Abdii Haaraa Namoota Dhibee HIV Eedsii fi Gogaa namaa madeessuun miidhamaniif

0
1473

Jalqaba Ji’a Waxajjii qabannee  kanatti ture dhaabbanni fayyaa addunyaa qajeelfama yaalaa namoota dhibee HIV Eedsii fi gogaa namaa madeessuun qabamanii ammayyeessuu fi fooyyessuu dandeessisu ifa kan taasise.

Qajeelfamni ammayyaa fi fooyya’e,bu’aa argamsiise jedhame kun qorannoo Itoophiyaa akkasumas Idiyaatti qoratamee bu’uura godhachuun ifa ta’uun isaa eerameera.

Qorannooleen Kun kan hojjetaman kan xiyyeeffatan dhibeewwan xiiyyaffannoon hin kennamneefi irratti garee ogeessota yaalaa  idila addunyaa daangaa hin qabne”Dhibee xiyyeeffannoo dhabanii fi qaamolee deeggarsaa  dhimmicha irratti hojjetaniin waliin tumsaanidha jedhameera.

Itoophiyaatti daandiin yaalaa haaraan Kun kan kanaan dura turerra bu’aa addaa akka hin fidne gamanumaa tilmaamameera.

Kun akka jedhamu kan taasise ammoo bu’uura qorannichatiin hanga ammatti adeemsa tajaajila isaa irratti  bu’aa qabeessummaan isaa dhibbantaa 55 qofa ta’uu,tooftaan yaalaa haaraan yeroo xumuramu guyyoota 58 booda bu’a qabeessummaan isaa dhibbantaa 88 ta’a jedhamuudha.Bifa walfakkatuun biyya Hindiittis qorannoo taasifameen taatee hanqina fayyaa dhibbantaa 96’f deebii kennuun danda’amuudha kan ibsame.

“Namoota dhibee HIV Eedsii fi gogaa namaa madeessuun miidhamanif yaalaa fayyaa fooyya’a fiduun rakkisaadha. Kana ilaalcha keessa galchuun yeroo amma bu’a ajaa’ibsiisa arguu dandeenyeerra. Qajeelfamni haaraan dhaabbata fayyaa addunyaa  namoota dhibeewwan lamaaniin miidhaman,tajaajiluu fi namoota loogiin isaan irra gahee fi galii dhabuun rakkatanii akkasumas lubbuu  namoota dhibichaan  irra deddeebiin dararamanii irra caalaa fooyyessuuf tarkaanfii gaariidha”jechuun kan hubachiisan Dii.Een.Diitti Doktara Qindeessaa kilaastera dhibeewwan Tirooppikaalii xiyyeeffannoo dhabanii dhibee gogaa namaa madeessuu fi maaysitoomaati.

Namootni dhibee HIViitiin qabaman carraan  dhibee gogaa namaa madeessuun qabamuu isaanii dachaa 100-2300 ni gaha.

Dhibeen gogaa namaa madeessu  maqaan saayinsaawaa viiseraal Leeshmaaysiis jedhamuun kan beekamu yoo ta’u,dhibeewwan Tirooppikaalii xiyyeeffannoo dhaban keessatti ramadama.Ministeerri fayyaa Itoophiyaas tarree  dhibeewwan Tirooppikaalii xiyyeeffannoo dhaban keessatti hammachiisee, bu’uura dhiibbaa geessisaniin dhibeewwan dursi kennamuufi qaba jedhe keessatti argama.

Dhibeen gogaa namaa madeessu kun dhibee  ciniinnaa titiisa cirrachaan  darbu yoo ta’u,Qaama ho’isuu,ulfaatina hir’isuu fi dadhabina cimaa hordofsiisa.Namni dhibee kanaan miidhame yoo wal’aansi barbaachisaa ta’e hin taasifamneef carraa du’aaf saaxilamuu qaba.

“Yeroo hedduu namoota dhibeewwan kana lamaan waliin jiraatan yaaluun rakkisaadha. Sababni isaas dandeettiin dhibee dandamachuu isaanii dadhabaa waan ta’eef yaala  idileef deebii gaarii hin Kennan.

