Itoophiyaa keessatti yeroo adda addaatti naannolee fi magaalaa Finfinnee keessatti meeshaaleen waraanaa karaa seeraan-alaatiin utuu naanneffamuu qabame odeeffannoon jedhu irra-deddeebiin wayita himamu dhaga’ama.
Karaa seeraan-alaatiin meeshaalee waraanaa naannessuun kun waggoota arfan darban keessumattuu mootummaan jijjiiramaa erga gara aangootti dhufee as irra-deddeebiin akka mul’atu qaamoleen hawaasaa adda addaa wayita dubbatan dhaga’amu.
Waggoota lamaan darbanii as Itoophiyaan toora biyyoota meeshaaleen waraanaa seeraan ala bal’naan keessa naanna’an irra hiriiruu ishee mootummaan federaalaas ibsaa tureera.
Kanaaf immoo meeshaaleen waraanaa akka salphaatti argamuu; fedhiin meeshaa waraanaa hidhachuu hawaasa biratti dabaluu fi daangaa Itoophiyaan biyyoota olla wajjin qabdu irratti too’annaan laafuun meeshaa waraanaa seeraan ala naannessuun akka babal’atu taasiseera jedhama.
Waggaa darbe koomishiiniin poolisii federaalaa meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuun kaayyoo siyaasaatiifis oolaa jiraachuu ibsuun isaa ni yaadatama. Fakkeenyaafis humnoonni akka biyyattiin hintasgabboofne barbaadan naannessicha keessa akka jiran beeksiseera.
Biyyattiitti meeshaalee waraanaa karaa seeraan-alaatiin naannessuun walqabatee yakkoonni baay’een hojjetamaa jiraachuu mootummaan ibsaa akka turee fi yakkoonni meeshaalee waraanaa naannessuudhaan raawwataman ammas akka hindhaabbatin himamaa jira.
Daangaawwan Itoophiyaan karaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaatiin ittiin wal daangessitun meeshaaleen waraanaa baay’inaan gala jiraachuu fi kunis Itoophiyaa keessa tasgabbiin akka hinjiraanne taasiseera jechuun kan ibse poolisii federaalaa ti.
Naannolee meeshaalee waraanaa seeraan ala naannessuun bal’inaan keessatti mul’ate keessaa naannoon Gambeellaa; naannoon Biiniishaangul Gumuzii fi naannoon Amaaraa kan dura irratti eeramanii dha.
Naannoo Gambeellaatti rakkoo nageenyaa keessoo fi daangaa ce’an ittisuuf qaamoleen dhimmicha keessaa qooda qaban qindoominaan hojjechuu akka qaban turban tokko dura pirezidaantiin naannichaa Umod Ujuluu dubbatanii turan.
Manni maree nageenyaa mootummaa naannichaa walga’ii isaa idilee magaalaa Gambeellaatti wayita taa’e pirezidaantichi akka jedhanitti; rakkoowwan nageenyaa naannicha keessaa fi daangaa ce’an ittisuuf qaamoleen dhimmicha keessaa qooda qaban qindoominaan hojjechuu qabu.
Hidhattoonni Murillee naannoo Gambeellaa Sudaan-kibbaatiin wal daangessu keessa seenuudhaan hubaatii irra-deddeebiin jiraattota irratti raawwatanuun dabalatatti; beeladoota gaanfaa baay’ina olaanaa qaban irra-deddeebiin saamuun fudhachaa akka turan yaadachiisaniiru.
Humnoonni badii bakkeewwan naannichaa tokko tokkotti badii qaqqabsiisuu danda’an ittisuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjetaa akka jirus wayita walga’ichaa ibsaniiru.
Adda Biliisummaa Gambeellaa jechuun kan of waamu ergamaan gareewwan gooltotaa Shanee fi TPLF badii qabatee jiru doomsuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjetaa akka jiru kan himan pirezidaantichi; meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuu dabalatee yakkoota miseensonni gosa Murillee qarqara daangaa naannichaa irratti raawwatan gama hir’isuutiin qaamolee nageenyaa irraa itti gaafatamummaa olaanaan akka eegamu dubbataniiru.
Naannichatti nageenya ful’aa diriirsuu fi meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuu ittisuuf tattaaffii taasifamu milkeessuuf hawaasni hirmaannaa isaa akka cimsu hubachiifameera.
Hoogganaa itt aanaan biirii nagaa fi tasgabbii naannoo Gambeellaa Utoow Ukoot Addis Maaledaatti akka ibsanitti; naannichatti yeroo yeroon meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuun akka jiruu fi kanas too’achuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis; saamichaa fi meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuu; akkasumas rakkoo nageenyaa gosti Murillee uumuu danda’an ittisuuf xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Caasaa nageenyaa naannichaa jabeessuuf miseensota poolisii baay’inaan leenjisuun hojiitti akka bobba’an taasifamuu eeraniiru.
Dabalataanis; dandeettii humnoota milishaa sadarkaa sadarkaan jiranuu hojiin leenjii fi galteedhaan gabbisuu hojjetamaa jiraachuu hoogganaa itti aanaan biirichaa dubbataniiru.
Qaamoleen meeshaalee waraanaa seeraan ala naannessuu fi rakkoowwan yakkoota biraa uumuu danda’u jedhamanii yaadaman gara naannichaatti akka hinseenneef hordoffii cimaan akka taasifamu ibsaniiru.
Hoogganaan biiroo koomunikeeshiinii mootummaa naannoo Biiniishaangul gumuz Mallas Bayyanaa gama isaaniitiin Addis Maaledaatti akka ibsanitti; ji’oota kanaan dura turanitti meeshaaleen waraanaa seeraan-ala naannicha keessa wayita naanna’u carraan qabamuu akka turee fi yeroo ammaatti sirna too’annaa cimsuun waan danda’ameef rakkinicha too’achuun danda’ameera jedhaniiru.
