Humna ibsaa Keeniyaatti gurguruuf waggaa Shan dura kan eegale piroojektiin walii galtichaa yoom akka xumuramu kan hin beekamne ta’uu, Humni ibsaa Itoophiyaa ibse.
Milkaa’ina piroojektichaaf biyyoonni lameen sarara humna ibsaa dabarsuu hanga daangaa isaanitti diriirsuun kan isaanirraa eegamu ta’uu isaatiin gama Itoophiyaatiin waggaa tokkoo fi walakkaa dura sarara ibsaa diriirsuun kan xumura yoo ta’es,gama Keeniyaatiin garuu, hanga ammaatti hin xumuramneedha kan jedhame.
Daarektarri kominikeeshinii humna ibsaa Itoophiyaa Mogos Mokonnin adeemsi isaa walii galteerra kan hin gahamne ta’uu isaa Addis Maaledaaf ibsaniiru.Piroojektichi dhimmoota tokko tokkoorratti walii galuu kan gaafatudha jedhaniiru.
Piroojektichi A.L.A bara 2017 irraa eegalee,jalqabuu isaan duras walii galteen Qaama bitaa fi gurgurtaa ta’an turaniiru.Gara fuulduraattis walii galtichi waan inni fidu hin beeknu jechuun daarektarichi dubbataniiru.
Walii galticha keessatti keewwanni faayidaa Kee kabachiisu jiraachuun barbaachisaadha.Nuti kan beeknuu fi isaan kan dhiheessan irratti kan waliif nu hin galchine yoo jiraate,,walii hin galle jechuudha jedhaniiru.Ta’us Amma irratti waan hin xumuramneef dhimmootni dubbatamu qaban gara fuulduraatti ibsamu jechuun eeraniiru.
Walii galtichi yeroo kana xumurama kan jedhamu miti. Dhimmootni walii galticha keessa jiran walii galteerra gahamuun xumuramuu yoo danda’anidha;xumurameera jechuun kan danda’amu jedhaniiru daarektarichi.
Piroojektichi Itoophiyaan Keeniyaatti humna ibsaa hanga kanaa gurguruu dandeessi kan jedhuuf,walii galteen kan hin xumuramne ta’uu isaatiin humna ibsaa hanga kanaa barbaanna jedhanii beeksisaniiru jechuuf na rakkisa jedhaniiru.Itti dabaluunis hangi humna ibsaa gurguruuf yaadame kan furamu walii galtichi yoo xumuramu ta’uu ibsaniiru.
Sararri humna ibsaa dabarsu diriirfame meeggaa waatii Kuma lama baachuu kan danda’u ta’us,garuu Kuma lama baachuu danda’a jechuun hangas fudhatu jechuu osoo hin taane sana gadis fudhachuu danda’u.Hundumaa furuu kan danda’u walii galtee xumuraati jechuun daarektarichi hubachiisaniiru.
Humni ibsaa gurgurtaaf dhihaatu hidha tokkorraa kan deemu osoo hin taane kanaaf kan ta’u,Walaayittaa Sooddoo irratti buufata raabsaa humna ibsaa hojjetame irraatti kan deemu jedhaniiru.
Gaaffii walii galtichi xumuramee piroojektichi ni milkaa’a jedhu dhihaateefiin, gama Itoophiyaanis Keeniyaanis investimentii guddaatu itti bahe jechuun ibsuun, kanaaf piroojektichi bu’a qabeessa kan hin taane kan jedhamu miti;ni milkaa’adha kan jedhan. Wal qabsiisuunis Baankiin misoomaa Afriikaa kan nuuf gadhiises Piroojektichi bu’a qabeessa ta’uun isaa ilaalameeti jedhaniiru.
Piroojektichi gama Itoophiyaan 433km, gama Keeniyaan ammoo 612km sarara humna ibsaa dabarsu diriiriirsuu akka gaafatu ta’uunis ibsameera.
Itoophiyaan humna ibsaa biyyoota ollaatti gurguruun waggaa waggaan galii kan argattu yoo ta’u,Kunis hanqina rakkoo sharafa alaa biyyattiin qabdu hambisuuf akka gargaaru eerameera.
Kanaanis waggaa waggaan gurgurtaa humna ibsaan Jibuutii fi Sudaanirraa galii kan argattu yoo ta’u, Sararri gurgurtaa humna ibsaa Sudaaniif diriirfame waggaa kudha dura xumuramuun ni yaadatama.
Keeniyaan dabala Taanzaaniyaatti humna ibsaa gurguruuf karoorri sarara diriirsuun jiraachuun kanaan dura ibsamuun ni yaadatama.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 11 2014 No 53