Yaalamtootni kunneen yeroo yaalaatti irraa deddeebiin miidhaa biraaf saaxilamu.Adeemsa keessaa dhibichi kan isaanitti cimus carraan dhibee gogaa namaa madeessuuf saaxilamuu fi sana darbees du’aaf saaxilamuu isaanii ni dabala.Amma qajeelfamoota dhaabbata fayyaa addunyaa keessatti kan hammatame sirni yaalaa haaraan Kun carraa dhibee gogaa namaa madeessuu irraa caalaa ni dabala.” Jedhu Yuunvarsiitii  Gondaritti gargaaraan piroofesara yaalaa keessaa fi qorataan olaanaan qorannichaa Dr.Reeziqaa Mohammad.

Itoophiyaatti waqtii eeguun bakkaa bakkatti sosocho’uun hojii qonnaa kanneen hojjetanii fi dargaggoonni ciniinnaa titiisa cirrachaaf saaxilaman, dhibee biraaf kanneen saaxilaman keessatti eeramu.

Kanaaf kenninsi yaala fayyaa idileen bu’aan isaa gadi aanaa ta’uu irra darbee yaalamtootni dhibichi irra deddeebiin  isaanitti cima.Yeroo dheeraa mana yaalaa keessatti dabarsuuf dirqamu. Galii isaanii waan dhabaniif carraan hiyyummaa hamaa keessatti kufuu isaanii bal’aadha. Lammiileen kunneen miltoowwan hojii isaanii fi Hawaasaan darbee darbee ammoo miseensota maatii isaanii dabalatee adda baafamuun isaan irra gahuu danda’a.

Gama biraatiin qorannichi kan hammachiise Hindi bulchiinsa Biheer aanoota tokko tokkotti namootni dhibichaaf saaxilaman hanga dhibbantaa 20 kan ta’an HIViidhaan kan qabamaniidha. Yaalamtootni dhibee biraan qabaman kunneen dhibee gogaa namaa madeessuu waliin waan jiraataniif, biyyattii keessatti tattaffiin dhibicha itti fufinsaan dhamsiisuuf taasifamu akka hin milkoofneef gufuu ta’eera.

Hordoffii Yaala Haaraa Kanaa?

Yeroo amma Tigiraayitti kan argamu dhibee HIV/gogaa namaa madeessu,yaala idileen ‘Liipisoomaal Amfooteeriisiin Bii ‘(LAMB) kan jedhamuun yaala lilmoo tokkoo kan qabateedha.Hordoffii Yaala Haaraan garuu qoricha liqinfamu  miilteefoosiin(miltefosine) jedhamu  ta’ee,hanguma isa lilmoo kennamuu gaha.kunis bu’aa fooyya’aa fiduu danda’u biyyoota lamaan, Itoophiyaa fi Hindiitti qorannoolee hojjetaman irraa hubachuun danda’ameera.

“Yaalamtoonni HIV/dhibee gogaa namaa madeessuu Wal faana madaa qaban bu’uura qorannichatiin  yaala argatu. Kunis yaalamtoonni tajaajila yaalaas ta’es dhiibbaa Hawaasaaf hedduu saaxilamoo ta’uu isaanii hubachuun tarkaanfii tokkodha.

Akkasumas karaan isaan itti kunuunsinu fooyya’uu isaatiin kan fayyadamu yaalamtoota qofaa osoo hin taane sagantaa dhibicha balleessuufis ni gargaara.Kunis ta’e garuu,ammas hojiileen hedduun hafan jiru.Yaalamtoonni Kun tatamsa’ina  dhibee TB cimaa dabalatee walii galaan rakkoo yaala furmaataa barbaadan walxaxaa ta’ee hedduus qabu.”jechuun gorsaan gareen ogeessota  yaalaa idila addunyaa daangaa hin qabnee fi Qindeessaan qorannichaa Dr.Saakiib Burzaa himaniiru.

Hindi,Itoophiyaa fi biyyoonni kanneen biroo dhibeewwan hidda keessatti gadi fageeffatan,yaala haaraa dhaabbanni fayyaa addunyaa gorsu milkeessuuf qajeelfama yaalaa isaanii akka irra deebiin fooyyessan ni eegama jedhameera.

