Namoonni naannoo lolaaf saaxilamaa ta’e jiraatan bakka biraatti kaafamuuf jedhame

0
698

Namoota naannoo lolaaf saaxilamaa ta’e keessa jiraatan bakka biraatti kaasuuf hojiin jalqabamuu koomishiiniin hooggansa sodaa balaa Itoophiyaa Addis Maaledaatti beeksise.

Ganna dhufaa jiruun bakkawwan hubamuu danda’u jedhamanitti balaan akka hinhuumamneef humni ittisa lolaa hundaa’ee qophiin duraa jalqabamuun eerameera. Namoota bakkeewwan lolaaf saaxilamaa ta’ee fi qarqara lageenii jiraatan; karaa naannoleetiin gara bakkawwan biraa jireenyaaf mijataniitti hojiin kaasuu jalqabamuu koomishiinii hooggansa sodaa balaa Itoophiyaatti hoogganaan sab-quunnamtii Dabbabaa Zawudee Addis Maaledaatti himaniiru.

Waqtii gannaa dhufu kutaaleen Itoophiyaa kaabaa, kaaba-bahaa fi kaaba-lixaatti argaman rooba idileen ol ta’e argatu jedhamuu isaa hordofee; carraan hawaasni balaa lolaatiin hubamuu itti danda’u akka jiraatu hooggantichi eeraniiru.

Kan kanaan olitti eeramanii fi magaalaa Dirre Daawaa; yaa’a laga Awaashii fi bakkeewwan teessuma gadaanaa qaban biraatti lolaan akka miidhaa hingeessisneef karaa mootummaa federaalaa fi naannoleetiin humni ittisa lolaa of danda’e hundaa’ee hojiin qophii duraa jalqabamuu hooggantichi Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Dabbabaan itti dabaluunis; waggaa darbe irraa jalqabee kutaalee hawaasaa bakkeewwan teessumni isaanii gadaanaa ta’anii fi lolaadhaan miidhamanii fi naannoo yaa’a lageenii jiraatan akka ka’anuu fi gara bakka biraa akka qubatan taasisuun dabalatatti; yaa’I lageenii gara gadiitti toora isaa irraa akka hinmaqneef hojiiwwan qophii duraa karaa mootummaa federaalaa fi naannoleetiin xiyyeeffannaan itti kennamee hjjetamaa jira jedhaniiru.

Humna balaa lolaa ittisuu guddisuufis Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa hawaasaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatuuf naannolee Oromiyaa, Affaar, akkasumas Gambeellaatti argamaniif leenjii kennuuf hojiin qophii haal-duree jalqabamuun eerameera.

Dabalataanis; qindeessummaa koomishiinii hooggansa soda balaa Itoophiyaatiin dhaabbilee fayyaa, kan qonnaa, kan barnootaa, Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa fi Sagantaa Nyaata Adunyaa; akkasumas dhaabbilee tumsitootaa kan biraa wajjin qindoominaan akka hojjetamuu fi naannolee biraatti sisgigni lafaa fi addaan baqaquun lafaa akka hinuumamneef seensa waggaa darbee irraa jalqabee hojiin qophii jalqabamuun himameera.

Gama biraatiin; magaalaa Finfinneetti bakkeewwan lolaaf saaxilamaa ta’an 161 adda bahanii hojiin of-eeggannoo duraa jalqabamuuf akka ta’e koomishiiniin hooggansa yaaddoo balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Magaalattiitti bakka baay’eetti hangi isaa yoo walcaales; carraan balaa lolaatti saaxilamanu akka jiruu fi keessumattuu Piyaassaa, Ambaasaadder, kutaalee magaalaa Nifaas Silk Laaftoo fi Aqaaqii Qaallittiitti qarqarri lageenii fi kutaalee magaalotaa hunda keessatti toorri ittisa balfaa adda baafamuu koomishiinichi eereera.

Bakkawwan kanatti yaa’ii lageenii kallattii isaanii irraa akka hingorreef hojiin ijaarsa deeggarsaa fi bakkawwan adda addaatti bifa haaraadhaan bo’oo ittisa dhangala’aa hojjechuun dabalatatti kan cufamanis qulqulleessuu fi hojiin haaromsuu ni hojjetama jedhameera.

Koomishiinichi hojii qophii duraa kana Abbaa Taayitaa Daandiiwwan magaalaa Finfinnee; Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi biiroo babal’inaa fi misooma qarqara lageenii fi magariisaa wajjin akka hojjetu himameera.

Waqtii gannaa dhufu roobni yandoon lolaa fi balaa biraa qaqqabsiisu waan roobuuf; naannoleen lolaatti saaxilaman ammumaan of-eeggannoo akka taasisan instiitiyuutiin meetirooloojii Itoophiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Itoophiyaatti naannolee kaaba-bahaa fi lixatti roobni dabalaa akka deemuu fi naannoleen yaaddoo balaa lolaa qabanitti hawaasnii fi qaamoleen dhimmichi isaan ilaalu utuu balaan hinuumamin ammumaan hojii ittisaa akka hojjetan instiitiyuutichi hubachiiseera.

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here