Yeroo itti aanuttis naannicha keessatti meeshaalee seeraan-alaa too’achuuf humni koree nagaa fi tasgabbii of-danda’e hundaa’ee hojiin too’annaa hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hooggantichi itti dabaluunis; korichi naannicha keessatti bakkeewwan adda addaatti too’annaa cimaa taasisuu isaatiin dabalatatti naannichaan kan wal daangessan ulaa seensaa fi bahaa Sudaanii fi naannoo Oromiyaa akkasumas naannolee biraatti humnoota nageenyaa cimsuudhaan hojiin too’annaa fi sakatta’aa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Magaalattiitti meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuun akka hinbabal’anneef too’annaa cimaa taasisaan jira kan jedhe immoo koomishiinii poolisii magaalaa Finfinnee ti.
Magaalaa Finfinneetti yeroo adda addaatti bakkeewwan gara garaatti meeshaaleen waraanaa fi maallaqni seeraan ala naanna’u argamaa jiraachuu fi gocha seeraan-alaa kana too’achuuf koomishiinichi xiyyeeffannaan hojjeta jiraachuun eerameera.
Hoogganaan sab-quunnamtii koomishiinii poolisii magaalaa Finfinnee komaandeer Faasikaa Faantaa akka himanitti; magaalattii keessatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa hedduun sochii irra yoo jiraatanis; too’annaan isaas akkasuma cimaa ta’uu fi yeroo itti aanuttis koomishiinichi xiyyeeffannoon akka hojjetu himaniiru.
Ogeessi seeraa Xigaabuu Dassaaleny gama isaaniitiin; mootummaan federaalaa kanaan dura labsii lakkoofsa 1177/2011 mana maree bakka bu’oota uummataatiin baase irratti ifatti akka taa’etti yoo ta’e meeshaan waraanaa kamiyyuu qabatamuu kan danda’u namni tokko waajjira milishaa; waajjira poolisii; waajjira nageenyaatti hiyyatee; hayyamni seera-qabeessi yoo kennameef carraa meeshaa waraanaa tokko qofa qabachuu qaba jedhaniiru.
Kana irra kan darbe utuu hayyama hinqabaatin qaamni kamiyyuu meeshaa waraanaa seeraan-ala naannessuu; meeshaa waraanaatiin daldaluu; meeshaa waraanaa dhoksuu ykn utuu hayyama hinqabaatin qabatanii argamuu fi socho’uun hidhaadhaan akka adabsiisuu fi ulfaatinnii fi raawwiin yakkichaa ilaalamee waggaa sadii hanga waggaa kudhaniitti adabsiisuu kan danda’u gocha yakkaa ta’uu ogeessi seeraa kun himaniiru.
Itoophiyaa keessatti waggoota arfan darban naannolee adda addaa fi magaalaa Finfinneetti kan mul’atu seeraan-ala meeshalee waraanaa naannessuun babal’ataa jiraachuu kan kaasan ogeessi seeraa kun; gama mootummaatiin callisuu fi qaawwaan too’annaa akka jiru agarsiisa jedhan.
Ogeessi seeraa kun itti dabaluunis; qaamoleen tokko tokko meeshaalee waraanaa bal’inaan sochoosuun dabalatatti poolisii federaalaa, raayyaa ittisa biyyaatiin alatti meeshaalee waraanaa adda addaa qabachuun namoonni socho’an baay’inni isaanii dabaluu hordofee bakkeewwan adda addaatti wayita walitti bu’iinsi uumamu carraan lubbuun namaa fi qabeenyaan itti badu bal’ataa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan wayita meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuun babal’atu utuu arguu labsii baasuu irra darbee dhimmicha callisuudhaan ykn xiyyeeffannaan hordofaa akka hinjirre mul’isa jedhan.
Ogeessi seeraa kun ittuma dabaluun; mootummaan yeroo itti aanutti hayyama seeraatiin-ala namoota meeshaa waraanaa tokkoo ol qabatanii socho’an too’annaa seeraa jala oolchee hojii itti gaafatamtoota taasisuu xiyyeeffannoon yoo hojjete ni wayya jedhan.
Kana gochuu yoo dadhabe balaa sirnaa; gaaga’ama hawaasaa; walitti bu’iinsa waliin waliinii hinbarbaachifne akka cimsuu fi balaawwan dabalataa kan biraatiif akka saaxilu dubbatan.
Mootummaan meeshaalee waraanaa seeraan-ala socho’u too’achuuf humnaa fi qophii isaan nan qaba yoo jedhe bu’aa isaa qabatamaadhaan agarsiisuu irra darbee biyyoota meeshaalee waraanaa naannessuu too’achuun muuxannoo qabanii fi dhaabbilee sadarkaa adunyaatti jiran mariisisuun xiyyeeffannaan akka hojjetu ogeessi seeraa kun dhaamaniiru.
Biyyoota alaatii gara biyyaatti kan galan shigguxii, kilaashii fi meeshaaleen waraanaa kanaan walqabatan wayita daangaa irra gahan hojii too’annaa fi sakatta’aa cimsuun dabalatatti madden meeshaalee kontiroobaandiin ykn seeraan-ala galanii gogsuun yoo danda’ame; meeshaalee waraanaa seeraan-ala naannessuu too’achuuf carraan itti danda’u bal’aa ta’uu fi hawaasnis yaaddoo meeshaalee waraanaa seeraan-ala naanna’uu irraa carraan biliisa ta’uu isaa bal’aa akka ta’e ogeessi seeraa kun eeraniiru.
አዲስ ማለዳ Abriil 29 2014 No 47



