Bajata birrii biliyoona 5.1n kan ijaaramu daandiin si’ataan Baatuu-Arsii Nageellee-Hawaasaa ijaarsi isaa sababa rakkoo nageenyaatiin yeroo itti xumurama jedhame irraa waggaa lamaan duubatti harkifachuu isaa abbaan taayitaa daandiiwwan Itoophiyaa Addis Maaledaatti beeksise.
Dheerina kiiloo-meetira 110 ol kan qabu piroojeektiin ijaarsa daandii Baatuu-Arsii Nageellee-Hawaasaa; rakkoo nageenyaa waggaa tokko dura irra-deddeebiin uumameen waggoota lamaaf harkifachuu isaa abbaan taayitichaa beeksiseera.
Boqonnaan duraa jechuunis kiiloo-meetira 67 kan dheeratu piroojeektiin ijaarsa daandii Baatuu-Arsii Nageellee; waggaa tokkoo fi ji’a shanii ol turuuf akka dirqamee fi kanaaf immoo waggaa darbe naannichatti yeroo adda addaatti rakkoo nageenyaa uumameen akka ta’e eerameera.
Yeroo ammaatti adeemsi ijaarsichaa dhibbeentaan 35 kan xumurame yoo ta’u; sadarkaa guutummaa guutuu jedhamuun Waxabajjii 30 bara 2014 xumuruun banaa taasisuuf liqii birrii biliyoona 33 baankii adunyaa irraa argameen; hojiin ijaarsa isaa dhaabbata biyya Israa’eeliin hojjetamaa jira.
Kanaan dabalatatti; boqonnaa lammaffaan jechuunis dheerina kiiloo-meetira 52 kan qabu piroojeektiin ijaarsa daandii Arsii Nageellee-Hawaasaa; ijaarsi isaa waggoota lamaaf kan dheerate yoo ta’u; kanaafis wayita ijaarsichi jalqabame ji’oota duraatti naannicha keessa kan ture rakkoon nageenyaa irra-deddeebbiin uumamu hojichaaf gufuu waan ta’eef jedhameera.
Daandiin kun ijaarsi isaa sadarkaa dhibbeentaa 30 jechuun danda’amuun akka xumuramee fi Amajjii bara 2015tti xumuramee tajaajilaaf banaa ta’a jedhamee kan yaadame yoo ta’u; liqii baankii Chaayinaa ‘Egziim’ jedhamu irraa argame birrii biliyoona 5.1 oliin dhaabbata ijaarsaa Chaayinaa ‘CO CC’ jedhamuun ijaaramaa akka jiru himameera.
Ijaarsa daandii si’ataa Baatuu-Arsii Nageellee-Hawaasaa yeroo kanaan olitti jedhame keessatti xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuuf kontiraakteroonni piroojeektichaa hojicha atattamaan akka hojjetan; akkasumas abbaan taayitaa daandiiwwan Itoophiyaa adeemsa hojichaa yeroo yeroodhaan akka hordofu ibsameera.
Yeroo ammaatti piroojeektota naannolee Itoophiyaa adda addaa keessatti hojjetamuuf manneen daangaa ijaarsa daandii keessa jiran tilmaamni ykn kaffaltiin barbaachisu kennameefii yeroo jedhame keessatti diigamuu dadhabuun duubatti harkifachuu ijaarsa daandiiwwan adda addaatiif sababa ta’aa jiru.
Ijaarsa daandii boqonnaa lamatti qoodamee ijaaramaa jiru; ji’oota xumuraa bara 2013tti raawwachuuf yaadamee bara 2010 ji’a Gurraandhalaatti hojiitti galamee yoo tures; yeroo hanga ammaatti jiruun ijaarsi isaa dhibbeentaa 50 gadi jedhameera.
Ijaarsi daandii Moojoo-Maqii-Baatuu gahu garuu bara kana ji’oota sadii dura xumuramee tajaajila kennaa akka jiruu fi interpiraayizii daandiiwwan Itoophiyaatiin bulaa akka jiru eerameera.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 3 2014 No 38