“Yaalli Haaraan  kun qorichoota lilmoon fudhataman fayyadamuu waan hir’isuu fi carraa fayyuu isaanii irra caalaa waan dabaluuf oduu aagaati.

Qajeelfamni haaraan yeroon qorichichi itti kennamu guyyoota walitti fufaa hin taane 14 keesatti akka ta’e gorsa; kan kanaan duraa guyyoota 38 keessatti  kennama ture.Bu’aan argame Kun baay’ee nu boonsa.”jechuun Hinditti doktarri dhaabbata qorannoo yaadannoo Raajeendiraa fi qorataan olaanaan qorannichaa Dr.Kiriishinaa Paandii dubbataniiru.Tooftaa yaalaa Kanarra fooyya’a ta’e fiduufis qorannooleen akka itti fufan himameera .

“Yaalli Haaraan waloon ammas qoricha liqinfamu miilteefoosiin jedhamu irratti kan hundaa’eedha. Kunis dubartootaa ulfaa irratti guddina daa’imaa irratti miidhaa geessisuu danda’a.Bifa walfakkaatuun yaala kanaaf kan oolu qorichi dhangala’oon Liipaasoomaal Amfooteeriisiin Bii fudhachuuf rakkisaa ta’ee fi Hospitaala cimsuun hordoffii taasisuu gaafatu jira.Hordoffii yaalii yeroo dheeraa  Hospitaala keessaa turuu yookaan hordoffiin yaalii ambulaansiin deddeebiin taasifamu ammoo yaalamaas ta’e nama kunuunsu baasii guddaaf kan saaxiluudha.”kan jedhan ammoo teessoo isaa Naayroobii kan taasifate,waajjira naannawaa Afriikaa Bahaatti Daarektara Dii een Dii Dr. Moonikee Waasuunaati.

Yaalamtoonni dhibee gogaa namaa madeessuun qabaman amma yaala fooyya’aa, nageenya isaa mirkanaa’ee fi kan fayyisu isaan barbaachisa.

Kanaafi Dii een Dii fi deeggartootni isaa qoricha liqinfamu nageenyi isaa mirkanaa’ee fi bu’aa qabeessa ta’e dhaabbilee fayyaa sadarkaa 1ffaa jiran keessatti dabalatee yaalamtoota dhibee gogaa namaa madeessuu kennuuf tattaffii gochaa jiru.

Itoophiyaan hanga  du’aa sababa dhibee gogaa namaa madeessuun mudatu  dhibbantaa sadii gadiin gahuuf hojjetaa jirti.

Itoophiyaatti qorannoo   yaalaa qorichaa dhibee gogaa namaa madeessu fooyyeessuuf taasifame,sagantaa gamtaa Awurooppaa 7ffaa,Jarmanitti ministeerri barnootaa fi qorannoo,Niwuuzilaanditti ministeerri dhimma alaa,Ispeenitti ejensiin misoomaa fi tumsaa, mootummaa Biriiteenitti,dhaabbata deeggarsaa,Siwizeerlaanditti ejensii misoomaa fi tumsaa,garee ogeessota yaalaa idila addunyaa daangaa hin qabnee fi faawundeeshii Miidikoo jedhamuun deeggarsi mallaqaa taasifama jira.

Akkasumas Dii een Diin dhaabbata  qorannoo fi misooma bu’aarratti hin hundoofne A.L.A bara 2003  hundaa’ee yoo ta’u, yaalamtoota xiyyeeffannoo dhabanii, dhibee hirribaa, dhibee gogaa namaa madeessu, Faayilar infekshinii,maayseetoomaa fi heeppaataytesiin kan dararaman akkasumas daa’imman  HIViin miidhamaniif yaala fooyya’aa dhiheessuuf ni hojjetamaa.

Afriikaatti qorichoota salphaa hanga gidduu galeessaatti dhimmoota yaala  koovid 19 argachuuf yaalii taasifamu deeggaraa jira.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 11 2014 No 53

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here