Manneen hojii federalaa torba sirna bittaa eleektirooniiksiin hojii irra oolchuun isaanii ibsame

0
945

Manneen hojii federaalaa torba sirna bittaa eleektirooniiksiidhaan hojii irra oolchuu isaanii abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa beeksise.

Hoogganaan sab-quunnamtii abbaa taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa Sexxeny Galaan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; sirna bittaa adda addaa ammayyeessuuf yeroo ammaa sirna bittaa eleektirooniiksii mootummaa hojii irra oolchuun kan danda’ame yoo ta’u; dhaabbilee hojmaatichaaf filataman keessaa sagal gurmaa’insaa fi karoora isaanii gara sirnichaatti galchuu danda’aniiru jedhan. Isaan keessaas manneen hojii torba hojii irra oolchuun fayyadamuu akka danda’anii fi manneen hojii lama immoo adeemsa irra akka jiran eeraniiru.

Hooggantichi itti dabaluuunis sirnichi ministeera daldalaa; ministeera maallaqaa; ministeera galii fi baankotaa wajjin kan wal sime akka ta’u; sanadoota caal-baasii idilee hojmaaticha irratti hojiin caasessuu akkuma xumurameen baankonni hojmaatichatti fayyadamuun dorgomtoota caal-baasiitiif kabachiisa caal-baasii akka qabsiisanuuf gochuu kan dandeessisuu dha jedhaniiru.

Manneen hojii mootummaa federaalaa abbaa bajataa ta’an hundi sirna bittaa eleektirooniiksii hojii irra oolchuu akka danda’anuuf qophii dursaan barbaachisu akka taasisan hojii hordoffii fi deeggarsaa; bara bajatichaatti manneen hojii raawwichaaf filatamaniin dabalatatti manneen hojii kan biraa 57 karoora bittaa isaanii hojmaaticha irratti ifa taasisuun akka danda’ame eeraniiru.

Hooggantichi walqabsiisuunis; hanga ammaatti manneen hojii mootummaa federaalaa fi dhaabbileen misoomaa mootummaa itti fayyadamtoota tajaajila bittaa mootummaa ta’an 232 karoora hojii isaanii kallattiidhaan hojmaatichatti galchaa jiraachuu fi adeemsaan sirna bittaa kana guutummaadhaan hojii irra akka oolchan dubbataniiru.

Dhaabbilee mootummaa sirna bittaa kanaan olitti eerame fayyadamanuuf dhaabbileen daldalaa gurgurtaa adda addaa raawwatanis galmeef kan isaan gargaaru qaama hojmaatichaatti akka fayyadaman yaadamuu isaa fi hanga yoonaattis dhiyeessitoonni 1134 deeggarsi barbaachisaan taasifameefii galmaa’uu isaanii hooggantichi ibsaniiru.

Sirni bittaa eleektirooniiksii kun manneen hojii federaalaa ykn bittaa dhaabbilee mootummaa bajata mootummaatiin raawwatamu kamiyyuu jechuunis bittaa meeshaalee, tajaajila, hojii damee ijaarsaa fi tajaajila gorsaa marsariitiitti fayyadamuudhaan karoora bittaa irraa hanga bulchiinsa waliigalteetti jiran raawwachuuf sirna dandeessisu ta’uun eerameera.

Sirnichi karoora bittaa, ibsa, beeksisa caalbaasii uummataaf kan ibsu yoo ta’u; dabalataan hirmaattota caalbaasii afeeruu, sanadoota caalbaasii qopheessuu, adeemsa caalbaasii haraajaa adeemsisuu, madaallii caalbaasii taasisuu, moo’attoota caalbaasii beeksisuu, hojiiwwan bulchiinsa waliigaltee raawwachuu; akka barbaachisummaa isaatti odeeffannoo uummata qaqqabsiisuu fi odeeffannoo xiinxaluu, tarreeffama dhiyeessitootaa galmeessuu, sanadoota caalbaasii tolaa fi gurgurtaan akka argaman kan dndeessisu ta’uun isaa ibsameera.

Sirni bittaa eleektirooniiksii hojii irra ooluun isaa faayidaa hedduu kan qabu yoo ta’u; sirni bittaa iftoomina akka qabaatuu fi hariiroo kallattiidhaan maamiltootaa wajjin qabu hir’isuudhaan dabalatatti malaammaltummaa hir’isuuf akka dandeessisu ibsameera.

Dabalataan itti gaafatamummaa ni diriirsa, qaqqabamummaa bal’aa ni uuma, baasiiwwan bulchiinsaa hir’isuu dandeessisa, yeroo bittaa raawwachuuf oolu ni gabaabsa, dorgommii ni bal’isa, haqa-qabeessummaas ni jabeessa jedhameera.

Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenya mootummaa qorannoo irratti hundaa’uun bajanni mootummaa federaalaa dhibbeentaa 65 hanga 70 bittaaf kan ooluu dha jedhameera.


አዲስ ማለዳ Abriil 29 2014 No 47

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here