-Aanaa Limmuu qofatti beeladoonni qonnaan bultootaa kumni shanii fi 480ni saamamaniiru.
Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Limmuu keessatti manneen jireenyaa namoota dhuunfaa 24 gahan hidhattoota ABO Shanee, Benii fi TPLFn gabachuu jiraattonni miidhhan isaan irra gahe Addis Maaledaatti himan.
Maqaan koo hineeramin kan jedhan maddi Addis Maaledaa aanichatti mandara jaha keessa jiraataa turan; manni isaanii akka gubamee fi qabeenya tokkollee baafachuu dadhabuu isaaniitiin maatii isaanii wajjin rakkoon akka isaan mudate eeranii; yeroof amma tokko bakka nageenyi jiru gara magaalaa Angar Guuttin deemuun fira biratti dahatanii akka jiran dubbataniiru.
“Manni koo hidhattootaan na jalaa gubameera” kan jedhan miidhamaan kun; qabeenyaan mana isaanii keessa turan hangi tokko akka gubaman; hangi tokko immoo akka saamaman Addis Maaledaatti ibsanii; walqabsiisuunis “beeladoonni 10 najalaa saamamaniiru” jedhan.
Namni kun itti dabaluunis; kanaan dura mandara shan keessatti manneen shantamaa ol; mandara jahatti immoo manneen 30 ol akka gubatan kan yaadatan yoo ta’u; “midhaan hanga kuntaala 400 oomishuudhaan kan beekamu qonnaan bulaan naannichaa qabeenyi isaa saamamee rakkoo keessa jira” jechuudhaan Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Madden akka ibsanitti yoo ta’e; gubaa manaa tibbana aanichatti uumame qofa osoo hintaane; wayita manneen gubaman qonnaan bultoonni qabeenya isaanii baafachuuf yaalan ajjeefamuu fi madaa’uu isaanii ti beekuun kan danda’ame.
Jiraataan naannichaa tokko kanaan dura Sadaasa 10 bara 2014 reeffi nama tokkoo akka jalaa gubatee fi nama ABO Shaneedhaan jalaa butame tokko hiiksisuuf birrii kuma 300 fidaa jedhamanii erga birricha kennanii booda namichi akka ajjeefame yaadataniiru. Walqabsiisuunis; Gurraandhala 29 bara 2014 galgala sa’atii 12tti aanaa Limmuu mandara jahatti qabeenya isaa baafachuuf kan yaale dargaggeessi waggaa 28 Indiriis Ahimad jedhamu hidhattootaan ajjeefamuu isaa eeraniiru.
Maddi Addis Maaledaa ittuma dabaluudhaan; namoonni namicha ajjeefamee wajjin turan lamas akka butamanii fi hanga ammaatti haalli itti jiran akka hinbeekamne eeran.
Odeeffannoon jiraattota irraa argame akka mul’isutti; aanaa Limmuutii buqqa’anii magaalaa Angar Guuttinitti kan rgaman buqqaatonni kumni 45 naannoo isaanii gadhiisuun erga bahanii ji’oota yoo lakkoofsisanis; hanga gabaasni kun qindaa’etti marsaa tokkoof illee gargaarsa kan hinargatin ta’uu isaanii ti.
Aanaa Limmuu mandara jahaa buqqa’anii magaalaa Guttinitti kan argaman namni maqaan koo hineeramin jedhan tokko akka dubbatan yoo ta’e; manneen baadiyyaa aanaa Limmuu keessa jiran hidhattoota Shanee, Beenii fi TPLFn gubamaa jiru jedhaniiru.
Raayyaa ittisa biyyaatiin eegamaa kan jirtu magaalaa Galiilaa qofaadha kan jedhan maddi Addis Maaledaa; baadiyyaatti kan argaman mandaroonni qonnaan bulaa fi oomishni isaanii gubameera jedhan. Itti dabaluunis; Gurraandhala 30 bara 2014 namoonni magaalaa Galiilaatti raayyaa ittisa biyyaa wajjin turan afur butamaniiru jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Mootorri lamaa fi beeladoonni shan nu jalaa fudhatamaniiru kan jedhan namni kun; qabeenyii fi midhaan isaanii akka gubaman eeran. Aanaa Limmutti kan argaman mandara lama, sadii, shanii fi jaha keessa manneen turan gubachuu kan eeran maddi Addis Maaledaa; “gaangeen koo gaarii wajjin na jalaa fudhatamtee jaarsolii mandara jaha keessa qophaa’anii taa’anii jiranuun birrii kuma jahaa fi 500 kaffalee naaf deebiteetti” jedhan.
Birriin kumni tokkoo fi dhibbi shan jaarsoliidhaaf kaffalame kan jedhan namichi; gaangota namoota 10 saamaman keessaa sadii yoo deebi’anis; torba akka hindeebi’inii fi isaaniin deebisuuf hidhattoonni hanga birrii kuma 30 gaafachaa jiraachuu eeran.
Buqqaatonni Angar Guuttin jiraniif hanga ammaatti deeggarsi akka hintaasifaminnif kan eeran madden Addis Maaledaa; deeggarsi dhufeera yoo jedhameyyuu buqqaatotaaf akka hinkennamne dubbatan.
“Ukkaamsaa guddaa, hacuucaa guddaatu jira. Aanaan Limmuu garuu mootummaa Itoophiyaatiin bulaa jiraa? Gargaarsa utuu hintaane gaazexeessaa bakkichatti argamuun gabaasu hinarganne. Mootummaan nagaadha jedhee gabaasa yoo dhiyeesses; rakkinichaaf furmaanni hinargamne” jechuudhaan madden dubbataniiru.
Addis Maaledaan dhimmicha ilaalchisuudhaan bulchaa aanichaa Lamuu Akkumaa waliin kan turtii taasiste yoo ta’u; bulchichi aanaa Limmuu mandara jahatti uumameera kan jedhame haala gubiinsaa odeeffannoo wayitaawaa hinqabu deebii jedhu kennaniiru.
Bulchiinsi aanichaa buqqaatota magaalaa Guttin jiraniif ji’a lama dura deeggarsi taasifameera yoo jedhanis; buqqaatota keessaa namoonni Addis Maaledaan aasofsiiste garuu yeroo tokkoyyuu deeggarsi akka hinkennaminiif ibsan. Bulchaan aanichaa bilbila isaanii cufuun dhimmicha irratti deebii dabalataa kennuuf hayyamamaa hintaane.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 3 2014 No 38


