan biyya tokkoffaa yoo taatu waraana Ruusiyaa fi Yuukireen gidduutti uumame hordofee yeroo ammaa kana dhiphina keessa seenuu isheetu himama.
Dabalataanis; omisha xaa’oo adunyaa keessaa dhibbeentaa 60 kan qabattu Ruusiyaan; ji’oota lamaaf gara alaatti akka hinergine beeksisuun ishee; keessumattuu hojii qonnaa biyyoota guddataa jiranii irratti dhiibbaa olaanaa akka qaqqabsiisu dubbatameera.
Itoophiyaanis gatiin qamadii fi boba’aa dabaluu isaa fi hanqina isaa irraa kan ka’e dhiibbaa ishee irra ga’u irra darbee; lammiiwwan deeggarsa namoomaa barbaadan baay’een waan jiraniif dhaabbileen gargaarsaa sadarkaa adunyaatti jiran fuula isaanii gara waraanichaatti waan naannessanuuf gargaarsa Itoophiyaaf kennan hir’isuu waan danda’anuuf dhiibbaan biraa ni uumama yaaddoo jedhutu jira.
Waraanni Ruusiyaa fi Yuukireen Niyuukileriin deeggaramuu akka danda’u tilmaamni ka’aa jira. Ministirri dhimma alaa Ruusiyaa Sargeey Laavroovis; waraanni adunyaa sadaffaan niyukileeriin kan deeggaramee fi barbadeessaa ta’a jedhan. Laavroov ibsa isaaniitiin; Yuukireen niiyukileerii yoo hidhattes balaa isa dhugaatu ishee eeggata jechuun dhaadachuun isaanii ni yaadatama. Kana qofaas osoo hintaane Ruusiyaan kallattiidhaan ykn al-kallattiidhaan biyyoonni deeggartoota Yuukireen nageenya kootiif na yaaddeessu ittiin jettu utuu hinhafin dorsisa jabaa dhaamaafii jirti.
“Hooggantoonni biyyoota alaa tokko tokko Ruusiyaa irratti waraana qindaa’e banuuf qophaa’aa jiraachuu ni beekna; nuti immoo duula loltummaa Yuukireen irratti jalqabne hanga dhumaatti itti fufna” jechuun Sargeey Laavroov torbanuma kana hubachiisaniiru.
Kunis adunyaa rakkoowwan uumamaa fin am-tolcheetiin guutamte; waraanicha niiyukileeriidhaan kan deeggarame taasisuudhaan gara gaaga’ama caalaatti hammaataa fi wal xaxaatti ni geessa jedhamee yaadama.
አዲስ ማለዳ Gurraandhala 26 2014



